๐๐๐ง๐๐ข ๐๐ฎโ๐ฎ๐ฎ๐ซ๐ ๐๐๐ฐ๐๐๐ฌ๐๐๐ญ๐ข!
****
Afyaa'iin Caffee Oromiyaa Kab. Aadde Saโaadaa Abdurrahmaan ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaanii dabarsaniin, gurmaaโiinsi Gandaa bifa haaraan ijaarame kun, qajeeltoo Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Fooyyaโee Bahe Lak.
46/1994 Keewwata 90 jalatti tarreeffame hordofee kan raawwatame yoo taโu, qaamoleen Mootummaa sadeen (Mana Maree
Gandaa, Mana Maree Bulchiinsa Gandaafi Mana Murtii Hawaasummaa Gandaa) aangoofi hojii Heera kanaan qoodamee
kennameef irratti hundaaโuun gurmaaโanii ummata isaanii sadarkaa Gandaatti tajaajiluu akka qaban tumamee kan jiru ta'uu ibsan.
Gurmaa'insi Gandaa haaraan kunis, qajeeltoo tumaa Heeraafi Bulchiinsa Naannoo ofiin of bulchuu giddugala kan godhate
yommuu taโu, kaayyoon gurmaaโiinsa kanaas, sadarkaa Gandaatti Mootummaa cimaa hojii misoomaa, nageenyaafi siyaasaa
hoogganu, miira tajaajiltummaa ummataa gonfachuu, qabeenya naannoo isaa jiru beekuu, karoorsuufi humnoota waloo
ijaaree sirnaan fayyadamuun galmoota gurguddoo badhaadhina sadarkaa maatiifi waloo mirkaneessuu dandaโu ijaaruu akka ta'es ibsaniiru.
Mootummaan sagalee ummataan ijaarame dirqama ummata isaa tajaajiluu qaba. Tajaajilli ummata keenyaaf kenninus, haqa
qabeessaafi siโataa akka taโuuf ummata isa filatetti dhihaatee tajaajiluun murteessaadha jedhan.
Kunimmoo, waadaafi amaanaa
Mootummaan ummataaf gale karaa ittiin mirkaneessu keessaa isa tokkodha. Nagaafi tasgabbii ummataa mirkaneessuun
misooma itti fufiinsa qabuufi lammiileen hundi irrraa fayyadamuu danda'an uumuudhaaf kan haala mijeessu ta'uus ibsan.
Galmi ijoon gurmaaโiinsa kanaa fedhiifi fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuun hariiroo Mootummaafi ummata gidduu jiru kan cimsuu akka ta'es hubachiisan.
Gurmaaโiinsi kun hundeeffama Caffee Oromiyaatti aansee injifannoo seena qabeessa ummanni keenya Mootummaa sagalee isaan hundeeffateen argateefi mirga ofiin of bulchuu gonfate kan itti mirkaneeffatedha jedhan.
Buโuuruma kanaan, Mootummaan Naannoo Oromiyaas, rakkoowwan kenna tajaajilaa yeroo addaa addaatti ummanni kaasu
bu'uurarraa hiikuu, nageenya waaressuufi sirna cimaan mootummaa cimaa ijaaree dhaloota harโaa injifannoon kaadhimee, egeree biyyaaf ammoo mulโata haaraa gonfachiisuuf gurmaa'iinsa haaraa sadarkaa Gandaatti diriirsee hojiirra oolchee kan jiru ta'uu ergaa isaanii keessatti ibsaniiru.
Ummanni kun, qeโee isaatti tumsa mootummaan taasisuufitti fayyadamee diinagdeen of ijaaruu qaba. Guddinaafi jijjiirama caaluuf of qopheessuutu irra jiraata jedhan.
Ummata kanatti siqanii tajaajiluun fedhii isaa hubatanii rakkoo hawaas-dinagdee inni
qabuuf furmaata kennuun itti gaafatamummaa mootummaa akka ta'es hubachiisaniiru.
Buโuura kanaan, qaamolee mootummaa sadeen Gandaa cimsuun diimokiraasii dagaagsuudha. Sirna jabaa wabii ummata
keenyaa taโe ijaaraa jirru saffisiisa. Sirni walhordofuufi toโachuu fayyadamummaa ummataa galma godhate akka dhugoomuuf,
gurmaaโinni qaamolee mootummaa sadeenii walitti fufiinsaan kan raawwatamu ergaa isaanii keessatti ifoomsaniiru.
Kana hordofee, Manneen Maree sadarkaan jiran ergama bakka buโummaa ummataa isaanitti kenname karaa bahachuu isaan dandeessisuun irra deebiin gurmeessuufi hojiitti galchuuf gurmaaโina qaama raawwachiiftuu kanatti aansee kan raawwatamu ta'uus hubachiisan.
Gurmaaโiinsa haaraa kanaan, Mootummaan keenya qabatamaan Mootummaa ummataa taโuu isaa kan itti mirkanaaโudha jedhan.
Ummanni keenya carraawwan jiran hundatti fayyadamee misoomuuf kan isa dandeessisu, rakkoolee kenna tajaajilaafi bulchiinsa gaariin wal qabatanii uumamaa turan kan ittiin hiiknu, nageenya waaressuun, tajaajila fooyyessuun, daangaafi qabeenya naannoo keenyaa eeguudhaaniifi kunuunsuudhaan misooma naannoo keenyaaf akka oolan taasisuuf kan nu dandeessisu akka ta'e ibsan.
Ummanni keenya, carraa uumame kanatti fayyadamuun gurmaaโina haaraa taasifame kana utubuun, hooggansa isa tajaajiluuf amaanaa fudhate deeggaruun, tumsuuniifi qindoominaan buโaa caalmaaf waliin hojjechuu akka qabu carraa kanaan dhaamsa isaanii dabarsan.