cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

👉 Nasiro tube

Ilaalcha Addunyaan tun maal naaf taate ykn maal naaf laatte jedhu irraa Ani Adfunyaa tanaaf maal laadhe jedhu haa qabaannu. https://t.me/Nasiro_tube

Show more
Advertising posts
194
Subscribers
No data24 hours
-37 days
-630 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

https://t.me/catsdogs_game_bot/join?startapp=1416934650 Join Cats or Dogs and get some $FOOD daily rewards. More $FOOD - more loot🐈🦮
Show all...
Cats Dogs

Join the most kind battle of the world, get some $FOOD for Dogs or Cats

Kun ammoo biyyonni humna guddaa qaban kun nageenya doonilee fi dhiibbaa humna isaanii agarsiisuuf jecha naannoo kanatti xiyyeeffannoo guddaan akka jiraatanii fi hojjatan godhee jira. Tartibni humnaa fi fedhiin garagaraa naannoo kana jiru wolworaansa biyyoota qarqara Galaana Diimaa irra jiran kan hammeessu yoo ta’u, wolworaansi ka’us akka laayyoon hin dhaabbanne godha. —- —- Wolumaagalatti ji’oopolotikaan naannoo kana jiru wolxaxaa yoo ta’u, biyyoota akka Itoophiya Galaana Diimaaf dhihoo jiran caalaa dirree humnoonni gurguddoon adunyaa itti wol dorgomaniidha. Kanaaf dhimmi Galaana Diimaa dhimma biyyoota qarqara galaanichaa irra jiraniif qofa dhiisameeru otoo hin ta’in, dhimma humnoonni ijoon adunyaa fedhii qaban irraa ka’uun haalan hordofanii fi irratti hojjataniidha. —- —- Bo’oo bishaanii murteessaa Suez Canal kanaan ala bo’oo Galaana Diimaa fi Medeteraaniyaani biyya Israa’eel keessa wolqunnamsiisu Amerikaanii fi Israa’eel woliin qotuu jalqabuuf saganta akka qaban yeroo garagara Israa’el ni dubbatti. Projektiin maqaa Mummicha Ministeraa jalqabaa fi hundeessaa biyya Israa’eel ta’e David Ben Guerin moggaafame kun iddoo galaanni diimaan Israa’eel bira gahu (Eliat) irraa kaasee qotamuun Gaazaa keessa ykn cinama Gaazaatiin darbuun Medetiraniyanitti kan galu ta’uu himama. Kana irraa ka’uun xinxaltoonni tokko tokko sababni ijoon Israa’eel Gaazaa rukutaa baatee fi Amerikaan deeggaraa turte pirojektii bo’oo bishaanii kanaaf ta’u akka hin oolle tilmaamama. —- —- Itiyoophiyaan biyyoota adunyaa balbala galaanaa hin qabne 44 keessaa tokko yoo taatu; laakkofsa ummata miiliyoona 120 ol qabaattee biyyi balbala galaanaa hin qabne Itiyoophiya qofa dha. Itophiyaatti aanee Uganda fi Nepal yoo ta’an isaan ummata miliyoona 45 fi 30 qofa qabu. Daldalli Itophiyaa %90 balbala galaanaatiin kan godhamu yoo ta’u; irra jireessaan balbala galaanaa Djibouti fayyadamati. Balbala galaanaa kanas fayyadamuuf Djiboutiif guyya guyyaan Dolara Ameerikaa miiliyoona sadihii hanga saddeetii gahu kaffalti. Kaffaltiin kun guddaa yoo ta’u, Indastirilee heddu Itoophiyaaf ijaruu fi guddinna diinagdee daran fooyya’aa ta’e kan fiduu danda’u ture. Kutaa itti aanuun baldhinnaan ilaalla kana. Dubbistanii yoo xumurtan, dubbisuu keessan comment keessatti naaf hima. @Nasiro_tube @Nasiro_poem #Nasiro_tube
Show all...
Pirezedaantiin Masrii Gamal AbdulNasir Suez Canal dhuunfachuu isaa hordofee, biyyoonni sadi (France, Ingilizi fi Israel) garee uumuun woraanaan bo’oo kana Egypt (Masri) dhuunfachuu irraa dhoorkanis, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii, Ameerikaa fi Gamtaan Soviyeetii akka Masriin dhuunfattuuf ijjannoo waan qabataniif, Masri woranaan moyamtus, injifannoo dipilomaasii kanaan Suez Canal dachii isii keessa bayu fudhattee to’achuu eegalte. —- —- Galiin qaraxaa Suez Canal irraa argattuu fi qonni jallisii bishaan Naayil (Abaayaa) irraa argattu, GDP Masrii keessatti gahee gaarii qaba. Woliigalte (Convention of Constantinople) Masrii fi humnoota Awuroopaa ciccimoo jidduutti malataayee jiruun, Masriin Bo’oo Suez kana yeroo woranaas ta’ee nagahaa, akkasumas biyyi isiin deeggartus ta’ee mormitu woraana wohii irras yoo jiraatte, Bo’oo kana kan hin cufne ta’uu fi biyyi itti cufuu ykn dhoorkuu dandeettu biyya qajeela Masri wojji woraana irra jirtu qofa akka ta’e woliigalamee jira. —- —- Iddoon ijoon lammataa Bab-el-Mandeb qaama dhiphaa bishanii, gamaan Yemen fi gamanaan ammoo Djibouti fi Eritiraan jiraniidha. Iddoon kun to’annaaf mijataa waan te’eef fedhii biyyoota humna guddaa qabanii fi doonii isaanii asiin dabarsaanii heddu ta’ee jira. —- —- Nageenya doonii (qabeenya) isaanii galaana kanaan darbu eegsisuu fi woldorgommii adunyaa irratti dhibbaa umuuf godhan irratti naannoon kun dirree ijoo wolfalmii ta’an keessaa isa tokko. Akkasuma haalli nageenyaa naannoo kana jiru (worana wol-woliinii Yemen fi Somaliyaa) qabeenya isaan asiin dabarfatan irratti yeroo garagaraa miidhaan waan dhaqabeefis, biyyootni humna gurguddaa qaban kun naannnoo kanatti Ganda Woraanaa (Military or Naval Base) ijaaruufi cimsuu irratti hojjatu. —- —- Djibouti keessa Ameerikaan Kampii ykn Ganda Woraanaa (Camp Lemonnier) Afrikaa keessatti isiif isa murteessaa ta’e yoo qabaattu, Chayinaan ammoo Ganda Woraanaa biyya isiitin ala qabdu kan jalqabaa Djiboutitti ollama kaampii Ameerikaa kanatti hundeessite, akkasuma biyyoonni humna jabaa qaban kan akka France, Japan, Italy, Britain dhaabbilee woraanaa (military, naval or air base) kan Jibuutii qaban yoo ta’u, Germany fi Spain ammoo loltuwwan achii qabu. Kun Djibouti-n (Jibuutiin) galii guddaa akka argatu kan godhu yoo ta’u, biyyi xiqqoon ummata miiliyoona tokkoo qabdu tun nageenyi isii akka eegamuu fi akkasumas humnoota ollaa isiitiin akka hin weeraramne gargaaraan. —- —- Akkuma biyyonni kun Djibouti jiran kana Gamtaan Imireetota Arabaa (UAE) balbala galaanaa Eritiriyaa kan Bab-el-Mandeb iif dhihoo jirtu ‘Assab’ irratti Ganda Woraanaa (Military Base) kan ijaaratte yoo ta’u; Raashiyaan ammoo naannoo Balbala Galaanaa Sudan ‘Port Sudan’iitii Gandaa Woraanaa qabu. Raashiyaa fi UAE Djiboutitti Military Base ijaarachuuf yeroo garagaraa Motummaa Djibouti wojji wolii galanis rakkoolee mudatan tokko tokkof jecha ammatti Djibouti hin qaban. —- —- Akkasuma humni guddoo Adunyaa tan biroo Turkiin ammoo Sudanitti lafa qarqara galaana Diimaa jirtu ‘Suakin’ jedhamtutti Ganda Woraanaa ijaaracha jirti. Dabalataan kampii akkasii Somaliyaatti ijaarachuuf jecha humna woraanaa Somaliyaa leenjisuu fi deeggarsa woraanaa gochuu irra jirti. Akkasuma Raashiyaan Somaliland Berbera-tti kampii woraanaa ijaarachuu yaaddus— Somaliland of haa dandeettu malee akka biyyatti beekamtii idla-adunyaa waan hin kennamneefiif ijaarsa san dhiiste. Beekamtii kennitee Ganda Woranaa ijaarachuun isii tasgabbii fi siyaasa Gaanfaa Afrakaatiif keessaattu Somaliya, Somaliland, fi Puntland hin tolu kan jedhu irratti dhiifte. —- —- Iraanis fedha naannoo kana irraa qabduun garee Hidhatoota Houthi (Hutti) kan deeggartu yoo ta’u, Saudii fi UAE ammoo wolgaarreffanna Iraan wojji qabaniif mootumma Yeman deeggarun Ganda Woranaa qarqara galaana diimaa irraa qaban fayyadamuun Hutti misa’elaa fi bombi itti darbu. Haalli wol-woraansa Yemen keessa jiru lammilee Yemanii miliyoonota heddu ta’an kan qe’eef qabeenya isaanii irraa buqqise yoo ta’u, gareen hidhattoota Houthi kun doonilee Chaayina fi Amerikaa dabalatee yero garagaratti rukutee jira.
Show all...
Dandii daldalaa foyyaa’aa ta’e bishaan (galaanaa fi garba) irraan barbaaduun cimee itti fuufa. Dhuma jaarraa kudha shanaffaa keessa dandii daldala galaanaa fooyya’a ta’e Baha Awuropaa (Portugal fi Spain) fa’aa ka’ee gara Baha Fagoo (Chaayina fa’a) geessu barbaacha otoo deeman Christopher Columbus, Ameergo Vispuchi faati Amerikaa (New World) dachii kana dura hin beekne dhaqan. Fardinand Majlan ammoo ardii harawa isaan argan (Ameerikaa) bira darbee deemuun maree Eeshiyaa dhaqa. Kun hundi daandii daldalaa haarawa garbaaf galaana irraan abuuruuf kan godhame. Yeroo dhaqanis fuduraa fi kuduraa biyya isaanii hin jirree fi haarawa isaaniif ta’ee (timatimii, dinnicha) akkasuma tamboo (tobacco), Cacao (Chocalate ta’u), Jibrii (Cotton), booda irra shonkora fa’a argu. Kanas achi gara Awuroopaa fiduun daldalli ture jabaatee itti fuufa. Daldalli garbaas ni cime. Qonna fi albaduu garagara (diamond dabalatee) baasuuf jecha Kaaba Afrikaa irraa garboota Miliyoona 15 ta’an jaarra 17ffaa keessatti yeroo garagara haala ulfaataa keessatti gara dachiilee Ameerikaa fe’an. Garboonni hedduun isaanis dhukkuboota daddarboo ta’aniin qabamuun dhumuu fi kan dhukkubasatan ammoo bashanitti darbamaa, kan hafan ardiilee Ameerikaa geeffaman. Woldorgommiin daandii daldala bishaanii (galaanaa fi garba) irraan barbaaduu cimee itti fuufa. Mi’a iddowwan garagaraa kanatti argaman wolitti daldaluunis sadarkaa saniin cimaa deema. Dhuma jaarraa 18ffaa irratti Britain (Ingilizitti) Worraaqsi Industirii (Industrial Revolution) jalqaba. Isa kanaanis jirbii fayyadamuun woyaa (uffata) baay’innan tolchuun, motora hurkaa (steam engine) fi sibiilota akka Ayiranii fa’a fayyadamuun daandilee baabura fi doonilee motoraan socho’an Ingilizonni tolchuu jalqaban. Kun geejjiba lafa fi bishaan irraa sadarkaa biraatti ceesise. Yeroo deemsa daldalaaf bishaan irra godhamu daran hirdhise. Bara 1854 tti ammoo Galaana Diimaa fi Galaana Meedetiriyaanii wolitti fiduun daandii qaxxamura bishaan irraa tolchuuf lafa km 193 ta’u gammoojji Sinai biyya Egypt (Masr) keessa qotuun eegala. Kunis Bo’oo Suez (Suez Canal) bara 1869 xumurameedha. Innis daandi galaanaa qaxxamuraa (Baha Awuroopaa, Biyyota Arabaa (Gulf Countries), fi Biyyoota Baha Fagoo) wolqunnamsiisuu ta’ee hanga hardhaatti tajaajilaa jira. Meeshalee dheedhii Indastirii Awuroopaa keessatti guddataa fi babaldhataa jiruuf barbaachisan guutuu fi qabeenya uumaama Afrikaa jiru fayyadamuun daldala isaanii itti fuufuuf jecha gara dhuma jaarraa 19ffaa bara (1880moota keessa) Afrikaa qoqqodatanii kolenefachuuf biyyonni Awuropaa marii godhan. San booda Liberia fi Ethiopia malee hunda isaanii qoqqodatanii koloniin bulchaa turan. Jalqaba jaarraa diigdamaffaa keessa ammoo konkolaataa fi xiyyarri fa’a kalaqamuun, daldala adunyaa kan saffisiise yoo ta’u, boba’aan meeshalee daldalaa haalaan barbaadaman keessaa akka isa ijoo ta’u godhe. Dhuma jaarraa digdammaffaa keessa ammoo meeshaleen komputaraa, elektirooniksii baldhinaan dhufuun daldala saffisisuun dabalata adunyaa akka naannoo tokkotti wolitti hiiqsan (Globalization). Yeroo keenna ammaa kanatti ammoo daldala seeraan alaa kan jedhaman daldala wantoota sammuu hadoochan (Kookeenii, Mariwana fa’a) akkasumas meeshaa woraanaa, kan meeshalee elektironikisii fi boba’aan dabalata isaan galii gabaa guddaa qabaniidha. Daldalli jireenya ilma namaa keessatti waan baay’ee murteessaa ta’eedha. Daldalli adunyaa %10-17 ta’u Galaana Diimaan darba. **** —- —- Galaana Diimaa kana irra iddoon qaamni bishaanii itti dhiphatu Bab-el-Mandeb Strait fi Suez Canal— Bo’oo bishaanii Galaana Diimaa fi Medetiraaniyanii wolqunnamsiisu— to’annoof iddoowwan murteessoo (strategic) ta’aniidha. —- —- Suez Canal jidduu bara 1859-1869 Kampaanii Ingilizitiin kan ijaarame yoo ta’u, hanga bara 1956tti Pirezedaantiin Masrii Gamal AbdulNasir to’annaa biyya isaa Masrii jala galchutti, qabeenya Masrii qofa hin turre.
Show all...
Woggaa kuma kudha lama dura ilmi namaa iddoo tokkoo gara iddoo biraatti socho’uun adamsuuni fi firii mukaa (akka goraa fa’a) nyaachuun jiraata jedhu qorattoonni Seenaa. Mana keessa otoo hin ta’in holqa keessa jiraata jedhu qorattoonni Arkiyoolojii. Yeroo kana dhagaa fi sibiila gargaraa qaruun adamuu fi waa muruuf fayyadamuu malee daldallii fi wonti hedduun amma nu ittiin jiraannu hin turre. Qaroomni durii jalqaba naannoo fi jidduu laga Ifraaxasii fi Tigrisitti (biyya yeroo ammaa Iraaq jedhamtu, haga tokko ammoo Syria, Iran, fi Turki ammaa dabalattuu)tti jalqabe. Naannoon kun Mesopotamia jedhama. Mesopotamia jechi jedhu hiika ‘laggeen jidduu’ jedhu qaba. Ilmi namaa iddoo gara iddoo jooruun adamuu fi firi guurachuu dhiisuun laga Ifraaxisi fi Tigrisitti fayyadamee sanyii miidhaanii akka qamadii, garbuu fi akkasumas shunkurtii fa’a qotee, kununsee, funaanee, itti fayyadamuu kan eegale achitti jedhu qorattoonni. Beyladas, dura sareen jalqabee, hoolaa, re’ee, booyyee fi loon madaqsuun horsisuu achitti jalqabame. Kana hordofee, adamuuf asii achi deemuun waan hafeef, gamaa fi gamana laggeen lamaan kanaatti magaalota jalqabaa (Ur, Uruk, Babylon, Akkad, Ashur, Nimrud) jedhaman ijaaran. Magaalotni kunis iddoo sirni bulchiinsaa fi qaroomni biroo itti eegale ta’an. Mesopotamia keessa bulchiinsota mootiin bulan (Sumerian, Akkadian, Assyrian, Babylon) jedhamantu ture. Mesopotamian lafa sirna barreeffama jalqabaa dhagaa erga irrati barreeffamee booda gogu irratti (Cuneiform), akkasumas seerri jalqabaa (kan mootiin Hamurabi baase), Astironomii, fi haalli yeroo ittiin laakkofnu, kan torban guyyaa torba qabu, guyyaan sa’aa 24 qabu, sa’aan daqiiqaa 60 qabu, daqiiqaan sekondii 60 qabaatu kun hala saniin laakkayuun itti jalqabameedha. Bidirus, ‘wheel’ (martoo goommaas) fi waan biroo heddus tolchan. Akkasumas, gochi daldalaaf bu’uura ta’e kan meeshaa (mi’a) qaban tokko mi’a biraatiin jijjiruu achitti eegale. Wontonni kun egaa waan yeroo muraasatti ta’e otoo hin ta’in, jijjiirama jaarraa heddu keessatti muldhateedha. Kunis woggaa kuma afurii hanga woggaa kuma kudhan hardhaa jidduu jechuudha. Mesopotamia booda fi yeroo isaan qarooma irra jiran qaroomni nannoo biraattis eegalaa ture. Qaroomni Masrii (Egypt) kan laga Naayil irratti hunda’e, Qarooma Sulula Hindi (Indus Valley Civilization), Qarooma Chaayinaa, Maayaa, Inkus, akkasuma Qaroomaa Girikii, Qarooma fi Impaayera Roomaa, Qarooma Nubia, Qarooma Aksum faati ammoo boda irra dhufan. Haalli qarooma tokko bira jiru isa kaan bira hin jiru. Mi’in qarooma tokko bira baldhinnaan jiru isa kan biraa bira hin jiru. Kanaaf, mi’a woljijjiruun naannoo muraasatti jalqabe babaldhachuun naannoo fagoo irraa wolitti dhufuun mi’a naannoo isaanii hin jirre woljijjiruu itti fuufan. Kun ammoo daandii daldalaa gara garaa uume. Daandii daldalaa turan keessaa inni ijoon tokko daandii ittin carqii uffata hodhaniin (Silk)— kan rammoo baala nyaachisuun irraa wolitti qaban— (Silk) kana geejjibsiisuuf deemamaa turedha. Innis “Silk Road” jedhama. Yeroo san ‘Silk’ kana tolchuu kan danda’u Chaayinoota (Han Dynasty) waan ta’aniif, isaan irraa gara Masrii fi Mesopotamia fiduuf dandiileen irra deemamaa turan (Silk Road) jedhamu. Booda daldalli midhaan, mi’eessituu garagaraa, fi dhagaalee qaalii (precious stones) fa’aan itti fuufa. Impayeeronni garagaraa fi mootileen gara garaa yeroo ka’an daandileen mi’a kana wol-keessa geejjibsiisan to’annoo jalatti kufuun daandilee daldalaa kana keessa darbuun ulfaataa ta’e. Kanaaf, garbaaf galaana irra bidiruun deemuun wolitti daldaluun jalqabamee, itti fuufe. Bidiruu irraan daldalli akka dammaa, worqii, carqii, midhaanii fi akkasuma booda irra ammoo garbaa (slave) jalqabamee, itti fuufa. Impaayerri tokko isa kan kuffisaa deemuun galaanaa fi garba irraan wolitti daldaluun, akkasumas woldorgommi keessa seenuun daldalli bishaan irraa akka itti fuufuu fi jabaatu godhe. Kun ammoo qarqara galaanaa impaayeroota kanaatti mi’a fidan buusuu fi kan ofii barbaadan achi fe’achuuf akka balballi galaanaa (seaport) jiraatu godhe.
Show all...
ITIYOOPHIYAA fi BALBALA GALAANAA: Galaana Diimaa fi Galoo-galaana Aden ******** (Obsaan Dubbisaa) Adunyaan ardii fi garbaan qoodamtee argamti. Garbi qaama bishaanii guddaa of danda’ee jiru yoo ta’u, gaafa bishaan garbaa jidduu lafaa (ardiile)-tti argame Galaana jedhama. Galaanni Diimaan iddoo qaamni bishaanii isaa itti dhiphatu ‘Bab-el-Mandeb’ jedhamu irraa jalqabee qal’atee Masrii keessa (Suez Gulf) fi qal’atee (Gulf of Aqaba - qaama bishaanii daangaa Israa’eel, Jordan, Masrii, fi Sauditti dhaabbatu) kan gahu yoo ta’u, dheerinna km 1930 qaba. Iddoon baldhaan isaa km 340 yoo gahu, iddoon dhiphaan ammoo (Bab el Mandeb) km 29 qofa. Qaamni bisaanii Bab-el-Mandeb achi jiru ‘Gulf of Aden’ - Galoo-galaan Aden kan jedhamu yoo ta’u Garba Indiyaatti gala. Galaana diimaa cinaa Afrikaatiin Jibuutii, Eritiriya, Sudanii fi Masr (Egypt) kan jiran yoo ta’u cinaa Eshiyaatiin ammoo Yemen, Saudi Arabia, hanga muraasa wohi ammoo Jordan fi Israel ittiin as bahu. Ijaraamuu Bo’oo Suez (Suez Canal) kan Gaalaana Diimaa fi Medetiraniyaa (Masri keessa qotuun) wolqunnamsiisan hordofee Galaanni Diimaan daandii bisaanii qaxxamuraan Eeshiyaa fi Awuroopaa wolqunnamsiisu ta’e. Kun ammoo daandii daldalaa bishaan irraa jiran keessaa doonilee heddu kan keessummeessu akka ta’u kan godhe yoo ta’u, daldalli adunyaa %10- 17 ta’u iddoo kanaan darba. Haalli Kunis Galaanni Diimaan daldala adunyaaf murteessaa akka ta’uu kan isa taasiseedha. Biyyoonni adunyaa irratti humna guddaa qaban Ameerikaa, Raashiyaa, Chaayinaa, Biyyoonni Awuroopaa fi Arabaa mi’a isaanii bishaan Galaana Diimaa kana irra geejjibisiifatu. Wogga woggaan doonilee daldalaa 20,000 (kuma digdamaa) ol ta’antu asiin darba. Biyyoonni Arabaa (Galfii), Iraan dabalatee, fi Raashiyaan boba’aa isaanii karaa kanaan gara gabaa Awuroopaa geeffatu. Guyyatti boba’aa (crude oil fi petroleum) baarmelii miliyoona afurii hanga jahaa ta’utu asiin (galaanaa diimaan) darba. Chaayinaa fi Jaappanis uffata fi meeshalee elektirooniksii karaa kana keessa dabarfatu. Akkasumas, bu’aaleen qonnaa (midhaan) toonii miliyoona afurii ol ta’utu ji’a ji’aan asiin darba. Kanaaf, jecha fedhiin biyyootni ciccimoo adunyaa kun naannoo Galaana Diimaa kana irraa qaban hedduu ol’aanaadha. Nageenya doonii (qabeenya) isaanii tiksuuf jecha naannoo kamiin caalaa naannoo kanatti baay’innaa fi xiyyeeffannoo guuddaan argamu. Galaana Diimaa irraa balbaloota galaana 47 ta’antu cinaa Afrika fi Eshiyaatin jira. Naannoo Galaanaa Diimaa kana Balbala Galaanaa cinaa Afrikaan jiran keessaa Assab fi Port Djibouti kan nuuf dhihoo yoo ta’an. Balbala galaanaa biyyootaa nu daangessan keessaa ammoo Mombasa Kenya isa fagoodha. Jiddu-gala biyyaa (Finfinnee) irraa yoo ilaallu: Assab km 624 daandii qajeelaan kan fagaatu yoo ta’u, Port Djiboutin km 890, Berberan (Somaliland) km 939, Mogadishun km 1520, Port Sudan km 1696, akkasuma Mombasan Kenya km 1804 fagaatu. Balballi Galaanaa guddinna diinagdee biyya tokkoof faayidaa ol’aanaa qaba. Akkasumas, nageenya biyyaaf, dhageettii biyyi tokko dirreelee idla-adunyaa irratti qabdu cimsuuf, investimantii alaa harkisuuf, misooma turizimiif bu’aa guddaa qaba. Hundaa ol ammoo, daldala biyya tokkoo (al-ergii fi as-fudhannaa) irratti murteessaadha. Daldala biyyi keenya gootu keessaa % 90 kan ta’u karaa balbala galaanaatiin kan godhamuudha. Daldallii fi balballi galaanaa wolitti hidhamiinsa jabaa qabu. *** Daldalli durii kaasee qaama seenaa ilma namaati. Qarooma durii fi hammayyaa keessatti daldalli ga’ee baldhaa fudhata. Fedhiin, haalli, daandiin, mi’ini (meeshaan) daldalaa yeroo gara yerootti jijjiramaa, fooyya’aa, haarofni moofaan bakka bu’aa, kan hafu hafaa, kan dhiifamu dhiifamaa adeemee yeroo keenna ammaa kana kan teeknoolojiin deeggaramuu fi hordofamu irra gahee jira
Show all...
Show all...
Diamore.co

Q&A:

https://bit.ly/dmr-faq

Report bug:

https://bit.ly/bugrep

Ann: @diamoremarket

https://t.me/head_coin_bot/start?startapp=bonusId1416934650 🔥 Guess what! I just got some NFT Heads 🗿 and I want you to join the fun and earn USDT 💸 🚀 Click the link and claim yours now! Let's collect NFT Heads together! 🥳
Show all...
Headcoin

Become the head of a gaming company. Earn Headcoin and USDT

https://t.me/Binance_Moonbix_bot/start?startapp=ref_1416934650&startApp=ref_1416934650 Join the Moonbix Journey! Get 1000 Coins as a new player and stay tuned for exciting airdrops and special rewards from Binance!
Show all...
Moonbix

Moonbix is a Binance crypto-themed game on Telegram Mini App game. Explore the galaxy, collect items, and boost your score!

Show all...
TON Kombat

If you're part of Hamster Kombat, Catizen, Yescoin, Notcoin, TapSwap, Blum, SEED, or Dogs, you are eligible for an AIRDROP! 🙌

Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.