cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Geggeessummaa

إظهار المزيد
فنلندا3 662لم يتم تحديد اللغةالتعليم112 383
مشاركات الإعلانات
368
المشتركون
+124 ساعات
+67 أيام
+4430 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Wanta Haaraa Uumuuf Ka'uumsa Cimaa Qabaachuu: Kitaaba hin barreefamne barreessuuf kitaaba barreefaman dubbisuun dirqama! Dubbii hin dubbatamne dubbachuuf dubbiilee dubbataman dhaggeeffachuun dirqama! Nama ta'uu qabdu ta'uuf nama ta'uu hin qabne ta'uu irraa of fageessuun dirqama! Waan hin hojjetamne hojjechuuf waan hojjetaman baruun gaari dha! Jireenya kee keessatti raawwattee namoota kaaniin of hin madaalin! Eenyuun iyyuu hin dorgomin! Ga'umsa dhokataa keessa kee jiru gad baastee ittiin hojjechuuf qofa of dorgomi! Milkaa'ina kees ta'ee kufaatii kee kan nama biroon hin dorgomsiisin! Namni kan ittiin madaalamu madaallii sirriin namummaa isaa qofa. Sanaan ala madaalliwwan jiran hunduu madaalliwwan dogoggoraati. Qormaanni ati qoramtu kan namni qoramee hin beekne miti. Haa guddatu haa xiqqaatus namni kamiyyuu rakkoo mataa isaa qaba. Kanaafuu, haala keessa jirtu ilaaltee abdii hin kutin! Kaayyoo dhaabbataa malee rakkoo dhaabbataan hin jiru! Wantonni jireenya dhala namaa jijjiiruu danda'an hedduun galma hin ga'in kan hafaniif abdii kutannaa dhala namaa irraa kan ka'edha. Namni mo'u abdii hin kutatu; namni abdii kutatu immoo hin mo'u. Waan tokko hojjechuuf yaaltee itti milkaa'uu yoo baatte, sun kufaatii utuu hin taane muuxannoodha; muuxannoo sana irraa immoo waan tokko baratta. Fayyaa guutuu qabaannaan abdii kutachuuf sababa tokkollee hin qabdu. Jireenya kee keessatti sagalee wacaa naannoo kee jiruuf iddoo hin kennin! Qeeqa namootaa sodaachuunis kaayyoo kee irraa gara boodaa hin deebi'in! Hojii kamiyyuu yoo hojjette, gaarii ta'uu hamaa namoonni si qeeqan yeroo hundaa ni jiru. Namoonni gatii gaarii ofiif kennan yeroo hundaa addunyaa mataa isaanii keessa jiraatu. Waan isaan biratti fudhatama argate jajanii jaallachuun, wanta isaan biratti kiiloo hin kaafne tuffatanii dhiisu. Tuutni gurmaa'ee waan harka irratti reebeef yaadota hin keessummeessan; koreen hundaa'ee yaadota kuffiseefis waliin yaadatti dugda hin galan. Koreen ajandaa isaas, miseensi gurmii isaas of mataa isaaniiti. Wanti nama ajaa'ibu garuu nama akkasii taatee gaafa of argitu jibbitoota baay'ee qabaachuu kees duukaa of argita. Ilkaan isaanii addaatee seeqaa jiraachuu qofa argitee duukaa hin qasaatu taanaan, hojiiwwan gowwummaa isaaniif duukaa harka hin reebdu taanaan, akkuma isaanii beekumsa xiqqoon qalbii kee buuftee akka nama fiixee beekumsaa irra gaheetti hin burraaqxu taanaan maalif si jaalaturee? Namoonni baay'een akka fedha isaanii keessatti qofa akka jiraattu barbaadu. Gaafa ati akka fedha keetti jiraachuu eegaltu garuu, dhagaa hedduu sitti darbatu. Jechaan si madeessu, jibbaan sirraa dheessu. Atillee "namni akkuma koo naaf ta'a" jettee itti of kennite taanaan dogoggora eegalte jechuudha. Atis nama keessatti of ittisuun, namni daangaa ofii fedhe keessatti si tiksuunis seera miti. Namni yeroo hunda waan ofii fedhu qofa akka isaaf mijatutti sirraa eega. Waan sirraa eegu dhabnaan gatee sibiraa sokka. Maqaa biraa sitti moggaasa. Ilaalcha ofii qabu sirratti biqilcha. Kanaafi kan ati humna si utubu, ofitti amanamummaa sibaatuf humna ofta'uu sirra jiru daran cimsuun kan si barbaachisuuf! Kanaaf ati hunda dursitee akka ofiif ta'uu qabdu ta'uun kan si barbaachisuuf. Gaafa sana kan si dhiiseef jeeqamuun, kan si darbate sin madeessun, jechiif ilaalchi sin raasun hin jiru. Gaafa humna kana ofirratti moosifte immoo of kee qofa miti, uumaamaan waliigaltee, jaalalan dhangaashee sooratta. Boqonnaa sammuus achi keessaa argatta. Daangaa ofii sararatte keessatti addunyaa kee bocatta!            ♻️Ergaa dabalataa argachuuf👇                    @Oromoo_Inspire ⭐️STARS TELEGRAM STARS 🌟
إظهار الكل...
Major

Welcome to @Major bot. Boost your rating by stars and completing tasks. Convert rating to $MAJOR token soon.

🌼 Happy new Year 🌼 🌼 Baga bara haara geessan 🌼 🌼 መልካም አዲስ አመት🌼 🌼Wishing all our amazing book lovers a very happy and prosperous New Year! May the coming year be filled with countless captivating stories, new discoveries, and the joy of getting lost in a good book. Thank you for being part of our community, and here's to many more literary adventures ahead!🌼 ✈️✈️✈️#share✈️✈️✈️ 👇👇👇#join👇👇👇 @Geggeessummaa1
إظهار الكل...
10x your Leadership impact.pdf6.58 KB
2
Jireenyi siif akkami?Anonymous voting
  • Loogidhaan guutamte
  • Jireenya walqixaati
  • Hin beeku ani
0 votes
INTALA MOOTII Intala mootii masaraa mootummaa keessa jiraattu tokkotu gurbaa tokko wajjin jaalalaan qabamte. Isa argachuuf mala maluu calqabde. Itti yaaddees mala tokko argatte. Loltoota masaraa keessa jiraatan keessaa tokkoof uffata, qarshii, akkasumas, waan isa barbaachisu guutuudhaan, inni immoo gurbaa kana dhoksaan masaraa mootummaa keessa seensisee dhoksaadhaan deebisee baasuudhaan waliigalan. Gaafa tokko gurbicha wajjin masaraa mootummaa keessaa waliin taphachaa turan. Taphni isaaniis Apilii caccabsanii afaan walii keessa darbatanii buusuu ture. Akka tasaa isheen darbattee afaan isaa keessa gaafa buustu apiliin sun qoonqoo mucaa keessatti rakkate. Isheen akka ba'uuf saggoo isaa rurrukuttus ba'uu dide. Qilleensa baasuu fi galchuu waan dadhabeef mucaan sun du'e. Intalli sun naasuu guddaadhaan waanta gootu wallaalte. Yoo iyyite masaraa mootummaa keessa waan ta’eef gurbaan kun akkamitti as keessa seenuu danda'e gaaffiin jedhu irratti ka'uu waan danda'uuf amma loltuun sun dhufutti obsuu qabdi . Yeroon gurbaa sana masaraa keessaa baasu yeroo ga'u, loltuun sun dhufe. Akka durii fayyaa osoo taane amma garuu waanta inni hin eegne tokkotu isa mudate. Innis namicha fayyaa ol seensiseetu amma reeffa ta'ee isa eege. Akka duraa deemaa ba'uun hin danda'amu. Intalittiinis loltuu sanaan, "reeffa kana narraa baasi malee waanta barbaadde siif nan raawwadha yeroo deebitu", jetteen. Namichis kanatti walii galuun namicha kana madaabaraa guddaa qopheessuun kosii fakkeessee fuudhee ba'e. Loltuun sun waadaa intala mootii sana irraa waan qabuuf waadaan sun akka isaaf raawwatamuuf deebi'ee dhufe. Isheenis, "Maal barbaadda?, maal siif raawwadhu?", jettee isa gaafatte. Loltuun sunis deebisee, "si walin ciisuun barbaada", jedheen. Isheenis aartee isa dheekkamte. "Ati eenyuu?, Intala mootii wajjin ciisuun kan sitti miidhagee?, Amma dafii narraa ba'i" jetteen. Dhugaa jiru abbaa isheetti himtee, furmaata argachuu otoo dandeessuu isheen garuu rakkina ishee furuu caalaa baqachuu filatte. Loltuun sunis deebi'ee deemee reeffa sana fideefii dhufe. Yeroo sana isa dhuguma mo'amteef, adda ittiin isa fuuldura dhaabattu, ija ittiin isa ilaaltu dhabde. Kanaaf loltuu sanaan tole jettee isa wajjin ciiste. Si'a tokkotti waanta sadii dhabde. Jaalalashee, ulfinashee fi abdiishee dhabde. Jaalalleenshee waan du'eef jaalalashee dhabde. Hojjetaa garbichaa ishee wajjin ciisuun ulfina ishee dhabde. Boru kabajaan gaa'ila ishee akka hin dhaabbanneef durbummaa ishee loltuu sanaaf kennuun abdii ishee dhabde.Namichi kun garuu tokkichaan ishee dhiisuu hin dandeenye. Madaabaraa itti reeffa sana baase fidee ishee sossodaachisaa deddeebi'ee faana ciisaa ture. Ammas isheen rakkina amma ammaatti ture wajjin waldhaansoo wal qabdee furmaata itti fiduu otoo dandeessuu, rakkina ishee mudachaa jiru baqachuu filatte. Gaafa tokko garuu mala tokko maltee, dhugaatii abbaan ishee inni mootichi dhugu qopheesitee, isa macheessuu yaadde. Akkuma yaaddes qopheesitee akka inni dhuguuf laatteefii. Yeroo inni machaa'ettis harkiftee balbala ciisicha abbaa isheerra rafiste. Loltoonni biraa foolii isaa yeroo ilaalan dhugaatii mootichaaf qophaa'e waan ta'eef otoo hundumti arguu fannifamee akka du'u godhan. Yeroodhaaf waanti ta'e kun intala mootii kanaaf gammachuufi boqonnaa fideef. Gammachuun ishee kun garuu yeroo dheeraaf hin turre. Waanti isheen hin yaanne tokko garuu itti dhufe. Innis Yeroo namichi kun fannifamee du'uuf jedhutti deddeebi'ee arraba isaatiin hidhii isa muuxachaa ture, oduun jedhamu tokko dhaga'ame. Kunis intalli mootii dhugaatii qopheesitu kun baay'ee mi'aawaa akka ta'etti haasa'ame. Oduun kun bakka hedduu waan ga'eef, ilmi mootii kan biraa intala kana fuudhuuf jaarsoli itti ergate. Kun isheeedhaaf naasuu guddaa ture. Sababni isaa intalli mootii durbummaa ishee kana dura loltuu tokkoof kennitee waan turteef. Abbaan ishees akka heerumtuuf ishee kennuu isaanii dhageesse. Ammas dhugaa isaa dubbachuu caalaa mala biraa dha'uu eegalte. Loltuu tokko waammattee, "Nama na fakkaatu tokko barbaadii fidi, anis gatii dadhabbii keetii siin kenna" jetteen.
إظهار الكل...
Innis ji'a tokkoo booda waanta jedhame sana raawwatee, intala mootii kan fakkaattu tokko argatee itti fide. Intalli mootiis waanta ta'e hundumaa itti himtee, "Ati yeroo muraaasaf haadha manaa ilma mootii taata animmoo hojjattuu keen ta'a, Kana goochuu keetiif immoo kennaa gaa'ila kootiif naa kennamu hundumaa ni fudhatta, yeroo muraasaa booda bakka wal geeddarra" jettee itti himte. Intalittiinis waanta jedhamtetti walii galte. Guyyaan jedhame sunis ga'ee intalittiin dhuftee gurbaa kanatti heerumte. Gaa'illi sunis raawwatamee galgala gara kutaa ciisicha isaatti ishee fudhatee gale. Intalittiin waanta ta'etti baay'ee gaddite. Ulfinni kun kan maluuf isheef ture. Namni kan yaadu kuutaa ciisichaa sana keessa kan seene intala mootiiti jedhu, garuu ishee miti. Rakkina ishee baqachuun Ulfina ishee kana harkaan dabarsitee akka isheen kennitu ishee taasise. Guyyoota muraasa booda, intalli mootii kun, intala ilma mootii w
إظهار الكل...
👍 2 2
Photo unavailableShow in Telegram
𝗗𝘂𝗯𝗯𝗶𝘀𝗶𝗶 #𝘀𝗵𝗮𝗿𝗲 𝗚𝗼𝗱𝗵𝗶! ▬▬▬▬▬▬▬▬ ➊. 𝗪ɑɑ 𝘀ɑ𝗱𝗶 𝗲𝗲𝗴𝗶!          ➛ 𝗕𝗶𝘆𝘆ɑ          ➛ 𝗛ɑɑ𝗱𝗵ɑ          ➛ 𝗜𝗷ɑ ➋. 𝗪ɑɑ 𝘀ɑ𝗱𝗶𝗶𝗳 𝗾𝗼𝗽𝗵ɑɑ'𝗶!          ➛ 𝗗𝗶𝗿𝗾ɑ𝗺ɑ 𝘀𝗶𝘁𝘁𝗶 𝗹ɑɑ𝘁ɑ𝗺𝘂          ➛ 𝗕𝗲𝗲𝗸𝘂𝗺𝘀ɑɑ𝗳          ➛ 𝗚ɑɑ'𝗶𝗹ɑɑ𝗳 ➌. 𝗪ɑɑ 𝘀ɑ𝗱𝗶 𝗸ɑ𝗯ɑ𝗷𝗶!          ➛ 𝗪ɑɑ𝗱ɑɑ 𝗸𝗲𝗲          ➛ 𝗛𝗶𝗿𝗶𝘆ɑɑ 𝗸𝗲𝗲          ➛ 𝗚ɑɑ'𝗶𝗹ɑ 𝗸𝗲𝗲 ➍. 𝗪ɑɑ 𝘀ɑ𝗱𝗶 𝘁𝗼𝗼'ɑ𝗱𝗵𝘂!           ➛ 𝗔𝗿𝗿ɑ𝗯ɑ 𝗸𝗲𝗲           ➛ 𝗗ɑ𝗹𝗹ɑ𝗻𝘀𝘂𝘂 𝗸𝗲𝗲           ➛ 𝗠𝗶𝗶𝗿ɑ 𝗸𝗲𝗲 ➎. 𝗪ɑɑ 𝘀ɑ𝗱𝗶 𝗱𝗶𝗻𝗾𝗶𝘀𝗶𝗶𝗳ɑ𝗱𝗵𝘂!          ➛ 𝗕ɑ𝗿𝗲𝗲𝗱𝗶𝗻ɑ          ➛ 𝗝𝗶𝗿𝗲𝗲𝗻𝘆ɑ          ➛ 𝗨𝘂𝗺ɑ𝗺ɑ ➏. 𝗪ɑɑ 𝘀ɑ𝗱𝗶 𝗷𝗶𝗯𝗯𝗶!          ➛ 𝗞𝗼𝗺𝗶𝗶          ➛ 𝗛𝗶𝗻ɑɑ𝗳𝗳ɑɑ          ➛ 𝗛ɑ𝗺𝗲𝗲𝗻𝘆ɑ ➐. 𝗪ɑ𝗻𝘁𝗶 𝘀ɑ𝗱𝗶 𝗯ɑɑ𝘆'𝗲𝗲 𝘀𝗶 𝗯ɑ𝗿𝗯ɑɑ𝗰𝗵𝗶𝘀𝘂          ➛ 𝗔𝗺ɑ𝗻𝘁ɑɑ          ➛ 𝗔𝗯𝗱𝗶𝗶          ➛ 𝗝ɑɑ𝗹ɑ𝗹ɑ    ➦ Υєʀσσ 𝗚ααʀιι 𝘀ʜᴀʀᴇ◈𝘀ʜᴀʀᴇ◈𝘀ʜᴀʀᴇ​ @Join_Taasisaa @Geggeessummaa1 ⏲️ @Geggeessummaa1 ⏲️
إظهار الكل...
# murteessuun dursa itti yaadi! Yeroo tokko Maatiin tokko lukkuu qabu ture.lukkuun isaani buuphaa warqii buusti ture isaanis guyyaa guyyaan jalaa fuudhanii qarshiitti jijjiirrachuun jireenya isaanii gaggeeffachaa turani.Garuu guyyaa tokko Abbaan warraa osoo taa'ee yaaduu yaanni tokko dhufeef,yaanni sunis:Lukkuun kun gaafa isheen dhaltu hundasaa walitti qabnee yoo gurguranne gatii qaalii nu bita jedhee yaadee yaadichas Hadha warraa isaatiin mari'ate isheenis itti walii galtee yeroo lukkuun dhaltee kaatu dafee qalee garaashee keessa yeroo buuphaa baay'ee walitti qabachuuf  ilaalu😂😂 akka hinni eege osoo hin taane dhiiga qofaatu jira ture! achiin gaabbiin Quba of nyaachaa jireenya dura jiraatuu gaditti jiraachuu eegale.Egaa maal jechuun barbaade seetan waanta tokko murtee fudhachuun dura baay'ee itti yaaduun gatii qaba.Akkas jedhama mitiiree<<Sagal safarii tokko muri>jedhu kanaafuu Dhiibbaaf bu'aasa osoo itti hin yaadiin murtoo fudhachuun gaabbii umurii guutuu fiduu danda'a.Galatooma🙏🙏🙏🙏 #follower
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
Qabxiilee Shanan(5) Gaggeessummaan barbaadu 5 C'S OF LEADERSHIP 1.Amala gaarii/good #CHARACTER/ 2.Komunikeeshiinii gaarii qabaachuu /good #COMMUNICATION / 3.Kutannoo ykn of kennuu/ #COMMITMENT/ 4.Ofitti Amanamummaa/#CONFIDENCE/ 5.ija_jabinna cimaa qabaachuu/#COURAGE/ sodaa tokko malee ergamicha ofii galmaan gahuutti xiyyeeffachuudha!
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.