cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Galeso Faji Garbabo

✦Humni Jabaan Addunyaa kana raasu. Kan Gabromfata jalaa bilisa si baasu, Tokkummaadha Lafa jirtutti ijaaramii, Wal ijaari! ✦ᴏʀᴏᴍɪʏᴀᴀɴ ᴡᴀʀᴇᴇɢᴀᴍᴀ ɪʟᴍᴀᴀɴ ɪsʜᴇᴇᴛɪɪɴ ɴɪ Wolabᴏᴏᴍᴛɪ! ᴏʀᴏᴍᴜᴍᴍᴀᴀɴ ᴅʜɪɪɢᴀ!! ❤️💚❤️

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
1 601
المشتركون
-124 ساعات
-67 أيام
-530 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Sarbamni Mirga Namoomaa Dhaabbatu Malee Itiyoophiyaan Carraa Al-ergii Erguutti deebi’uu Dhabuu Malti Jechuun Dubbatan Ergamaan Gaanfa Afrikaa Ambassaddar Maayik Haamir – Qeerroo Bilisummaa Oromoo https://qbo-abo-wbo.org/2024/09/15/sarbamni-mirga-namoomaa-dhaabbatu-malee-itiyoophiyaan-carraa-al-ergii-erguutti-deebiuu-dhabuu-malti-jechuun-dubbatan-ergamaan-gaanfa-afrikaa-ambassaddar-maayik-haamir/
إظهار الكل...
Sarbamni Mirga Namoomaa Dhaabbatu Malee Itiyoophiyaan Carraa Al-ergii Erguutti deebi’uu Dhabuu Malti Jechuun Dubbatan Ergamaan Gaanfa Afrikaa Ambassaddar Maayik Haamir

ONM-ABO Fulbaana 14, 2024 Gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Ameerikaa kan ta’an Ambaassaaddar Maayik Haameer ibsa miidiyaalee biyya keessaaf kennaniin, “Itiyoophiyaan sarbama mirga namoom…

👍 3
Odeessa Kaabaa Daangaa Impaayeera Ethiopia fi Eritrea Gidduutti ibiddi guddaan tokko boba'aa jira.
إظهار الكل...
-Salaaleerraa network bilbiblaafi Interneeta kan cituu danda'e Waraanni Billisummaa Oromoo bifa lolaa bishaaniin / flash flood/ ta'een Magaalota aanalee hafte qabachuu danda'a shakkiin jedhuun akka tahe beekameera. Warranii PP Warra Jaarsoo irratti erga rukutame kan hafeeefi humni dabalataan magaalaa Qarree Gohaa irratti tarkaanfii ittisaa akka fudhachuuf ofmuddaa jira beekameera. Humni ajaja Waraanichaa zoonii GG lafa Oromoo Salaalee billisa baasuuf socho'aa jiru hedduumina takkaa argamee hin beeknineen akka socho'uu jalqabe madden odeefannoo naannoo sanaa bahaa jiran ni addeessu. -Godinalee Lixaafi Q/Wallaggaas sochiin waraanaa bifa haaraan socho'uu yoo jalqabu, Bilxiginnaanis Waraana WBOn dhokisaan leenjisaa turetu addaa as bahe jennaan Waraana dabalataa hedduu  bobbasaa akka jirtutti odeessa jirti. Godinaalee kana keessatti yaaliiwwan ramaddii caasaa haaraa kan Hitilaarii fakkaatu sun fashalaa'uu darbee kabinoota gara 20 ol akka nyaate beekameera. -Shaawaa Baahaafi Arsii Bahaattis waraanni bilxiginnaa kaampii isaa keessatti rukutamaa yoo jiraatu rukkuttaan bifa safisaafi irra dedeebi'iin Arsii keessatti Waraana fashistiirra gahaa jiru diinatti bakkakkaa bonaa akka ta'aa jiraachuu ibsamaa jira.
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
Friday | September 13| 2024. Dhangaa Torbanii TUNE IN Every Friday at 1 PM DC time 8 PM OROMIA time Pro ABO-WBO/QBO at all times Webinar link 👇🏾 https://us02web.zoom.us/j/85153387144?pwd=aSl61VUsJCL6wU6s2eMaXjYfX3Z1J0.1 Webinar ID: 851 5338 7144 Passcode: 193892 Dhangaa Torbanii  #highlights #ABO_WBO DhangaaTorbanii #OromoVoice
إظهار الكل...
Sabboonummaa= Saba-Boonuu= Sabaan-boonuu Sabboonummaan wanta saba kanaaf [saba keessaa dhalataniif] gaarii ta'e mara yaaduufii, hawwuufii, wanti gaarii ta'e sunis akka raawwatuuf carraaquufii, dhama'uufii, yoo wantichi aarsaa kamuu gaafate hanga lubbuuttillee kaffaluufii dha. [Kun hiika dhuunfaa koo kan ani sabboonummaaf kennudha] Sabboonummaan yoo saba ofiif gaarii hunda hawwuufii irraa hanga aarsaa lubbuutti kaffaluufii ta'e sabboonummaan sun "sabboonummaa gochaa" ta'a. Wanti gaarii saba keessaa dhalataniif hawwan kun bilisummaa fi qabiyyeesaa, guddina dinagdee waliigalaa (Gross Domestic Product), guddina afaanii, guddina artii sabichaa, guddina sammuu walii galaa (Human Intelligence Quotient], nageenya (Security), guddina fayyaa waliigalaa (Social Health Quotient) fi kkf wanta heedduu of keessatti hammachuu danda'a. Sabboonummaan kanarraa addaa "sabboonummaa hawwii" ykn "sabboonummaa afaanii" dha. Sabboonummaan inni kun immoo sabboonummaa isa gaarii hunda sabaaf yaadanii garuu gaariin sun akka dhufuuf carraaqii gochuurraa of jaallachuu yokiin immoo sodaa miidhamaaf of qusatanidha. Namni akkasii aarsaa qorqalbii, aarsaa leecalloo (qabeenyaa), aarsaa qaamaa, aarsaa lubbuu kaffaluu hin fedhu. Aarsaa kanammoo kan gochuu jibbu waan sadiif jedheen yaada: 1. Sabasaa ni jaallata; garuu sabasaa caalaa of jaallata 2. Sabasaa ni jaallata; garuu sabasaa caalaa qabeenyasaa jaallata 3. Sabasaa ni jaallata; garuu ni sodaata [Nan miidhama, Nan du'a jedhee of waakkata] Injifannoon Ummata Oromoof! Oromiyaan Biyya! Caustic Soda tiin
إظهار الكل...
Isinitti  salphaa fakkaachuu dandanda'a.garuu piroojeektiin fashalaa'e baayyee guddaadha.fira faffaakkaatotaa fi diinni budget guddaa ramaduun waggaa shanii oliif itti dhama'aa turan.diyaasfooraa hedduun deggertoota #WBO  fakkaachuun diinaaf dalagaa turan.kana hunda hooggansichi bilchinaan ilaaluun erga osoo isaan hin beekin miseensa waraanaa amansiiseen booda maddi rakkoo guddaan sadarkaa hooggansa tokko tokkoorra jiraachuu mirkaneessee jara ajajummaa irraa kaase.yeroo kana nyaapha waliin akka jiran ajaja hooggansa walii galaa diduun ifa baafatan.dubbiin garuu akka isaan eegan miti,miseensi waraanaa fuudhanii gara pp dhaqan dhabame.hawwiin isaanii hundi gaddaa fi boo'ichatti jijjiirame.bilxigeenis ergama keessan bahuu dadhabdan jechuun itti aarte. Kanaaf iyyiti. Dhugaan mo'ataadha. #ABO_WBOn haa waaru 💪💪💪 OROMIYAAN BIYYA ✊✊✊✊
إظهار الكل...
👍 1
⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️ Galataa fi Kabaja Addaa Onnee keenya keessa Qabdu!!! Daandiin irra jirru daandii qabsooti... Daandiin Qabsoo Waan heedduu Qabdi.. ✓ Wareegamuu Madaa'uu Qaama  hir'achuu Sammuu dhabuu Dadhabbii Beelaa Daaruu Dhibamuu Dheebuu jiruu mijataa dhabuu fi Rakkoolee keessaa fi alaatu walitti dabalamee  "𝐇𝐚𝐝𝐡𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐬𝐨𝐨!".. Jedhama malee hadhaa qabsoo yoo jennuu bulbula hadha'uu ati dirree qabsootti dhugdu hin jiru... Kanaaf kanneen keessa tokko yoo hireen sii afeerte furtuu seenaa Qabsoo kee waan taateef dirqii keeti guyyaa keeti si mudatee argita/ykn darbita.   Kun filannoo hireen siif filuudha, garuu gurmuu kee ati biraa madooftee fi wareegamteef guddoo rifaasistii isaan isaan gumaa keef onnataan illee si dagachuun ulfaattuudha.  Garuu waan godhamuu hin jiruu yoo carraa taatee wal wallanachuu dadhabamtee wal awwaalchuu dadhabamtee seenaan si haa yaadatu jedhaani baala walirraa buusaani bakka ati kufteetti guyyuu nyaara guuraa ammoo siin onnachaa  lolatu... Jiruun Gootaa Tragedy Malee Comedy miti... Garuu Seenaa dhugaa fi dhiigaati eenyullee haquu fi laaquu hin danda'u...!! Nu lubbuun jiru irra isaan wareegamantu haqa sabichaaf amma dhumaatti Amanamee darbe...‼️      🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏 Galataa fi Kabaja Addaa Onnee keenya keessa Qabdu!!!
إظهار الكل...
Ani fi ati osoo waan qabsoo kanaa dhiisuu miti diina qabsoo kanaa taaneeyyuu qabsoon kun borus darbee ni finiina. Namni maaliif ofii gaafa diina qabsoo ta'u akka waan qabsoo kun baduutti ilaalaa! ANIIFII ATI yoo qabsoo kana jibbine qabsoon kun ammas darbee itti fufa. Kanaaf akkasitti hubachuun kallattii barbaadde hirdofi malee ati ololtee dhiisteef qabsoon kun hin maseenu. Waan guddaan olola irraa arganne tarii tarkaanfii qabsoo saffisiisuu dhiisuu mala malee tasuma hin dhaabu. Ololaaf shiraan gaafa qabsoo kanatti gufuu funaannu fedhii keenya dalaguu qofa argina malee ofittis bara bilisummaa dheereessuun  dararaa abbaa irree fi gubannaa uummata kanaa achi dheeressaa akka jirrus beekuu qabna ture. Bu'aa keenyas maaliif hin gamgamnu maaliif yeroo hunda fedhii keenya qofa dubbisaa dhaloota boollatti naqnee kan uummata nuffisiisnu nuyis nuffuu hin qabnuu? Qabsoo kana dura dhaabbachuun rakkoof darara dabalataa ofittis uummata keenyattis dhalle. Maaliif olola dhiisnee hin teenyuudha? Hin gahuu? maaf suusii nutti ta'e!
إظهار الكل...
🥰 6👍 1
01:30
Video unavailableShow in Telegram
5.70 MB
Godina wallagga lixaa aanaa begii ============================ Begii magaalaaf baadiyaa mara keessatti maatiin jaallan dirree irra jiraniis wareegamanis guyyaa kaleessaatii ka'ee humna mootummaan hidhaatti guuramaa jiru.jaarsaaf jaartii,xiqqaaf guddaa,dhalaaf dhiira osoo hin jedhin hidhaattii guuraa jiru. Dhugaan haa dubbatu
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.