cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Merga Official Channel

إظهار المزيد
لم يتم تحديد البلدJavanese1 997الفئة غير محددة
مشاركات الإعلانات
197
المشتركون
-124 ساعات
-27 أيام
-930 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Repost from Oshoo Official
Photo unavailableShow in Telegram
Niilsen Maandeellaan Yuunivarsiitiitti yeroo seera barachaa ture barsiisaa Adii kan Pooter jedhamu qaba ture.Piroofeesarri kun namoota gurraachaaf jibba guddaa qabu turan. Gaaf tokko utuu Piroofeeser Piiter Mana nyaataa tokkoo laaqana nyaataa jiranii akka tasaa Maandeellaan nyaata isaa qabateebira taa'e. Piroofeeserichi aariidhaan ,"Maandeellaa! Booyyee fi Gugeen wajjin nyaachuu hin danda'an!" jechuun dheekkaman. Innis "rakkoo hin qabu Piroofeeser ! barriseen deema jechuun ka'ee teessuma biroo irra taa'ee nyaata isaa nyaate.Ani Booyyee utuu hin taane Gugeedha jechuu isaa ture.gama biraan Booyyee si'i jechuudha! Guyyaa biraa Piroofeeserichi akka itti haaloo isaanii raawwatan yaadanii kutaa keessatti Maandeellaa gaaffii gaafatan. "Maandeellaa utuu karaa adeemtuu boorsaa lama argita.Tokko keessa maallaqa, isa lammataa keessa immoo ogummaatu jira. Lachuu keessaa isa kam fudhatta?" jedhanii gaafatan. Maandeellaan xiqqoo yaadeen "boorsaa maallaqa qabu sanan fudhakaa" jedhee deebisaaf. Piroofeeserichi deebiin Maandeellaa dogoggoradha jedhanii waan yaadaniif gammadanii, "Argitee Maandeellaa! Ati maal filachuu akka qabdu hin beektu! Ogummaan maallaqa caala! Utuu ana ta'ee ogummaan fudhadha" jedha. Maandeellaanis deebiseefii , sirriidha Piroofeeser! Namni kamuu waanuma hin qabne fudhata. Waan qabu tokko fudhatee maal godhata?" jedhe.Ati maallaqa qabda malee ogummaan qabdu jechuu isaati.Dhuma irratti garmalee itti aare. Guyyaa tokko waraqaa qormaataa Maandeellaa irratti, #dadhabaa!(stupid) jedhee barreessee kenneef. Maandeellaanis aattamaan gara isaa deemee,"dhiifama Piroofeeser! waraqaa qormaataa koo irra maqaa kee malee qabxiin koo hin jiru!" jedhe dadhabaan sidha jechuu barbaadeeti. Abjuu koo hin gurguru fuula 212
إظهار الكل...
Repost from Oshoo Official
Photo unavailableShow in Telegram
"Sababoota lamaaf kitaaba dubbifna: tokkoffaa itti bohaaruuf, lammaffaa ammoo ittiin of tuuluuf." 𝐵𝑒𝑟𝑡𝑟𝑎𝑛𝑑 𝑅𝑢𝑠𝑠𝑒𝑙𝑙 'Sadaffaan ammoo irraa barachuuf' jedheellee itti hin daballe, falaasaa rukumaan kun.
إظهار الكل...
Barattoota manneen barnoota Bultii Addaa WMO fi Ifa Boruu darban. @odawmo
إظهار الكل...
Barattoota MBBA'f Qorumsa Darban.pdf20.89 MB
"Dubarri ishee qofamoo? Kan ishee caalan baayyeetu jiru bar; waa'eeshee dagadhuutii, jireenya haaraa jalqabi; jaalalashee dhiisi!" jedhamee namootaan gorfameera. Warri akkasitti na gorsan anaaf yaaduu isaanii nan hubadha. Battalasaan na gorsan sanatti, "Jarri kun dhuguma jedhu; si dagachuun qaba!" jedheen murteessa. Garuu, si dagachuu dhiiseen gorsa namoota sanaa dagadha; si dagachuu yaaleen, dha'annaan onnee kootiimmoo na ittisa; situ achi jirakaa, jaalala keetu onnee koo keessaa akkan sin daganneef natti hasaasa. Ati, dhaladhee akkan lafarra jiruyyuu dagatteetta ta'a, waa'een koo sin dhibu. Ani garuu, har'as taa'umsatti, ka'umsatti, yoon ciisus waa'ee keen yaada, waa'ee keen ofitti guunguma. Onneen kee akka nama biraaf dha'atu osoon beekuun sitti harkifama; isa sirraa na qabe sanatu, yoon sirraa siquu yaales ofitti na buta. Namoonni haala koo kana akka 'gowwummaa'tti ilaalan jiru. Ani garuu, "Jaalachuun gowwummaa miti; jaalachuun carroomuudha" jedheen of jajjabeessa. "Jaalalli bakkuma namni sun jirutti, haaluma inni keessa jiru keessatti jaalachuudha" jedheen of amansiise. Humnuma jaalalichaatu akkasi! Sin jaaladha! ♥️ Abdii ✍ Gimbii 🍎 Ergaa kaa'uf 👉 @Walaloo_bot 👈 @Dambalii_Jaalalaa
إظهار الكل...
👍 1
🆕Grade_12_Result ✏️ qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa wixatta ni ifooma. Bu’aan qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa  Hagayya 4 bara 2016 akka labsamu Ministeerri Barnootaa beeksise. Qormaanni biyyoolessaa bara kanaa waraqaa fi toora interneetii irratti kenname ta'uun isaa ni yaadatama. 💯 BBO  kanneen bu'aa eegaa jiraniif carraa gaarii. 📌 https://t.me/BirooBarnotaaOromiya https://t.me/AblyBot/join?startapp=ref956968061
إظهار الكل...
Biroo Barnootaa Oromiya(BBO)

📙Teacher Guide 📙Student Books 📒Reference books 📂Model exams 🗞Metrics sheet ❓Study Tips 🤗 ..... 👀 Cross and Promotion @GDPromotionBot ✅️Our Official BBO Channel

https://t.me/BirooBarnotaaOromiya

      #Maqaankee_eenyu? (Kitaaba 'Sansakkaa Sakaalame' keessaa kan fudhatame) Ani maqaan Biqilaa, kan abbaakoo Dagaagaa, kan akaakayyuukoo immoo Guddataa dha….Biqilaa Dagaagaa Guddataa! Dhaladhee yoon dagaagaa hinguddanne, haala guddachuu qabuun hindeemne, hiikkaan maqaa jireenyakoofi maqaan ittiin waamamakoo, xiyya kallattii gara garaan adeeman ta’a. “Biqilee osoo hindagaagiin guddate!” jedhama. Yaada yaaddoon guute kana qabadhee yoon asiif achi mil’adhu, kaan “Sabboonaa!” jedhee of waamaa sabatti boona. Gariinimmoo, “Bilisummaa”n of waamee waamsisaa, yaadaafi gochaa isaatiinimmoo, ofis ta’e aanteesaa garboonfata. Ifa keessatti bakka bu’aa dukkanaa ta’aa gariinis, ‘Ibsaa’fi ‘Ibsituu’ of moggaasa. Kun naman argu hundaan “Maqaankee eenyu?” jedhii gaafadhu na godha. Mee takkaa dhiifama, asumaanis wal barraatii, kanumtikee iyyuu maqaan eenyu…? Maqaankee eenyu?       Galatoomaa!🙏🏻 Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa! Dr. Abdiisaa Ejjetaati @Orobook
إظهار الكل...
Repost from N/a
Photo unavailableShow in Telegram
Adurreetu hantuuta adamsee nyaata,kun seeruma uumamati.Adurroonni karaa hantuutonni keenyaaniin yaabanirra taa'anii warra keenyaaniin yaabanii golgaa duuba lixuu hin dandeenye adamsanii nyaatu. Yeroo hantuutni dhuftee keenyaan yaabuuf kaatu,adurree lafa jirtu "Kufte kufte jecha itti iyyiti.Hantuutni sun jecha adurree sana dhaga'uun keenyaan irra gad ilaaltee kuftee nyaatamte. Hantuutni hedduun akkasitti nyaataman.Dhuma irratti haantutni gamni tokko dhufte.Sana booda keenyaaniin yaabdee golgaa duuba lixuu ittuma fufte,yeroo kana adurroonni akkuma baratame iyya isaanii itti fufan.Haa tau malee hantuutni sun iyya isaaniif utuu gurra hin kennin,golgaa duuba lixxee adurreen nyaatamuu oolte. Namni oduu hin taane kan mandaraa yookan mana bunaaf gurra kennu lafa kaayyoo isaa hin gau.Xiyyeeffannoo kee kaayyoo kee irra kaa'adhun ergaa kooti. #DUBBISUUN_ITTUMA_FUFA GUCA SEENAA OROMOO
إظهار الكل...
Repost from Oshoo Official
BEEKUMSA NAMNI BARE ITTIIN OF BARU! Addunyaan keessa jirru warra hubatanii, of gumeessanii itti hojjetaniif moo'icha akkuma gonfachiiste, warra hubannoo fi xiyyeeffannoo malee waan tokko qabanii gadhiisanii burjaaja'aniif immoo baraan boo'icha laattee jirti. Nama dhuunfaa ta'ee sabni akkasumas biyyi waan xixiqqoo irra waliif darbee waliin waan gurguddaaf iddoo kennee deemu moo'ee, namaa fi biyya biroo mataa gaadi'ee ittiin qotatu, warri mataan gaadi'amee waan guddaa argee, guddaaf wal kaa'achuu wallaalee waan xiqqaaf wal cabse immoo bara baraan harka warra biraatti humna isaanii gurguranii, haftee jarri kennaniif eegaa jiraatu. Dhugaan furmaata! Warri dhugaan waliin imale, iddoo ga'uu qabu ga'ee, waan qabachuu qabus qabateetu jiraata. Warri dhugaaf gurra cufate immoo, kubbaa sobni ittiin taphatu ta'anii jiraatu. Kan dhiitamaa oolu kubbaa ta'us, kan weeddifamu immoo warra kubbaa dhiitaa ooleedha. Kubbaan madooftee, baqaqxee, tarsaatee, foqoqaa rakkoo argaa ooltus, ijji addunyaa isa dhiitu malee isa dhiitamu irra akka hin jirre hubachuu dandeessu. Namaaf illee dubbiin akkas waan taate fakkaata. Nama dhaananii boo'icha nama dhorku. Dhugaa ofii beekanii, of kabachiisanii jiraachuuf, gulantaa ofii olkaasanii, sammuu ofiin of ga'oomsanii jiraachuun beekumsa warri bare ittiin of baruudha.
إظهار الكل...
Repost from Oshoo Official
#Nikoolaas_Tesilaa: JABAA HARKI DAARAA HAMMAARE! **👇 ➲Gaafa 𝑟𝑒𝑚𝑜𝑡𝑒'dhaan bakkuma jirtu teessee Tv irraa waan feete jijjiirrattu argannoo isaa fayyadamaa jirta. ➲Gaafa 𝑠𝑤𝑖𝑡𝑐ℎ fayyadamtee ibsaa bantus argannoon isaa keessa jira. ➲Ogeessonni fayyaa dhukkubsattoota gaafa raajii kaasan (x-ray) argannoo isaa fayyadamu. ➲Sagale-guddiftuu, raadiyoo fi bilbilakee dabalatee, waan 𝑤𝑖𝑟𝑒𝑙𝑒𝑠𝑠'dhaan daddarbu kamuu gaafa fayyadamtu argannoo isaa fayyadamaa jirta. Tesilaan wantoota nuti jireenya keenya guyyaa guyyaa keessatti itti fayyadamnu argannoolee dhibbootaan lakkaa'aman qaba. Garuu, nama oolmaa haga kanaa addunyaadhaaf oole kanaaf bakki kenname faallaadha. Bara 1884 yeroo hojii argannoo isaaf bilchaatetti Toomaas Ediisan biratti qacaramee ture. Ta'us garuu yeroo muraasa booda waliif galuu hin dandeenye. Ediisan karaa daddarbiinsa kaarentii irratti DC wayya yoo jedhu, Teslaan ammoo argannoosaa kan ta'e AC filate.DC'n wantoota akka tirikkaafaa irratti nu fayyada. AC'n garuu fageenya dheeraa deemuu kan danda'uu fi warshaalee humna ibsaa guddaa gaafataniif kan fayyaduudha. Wal morkiin kun isaan gidduutti yoo ka'u, Ediisan beekamtii guddaa waan qabuuf AC'n miidhaa fiduu akka danda'u agarsiisuuf arbii ibsaadhaan qabamee akka du'u godhee Tv'dhaan mul'isee ture; gama baay'eedhaanis irratti duule.Uummatis kanaaf isa balaaleffatanii turan. (Har'a addunyaan kan isheen fayyadamaa jirtu garuu caalmaatti AC'dha). Tesilaan ilaalcha siyaasaa yeroo sana turerraa adda ta'e waan qabuuf kara mootummaa hacuucamaa ture; miiltoo wajjin hojjetu irraas qarshii guddaa haalamee ture; laaboraatoriin isaas boodarra jalaa waan gubateef argannoo baay'ee dhabe.Yaadotni argannoo isaa yeroo hatamanittis, "wanti guddaan argannoon dhala namaa fayyadu hojjetamuu isaati" jedhee dhiisaa ture. Nama kallattii jireenya isaa hundumaan gufuun itti baay'ate ture. Xalayaa yeroo tokko haadha isaatiif barreesse irratti, "Waggaa hamma kanaa dhala namaa gargaaruuf hojii an hojjedhe galata hin arganne; arrabsoo fi tuffatamuu qofan buufadhe." Jedhee ture. Tesilaan yaada kalaqoota hedduudhaaf qabu baay'ee hojiitti hiikuuf danqamee, suuraa irraa akka mul'atutti waan nyaatullee hamma dhabuttis hiyyoomee bara 1943 qofaasaa hoteela keessatti du'ee argame. Argannoolee silaa har'a addunyaa kana fayyadan baay'eetu sammuu Tesilaa duukaa awwaalaman. Yeroo sanatti dhiibbatamee haala nama gaddisiisuun du'us, har'a maqaansaa ol ka'ee haasa'ama.Waggaatti yeroo tokko jaalattootni isaa addunyaarra jiran baay'een guyyaa dhaloota isaa ni kabajuuf.Abbaa qabeenyaa 1'ffaa kan ta'e Iloon Maski illee maqaa dhaabbata isaa guddicha 'Teslaa' jedhee yaadannoo isaaf moggaase. Gaarummaan osoo bifa qabaattee Tesilaa fakkaatti! Chaaneliin kun kan isinitti tolu yoo ta'e like 👍mullisaa.Yaada keessan immoo kara comment fi @Wakjirabraham yaada nuuf kennaa isiniin jenna.
إظهار الكل...
👎 1
Photo unavailableShow in Telegram
Kitaabota sadarkaa addunyaatti beekamtii guddaa argachuun namoota miliyoonan dubbifaman keessaa kitaabni Ooshoo dorgomaa kan hin qabnedha. Kitaaba seenaa Ooshoo wajjiin wal qabatu bara 2013 Bilisummaa shibbiruu kan hiike dubbiseen ture. Yeroodhaaf sodaadheen ture. Sababni isaa namni kitaaba Ooshoo dubbise ni maraata kan jedhu dhaga'aa waanan tureef. Haa ta'u malee yeroon dubbisuu jalqabu caalaatti natti tolaa deeme. Maal irraa argatte yoo naan jettan 1ffaa seenaa Ooshoo beekuu kootiin gammachuu guddaan argadhe. 2ffaa immoo ofitti amanamummaa akkan qabaadhu na taasise. Ba'aa namni natti fe'e ofirraa jigsee eenyummaa koo akkan baruuf karaa naaf ta'e. 3ffaa immoo falaasamni akka kanaa addunyaa irraa akka jiru gaafan argu beekumsa biyya keenyaan gaafan madaalu baayyee wallaalummaa keessa akka jirruun hubadhe. Kitaabni isaa "Amantaa Qorachuu Ooshoo" jedhu kunis Bilisummaa shibbiruun Afaan Oromiffaan akka hiikamee dhaga'ee ji'a 7'n dura of biraan gahee dubbisuuf carroomeera.
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.