cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

❤️Dhandhama Jaalala❤️

☞ Bashannana ❣️xinsammuu❣️ ❣️Asoosama❣️ ❣️walaloo❣️ ❣️miraa jaalala❣️ ❣️ Wantoota barsiisoo❣️ ❣️beekumsa❣️

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
7 642
المشتركون
+3224 ساعات
+2077 أيام
+1 16230 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Namaa fuulaaf si jaalattee osoo hin taane nama fuula duraaf si jaalattee jaaladhuu❤️ @Dhandhama1
إظهار الكل...
👍 9
Yoo dandeesse barrisi yoo barrisuu dadhabde fiigi! Yoo fiiguu dadhabde daddafii deemi! Yoo daddaftee deemuu dadhabde tiradhu! Yoo tirachuu dadhabde daa'imi! Yoo daa'imuu dadhabde foqoqi! Akkam yoo ta'ellee socho'uu hin dhaabiin! @Dhandhama1
إظهار الكل...
👍 6
#Yeroo dubbattu jechoota dandeettii kee gadi buusan arraba kee irratti dhandhamii tufi, jechoonni haamilee keetii fi eenyummaa kee gadi buusan arraba kee irratti hin minyaa'in! #Sammuu kee keessaa isaan ari'adhu. Yeroo jechoonni si hin ibsine gara kee dhufan akka keessummaa simannaa dhabeetti callisii fuula keessa ilaali. Jechoonni sunis simatamuu dhabuu isaanii hubatanii gola sammuu kee dheessu! @Dhandhama1
إظهار الكل...
👍 16
Photo unavailableShow in Telegram
إظهار الكل...
#Deemi !🚶 Sin du'u sin gaggabu Miira kiyya jeeqee Sobees sin jaaladhu Sitti kolfaa sesseqee Sin gabbaru sin kadhadhu Dhugaa jirtun sitti himaa Haalli kee amma kuni Fulduratti ni cimaa Nun deemsisu jabeesse Boruu mana hin ijaarruu Wal lolaa waliin turaa Jechaan wal hin abaarruu ........................................... Erga dhabne tokkummaa Jaalala maseensaa Maaliif yeroo gubna Onnee wal madeessaa Hardha boru wal lolaa Ija shakkiin wal ilaalaa Kanarra maaltu dhufa Kanas maaltu caalaa Sababa barbaaddannee Hamma jechaan wal reebnuu Maaliif adda baanee Gargar baanee hin teenyuu Gargar ba'u wayya shaggee Deemi imala gaarii Carraa kee barbaadadhu Of keessa gatii aarii ! @Dhandhama1 @Dhandhama1 @Dhandhama1
إظهار الكل...
11
👍Eessa akka jirtu beekuu caalaa eenyu akka taate beekuutu si fayyada. *Mataan kee gurra kee lamaan gidduu jiru qabeenya kee hunda keessaa isa guddaadha. *Al tokkotti waan baay'ee hin yaadin. Wanta yaaddu hunda sagantaadhaan yaadi. 👍Yeroon ati hojiif qabdu amma qofa ta'uu hubadhu. 👍Kaleessi seenaa bor immoo iccitiidha. 👍diinni milkaa'inaa inni guddaan milkaa'ina mataa isaati. @Dhandhama1
إظهار الكل...
👍 15
"Vision = Picture + Plan + Process!" ━━━━━━⊱✿⊰━━━━━━ ✔️ Dhalli namaa waan hedduu hojjachuu danda'a. ✔️ Nama Uumama kamiyyuu Caalatti jiraachuu fi yaaduu kan isa dandeessisu  Mul'ata haaraa qabaachuu, waan fuuldura isaa jiru beekee xiyyeeffannoon jiraachuu fi itti adeemuu isaati. "Mul'ata = Fakkii sirrii + Karoora + Adeemsa" 1️⃣ Wanta ta'uuf jirtu maalitti akka adeemtu har'a irra dhaabbattee fakkii sirrii isaa arguu qabda. 2️⃣ Karoorri kee (Abjuun kee) yeroo hundumaa hojii kee ta'uutu irra jiraata. 3️⃣ Adeemsa kee mirkaneessaa (Challenge hir'isaa) adeemuu qabda. 👉 Egaa kuni sadan walitti dhufanii Mul'ata ati yaaddee qopheessite bira gahuu si Dandeessisu. 👉 Namni kamiyyuuu haa xiqqaatuu haa guddatuu mul'ata mataa isaa qaba. #I_HAVE_DREAM!🤌 Ani Mul'ata nan Qaba yommuu jettu kanneen armaan gadii walbira qabi (consider) godhi! The 3P Important for your Vision Development 1️⃣ Mul'ata kee adda baasi! (Picture) 2️⃣ Kaayyoo fi Karoora Qabaadhu! (Plan) 3️⃣ Irratti Hojjadhu! (Process) ✍️ Warri Addunyaa keenya kanarratti beekamtii gurguddaa qaban, hundi baratanii miti, Mul'ata qaban akkaataa ta'uun itti fayyadamaniiti malee. Share ♻️ Join ♻️  Share Share➠ @Dhandhama1 Share➠ @Dhqndhama1
إظهار الكل...
👍 7
"Vision = Picture + Plan + Process!" ━━━━━━⊱✿⊰━━━━━━ ✔️ Dhalli namaa waan hedduu hojjachuu danda'a. ✔️ Nama Uumama kamiyyuu Caalatti jiraachuu fi yaaduu kan isa dandeessisu  Mul'ata haaraa qabaachuu, waan fuuldura isaa jiru beekee xiyyeeffannoon jiraachuu fi itti adeemuu isaati. "Mul'ata = Fakkii sirrii + Karoora + Adeemsa" 1️⃣ Wanta ta'uuf jirtu maalitti akka adeemtu har'a irra dhaabbattee fakkii sirrii isaa arguu qabda. 2️⃣ Karoorri kee (Abjuun kee) yeroo hundumaa hojii kee ta'uutu irra jiraata. 3️⃣ Adeemsa kee mirkaneessaa (Challenge hir'isaa) adeemuu qabda. 👉 Egaa kuni sadan walitti dhufanii Mul'ata ati yaaddee qopheessite bira gahuu si Dandeessisu. 👉 Namni kamiyyuuu haa xiqqaatuu haa guddatuu mul'ata mataa isaa qaba. #I_HAVE_DREAM!🤌 Ani Mul'ata nan Qaba yommuu jettu kanneen armaan gadii walbira qabi (consider) godhi! The 3P Important for your Vision Development 1️⃣ Mul'ata kee adda baasi! (Picture) 2️⃣ Kaayyoo fi Karoora Qabaadhu! (Plan) 3️⃣ Irratti Hojjadhu! (Process) ✍️ Warri Addunyaa keenya kanarratti beekamtii gurguddaa qaban, hundi baratanii miti, Mul'ata qaban akkaataa ta'uun itti fayyadamaniiti malee. Share ♻️ Join ♻️  Share Share➠@Dhandhama1 Share➠@Dhqndhama1
إظهار الكل...
Handaaqqoo gurraati Kan mataan guttiyyaa Eda qofaan bule Har’as buluu kiyyaa🙄 @Dhandhama1 💖
إظهار الكل...
12💔 1
Natti haa hafu Jaalalli kee yeroof taanaan Bulee oolee kan cabbaa'u Miira faana xaaraa tuqee Miira faanas tasgabbaa'uu Qalbii kanke eeggachuudhaf Soqxee imalte natti dhufnaan Onnee kan kee feetu bantee Feetu ammoo natti cufnaan Miidhamuurra madaa'urraa Qalbii guutuun akkan rafuu Kan summiidhan makame sun Jaalalli kee natti haa hafuu...!   @Dhandhama1
إظهار الكل...
8👍 1
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.