cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

BURQAA JALAALA ❤

Waa'ee jalaala wal qabaatu argaachuu barbaadaan yoo ta'ee channel kanati makama

Show more
Advertising posts
1 250
Subscribers
+524 hours
+397 days
+15330 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Dhiira heerumte!😆 Qoosaafi barreeffama bareedaa haala yeroo wajjiin wal-qabatu! Hiriyaa keenya tokkootu gaafaan ani  barumsaaf bakka biraa ture fuudhe. Yeroo sanitti akkuma nama isarraa fagoo jiruttiin bilbilaan baga gammadde jedheen. Gidduu kana immoo eega boqoonnaaf dhufne isaas baga jaaramte jennee gaafachuuf hiriyoota koo waliin mana isaa deemne. Jaartiin isaa madaba jimaa qabdi mana hin ooltu. Ganama eega baate galgala galti. Isumaatu mana keessa oola. Isa qofaatu guyyaa mana keessa oola waan ta'eef hojjettuu isarraa shakkiti hin qaban. Waan hojjettuun silaa gootu hunda isaatu hojjechaa oola. Ilmorraa daayperiis jijjiireeti, Aannaniis bitee damfisee, waan akka kasalaatiis qabsiisee, shiishaas dhiheeysee hanga isiin dalagaarraa galtu eega.😥 Isiin hoggaa dhufte waa nyaaatteetuma fuwaa jettee qamaati. San booda maalif waan akkanaa hin godhini, osoo ati eeysa jirtuuti re'een kushiinaa seentee qibaaba/ Eelee cabsite jetteefaa loltiin.🤭 Osoo qama'u jirtuu yoo ilmoon iyyitees isaatu sossoba. Kana hunda hoggaan arke booda niin rifadhe! Hiriyaa koo akkanatti arkuurra osoon dhufubaadhe jedheen gaabbe. Osoon hin dhufu ta'e kana hunda argee garaan nan badu ture. Gammachuu fuudha isa maaliin qooddachuuf dhaqe ree? dhukkubbiin fudhachuuf dhaqe. Maalumaaf dhiira na gootafaa si jechisiifti gaafa waan akkanaa agartu. Lakkaan nama keenya gabrummaa hamtuu dhalaatu gabroomsaa jira. Gabrummaa xixiqqoon tuni yoo hin furamne abadan wanni nuuf dabartu hin jirtu. Isa qofaamiti ammatti namoonni hedduun rakkina akkanaa keessa jiraachu dandahan. Kan akkanumatti ittiin du'ees beeki numa jira. Nama keenyaahu rakkina keessaa Rabbummaan haa baasu wly! Kunoo har'a osoon qama'u jiruutiin Sprite  bitachuuf akkumaan gad bahetti " Yaabo bar gaa Abeluu tokko jaartiitu hiike"🤣 Haawwan ( Dhalaa) akkana waliin jettu dhagahe. Isheen takka immoo hedduu rifatte fakkaatti sagalee nama rifatee takkaan "Saaroo teenyaa amma dhugumaan hiitee?"😥 Jettee gaafatte. Taanis "Ee bar dhugumaan hiitee,manaahis firraa  baafte" jetteen.😁 Isheen biraa takkaas way, yay,way,....... jetteeti harka waliin rukuttee,👏 "Bultii isaanii oowwituu; ta namni alaahuu hawwuuf san maalumaatu gidduu seenee isaan diige? Ilmni namaa ciisa waliif hin qabu kaa" jette.😁😄 Aayyoon tun waan inni keessa ture osoo beekte abidda kana keessaa bahuu isaatiif hin gadditu ture. Hiriyaa koo jaartiin hiikuu dhagahuu kootitti wly hedduu takkaan gammade!😁 Wantootaan silaa abdii kutadhefaan lakki tuniis numa furamtii je'ee kana arkuu kootiif abdii godhadhe! Rakkinoota addaa addaa kan namoonni keenya keessa jiran, kan nuti hin beekne hunda YAA RABBI ATI NI AGARTAA KEESSAA BAASI! Ani waa malee kana hin jenne hojiin Rabbii tun dinqiidha. Noomotuma rakkinoota kana hunda dandahe, obsee jiraachaa turefaatu; kunoo miidiyaa hawaasaa kana gubbaa Dogoggoroota namoonni tokko tokko tarii beekkumsa dhabaaf godhan. Tarii osoo hin beekiniis godhuu dandahan kanumaaf immoo obsee rakkinoota akkanaa kanafaa nu wajjiin furuu dhiiseeti waan biraatitti nu jalaa jijjiiraa jira. Summii facaasaa jira. Namuma Gabrummaa akkasii hamtuu san dabarsefaatu amma as gubbaatti dogoggoroota xixiqqaa obsuu dadhabe duba! Nan qabinaa jecha jechaa jira.😆 Ani waaniin isiniin je'u hin qabu. Waan biraatillee yoo godhuu dadhabdan waanuma dhufe hunda daftanii yaada irratti hin kenniinaa. Dhabbaadhaati ilaalaa. Namoota waanuma hunda fuudhee fiiguun akka itti fokkotu gaafas ni agartan. San booda yaada keessan kennadhaa. Waanuma namni jedhu hundaas hin amaninaa! Nama of ta'u kan waa baruuf tattaafatu nuhaa taasisu! ©️Murad Bedasoti.
Show all...
👍 1
Waa sadii dubartii gosa sadii hin fudhin: 1. Ta sirra beekkumsa qabdu. Beekkumsa fedhe haa tahu ka amantiitis tahu sirra beeynaan jireenyi kee ulfaataadha. Isii dhagayuu qabda hoggaa hunda sirra waan beeytuuf mataa si naanneeysiti. Dubartiin osoo humaa hin beeyneehu waa hunda ni beeyti gaafa si caalaa waa beeyte garuu ati humaa hin beeytu zeeroodha. 2. Dubartii Jaahilaa fajaajaa hin fudhin. Ati abbaa isii hin taane sirraa hin barattu, tiktok faa yoo fayyadamte beeytuu adunyaa tokkoffaa if seeti, keeysattuu beekkamtu akka joollee misraa yoo taate wallaalli namummaa fii hayaa irraa fuudhee fajaajoytee jirti. Irraa fagaadhu. 3. Dubartii faasiqa si dura dhiira wajji laaqqachuu barte hin fuudhin. Suni foolee dhiira hedduu barte, meeshaas gosa hedduu garte, hoggaa hunda ka gaafa kaanii saniitu isarra wayya jettee yaaddi gaafa sheeyxaanni isii itti dhufe. Boqonnaa sammuu hin qabdu isii wajjiin Tam fuuta duuba: dubartii beekkumsa amantii fii kaanis hanga tokko qabdu ykn si wajjiin qixa qabdu yoo taate hamtuu miti. Ati dhiirummaa Rabbi siif kenneen beekkumsaan wal qixas taatan isii hogganta. Dubartii siin hogganamuuf qophii hin tahan wal qixa beekkumsa qabaattanis hin fuudhin osoo doolaara miliyoona siif kennites. Jafer Beyan
Show all...
1
Nama wayta ati laafte harka qabee ol si kaase santu dhugaa sirraa qaba.Nama 1000 guyyaa eebba keetii harka siif dhahu san caalaa, nama tokko kan wayta ati mucucaatte harka qabee ol si kaase santu siif caala.. #Itti_Yaadi👍
Show all...
1
Ijoolleen shamarranii 🙆 osoo dargaggoonni/dhiironni👥 akkamitti akka isin ilaalan arganii...., silaa qaama isaanii uffataa mitii #sibiilaan haguuggattan ture....!😂😂😂😂 Yeroo gaarii Na Waliin✌️
Show all...
Namichatuu  jedhanii mana dhugaati dhaqeetu utuu dhuguun jalqabiin  dura booda nan irranfadhaa nagaan bulaa jedhe jedhanii 😁
Show all...
Xiyyaara yaadaa yaabee Qilleensarran barrisa Jibbaaf jaalala ta'ee Naaf hin galle akkisaa Halkan waarii walakkaa Suura keen ka'ee ilaala Lakki kuni jibba mitii Dhugaa Waaqaa jaalala Gaafan ijaan si argu Miira gammachuun qaba Yoon sagalee kee dhabu Anis hamileen dhaba Jaalala koo naaf barii Yaada koo naaf hubadhu Argitee hin callisin Waan garaa kee dubbadhu Magaaltittii Oromoo Qal'oo durba maccaa Eessa jirta garami? Dhufeera si barbaacha Abdurahamaan 🖌#share
Show all...
3👎 1
....    DHALOOTA QUBEE    .... 📄 Dhaloota Qubee jechuun dhaloota waa dubbisu. - ✍ Dhaloota Qubee jechuun dhaloota waa barreessu. - Dhaloota Qubee jechuun dhaloota taatee hundarraa waa baratu. 📒 Dhaloota Qubee jechuun dhaloota waa baratee barsiisu - 📂 Dhaloota Qubee jechuun dhaloota seenaa dabre baratee, seenaa haaraa galmeessee dhaloota itti aanu dhaalchisu. Dhaloota qubee jechuun hiika baayyee qaba - Kanaafu bara dhaloonni qubee itti dagaage kana keessatti seenaa gadhee hin hojjetin; bara dhaloonni seenaa galmeessu guute kanatti atimmoo seenaa hin balleessin ✊Nuti dhaloota qubeeti !!!!!
Show all...
3
Mirga hin qabdu! Egaa maalin godha? Atoo abdiidda gabbifattee Ana harkaa lakkifatte Utubaa dhaabbattee Mana ijaarratte Erga gootee na yaadattee? Eessa kaa'uuf na waammatte? Egaa maalin godhaa Manan si diigsisaa Niitiin si hiiksisaa? Moo abidda ati qaammattuuf, aara ta'een sirra lo'aa Bakka uffata halkanii, na uffattaan sitti hoo'aa? Moo tafkii ta'ee kofa kee keessan soofadhaa Akka hantuutaa, mana keen boolla qotadhaa? Mee maal godhu? Nama nu arge hunda duratti ana haaltaa Silaa ofiifuu mirga hin qabdu, maaf na waamta?
Show all...
1
Ani... Onnee-kootu si-fedhaayyun, si-araada Ati... Qalbii-keetu shan hawwaayyu, ala yaada Ani... Hidhaa sirraa hiikuuf jechan, fala fala Ati... Hiikoo hin-beektu; arrabni-kee gubaa dhala Ta'us... Hiikoo hin-beektuuf, sirraan siiqu Jaalala-kee laga buusee, ofirraa hin-dhiqu Caba-kiyya dhidhibbachaa, sittan siqa Si-dhuunfachuuf, yeroo hunda siifan seeqa ✍️ Sanyii Gammadaa @Wal
Show all...
1
Uf duuba deebitee jalqaba kee jijjiiruu hin dandeessu, garuu bakka amma irra jirtu irraa kaatee xumura kee jijjiiruu ni dandeessa.....!!
Show all...
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.