Gaafii maalif gara Kaâabaah gara galtanii salaattan jedhu qabxiiwwan armaan gadii kanneen jalatti ilaaluu dandeenya.
âªQABXII TOKKOFFAA
ââºRabbiin Waan Nu Ajajeefi:-
Eyyeen! Nuti gara Kaaâbaa Gara gallee kan salaannu fedhii lubbuu keenyaa irratti hundoofnee yookiin immoo Rabbiin kallattii tokko qofatti waan argamuuf osoo hin taane, Rabbii keenya Allaahaan gara Kaaâbaa gara gala Salaataa jedhee waan nu Abboomeef/nu Ajajeefi dha. Ajaja Allaahaa hojjechuun yookiin hojii irra oolchuun immoo Dirqama filannoo hin qabnee dha. Salaata kan salaatnu yookiin sagadnu waan Allaahaan itti nu ajajeefi akkuma jennu; Akkamitti Salaatna? Gaafii jedhuufis deebii kan taâu, Akkuma Allaahaan itti nu ajajetti kan jedhuu dha. Rabbiin keenya kan nuti salaatnuuf Allaahaan Iddoo jirru kamiyyuuttuu salaatni yoo nutty gaâe kallattii gara qiblaa (kallattii salaataa) gara galuu akka qabnu akkana jechuun nu ajaja:-
.
ÙÙÙ
ÙÙÙ ØÙÙÙØ«Ù Ø®ÙرÙجÙت٠ÙÙÙÙÙÙÙ ÙÙجÙÙÙÙÙ ØŽÙØ·Ùر٠اÙÙÙ
ÙسÙجÙد٠اÙÙØÙرÙاÙ
Ù ÙÙØ¥ÙÙÙÙÙÙ ÙÙÙÙØÙÙÙÙ Ù
Ù٠رÙÙØšÙÙÙÙ ÙÙÙ
Ùا اÙÙÙÙÙÙ ØšÙغÙاÙÙÙ٠عÙÙ
ÙÙا تÙعÙÙ
ÙÙÙÙÙÙ
«Iddoo (imalaaf) baate baate kamirraayyuu fuula kee gara Masjidal Haraam gara galchi. Dhugumatti, inni dhugaa Gooftaa kee irraa taâe. Rabbiiniis Waan isin dalagdan dagataa hin taane.»(Suuratul Baqraah 2:149) Dabalataaniis Aayaata 150 ffaa irrattiis ilaaluu dandeessu.
âªQABXII LAMMAFFAA
ââºFedhii/Hawwii Rassuula keenya(s.a.w) waan tureef.
Nabiyyiin keenya(ï·º) Gara Kaaâbaa gara galanii salaatuu isaaniitiin dura, Sahaabootaa(r.a) isaaniitii wajjiin Jiâoota 16f gara Beeytal Maqdas (Filisxiin) tti salaataa/sagadaa turan. Haa taâuu malee garuu onnee isaaniitiin gara mana Nabi Ibraahim(a.s) ijaareetti jechuuniis gara Kaaâbaattii gara galuu jaalachuu fii hawwuu turan. Salaata isaanii keessattiis Allaahan fuula kee gara kaaâbaatti gara galchi jedhee ajaja naaf dabarsa jedhee abdachuunis ija isaanii gara samiitti ol kaasuu turan. Dabalataanis Yahuudoonni isaanitti dhaadachuudhaan Qiblaa keenya (Beeytal Maqdas) ni hordoftu, jechuudhaan dararuu/cinquu turan. Xumura irrattiis Allaahaan fedhii lubbuu isaanii guutuufiif, akkasuma Ajaja Rabbii malee Qiblaa(kallattii) isaanii(yahuudootaa) akka hordofaa huin jirre Yahuudootatti argisiisuuf, dabalataanis Muâmintoota hoojiidhaan qoruufii Munaafiqoota (Gara Rassuulli(s.a.w) itti gara galan tole jedhee kan fudhatuu fii didee amantii irraa kan gara galu) addaan baasuuf Gara kaaâbaa gara gala kan jedhu ergaan Rabbi biraa itti dhufe:-
.
ÙÙد٠ÙÙرÙÙÙ° تÙÙÙÙÙÙØšÙ ÙÙجÙÙÙÙÙ ÙÙ٠اÙسÙÙÙ
Ùاء٠ÙÙÙÙÙÙÙÙÙÙÙÙÙÙÙÙÙÙ ÙÙØšÙÙÙة٠تÙرÙضÙاÙÙا ÙÙÙÙÙÙÙ ÙÙجÙÙÙÙÙ ØŽÙØ·Ùر٠اÙÙÙ
ÙسÙجÙد٠اÙÙØÙرÙاÙ
Ù ÙÙØÙÙÙØ«Ù Ù
Ùا ÙÙÙتÙÙ
Ù ÙÙÙÙÙÙÙÙا ÙÙجÙÙÙÙÙÙÙ
Ù ØŽÙØ·ÙرÙÙÙ ÙÙØ¥ÙÙÙ٠اÙÙÙØ°ÙÙÙ٠أÙÙتÙÙا اÙÙÙÙتÙاؚ٠ÙÙÙÙعÙÙÙÙ
ÙÙÙ٠أÙÙÙÙÙ٠اÙÙØÙÙÙÙ Ù
Ù٠رÙÙØšÙÙÙÙÙ
Ù ÙÙÙ
Ùا اÙÙÙÙÙÙ ØšÙغÙاÙÙÙ٠عÙÙ
ÙÙا ÙÙعÙÙ
ÙÙÙÙÙÙ
«Dhugumatti gara samii deddeebiâuu fuula keetii arginee jirra. Gara qiblaa ati jaalattuu siif deebisuuf jirra. (Ammuma) fuula kee gara Masjidal-Haraam (Kaâabaatti) gara galchi. Eessallee yoo taatan fuula keessan gara isaa gara galchaa. Dhugumatti, Warri kitaabni kennameef akka inni dhugaa Gooftaa isaanii irraa taâe ni beeku. Rabbiinis waan isaan hojjatan irraa dagataa miti. »(Suuratul Baqraa 2:144)
âªQABXII SADAFFAA
ââºTokkummaa ummata muslimaa agarsiisuu fii eeguuf.
Ummanni muslimaa ummata tokkoo dha. Furtuun tokkuummaa guuddoonis jecha raga bahinsaa kan «Laa Ilaaha, Illallaah, Muhammadun Rassuulallaah» jedhuu dha. jecha raga bahinsaa kanaani namni «Kaafira» ture tokko muslima taâuudhaan gara Muâmintootaatti kan makamu. Sadarkaa lammaffaa irratti immoo Muslima taâuu keenyaaf hojiin nu mulâisu âSalaataâ dha. namni salaata kana irraa boone yookiin immoo dhiise/lakkise gara kufrummaatti deebiâe jechuu dha. Kana waan taâeefis gabrootni Allaahaa gaggaariin Ajaja Rabbii isaanii fudhatanii salaata isaanii irratti gad-dhaabbatan, Tokkummaa islaamummaa isaanii kana eeggachuudhaaf gara qiblaa tokkootti salaatuu qabu.