#Bishaan- bu'uura jireenya lubbu qabeeyyii maraa!
======
#BBIO-Fulbaana 1/bara 2017, Finfinnee)- Bishaan jireenya lubbu qabeeyyii maraaf bu’uura. Ilmi namaa wayita dhalatus ta’e wayita addunyaa kanarraa godaanu bishaan fayyadama. Wantoota jiruuf jireenya ilma namaa keessatti murteessaa ta’an nyaata, uffata/huccuufi mana jireenyaa akka ta’e ol ka’ee himama.
Nyaata: Nyaanni jireenyaaf bu’uura. Nyaata madaalawaa nyaachuun fayyaafi guddinaaf murteessaadha
Uffata: Uffanni qaama keenya qilleensa, ho’aa, fi qorraa irraa eeguuf murteessaadha.
Mana Jireenyaa: Mana jireenyaa qabaachuun nageenya, tasgabbiifi boqonnaa argachuuf murteessaadha. Manneen jireenyaa bakka itti boqonnaa argannu, nyaannu, fi jireenya keenya keessatti hojiiwwan adda addaa raawwannu dha.
Wantoota kanaan ala, jireenya keessatti nageenyi, fayyaan, barnoonni, fi hawaasni jireenya gaarii jiraachuuf murteessaadha.
Haata’u malee Bishaan malee nyaanni eessaa dhufa? Bishaan malee waantoonni nyaataf, uffannaafis ta’ee mana itti jiraannu horachuuf nu gargaaran eessaa argamu? Ilma namaa dabalatee lubbu qabeeyyiin lafa kanarratti uumaman bishaan malee jiraatuu?
Uumama uumaan nu badhaase heddu keessaa bishaan kan gahu hin jiru. Lubbu qabeeyyii kamiifu bishaan murteessaadha. Kanaaf #bishaan_lubbuudha” kan jedhamuufi.
Uumamuu lubbu qabeeyyii maraafuu bishaan isa duraa ta’uu irratti yoo waliigalle wantoota jireenya ilma namaatiif bu’uura jennee tarreessine keessaa bishaan ta’uu waan dagatame fakkaata. Nyaata keessatti kan ramadamu yoo ta’es faayidaafi barbaachisummaa bishaanii waan xiqqeessine fakkaata.
Bishaan malee nyaanni, uffanni, manni jireenyaa, misoomnifi guddinni kamuu hin jiru. Bishaan dhugaatiifi nyaataaf, qulqulliinaaf, oomisha qonnaatiif, turiizimiif, miidhaginaaf, ijaarsaaf, walumaagalatti jiruufi jireenya keenya keessatti gita ittiin dorgomu hin qabu.
Kanaafi fedhiin bu’uuraalee misoomaa inni sadarkaa duraatti ummanni barbaadu keessaa inni tokko Bishaan dhugaatii kan ta’eef.
Fedhiifi gaaffiin dhiheessii tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu hawaasni keenya qabu yeroo ammaa sadrkaa olaanaan dabalaa dhufeera. Mootummaan fedhiifi gaaffii kana keessummeessuuf hojii bal’aa hojjechaa tureera, ammas xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjechaa jira.
Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Qabeenya bishaanii fi Inarjii naannoon keenya qabu qorannoon adda baasuu, kunuunsuu fi bulchuu, bishaan dhugaatii qulqulluu, gahaafi itti fufiinsa qabu hawaasaaf dhiyeessuu, sirna bulchiinsa iskiimotaa hammayyeessuu akkasumas misooma inarjii babal’isuun guddina hawaas-dinagdee naannichaa mirkaneessuuf hojii bal’aa hojjechaa jira.
Ergamootaafi kaayyoo gurguddoo milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiru keessaa tokko bishaan dhugaatii qulqulluu, gahaafi itti fufiinsa qabu hawaasaaf dhiheessuun fayyadamummaasaa mirkaneessudha.
Bu’uuruma kanaan Imaammataafi tarsiimoo bulchiinsa qabeenya bishaanii hojiirra oolchuufi sirna kenniinsa tajaajila bishaan dhugaatiifi dhangala’aa hammayyaa’aa, dhaqqabamaafi si’ataa ta’e diriirsuun hojii bal'aa hojjechaa jira.
Kenniinsa tajaajila bishaan dhugaatiifi dhangala’aa keessatti qorannoo irraa eegalee sadarkaa hundatti hirmaannaan kallattii itti fayyadamtootaa akka jiraatuufi dhaabbileen yookiin waldaaleen tajaajila bishaan dhugaatiifi dhangala’aa haala haqa qabeessaafi ittifufiinsa qabuun tajaajila akka kennan taasisuun waan barbaachiseef Labsiin Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’aa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe, Lakkoofsi 228/2012 baasee hojiirra oolcheera.
Akkaataa lambsii kanaatiin Hawaasni dhaabbilee yookiin waldaalee tajaajila bishaanii magaalaafi baadiyyaa abbummaadhaan akka bulchuufi dhaabbileen yookiin waldaaleen kunis of danda’anii akka bulan tooftaa dandeessisu diriirsuun dhiyeessiin bishaan dhugaatii amansiisaafi ittifufiinsa akka qabaatu taasisuuf caasaa ittigaafatamummaa qabu diriirsuufi gurmaa’insa isaanii sirreessuun barbaachisaa ta’uun tumameera.