cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking ยซAccept allยป, you agree to the use of cookies.

avatar

Singer Megertu Official ๐ŸŒผ

Channel kanaan barsiisa macaafa qulqulluu, faarfannaa hafuuraa akkasumas ergaalee gama hafuuraatti nama jajjabeessan guyyaa guyyaadhaan ni argattu! Buy ads: https://telega.io/c/Singer_Megertu_Official Contact: @YaadafiGaaffii_bot

Show more
Advertising posts
9 991
Subscribers
-324 hours
-247 days
-12830 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

๐Ÿ“† Daily Devotional 62 | Spiritual Growth โ•ญโ•โ•โ•โ•โ–ชโ–ชโ–ชโ–ชโ•โ•โ•โ•โ•ฎ โœ… Faarfannaa 51:17 โœ… โ•ฐโ•โ•โ•โ•โ–ชโ–ชโ–ชโ–ชโ•โ•โ•โ•โ•ฏ ๐Ÿ’ Carraan jira, kutaa sagal (แ‹•แ‹ตแˆ แŠ แˆˆแฃ แŠญแแˆ แ‹˜แŒ แŠ) ๐Ÿ“– โ€œHafuurri yaada cabaa aarsaa Waaqayyo biratti fudhatamuu dha, yaa Waaqayyo, ati garaa cabaadhaafi bullaa'aa hin tuffattu!โ€ (Far. 51:17) โ€œแ‹จแŠฅแŒแ‹šแŠ แ‰ฅแˆ”แˆญ แˆ˜แˆฅแ‹‹แ‹•แ‰ต แ‹จแ‰ฐแˆฐแ‰ แˆจ แˆ˜แŠ•แˆแˆต แŠแ‹แฅ แ‹จแ‰ฐแˆฐแ‰ แˆญแ‹แŠ•แŠ“ แ‹จแ‰ฐแ‹‹แˆจแ‹ฐแ‹แŠ• แˆแ‰ฅ แŠฅแŒแ‹šแŠ แ‰ฅแˆ”แˆญ แŠ แ‹ญแŠ•แ‰…แˆแขโ€             แˆ˜แ‹แˆ™แˆญ 51แฅ17 Daawit furtuu qalbii diddiirrannaa eeruun kutaa kana xumura. Faarfannaan shantamii tokko, bal'inaan "Cubbuu Himachuu" jedhamuun kan beekamu, "Hafuurri yaada cabaa aarsaa Waaqayyo biratti fudhatamuu dha, yaa Waaqayyo, ati garaa cabaadhaafi bullaa'aa hin tuffattu!" jedha. (Far. 51:17) Yaada kanaan xumura. Kutaan kun namni gaabbii dhugaadhaan itti dhiyaatu Waaqayyo biratti fudhatama akka argatu nuuf mirkaneessa. Cubbuu keenya kan balleessu aarsaa Waaqayyo duratti dhiheessinu utuu hin taane, gaabbii kan fidu dhiifama dhugaadha. Hafuura duโ€™ee fi cabe (cubbuu keenya garaa irraa yaadannee) yeroo itti dhiyaannu nu fudhata. "Hafuurri yaada cabaa aarsaa Waaqayyo biratti fudhatamuu dha, yaa Waaqayyo, ati garaa cabaadhaafi bullaa'aa hin tuffattu!" Dubbiin jiraataan (Far. 51:17) kanaaf ragaadha. Garaa cabee fi gad of qabuun amantiidhaan teessoo ayyaanaatti yommuu dhihaannu Waaqayyo yoomiyyuu nu hin ganu. Inumaayyuu araara, dhiifamaa fi gaarummaadhaan bakka itti kufne irraa ol nu kaasee, jalqabbii fi ulfina haaraa nuuf kenna. Kutaan kun kutaa Macaafa Qulqulluu mata duree "Carraan Jira" jedhuun eegalle gara xumuraatti fida. Dadhabbii gosa adda addaa keessa yoo jiraannellee, ammas carraan karaa hamaa keenya irraa garagaluu ni jira. Wanti nu irraa eegamu ammuma murteeffannee Waaqa gara-laafina qabuuf of bituu fi of-bulchuu qofa. Innis, "Yeroo ana biratti jaallatamee fudhatametti siif dhaga'eera; guyyaa fayyinaattis si gargaareera.โ€ (2Qor. 6:2) Obboleessa koo, kuftee jirta jechuun ka'uu hin dandeessu jechuu miti; Carraan Jira. Obboleettii koo har'a waan sitti ulfaate qofaaf abdii dhabde jechuu miti, Carraan Jira. ๐Ÿ› Kadhannaa: Yaa Waaqayyo ati abbaa dhiifamaa koo fi qabeenya koo waan taateef sin galateeffadha. Carraa jaalalaa ati naaf dhiheessite fudhachuudhaan biyya lafaa fi hojii hamaa ishee dhiisee gaabbiidhaan fuula kee duratti nan dhiyaadha, naaf araarami. Ameen. ๐Ÿ™ Buddeena jireenyaa ~ MQ Daily Devotional: @Getu_Official "Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"     ๐Ÿ‘‡๐Ÿ’๐Ÿ‘‡๐ŸŒท๐Ÿ‘‡๐ŸŒท๐Ÿ‘‡๐ŸŒท @Singer_Megertu_Official @Kakuu_Studio
Show all...
๐Ÿฅฐ 7โค 4๐Ÿ‘ 1
Show all...

๐Ÿ™ 7โค 4๐Ÿฅฐ 1
๐Ÿ“† Daily Devotional 61 | Spiritual Growth โ•ญโ•โ•โ•โ•โ–ชโ–ชโ–ชโ–ชโ•โ•โ•โ•โ•ฎ โœ… Faarfannaa 51:13 โœ… โ•ฐโ•โ•โ•โ•โ–ชโ–ชโ–ชโ–ชโ•โ•โ•โ•โ•ฏ ๐Ÿ’ Carraan Jira, Kutaa 8ffaa         ๐Ÿ“– โ€œAni warra irra daddarban karaa kee nan barsiisa, cubbamoonnis gara keetti in deebi'u.โ€ (Far. 51:13) แˆˆแˆ•แŒ แ‰ฐแˆ‹แˆ‹แŽแ‰ฝ แˆ˜แŠ•แŒˆแ‹ตแˆ…แŠ• แŠ แˆตแ‰ฐแˆแˆซแˆˆแˆแฅ แŠƒแŒขแŠ แ‰ฐแŠžแ‰ฝแˆ แ‹ˆแ‹ฐ แŠ แŠ•แ‰ฐ แ‹ญแˆ˜แˆˆแˆณแˆ‰แขโ€ (แˆ˜แ‹ 51แฅ13) โœ๏ธ Daawit amma cubbuu isaa Waaqayyotti himateera. Gaabbiin Daawit "galgala galgala Na Maari๐Ÿ™, ganamaa fi ganama natti araarami๐Ÿ™ yaa Gooftaa" utuu hin taane dhugaadhaan ture. Kutaa kana keessatti Daawit Waaqayyo araara isaatiin cubbuu isaa erga balleessee booda namoota biroo cubbuu keessatti akka hin qabamneef kallattii akka agarsiisu dubbata. "Ani warra irra daddarban karaa kee nan barsiisa, cubbamoonnis gara keetti in deebi'u." (Far. 51:13) Kutaa kana "shaakala nama cubbuu irraa fayyee" jennee waamuun ni danda'ama. Mee adeemsa isaa bal'inaan ilaaluuf haa yaallu. Duraan dursinee cubbamoota taโ€™uu keenyaa fi Fayyisaan akka nu barbaachisu hubachuu qabna. Gaabbii dhugaatiin fuula Waaqayyoo duratti dhiyaachuun tarkaanfii itti aanudha. Waaqayyo sadan tokkummaa inni ta'e jaalala guddaa nuuf qabuun fayyina nuuf kenna. Kanaaf asitti qofa akka dhaabbannuuf hin waamamne. Wanti itti aanu namni fayye tokko gochuu kan qabu umurii isaaf kennametti akka fedhaa fi akeeka Waaqayyootti jiraachudha. Jireenyi jiraanne immoo mataan isaa ragaa waan taโ€™eef, cubbuu akka gammachuu keenyatti akka hin ilaalle namoota biroo gorsuuf carraa nuuf kenna. Daawit kan jechaa jiru isa kana. "Ani warra irra daddarban karaa kee nan barsiisa, cubbamoonnis gara keetti in deebi'u." (Far. 51:13) Cubbuu keessa akka jirru amanuu, fayyisaa akka nu barbaachisu hubachuu, gaabbii dhugaadhaan gara Waaqayyootti dhiyaachuu, ayyaana isaatiin fayyina, gargaarsa araara isaatiin jiraachuu, namoota biroo cubbuutti akka hin kufne barsiisuu. Kun shaakala kiristaana hundaa taโ€™uu qaba. ๐Ÿ› Kadhannaa: Yaa Waaqayyo koo, "Ani warra irra daddarban karaa kee nan barsiisa, cubbamoonnis gara keetti in deebi'u." Ayyaana kana naaf kenni. Ameen. ๐Ÿ™ Buddeena jireenyaa ~ MQ Daily Devotional: @Getu_Official "Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"     ๐Ÿ‘‡๐ŸŒท๐Ÿ‘‡๐ŸŒท๐Ÿ‘‡๐ŸŒท๐Ÿ‘‡๐ŸŒท @Singer_Megertu_Official @Kakuu_Studio
Show all...
๐Ÿฅฐ 7โค 2๐Ÿ‘ 1
๐Ÿ“† Daily Devotional 60 | Spiritual Growth โ•ญโ•โ•โ•โ•โ–ชโ–ชโ–ชโ–ชโ•โ•โ•โ•โ•ฎ โœ”๏ธ Faarfannaa 51:12 โœ”๏ธ โ•ฐโ•โ•โ•โ•โ–ชโ–ชโ–ชโ–ชโ•โ•โ•โ•โ•ฏ ๐Ÿ’ Carraan jira, kutaa 7ffaa ๐Ÿ“– โ€œGammachuu isa fayyisuu kee keessaa argamu, iddootti anaaf deebisi, siif abboomamuudhaaf hafuura na gargaaru anaaf kenni!โ€ (Far. 51:12) โ€œแ‹จแˆ›แ‹ณแŠ•แˆ…แŠ• แ‹ฐแˆตแ‰ณ แˆตแŒ แŠแฅ แ‰ แŠฅแˆฝแ‰ณ แˆ˜แŠ•แˆแˆตแˆ แ‹ฐแŒแˆแŠแขโ€ (แˆ˜แ‹ 51แฅ12) ๐Ÿ“Œ Namni tokko daandii gammoojjii lafa homtuu hin jirre irra konkolaataa isaa oofaa jira. Utuu imala irra jiruus akka tasaa jaarsi tokko utuu ba'aa guddaa baatanii adeemanii arge. Kana argee callisee bira darbuu waan hin barbaanneef konkolaataa isaa cina dhaabee namicha waamee isa waliin deemuu akka barbaadu itti hime. Carraan kun abbichatti gammachuun akka itti dhaga'amu godhe, namicha galateeffachaa, kutaa konkolaataa humna guddaa qabu keessa meeshaa isaanii baatanii taa'an. Sana booda odeessuun imala isaanii itti fufu. Akka tasaa konkolaachisaan sun foddaa konkolaataa keessaan ilaalee namichi amma iyyuu miสผa isaa baatee akka adeemu arge. Xumura seenaa kanaa irratti "ba'aa baachuun erga sitti hin hafnee lafa deemi!" kan jedhu ture.  ๐Ÿ‘‰ Waaqayyo cubbuu keenya irraa boqonnaa nuuf kennuuf yommuu nutti dhufu baโ€™aa keenya nurraa kaasuuf jira. Fayyina isaa waliin yommuu nu daawwatu, baโ€™aa cubbuu nurraa lafa kaa'ee gammachuu fi boqonnaa nuuf kennuudha. Kanaaf, gammoojjii lafa onaa keessa utuu jirruu, carraan ulfina qabeessi kun yommuu nuuf kennamu, hafuura eebbaa keessa taanee eebbicha hirmaachuutu nuuf ta'a. Daawit yeroo cubbuun isaa ulfaataa fi yaaddessaa ta'etti Waaqayyo akka isaaf araaramu, boqonnaa akka isaaf kennu yommuu kadhatu, "Gammachuu isa fayyisuu kee keessaa argamu, iddootti anaaf deebisi. Siif abboomamuudhaaf hafuura na gargaaru anaaf kenni!" (Far. 51:12) Eeyyee, Waaqayyo cubbuu irraa nu oolchuu dandaโ€™a. Amaleeffannaa cubbuutiin injifatamnee karaan ittiin bahan yommuu dhibe, inni karaa nutti agarsiisa. Yeroo hundumaa sababa buโ€™aa cubbuutiin yoo gaddine, ayyaana isaatiin gammachuudhaan nu guutuun amala isaati. Kanaaf, fayyinaa fi gammachuu dhugaa yoo barbaanne, amantiidhaan Waaqa araara kanatti haa dhiyaannu. Ayyaana isaatiin nu fayyisa, gammachuu guutuudhaan nu guuta. ๐Ÿ› Kadhannaa: Yaa Waaqa koo, "Gammachuu isa fayyisuu kee keessaa argamu, iddootti anaaf deebisi, siif abboomamuudhaaf hafuura na gargaaru anaaf kenni!" Ameen. ๐Ÿ™ Buddeena jireenyaa ~ MQ Daily Devotional: @Getu_Official "Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"     ๐Ÿ‘‡๐Ÿ’๐Ÿ‘‡๐Ÿ’๐Ÿ‘‡๐ŸŒท๐Ÿ‘‡๐ŸŒท @Singer_Megertu_Official @Kakuu_Studio
Show all...
โค 7๐Ÿฅฐ 7๐Ÿ‘ 1๐Ÿ‘ 1
1Tasaloniiqee 4:4 4 Dhiirri adduma addaan haadha manaa qabaatee qullaa'ummaa fi ulfinatti dhagna isaa eeggachuu haa beeku! @Singer_Megertu_Official @Kakuu_Studio
Show all...
๐Ÿ‘ 10๐Ÿ’ฏ 10โค 2๐Ÿฅฐ 1
๐Ÿ“† Daily Devotional 59 | Spiritual Growth โ•ญโ•โ•โ•โ•โ–ชโ–ชโ–ชโ–ชโ•โ•โ•โ•โ•ฎ โœ… Faarfannaa 51:11 โœ… โ•ฐโ•โ•โ•โ•โ–ชโ–ชโ–ชโ–ชโ•โ•โ•โ•โ•ฏ ๐Ÿ’ Carraan jira, Kutaa 6ffaa         ๐Ÿ“– โ€œFuula kee duraa ana hin balleessin, hafuura kee isa qulqulluus ana duraa hin fudhatin!โ€ (Far. 51:11) โ€œแŠจแŠแ‰ตแˆ… แŠ แ‰ตแŒฃแˆˆแŠแฅ แ‰…แ‹ฑแˆต แˆ˜แŠ•แˆแˆตแˆ…แŠ•แˆ แŠจแŠฅแŠ” แˆ‹แ‹ญ แŠ แ‰ตแ‹แˆฐแ‹ตแ‰ฅแŠแขโ€ (แˆ˜แ‹ 51แฅ11) โœ๏ธ Namni Hafuura Waaqayyoo hin qabne akka farda hin qabamnee ti. Wanta ta'uun, wanta hin taanee waan hin jirreenis qisaasa'ama. Namni hafuura kanaan qabame waan gaarii dogoggora irraa adda baasuu waan hin dandeenyeef yeroo isaa joormaa gatii hin qabneen qisaasessa. Daawit kadhannaa kana keessatti dhimmoota ijoo lama irratti xiyyeeffateera. Waa'ee argamaa fi hafuura Waaqayyoo. "Fuula kee duraa ana hin balleessin, hafuura kee isa qulqulluus ana duraa hin fudhatin!" (Far. 51:11) Argamuu Waaqayyoo keessa eebbatu jira. Wanti ijaan argamu tokkollee yoo dhabame inni nu waliin taanaan gahaadha. Kanaafidha yeroo hundumaa argama isaa hawwinee "Fuula kee duraa ana hin balleessin" jechuu kan qabnuuf. Daawit hafuura Waaqayyoof kadhachuu isaa itti fufe. Hafuurri Qulqulluun kun yoo nu irraa adda baโ€™e qaamni cubbuu keenyaaf nutti murteessu hin jiru, badiin keenyas ni ariifata. Akka kun hin taaneef yeroo hundumaa hafuura Waaqayyoo haa hawwinu. "Hafuura kee isa qulqulluus ana duraa hin fudhatin" jechuudhaan itti haa dhihaannu. ๐Ÿ› Kadhannaa: Yaa Waaqa koo, "Fuula kee duraa ana hin balleessin, hafuura kee isa qulqulluus ana duraa hin fudhatin" Ameen. ๐Ÿ™ Buddeena jireenyaa ~ MQ Daily Devotional: @Getu_Official "Soorata Hafuuraa Guyyaa Guyyaa"     ๐Ÿ‘‡๐Ÿ’๐Ÿ‘‡๐Ÿ’๐Ÿ‘‡๐Ÿ’๐Ÿ‘‡๐Ÿ’ @Singer_Megertu_Official @Kakuu_Studio
Show all...
๐Ÿฅฐ 11๐Ÿ‘ 7โค 2๐ŸŽ‰ 2
Show all...

๐Ÿฅฐ 9๐Ÿ’ฏ 7โค 2
๐Ÿ“† Daily Devotional 58 | Spiritual Growth โ•ญโ•โ•โ•โ•โ–ชโ–ชโ–ชโ–ชโ•โ•โ•โ•โ•ฎ โœ… Fakkeenya. 31:10-30 โœ… โ•ฐโ•โ•โ•โ•โ–ชโ–ชโ–ชโ–ชโ•โ•โ•โ•โ•ฏ ๐Ÿ’ Dubartii Gaariin Eenyuu? Dubartii cimtuu jechuun maal jechuudha? ๐Ÿ“– "Haadha manaa mana ishee qabuu dandeessu, eenyutu argachuu danda'a ree? Isheen callee gati-jabeessa hundumaa irra guddaa in caalti... Simboon nama irraa in darbiti miidhaginnis nama in gowwoomsiti, dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu in jajamti." (Fak. 31:10-31) โœ๏ธ Dubartii cimtuu fi gaarii jechuun maal jechuudha? Akkaataa itti mulโ€™attu, akkaataa itti uffattu yookiin akkaataa itti dibattu, akkaataa itti sochootu yookiin akkaataa itti dubbattu? Waan hojjettu, waan qabdu yookiin waan galmaan geessudha moo? Waan warri kaan sirratti yaadan, wanta warri kaan sirraa eegan yookiin wanta warri kaan sirraa barbaadaniidha? Gaarummaa fi ciminni dubartii wantoota kanaan kan madaalamuu fi tilmaamu miti. Lakkii yaa hiriyoota koo dubartii gaarii fi cimtuu taโ€™uun wantoota kanaan gonkumaa wal hin qabatu. ๐Ÿ‘‰ Dubartii gaarii taโ€™uun eenyu akka taate, maaliif akka iddoo guddaa kennituu fi akkamitti akka jiraattu kan ilaallatuudha. Dubartii gaarii taโ€™uun waaโ€™ee amala kee, qulqullummaa kee fi kaayyoo kee ti. Dubartii gaarii taโ€™uun hariiroo ofii keetii, namoota biroo wajjin, akkasumas Waaqayyoo wajjin qabdudha. Dubartii gaariin nama of jaallattu, of kabajju, of fudhattudha. Gatii ishee, cimina ishee fi dadhabina ishee kan beektu dha. Ofitti amanamummaa kan qabdu, garuu of tuultuu miti. Dubartiin gaariin amala namaaf yaaduu, nama gargaaruu fi nama deeggaruu kan qabdudha. Gara laaftuu, nama nama kabajjuu fi arjaa dha. Isheen amanamtuudha, garaa qulqulluu fi dhugaa qabeettidha. Michuu dhugaa, gara laaftuu fi nama safuu qabdudha. Hunda Kabajuu, hunda dandeessuu fi hunda hammattuudha. Dubartiin gaariin nama abjuun ishee, dandeettii ishee hordoftuu dha. Kalaqaa fi dandeettii kan qabduu fi kaayyoo ishee galmaan gahuudhaaf quuqamaa fi tattaaffii cimaa kan qabdudha. Isheen cimtuu fi buโ€™a qabeettii namaati. Isheen haala jireenyaa kamiyyuu dandamachuu, waa madaaluu fi hubachuuf ija jabina kan qabdudha. Isheen milkaaโ€™inaa fi of fooyyessuuf nama abdii guddaa fi kutannoo qabdudha. Akkasumas yaadaa fi nama ilaalcha gaarii ofii fi nama biroof qabdudha. Dubartiin gaariin nama Waaqayyoon jaalattuudha, Waaqayyoof kan abboomamtuu fi Waaqayyoon kan tajaajiltudha. Isheen nama hafuuraa, naamusaa fi qulqullummaa qabdudha. Isheen Kadhattuu, waaqeffattuu dha. Akkasummas Waaqayyoo isheef amanamtuu, abboomamtuu, bitamtuu, qajeeltuu, qulqulleettii dha. Dubartii gaarii taโ€™uun waan namoota birootiin ibsamuu fi Waan ulaagaa qaama alaatiin madaalamu osoo hin taane, gatii keessa keetiin kan madaalamudha. Waan haalaan daangeffame utuu hin taane, filannoodhaan. Dubartii gaarii taโ€™uu jechuun ofii keetii, abjuu keetii fi fedhii keetiif dhugaa taโ€™uu jechuudha. Kaayyoo kee galmaan gahuuf ija jabina, waa dandamachuu fi cimina qabaachuu jechuudha. Qormaataa fi gufuu karaa irratti si mudachuu malu irra aanuu jechuudha. Dogoggora kee irraa barachuu fi muuxannoo kee guddifachuu jechuudha. Eenyu akka taatee fi waan galmaan geesseen boonuu jechuudha. Dubartii gaarii taโ€™uun namoota biroo, ofii keetii fi hawaasa keetiif gaarummaa qabaachuu jechuudha. Namoota kana barbaadaniif gara laafina, jaalalaa fi kabaja argisiisuu jechuudha. Hawaasa waan baayโ€™ee siif kenneef deebistee waan qabdu kennuu jechuudha. Jijjiiramaa fi fooyyaโ€™iinsaaf humna gaarii qabaachuu jechuudha. Dhaloota dhufuuf fakkeenya taโ€™uu fi gaggeessaa taโ€™uu jechuudha. โœ… Dubartii gaarii taโ€™uun salphaa miti, garuu ni dandaโ€™ama. Hojii cimaa, of kennuu, Of beekuu, ofitti amanamummaa, of jaallachuu gaafata. Mulโ€™ata, kalaqa, dandeettii, madaallii, waa dandaโ€™uu fi nagaa gaafata. Garuu hunda caalaa dubartii gaarii taโ€™uun ofii fi dandeettii keetti amanuu si gaafata. Hiree ofii bocuu fi addunyaa kana irratti jijjiirama fiduuf humna qabaachuu gaafata. Ogummaa, beekumsaa fi hubannoo namoota biroo qajeelchuu fi gorsuu qabaachuu gaafata. Ati dubartii gaarii dha, kana caalaas cimtuu taโ€™uu dandeessa. ๐Ÿ‘‡๐Ÿ’๐Ÿ‘‡๐Ÿ’๐Ÿ‘‡๐Ÿ’๐Ÿ‘‡๐Ÿ’ @Singer_Megertu_Official @Kakuu_Studio @Getu_Official
Show all...
๐Ÿฅฐ 9๐Ÿ‘ 7โค 4
BARA HAARAA ๐ŸŒป๐ŸŒท YAADA HAARAA ๐ŸŒป๐ŸŒท ---- ๐ŸŒท2017๐ŸŒท--- โ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌโ–ฌ ๐ŸŒป Barri haaraan bara nagaa, jaalala, tokkummaa fi waliif yaaduu nuuf haa ta'u. Kan beela'e yeroo itti nyaatu, kan dheebote yeroo itti dhugu, Kan daare, yeroo itti uffatu, kan dhukkubsate yeroo itti fayyu, kan hidhame yeroo itti hiikkatu, qomoo fi sanyii yeroo itti gargar hin qoodne, yeroo itti uumaa keenyaaf galata dhiheessinu, namootaaf kabaja, jaalala, tokkummaa, fayyaa, nagaa, Waaqa waliin taanee yeroo itti yaadnu, ana qofatu beeka yaada jedhu keessaa baanee, nama kabajamaa fakkeenya Waaqayyootiin uumameef yeroo itti yaadnu, ๐ŸŒป Nagaa biyya keenyaaf garaa dhiphatuu fi sammuu yaadu bara itti qabaannu nuuf haa ta'u! ๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐ŸŒป Waaqayyo biyya Biyya keenyaa fi ummata ishee haa eebbisu. ๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐Ÿ™ @Singer_Megertu_Official @Kakuu_Studio @Getu_Official @Gaaela_Gaarii @Marriage_Counseling ๐ŸŒป แŠ แ‹ฒแˆฑ แŠ แˆ˜แ‰ต แ‹จแˆฐแˆ‹แˆ: แ‹จแแ‰…แˆญ: แ‹จแŠ แŠ•แ‹ตแŠแ‰ต: แ‹จแˆ˜แ‰ฐแˆณแˆฐแ‰ฅ: แ‹˜แˆ˜แŠ• แ‹ซแ‹ตแˆญแŒแˆแŠ•แข แ‹จแ‰ฐแˆซแ‰ : แ‹จแˆšแ‰ แˆ‹แ‰ แ‰ต แ‹จแ‰ฐแŒ แˆ›: แ‹จแˆšแŒ แŒฃแ‰ แ‰ต แ‹จแ‰ แˆจแ‹ฐแ‹: แ‹จแˆšแˆˆแ‰ฅแˆตแ‰ แ‰ต แ‹จแ‰ณแˆ˜แˆ˜แ‹: แ‹จแˆšแ‹ตแŠ•แ‰ แ‰ต แ‹จแ‰ณแˆฐแˆจแ‹: แ‹จแˆšแˆแ‰ณแ‰ แ‰ต แ‹˜แˆญแŠ“ แ‰€แˆˆแˆ: แ‹จแˆ›แŠ•แˆˆแ‹ญแ‰ แ‰ต แˆˆแˆแŒฃแˆช แˆแˆตแŒ‹แŠ“: แ‹จแˆแŠ“แ‰€แˆญแ‰ฅแ‰ แ‰ต แˆˆแˆฐแ‹ แˆแŒ… แŠญแ‰ฅแˆญแฃแแ‰…แˆญแฃแŠ แŠ•แ‹ตแŠแ‰ตแฃแˆฐแˆ‹แˆแŠ“ แŒคแŠ•แŠแ‰ต แŠจแˆแŒฃแˆช แŒ‹แˆญ แˆ†แŠแŠ• แ‹จแˆแŠ“แˆตแ‰ฅแ‰ แ‰ต แŠฅแŠ“ แŠฅแŠ” แ‰ฅแ‰ป แŠ แ‹แ‰ƒแˆˆแ‹ แ‰ฅแˆŽ แŠจแˆ›แˆฐแ‰ฅ แ‹ˆแŒฅแ‰ฐแŠ• แˆแŒฃแˆช แ‰ แŠ แˆแˆณแˆ‰ แˆˆแˆแŒ แˆจแ‹ แŠญแ‰กแˆญ แˆˆแˆ†แŠแ‹ แˆˆแˆฐแ‹ แˆแŒ… แ‹จแˆแŠ“แˆตแ‰ฅแ‰ แ‰ต ๐ŸŒป แˆˆแˆƒแŒˆแˆซแ‰ฝแŠ• แˆฐแˆ‹แˆ แ‹จแˆแŠ•แŒจแŠแ‰…แ‰ แ‰ต แ‹จแˆแŠ“แˆตแ‰ฅแ‰ แ‰ต แˆแ‰ฅ แ‹จแˆšแˆฐแŒ แŠ• แ‹˜แˆ˜แŠ• แ‹ญแˆแŠ•แข แŠญแ‰ฅแˆญ แˆˆแˆƒแŒˆแˆซแ‰ฝแŠ•๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น๐ŸŒป แŠฅแŒแ‹šแŠ แ‰ฅแˆ”แˆญ แˆƒแŒˆแˆซแ‰ฝแŠ• แŠขแ‰ตแ‹ญแŒตแ‹ซแŠ• แŠ“ แˆ…แ‹แ‰ฆแ‰ฟแŠ• แŠ แ‰ฅแ‹แ‰ถ แ‹ญแ‰ฃแˆญแŠญ แข ๐Ÿ™ ๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป ๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ ๐ŸŒป2017๐ŸŒปแˆ˜แˆแŠซแˆ๐ŸŒปแŠ แ‹ฒแˆต แŠ แˆ˜แ‰ต๐ŸŒป             ๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป      แˆ˜แˆแŠซแˆ๐ŸŒปแŠ แ‹ฒแˆตแ‹“ แˆ˜แ‰ต   แˆ˜แˆแŠซแˆ๐ŸŒป     แŠ ๐ŸŒปแ‹ฒ๐ŸŒปแˆต แˆ˜แˆแŠซแˆ ๐ŸŒป        แ‹“๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแ‰ต แˆˆแ‹ˆแ‹ณแŒ„ ๐ŸŒป          แ‹“๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแ‰ต ๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป        แŠ ๐ŸŒปแ‹ฒ๐ŸŒปแˆต                          แ‹“๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแ‰ต                        แŠ ๐ŸŒปแ‹ฒ๐ŸŒปแˆต                      แŠ ๐ŸŒปแ‹ฒ๐ŸŒปแˆต                    แ‹“๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแ‰ต                  แŠ ๐ŸŒปแ‹ฒ๐ŸŒปแˆต             แ‹“๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแ‰ต         แŠ ๐ŸŒปแ‹ฒ๐ŸŒปแˆต       แ‹“๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแ‰ต    แŠ ๐ŸŒปแ‹ฒ๐ŸŒปแˆต แ‹“๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแ‰ต               ๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป ๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแˆ ๐ŸŒปแŠซ๐ŸŒปแˆ๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป ๐ŸŒปแŠ ๐ŸŒปแ‹ฒ๐ŸŒปแˆต๐ŸŒปแ‹“๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแ‰ต ๐ŸŒป             ๐ŸŒป   ๐ŸŒป   ๐ŸŒป       ๐ŸŒปแˆ˜แˆ๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒปแŠซแˆ๐ŸŒป   แŠ ๐ŸŒปแ‹ฒ๐ŸŒปแˆต          แ‹“๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแ‰ต แŠ ๐ŸŒปแ‹ฒ๐ŸŒปแˆต            แ‹“๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแ‰ต แŠ ๐ŸŒปแ‹ฒ๐ŸŒปแˆต              แ‹“๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแ‰ต แŠ ๐ŸŒปแ‹ฒ๐ŸŒปแˆต              แ‹“๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแ‰ต แŠ ๐ŸŒปแ‹ฒ๐ŸŒปแˆต              แ‹“๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแ‰ต แŠ ๐ŸŒปแ‹ฒ๐ŸŒปแˆต              แ‹“๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแ‰ต แŠ ๐ŸŒปแ‹ฒ๐ŸŒปแˆต              แ‹“๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแ‰ต แŠ ๐ŸŒปแ‹ฒ๐ŸŒปแˆต            แ‹“๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแ‰ต   แŠ ๐ŸŒปแ‹ฒ๐ŸŒปแˆต          แ‹“๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแ‰ต        ๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแˆ๐ŸŒปแŠซ๐ŸŒปแˆ๐ŸŒป              ๐ŸŒป  ๐ŸŒป  ๐ŸŒป                                      ๐ŸŒป๐ŸŒปแŠ แ‹ฒแˆต            ๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒปแŠ แˆ˜แ‰ต         ๐ŸŒป๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแˆแŠซแˆ    ๐ŸŒป๐ŸŒปแŠ แ‹ฒแˆต๐ŸŒปแ‹“แˆ˜แ‰ต             แŠ แ‹ฒแˆต๐ŸŒปแ‹“แˆ˜แ‰ต             แŠ แ‹ฒแˆต๐ŸŒปแ‹“แˆ˜แ‰ต             แŠ แ‹ฒแˆต๐ŸŒปแ‹“แˆ˜แ‰ต             แŠ แ‹ฒแˆต๐ŸŒปแ‹“แˆ˜แ‰ต             แŠ แ‹ฒแˆต๐ŸŒปแ‹“แˆ˜แ‰ต             แŠ แ‹ฒแˆต๐ŸŒปแ‹“แˆ˜แ‰ต             แŠ แ‹ฒแˆต๐ŸŒปแ‹“แˆ˜แ‰ต             แŠ แ‹ฒแˆต๐ŸŒปแ‹“แˆ˜แ‰ต             แŠ แ‹ฒแˆต๐ŸŒปแ‹“แˆ˜แ‰ต             แŠ แ‹ฒแˆต๐ŸŒปแ‹“แˆ˜แ‰ต   ๐ŸŒปแˆ˜แˆแŠซแˆ ๐ŸŒป แŠ แ‹ฒแˆตแ‹“แˆ˜แ‰ต   ๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป    แŠ แ‹ฒแˆตแ‹“แˆ˜แ‰ต๐ŸŒปแˆˆแ‹ˆแ‹ณแŒ„๐ŸŒป๐ŸŒป   ๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป ๐ŸŒบ แ‹ญ๐ŸŒปแˆ…๐ŸŒป๐ŸŒปแŠ ๐ŸŒปแˆ˜๐ŸŒปแ‰ต๐ŸŒป๐ŸŒผ แ‹จ๐ŸŒปแˆฐ๐ŸŒปแˆ‹๐ŸŒปแˆ๐ŸŒป๐ŸŒปแŠ แˆ˜แ‰ต๐ŸŒป๐ŸŒท แ‹จ๐ŸŒปแ๐ŸŒปแ‰…๐ŸŒปแˆญ ๐ŸŒป๐ŸŒปแŠ แˆ˜แ‰ต๐ŸŒป๐ŸŒท                                แ‹จ๐ŸŒปแˆžแŒˆแˆต ๐ŸŒป                                        แ‹จ๐ŸŒปแŠญแ‰ฅแˆญ  ๐ŸŒป                                     แ‹จ๐ŸŒปแˆนแˆ˜แ‰ต๐ŸŒป                           แ‹จ๐ŸŒปแ‰ณแˆ‹แ‰…แŠแ‰ต๐ŸŒป                                     ๐ŸŒปแ‹“แˆ˜แ‰ต ๐ŸŒป                ๐ŸŒป๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒป               ๐ŸŒป แ‹ญ แˆ แŠ• แˆ‹ แ‰ฝ แˆ   ๐ŸŒป                ๐ŸŒป๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒป                                  ๐ŸŒปแ‹จแ‰ แˆจแŠจแ‰ต ๐ŸŒป                        ๐ŸŒปแ‹จแˆนแˆ˜แ‰ต ๐ŸŒป                       ๐ŸŒปแ‹จแˆแˆญแ‰ƒแ‰ต๐ŸŒป                      ๐ŸŒปแ‹จแˆ˜แŒแ‹›แ‰ต๐ŸŒป                    ๐ŸŒปแ‹จแŠจแแ‰ณ ๐ŸŒท๐ŸŒป                    ๐ŸŒปแ‹“แˆ˜แ‰ต ๐ŸŒท๐ŸŒป                   ๐ŸŒป แ‹ญแˆแŠ• ๐ŸŒป๐ŸŒป                   ๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒป                    ๐ŸŒป๐ŸŒป๐ŸŒผ๐ŸŒผ๐ŸŒผ @Singer_Megertu_Official @Kakuu_Studio @Getu_Official @Gaaela_Gaarii @Marriage_Counseling
Show all...
๐Ÿฅฐ 6โค 5๐Ÿ‘ 3๐Ÿ’ฏ 3๐Ÿ‘ 1๐ŸŽ‰ 1
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.