cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Guduunfaa📚❤

@SiifBirhanuu fi @Firoregassa

إظهار المزيد
فنلندا1 447لم يتم تحديد اللغةالكتب5 284
مشاركات الإعلانات
5 096
المشتركون
-224 ساعات
-227 أيام
-6830 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Ofii-ofii(self)&Gaaddidduuofii (alter ego) ============================ Namtichatu ofiin of' lolaa of' kabalaa amna baha. Imala karaa dheeraa jechuu. Utuu waaqatti karaasaa, garaasaa hin kennatiin. Karaa ofii waaqatti kennachuun akkami? Bobbaasii na galchi Obaasii na baalchi. Jechuu. Garaa ofii waaqatii kennachuun hoo? Waan haqaatti of amanuu, gaaddisa haqaa jala na oolchi jechuu. Qaawwa gadii nan eeggadhaa qaawwa olii na eegi jechuu. Qaawwi gadii udduu udaanii, qaawwi olii afaan gowwaati. Arraba ofiiti. Dubbiin arraba ofii yoo eeggannaa hin qabne amma udaaniti. Ajaadha. Hin jenneeree? Gaaddidduu kee faana mana baata. Yoo gaaddisa haqaa oolte gaaddidduun hin buustu. Haqa dubbannaan nami si fakkaatu kan sirraa cite, kan akka keetii, kan amma keetii sin faallessu, si faallessee sin qaanessu. Gaaddidduu kee walitti qabadhu. Ofii kee hin sobiin, ormas hin sobiin, arrabakee damma dibattee garaatti hadhaa hin baatiin. Bakka hin jirre jira hin jedhin, kan hin beekne beeka hin jedhin, kan hin dandeenye nan danda'a hin jedhin. Akkanatti gaddidduukee walitti qabatta. Akkanatti ayyaanakee faana aaraara buusta. Yaa waaq, Rafnaan abjuu na tolchitee Deemnan milkii na tolchi, jedhii manaa bahi. Gaafa dukkanaa gaaddidduu hin baddi. Dhukkanni dhugaadha. Dhukkanni haqa. Argaa, agartuu namaa hin jallisu. Keessi namaatu dukkana. Dukkana garaa keetiitti badi. Dhokadhu. Nama duraa dhokadhu. Gaafana namuu ebeluu kee akkana jedhee sin tilmaamu. Mirgaan gali. Akka mirgaan galtuuf mirga namaa hin dhiibin. Gaddidduun kee dhugaadha. Gurraattidha. Dukkana. Kanumaaf dhugaadha. Yoo ati adii ofaattu, yoo ati diimaa uuffattu, yoo ati gurraachas uffattu gaddidduun kee gurraattidha. An ofin fakkaadha Yoo ati adii uffattuu Ani gurraattumaa Yoo ati gurraachoftu Ani gurraattumaa Kan akka gaararraa Shan fakkaatu suma Jette gaaddidduu kara deemadhaan, jedhan. (Source: Anis/Atis book by Dr.Asefa Tafarra with some modification) @Guduunfaakoo
إظهار الكل...
6👏 3
إظهار الكل...
Sun_Tzu_For_Success_How_to_Use_the_Art_of_War_to_Master_Challenges.pdf3.40 MB
Tokkicha dhugaa dubbadhu. ታድያ dhugaa sanatti dura ofii keetii itti amanuu, itti gammaduu fi akka itti hin saalfanne sirritti beekuu qabda. Kan simachuu diduun akka hin cabnetti, akka hin tuffatamnetti, akka hin daddarbamnetti, akka kabaja hin dhabnetti, cimina qabaachuu kee beekuu qabda. Akkasitti humna lama horatta. Isa simatu humna ittiin kunuunfattu, ogummaa ittiin turfattu, jaalala ittiin baattu, amanamummaa ittiin tikfattu qabaatta. Lammaffaan, isa simachuu dide ogummaa, callisa, humna, bulchinaaf ofitti amanamummaa ittiin gaggeessitu horatta. Akka deemu ni eeyyamtaaf, akka simachuu didetti isa dhiifta. Wajjiin raafamuun sin barbaachisu. Yeroo tokko tokko amalaaf naamusa kee keessatti warra si dhiisuu hin feene ni deddeebi'u. Haga amalaaf fedhii nama kanaa bartetti, baay'ee xiyyeeffannaa itti kennuun barbaachisaa miti. Garuu tasuma akka kabaja si dhoowwatu eeyyamuun sirran jiraatu. Namni dhugaa hin kabajne namummaa kee hin kabaju. Of eeggachuun itti gaafatamummaa ofiiti. Even namummaan keenya, qaamni keenya kabaja nurraa barbaada. Ajajamuufii qabna. Qaama keenyaaf gaafa ajajamnu, nagaaf, fayyaa qabaanna. Amala jireenya ofii bocatte keessaa si baasanii warra gara ofii barbaadanitti si geessuuf gadi gadi si qabanitti of hin kennin. Eenyumtuu waan karoorfate beeka. Haala mijeeffate keessa jiraata. Eenyumtuu waan keessa darbe, har'as waan keessa jiru qaba. Borus waan simatu hin dhabu. Dhugaa jireenyaa ni simatu malee haqanii hin balleessan. Jireenyi bu'aa guddaa qabaatu, dhabus, itti fufinsi furtuudha. Itti fufanii dadhaban, itti fufanii bu'aa argatan. Itti fufanii fooyya'an. Kanaaf harki gadi nama qabu, yaadni nama xiqqeessu, ilaalchi haga namaa of keessatti ajjeesu kan jireenya keenya keessaa haqamuu qabuuf. Sababni isaa challenge'n kamuu kan abbaati. Qooddachuu kan barbaadu, kabajaaf naamusa wajjiin, kan hin feenee mooraa yaada kee seenuu hin qabu. Sababni isaa wanti inni siif gumaachu waan gara oliitti dubbatame sana. S.B. @Guduunfaakoo
إظهار الكل...
10
Ogummaa waraanaa/Lolaa/
إظهار الكل...
The_Art_of_War.pdf5.06 KB
Fiigee dargaggoo kufe harka qabee kaasuuf, 'anaan' jedhee madaa isaa ilaaluuf, jajjabeessuuf gara isaatti deeme. Nama miidhame, nama kufe, nama dadhabe, nama aare nama rifate hin fakkaatu. Harkakoo humnaan qabee akkan waan an kufeetti ana sossobuuf ka'ee dhaabbate. Dheerina isaa ofii olittin ilaale. Guddina isaa jalattin xiqqeenyakootti rifadhe. Seeqa isaa fuula isaa jabinaan guduunfame irraan na affeere. Bareeda, cimina, miidhama moo lubbuu isaa keessattin dadhabe? Hin beeku. Garuu, Jabaan hin miidhamu, kufus hin cabu. Kan bare hin rifatu. Hin aaru, hin madaa'u. Madaa isaas hin kunkulfatu. Kan bareef; gidiraan, kufuun, dhiiguun, leenjiidha. Anaaf garuu ilaaluunuu gidiraa dhuma hin qabne sururfama boqonnaa naaf hin laanne. Sodaa ija nan banachiifne ture. Harka isaa keessatti of irraanfadhee callisaan liqimfamee waanan yaduu hin beeku. Fardi isaa suuta gulufaa afuuraan foolii hiriyaa isaa barbaadaa deebi'ee dhufe. Sagaleen farda isaa luuguma isaa alanfachaa isa waame. Tarkaanfii jibinaa tarkaanfachaa gara farda isaatti deeme. Yeroo jalqabaaf sodaa maleen ija guutee lamaan isanii ilaale. Takka duubatti siqe, fardi isaa ejjennaa isaa mimmijeeffate, duubatti...duubatti...humaan ariitiidhaan gulufaadhufee tabba sana darbee dhokate. Sagaleen kan biraa na waame. Warran waliin ture dagadhe. Gara isaaniittin deebi'e! ....❤ @Guduunfaakoo
إظهار الكل...
6🥰 3
Dudubbii namoota na waliin deemanii caalee kan gurra koo seenu sagalee fagoodhaa dhufu. Miidhagina uumama magariisaa naaannoo kootii ija harkisu caalas sagaleen sun laphee koo hata. Qe'een hin beekne, biyyan hin beekne, namootan hin beekne gidduun jira. Garuu hundaa akka nama beekuuttin itti maxxane. Itti makamee miiltoo taasifadhee waliin imala. Deemsa miilaa! Uffannaa hin ulfaanne, haphii deemsa nan dadhabsiifne kaawwachuukoo beeka. Wandaboo dheeraa, haphii qilleensi gartokkeetti narraa afarsu; Halluu adii kana irratti darbee darbee daraaraaa qaqallaan suuraan irratti bocamee jirummoo didiimtuudha. Itti siqan malee alaalatti hin mul'atu. Faanaan namoota na waliin jiran hordofeen deema. Yaadaan ammas sagalee didichu isa lafa tumatu, isa laphee utaalchisun dhaggeeffadha. Itti amanuu baadhus garan sagalee dhaga'u sanatti akkan deemaa jiru keessi koo natti hima. Hagam akka dhuga ta'e hin beeku. Maalifan kana yaadayyu? ጅል። Qalbiikoo as deebisuu yaadeen bitaaf mirgakoo ilaale. Hunduu naannoon koo magariisa. Bitaaf mirgi koo biqiltuu magariisa, jiidhaa lafa haguuge qofa. Fuuldurakoo mukkeen dhedheeraa mataarraa malee baala hin qabnetu anaa olitti dhedheeratee jira. Nan ilaale bifa lama. Bitaaf mirgaan magariisa. Fuuldurri koo muka baala harcaafatee daalachaa'ee samii keessa ol fagaatee qullaa ijaajju. Duubakoo garagale. Aduu samii qulqulluu irraa ifashee facaaftee ilaaluuf namatti hin toltu. Lafatti gadi dhiyoo waan jirtu fakkaatti. Yookaan immoo geengoon ishee garmalee guddate. Mukkeen gurguddaa keessa tarre. Of duubatti dabarsine. Sagalee didichutti haguman dhiyaadhu lubbuun koos dhidhiitattee na keessaa bahuuf waan ariitiin na mudditu wayii natti fakkaate. Ija koo walitti cufeen bakkan jiru dhaabadhe. Fuullikoo bifa meeqa akka uume hin beeku. Garuu yeroo baay'ee jijijjiirame. Ilkaan koo walitti ciniinee hagam akkan tures hin beeku. Nyaara koo walitti bubbutee, takka hiikee hagam akkan dunuunfadhee tures hin beeku. Homaa harkaan qabeen jiru. Fuuldurakoo daandii asfaaltii guddaatu diriiree jira. Nan dhaabadhe. Dheerina daandii sanaa olis gadis gara lachuuttuu ilaale. Gara harka mirgaatiin olka'insa garmalee hin taane, gara harka bitaatiin gaara ol fagoodha. Konkolaataan bahuuf humnaan deemaa dhaqee walakkaa gahee duubatti deebi'a. Bahuu dadhaba. Konkolaataan bifaan adii sagalee guddaa, aara duubaan gadi dhiisaa, tabba sanatti ejjetee ammas duubatti deebi'a. Bakkan dhaabadhutti, nan aara. Nan dhiphadha. Bakka konkolaataa sanaa lapheen koo bokoktee waan dhohuu geesse natti fakkaata. Bitaaf mirga ilaalladheen daandii kana qaxxaamuree gamatti ce'e. Amma kana sagaleen didichu sun gaara konkolaataan darbuu dadhabe kanarraan shan ta'ee wal duraa duubaan gulufee dhufe. Fardeen gugurraacha, dargaggaan fardeen kanarra jiran uffannaan isaanii gugurraacha. Kaan isaanii uffannaan akka alaabaatti mormatti hidhatan duubatti qilleensaan afarfamaa humnaaf of eeggannoo cimaadhaan farda isaanii gulufsiisu. Ol ka'anii dugda fardaa lagatanii gulufsiisu. Fardi gaara sanarraan yoo gadi dhundhulu funyaaniif lafa tumachuu gaha. Akkatti dandamatan na surureen rifaatuudhaan qalbiin na butama. Qalbiin koo yoo na sodaatun ilaaluu dhiisee galaan guddaa fuuldurakoo jirutti fuula deebifadhe. Xiyyaarri adii guddaan baallee isaarraa mallattoo diimaa qabu garaa galaanaa irraan qaxxaamuraa jira. Sagaleen isaa nama sodaachisa. Garaa galaanaa walakkaa irraan uumamni gurraachi mataaf miilli isaa adda hin beekamne ol utaalee naanna'ee naanna'ee galaanichatti gadi deebi'a. Xiyyaarichi samiirraa gadi butuuf waan ol utaale natti fakkaate. Ammas qalbiin na butameen sodaan dhuunfatamee gara Fardeeniitti deebi'e. Abbaan fardaa ammas gulufaa tabba sanirraan gadi dhundhule. Lama qofa tarkaanfata. Humni fardaa ittiin gaaricharraa gadi utaalee garmalee ture. Fardiif Dargaggoon adda adda hafan. Dargaggoon gamatti, fardi madaala isaa eeggachuu dadhabee guluufuu isaa adda hin kunne. Waa na marare. Farda moo dargaggoo? Kam akka ta'e hin beeku.
إظهار الكل...
02:37
Video unavailableShow in Telegram
@mube1o 🥰
إظهار الكل...
23.64 MB
ደራሲ: ሲድኒ ሺልደን ተርጓሚ: ብስራት እውነቱ የገጽ ብዛት:190 ዘውግ: ልብወለድ #share join @telemondo @telemondo
إظهار الكل...
የተናጠች ዓለም.pdf46.94 MB
2
"Waan tokko hubattee beektaa? Jette. "Waan akkamii ? Jenaan...takka callisa ishee keessa turte. Ijaan fagoo ilaalti. Quba harka ishee xiqqoo gara ilkaaniitti geessitee ciniinti. Turtee afuura guddaa baafatte. Ijaan nama ishee cinaa jiru dhiiftee gara fuuldura ishee qofa ilaalti. "Yeroo wayii onneen kee guutuu taati. Fedhiin kees qulqulluu ta'a. Sammuun kees ni qophaa'a. Yaadni kees ni haara'a. Maal siin jedhu? Jireenyi kee hundi of kennuu jalqaba. Oggas ni simatta. Gammachuudhaan, jaalalaan fedhii guutuudhaan ofitti amanamummaa cimaadhaan! Sababni isaa yeroo sirriin amma jettee waan amantuuf. Qophii ta'uu keetti waan quufteef. Kunuunsuu akka dandeessuu sirritti waan hubatteef! Sababni isaa, filannoo kee keessaa isa jaalattu , isa si harkisu waan guuteef. Sababni isaa , isa akka lubbuun kee barbaaddu, afuurri kees itti tasgabbaa'u, qalbiin kee itti boqotu ta'ee waan si dhuunfateef. Argitee? Ni simatta. Of kennuuf qophoofta. Hundeerraa jalqabdee keessa keetti waan simatte biqilchuu jalqabda. Onneen si dhahachuu eegalti. Qalbiinis sana barbaaduutti jooruu jalqabdi. Garuu homtuu bakka sana siif hin bu'u, homtuu sana hin filatu. Inni qalbiin kee simatee fedhiin kee guutuu ta'uu deemaadha. Jooraadha. Mul'atee badhaadha. Argamee dhokataadha. Hoo'ee qorraadha. Guddisee si xiqqeessa." Of loluun isaa hagam akka cimu yaadi. Hagam, guyyaa meeqaaf akka of dhamaastu yaadi. Baay'ee nama dadhabsiisa. Yeroo wayii fedhii kee, miira keef waan lubbuun kee simachuu feetu amanuu dhiifta! Gatii simannaa keef, barbaachisummaa kee haalota siif hin hubanne keessatti yoo of hiitu, turee' Wanti sirritti abdachuu jalqabduuf amanuu eegaltu hundi caalaatti akka sirrii hin taanetti jijjiiramuu mala. Hawwiin keessa keetii wal cunqursu martuu dhokatanii badu. Duwwaatti hafta. Ciccitaa miira keetii waliin wal'aansootti deebita. " @Guduunfaakoo
إظهار الكل...
3
Authentic living also promotes consistency and reliability, strengthening personal and professional relationships. Taken from "The Power of a Humble Life" by Richard E. Simmons III @Dr_AbdisaEj.
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.