Walaloo Jaalala ❣️
196
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
- Subscribers
- Post coverage
- ER - engagement ratio
Data loading in progress...
Subscriber growth rate
Data loading in progress...
simbooko siin jedhen
gad taahe siif katabe
kan akkake hin jirtu
qixxe kanken dhabe
ilaame kennaako
simbo qabeetti nama
ati naaf qooda kooti
kennaako ganama
qixxe naaf hin qabdu
tokke caaltu kuma
ati naaf gaheedha
bar qoodiko suma
tokkittin onneeko
isheen mararfadhu
maqaamake waamti
yeroon dhaggeefadhu
qillensi an fudhe
deebihee gad baasu
qubeewwan maqaake
dura duuban asaasu
seelin dhiiga kooti
hidda keessa yaa'u
Maqaamake waamu
waaheke haasa'u
dhaahannan onneeko
inni dhikkifatu
ribuuwwan qaamakos
waaheke dubbatu
walalo uumani
maqaake faarfatu
gaaffi deebi dhabeef
boohani irqinfatu
anis kana ilaalen
kennaako sin jedhe
hunda keessa file
Koo tahuke fedhe
egaan akka gootu
kottu waliif galla
ati qooda kooti
nu lachu waliin tolla
qalbiikoko miidhamef
kotuu naaf birmadhu
onneeko miidhamte
jaalalan wallannadhu
gaaffi jaalalakoof
deebi quubsa tahi
si jaallacha sin dhabu
xiqooshe naaf nahi
@SanyiiOfii🙏
ESAA JIRTAA?
Essaa jirtaa shaggee
Mucaa warraa buunnoo
Anoo garaan mureem
Dhufaati keen egaa
Intaala ormoo sanyii
Boraanticha yoon
Jedhes dabaallee
Sanyii warraa mootii
Dhugaan si jaaladhaa
Ati baadhasaa kooti
Asiin jiraa jedhi ol
Fudhuu sagaalee
Dhugaa jirtuu himii
Maal tatee jaalallee
Moo maaltu si argatte
Maaf na yaadessitaa
An jaalatta kee sammuu
Baalleessitaa............
Yaa Allaattii nan kan
Saammii baarriistuu
Ergaa koo futtee maa
Maaf na qaaqabsistuu?
Moo atis akkuma nama
Futtee waadaa nyaata
Ergaa koo futtee karaati
Haambiftaa moo birumaan
Na gessaa Imaana kee baata
@SanyiiOfii
Gargar fagaanne kunoo
Dugdaaf garaa taanee
Nutti dhiiftee deemte atisoo
Seenaa garaan baanee
-
Achi buuteenkee dhabamee
Akka miila Bakar Waaree
Bareedditti Hawaas gamaa
Wal jaalacha wal dhabnaaree
Nattimii teessoon kee
Ciroo moo Awadaayii
Si dhabee hin jiraadhuu
Wallaahii Billaahii ❣️
Jedhe haceen koo yuu
@BySanyiiOfii
Dadhabbii koon boqottee
Narra osoo jiraattee
Lafee kootti hirkattee
Foon koo osoo nyaattee
Dhukkubbii hin himadhu
Dadhabbii koo hin himu
Si'iif miidhamuun koo
Si dhabuurra hin cimu
Garuu...
Naaf jiraachuun hafee
Naan jiraachus diddee
Foon koo ofii hin nyaanne
Balleessudhaaf waadde
Kolfa koo gadditee
Gadda koo gammadde
Imimmaan koon sirbuuf
Rakkoo koon ragadde!
Firooma kee fedhee
Si'iif of ko'oomsee
Mootummaa keen buluuf
Innin of gabroomse
Caba koof fayya kee
Kolfa koof gaddakee
Walitti firoomsee!
@SanyiiOfii
Utuu naf danda'aamee
Si liqimsuufaan yaalaa
Nadhiin gorora keetiis
Nadhii dammaa caalaa
Eessaan si argaree
Atoo mana hin baatuu
Anoo jaalala keef jedhee
Qaatan ta'ee maraatuu
Isa uffata malee jiraatuu..!
Adaraa naan dhamasiin
Nama sammuu dhabee
Adaraa naan taasisiin
Simbira baalleen cabee..
@SanyiiOfii
👍 1
kuullee koo
Kuullee koo bareedduu
Mucaa warraa buunnoo
Naatoo fuula keeti
Nama hundaatu hawwaa
Bareedduu umaamaa
Mucaa warraa jimmaa
Waa'ee midhaagaa kee
Biyyaa hundaati himaa
Simboo Qabeetii koo
Kuullee ija kuullaa
Si yaaden dhiphaadha
Yaadni koos nan guula
@SanyiiOfii
Photo unavailableShow in Telegram
Bineensi kaabaa sun
Bulguu sanyiin bulguu
Raamadaana eegee
Qurciin dhiiga dhugu
Yeroo Soomni seenu
Baatiin Raamadaanaa
Walloo daguun cabsuuf
Barumaan waraana.
Keenya immo gowwaan
Afaaniin qabsaa’aa
Miidiyaarra taa’ee
Du’a walloo lakkaa’a.
Yookaan gamtaan ka’ee
Walloodhaa hin birmatu
Miidiyaarraa qofa
Kan inni dubbatu.
#Garuu,
Walloon Oromoodha
Oromoonis Walloo
Maaf ustee ilaaltaree
Qeerroon Afran Qalloo?
Maccaaf Tuulamarraa
Gujiif Booranarraa
Ituuf Humbaanaarraa
Sikkoofi Mandoorraa
Wal faana utuu Oromoon
Walloodhaaf birmatee
Gadheen Silaa hin loltu
Walloo Waloon hidhate.
Suuraa Qofa maxxansuun
Walloof bu’aa hin buusu
Burmannee ha qolannu
Waraabessa kaabaa
Qumxaa uffatee yuusu.
✍️.. @Sanyii _Ofii
Guddaa galatooma!
👇👇
https://www.tiktok.com/@b Sanyii Ofii
👇
https://t.me/Jaalalee
👍 1🔥 1
Jalaalii qoosaa hin
Beekuu maliif qostaa
Damme Koo
Akkan marachaa jiruu
Kootuu ilalii laphee Koo
🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤
Maliif na gurachesitte
Jalaalaa dhugaaf haqaa
Yoo ati dëmtëé esumaa
Abbaa koon dhaqaa
🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤
Lubbu koo sin jedhuu
Hoggantuu laphee Koo
Ishee qamaa gubbaa
Bayyen si jalaadhaa
Lokoo shaxxee durbaa
🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤
Ergaan gaf si argee imon
Sif dawalee yaddoon
Jalaalaa kee dhufee
Na jalqaabe
🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤🖤
Kanaafaan baresee si ka'e
Dhamsaa kee atis na jaladhuu
Si ta'a jarsaa kee
💔💔💔💔💔💔💔💔💔💔
Iñafä dhîísíí
#SanyiiOfii✍️
Choose a Different Plan
Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.