cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Arraata Biyyoolessa Oromiyaa, miidiyaa Agartuu Oromoo!

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
34 645
المشتركون
+1024 ساعات
+1327 أيام
+92330 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa mana maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii keessatti Afriikaan teessoo dhaabbataa akka qabaattu gaafatan ONM-ABO Fulbaana 20,2024 Preezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan Afriikaan Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii (UNSC) keessatti bakka bu’ummaa dhaabbataa akka qabaattu irra deebi’anii gaafataniiru. Hogganaan Afriikaa Kibbaa kun ardiin namootni biiliyoona 1.3 keessa jiraatu bakka bu’ummaa malee hafuun fudhatama akka hin qabne cimsanii dubbataniiru. Agarsiisa qilleensaa Afrikaa keessatti buufata humna qilleensaa irratti gaazexeessitoota waliin haasawa taasisaniin, Ramafoosaan Afrikaan teessoo dhaabbataa qofa osoo hin taane mirga sagalee sagaleen kuffisuu argachuu qabdi jechuun falmaniiru. “Yeroo ammaa kana bakka bu’ummaa dhabuun keenya suukaneessaa dhugaadha, garuu duula filannoo geggeessaa turre, yaad-rimeen kun amma fudhatama argachaa jira,” jedhan Ramaafoosaan. “Dandeettii arganneerra, beekumsa arganneerra, Afrikaan sirna UN fi caasaa adda addaa keessatti bakka isheef sirrii ta’e kennuu qabu,” jechuun dabalaniiru. Kunis kan ta’e erga Ameerikaan torbee darbe biyyoota Afrikaa lama miseensa dhaabbataa UNSC akka ta’aniif qaama haaromsa yaadame kanaa ta’uun aangoo veetoo malee akka deggarsa gaafachuu ishee ibsite booda. Pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa fi gita isaanii Chaayinaa Shiin Jiinping bara darbe ji’a Hagayyaa keessa marii gabatee geengoo hoggantoota Chaayinaa fi Afrikaa Johaannesbarg keessatti hoggantoonni Afrikaa hedduun irratti hirmaatan waliin dursaa turan. Gamni lamaan kaayyoo fi qajeeltoowwan Chaartara Mootummoota Gamtoomaniif kutannoo cimaa qabaachuu isaanii fi qulqullina naannoo, abbaa biyyummaa fi dantaa nageenyaa fi misoomaa kabachiisuuf wal deggarsa cimaa qaban irra deebi’anii mirkaneessaniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.
إظهار الكل...
👍 11
Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee keessatti murni bilxiginnaa maatii qabsaa'otaa dararuu jabeessan ONM-ABO Fulbaana 20,2024 Waraanni maafi'aa Bilxiginnaa haafaa fi baala walitti guuree waanuma sababa hin taaneen uummata Oromoo rakkisaa kan jiru ammas bifuma dura barateen namoota nagaa maqaa ilmaan isaaniin yakkanii qabuun hidhaa keessatti dararaa jiru. Maatiin qabsaa'otaa kunneen waan ofii keessa hin jirreen balleessaa tokkollee osoo hin qabaatin yeroo dheeraaf gaaffii tokko malee bakka adda addaatti rakkachaa jiru. Haaluma kanaan godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Kaarruu Warra Roobaa jedhamtu keessatti Fulbaana 1,2024 irraa kaasee hanga guyyaa har'aatti badii tokko malee hidhamanii dararamaa jiraachuun beekameera. Maatiin qabsaa'otaa kunneen maqaan isaanii Olaanaa Dhugaasaa maanguddoo Ganna 80, Abbabee Dhaabaa nama Ganna 55, Alamuu Gaarumaa nama Ganna 49, Damee Dhaabaa nama Ganna 46, Cimdeessaa Taaddasaa nama Ganna 55 fi Aadde Sintaayyoo kan jedhamtu dubartii ganna 32 ta'uu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
إظهار الكل...
👍 1😭 1
Godina Qellam Wallaggaa aanaa Sayyootti dargaggoota hidhuun cimee itti fufe ONM-ABO Fulbaana 20,2024 Qeerroon Bilisummaa Oromoo harka isaanii qullaa diina taankii fi baankii qabu jala dhaabbachuun sirna Wayyaanee aangoo irraa yoo buusan murni bilxiginnaa ammoo carraa sana fayyadamuun dhiiga qeerroon dirree siyaasaa bal'ate sanaan aangootti ol ba'e. Waggoota aangoo impaayerattii yaabanii kaasee garuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo murna bilxiginnaan galanni isaanii akka kuruphee adamfamuun jumlaan hidhamuu, ajjeefamuu fi dirqamaan qabamuun leenjii waraanaatti geeffamuu ta'ee jira. Haaluma kanaan, godina Qellam Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Aabboo bakka addaa Qayyisaa jedhamutti Fulbaana 15,2024 loltoonni PP dargaggoo maqaan isaa Saamu'el Yoonas jedhamu qabanii hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen eeran. Dargaggoon kun badii tokko kan hin qabnee fi aanaa Anfilloo magaalaa Garjeedaa jiraataa kan ture yoo ta'u, osoo hin qabamin dura immoo hojiif gara aanaa Sayyoo deemuu isaa maddeen itti dabaluun ONM'tti himanii jiru.
إظهار الكل...
Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raareetti waraanni faashistii PP nama tokko ajjeesuun himame ONM-ABO Fulbaana 20,2024 Gareen nama nyaataan dhiiga ilma namaa dhangalaasuu hojii idilee isaa godhate waraanni bilxiginnaa, golee Oromiyaa cufa keessatti hawaasa nagaa irratti ajjeechaa daangaa darbe raawwachuu itti fufee jira. Akkaataa kanaan godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raareetti waraanni impaayera Itiyoophiyaa nama nagaa tokko ajjeesuu maddeen eeran. Aanaa Jimmaa Raaree ganda Kaloo Gurraachaa jedhamutti Fulbaana 15,2024 nama maqaan isaa "Cimdoo Bojaa" jedhamu waraanni sirnichaa naasuu tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta'een ajjeesuu jiraattonni Arraata Biyyooleessa Oromiyaaf himaniiru. Cimdoon nama nagaa hojii dhuunfaa isaa hojjetee jiraatuu fi hirmaannaa siyaasa dhaaba kamiyyuu kan hin qabne ta'uun ibsameera. Aanicha keessatti irra deddeebiin sarbamiinsi mirgoota namoomaa akka aanichaatti loltoota sirnichaan raawwatamu kan yeroo kamuu caalaa daran jabaatee akka jiruu fi egereen uummataa sadarkaa yaaddessaa irra jiras jedhameera.
إظهار الكل...
👍 1
Godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaatti waraanni faashistii PP qabeenya uummataa saamuu cimsee itti fufe. ONM-ABO Fulbaana 20,2024 Waraanni naamusni waraanummaa itti hanqatu kanneen dantaa dhuunfaa isaanii fi sirna nam-tokkee qofa tiksuu filatan har'a Oromiyaa keessatti dantaan uummata keessaa dhalatanii itti dhagaa'amuu dhabuun waan hawaasa abdii kutachiisuu fi egeree isaaniif yaadessu irratti dalagaa oolu. Haaluma kanaan godina Kibba Lixa Shaggar aanaa Ammayyaatti loltoonni sirnichaa saamicha hamaa ta'e hawaasa nagaa irratti raawwachuun ibsameera. Torban lamaan dura loltoonni Bilxiginnaa ganda Beerree Tirtiraa jedhamu irraa maqaa ''hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu" jedhu itti maxxansuun namoota maqaan isaanii: Obbo Hacaaluu Riqixii jalaa horii 25, -Obbo Shallamaa Hirphasaa jalaa horii 8, Alamaayyoo Shallamaa jalaa horii 5, Taaddasaa Shallamaa jalaa horii 3, Tolasaa Hacaaluu jalaa horii 9, - Adaanaa Rafeeraa jalaa horii 6 fudhachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. Namoonni kunneen qonnaan bultoota hojii qonnaa isaanii qofa irratti xiyyeeffachuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan yoo ta'an, ergamtoonni Bilxiginnaa ta'e jedhanii itti yaaduun uummata gara hiyyummaatti geessuuf hojjechaa jiraachuun barameera.
إظهار الكل...
WBOn godina Baalee Bahaa aanaa Kolooba Suraraa keessatti diina du'aa fi madoon adabuu beeksise ONM-ABO Fulbaana 20,2024 Irree fi wanteen sabaa WBOn Cibraa Madda Walaabuu diina maqaa sakkattaa WBO jedhuun bobbaatee uummata nagaa maqaa garaagaraa itti moggaasuun hiraarsaa jirtu irratti tarkaanfii guggubduu fudhachuun miidhaa irraan ga'uu itti fufee jira. Haaluma kanaan har'a Fulbaana 20 korommiiwwan Kibba Baha Oromiyaa jajjabeen Baddaa Baalee loltoota impaayeraa Itoophiyaa jalatti hawaasa afaan qawween bulchuuf dhamaatu rasaasaan akaa'ee baruudaan macheessuun loltoota tiksitoota teessoo Abiy Ahimed hedduu du'aa fi madoon adabee gargar tamsaasuun gara magaalaa irraa dhuftetti deebisee jira. Lolaa sana irraa kan haftee isinituu WBO nu lolchiisaa jira jechuun yeroo iddoo lolaa irraa gara magaalaatti deebitu namoota daandii gubbaatti argite hedduu reebaa turu gabaasni achii nu qaqqabe ni addeessa. Injifannoon Uummata Oromoof ❗
إظهار الكل...
31👍 11👏 3🔥 1🥰 1
WBOn godina Arsii Lixaa aanaa Gadab-Hasaasa keessatti diina du'aa fi madoon adabe ONM-ABO Fulbaana 20,2024 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti bakka cufatti fudhatu jabeessee jira. Jajjabeen WBO Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa, leencotni gaara Cilaaloo maqaa sakkaatta WBO jedhuun waraana faashistii PP godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Hasaasaatti bobbaatee uummata hiraarsaa turte tarkaanfii boonsaa irratti fudhaachuu beeksisee jira. Haaluma kanaan dheengadda Fulbaana 19,2024 gootichi sabaa WBOn aanaa Gadab-Hasaasaa ganda Hulluqqoo iddoo addaa Asaabal jedhamtutti ergamtuwwan Bilxiginnaa osoo isheen maqaa sakkaatta WBO jedhuun olii fi gadi joortuu rasaasaan goolee loltoota hedduu du'aa fi madoon irraa adabuun gara magaalaa isheen irraa dhuftetti deebisee jira. Injifannoon Uummata Oromoof ❗
إظهار الكل...
👍 19
The heroic Oromo Liberation Army (OLA) Nadhi Gamada Brigade, operating in the Arsi zone, carried out a decisive and punitive action against enemy forces. ONM-ABO, September 20, 2024 The OLA successfully destroyed two military vehicles traveling from Henan town in Western Arsi to Munesa in Eastern Arsi using anti-personnel mines. During the engagement, which took place on September 19, 2024, on the main road connecting Munesa to Qarsa, the OLA neutralized 13 enemy combatants, while 19 others sustained injuries ranging from minor to severe. ONM-ABO, September 19, 2024 – The Oromo Liberation Army (OLA) operating in the Southern Guji zone launched an offensive against enemy forces. On September 18, 2024, OLA units engaged enemy troops in the district of Soro Barguda, near Makala. This confrontation occurred while the enemy was on a reconnaissance mission. Numerous enemy combatants were killed, and several others were wounded. Those who survived retreated to their barracks, only to be pursued by the OLA, which successfully dislodged them from their positions. Furthermore, on September 17, 2024, the OLA conducted an operation against enemy forces in Galana Abaya, specifically in the locality of Gangowa. In this engagement, the enemy reportedly suffered heavy casualties. Government officials present in the area to establish administrative structures were forced to retreat.
إظهار الكل...
6👍 1
07:33
Video unavailableShow in Telegram
Oduu Waaree ONM-ABO Fulbaana 20-2024 itti dhiyaadhaa! Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:- Twitter:- https://twitter.com/ArraataO Telegram:- https://t.me/onm_AbO11 YouTube:- https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw Rumble:- https://rumble.com/c/ONM Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti. Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa❗️
إظهار الكل...
20240920 Oduu Waaree ONM-ABO Fulbaana itti dhiyaadhaa!.mp475.55 MB
👍 9 3👏 1
Photo unavailableShow in Telegram
😁 7👍 3😢 1
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.