cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Tajir Umar

YAALII DADHABI MALEE YAALUU HIN DADHABIN! ✓GORSA BAREEDDUU JIREENYA KEESSAN JIJJIIRTU GUYYAA GUYYAAN ISINIIF LAATNA! NU HORDOFA Channel dabalataa:👉 https://www.facebook.com/TajirUmarAliyi https://youtube.com/@waliiftube466?si=JoBZZaVh7w4dKC1b Join Godha

Show more
Finland3 551The language is not specifiedEducation105 717
Advertising posts
516
Subscribers
No data24 hours
+27 days
-530 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Nagawoo Jimaaf konkolaataan Birrii miliyoona 4 kenname. Itoophiyaa keessatti dheerinaan rikardii qabatee kan jiru Dargaggoo Nagawoo Jimaaf dhaabbata 'O'clock Motors' Jedhamu irraa konkolaataan Birrii miiliyoona 4 kenname. Guyyaa har'aa Fulbaana 09/2017 sagantaa mooraa dhaabbatichaatti keessatti geggeeffameen konkolaataan birrii miliyoona 4 kan maqaan isaa 'Wuling' jedhamu kan nama 8 fe'uu danda'u kennameef. #Oromiyaa #Itoophiyaa T.me/TajirumarAliyi
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Dubbii Ajaa'ibaa! jaartiin Gosa Afur (4) qabdi. Mee dubbisaa! 1. Jaartii hamtuu: jaartii ajaja jaarsa isii hin goone, tan jaarsa isii hin dhageenye. Jaartii azaaba duniyaa jaarsaa seensistu. 2. Jaartii hinfattuu: Jaartii waan jaarsi itti ajaje hunda osoo jibbituu hojjattu, gaaruu ajaja jaarsa hin diddu. 3. Jaartii nagayaa: Qaalii jaarsa hin diddu. Ajaja isaa ni gooti. Waan inni ajaje hunda nihojjatti, garuu ajaja isaa malee ofii hin beeytu! 4. Jaartii Raaziyaa: jaartii osoo jaarsi hin dubbatin, waan inni fadhuu fi waan inni jibbu fuula isaarraa qaraatu, tan osoo inni itti hin himne beeytu, tan ajaja jaarsa malee isaa gammachiistu. Yaa Nama dhugumaan fuudha feetu jaartii Raaziyaa tan akka lakkoofsa 4ffaa irraa jirtuu tana Rabbi siif haa kennu! YAALII DADHABI MALEE YAALUU HIN DADHABIN! ✓GORSA BAREEDDUU JIREENYA KEESSAN JIJJIIRTU GUYYAA GUYYAAN ISINIIF LAATNA! NU HORDOFA Channel dabalataa:👉 https://www.facebook.com/TajirUmarAliyi https://youtube.com/@waliiftube466?si=JoBZZaVh7w4dKC1b Join Godha
Show all...
🤡 2
Photo unavailableShow in Telegram
Maashaa Allaah! Adde Faariyaa Aliyyii Imala Hajjii Umraa Baga nagayaan xumurte... Siifi hirmaattota hundarraa Rabbi haa qeebalu. Fariya Aliyi Abdulla YAALII DADHABI MALEE YAALUU HIN DADHABIN! ✓GORSA BAREEDDUU JIREENYA KEESSAN JIJJIIRTU GUYYAA GUYYAAN ISINIIF LAATNA! NU HORDOFA Channel dabalataa:👉 https://www.facebook.com/TajirUmarAliyi https://youtube.com/@waliiftube466?si=JoBZZaVh7w4dKC1b Join Godha
Show all...
Giddu Galli Hifzii Qur'aanaafi Tarbiyaa Al-Tibyaan Barattootasaa eebbisiise Spider Media: Rabi Al Awwal 14/1446 Giddu galli Hifzii Qur'aanaa fi Tarbiyaa Al-Tibyaan barattoota isaa gosoota barnoota Sheri'aa adda addaa fi Qur'aana haffazsiisaa ture eebbisiiseera. Giddu galli kun barattoota isaa Qur'aanaa fi Hadiisa akkasumas aadaa Islaamaa irratti xiyyeeffachuun bifa addaatiin kan barsiisaa ture yoo ta'u,barattoota isaa kana iddoo Ulmaa'onni,Sheekoliin,Ustaazonni,Keessumoonni akkasumas maatiin barattootaa fi hawaasni naannichaa argamanitti eebbisiisuu Hamiltan TV'n gabaaseera. © Amar Temam YAALII DADHABI MALEE YAALUU HIN DADHABIN! ✓GORSA BAREEDDUU JIREENYA KEESSAN JIJJIIRTU GUYYAA GUYYAAN ISINIIF LAATNA! NU HORDOFA Channel dabalataa:👉 https://www.facebook.com/TajirUmarAliyi https://youtube.com/@waliiftube466?si=JoBZZaVh7w4dKC1b Join Godha
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Barataa akka Biyyaatti qabxii olaanaa qormaata kutaa 12ffaa 2016 E.C galmeesse. ✍️Yonas Nuguse Gebremariam naannoo Tigray mana barumsaa bultii addaa Kallamino irraa akka biyyaatti qabxii olaanaa 675/700 keessaa galmeesseera.🎉🎉🌟 📚 Scores: Chemistry: 95 English: 96 Physics: 97 Biology: 98 Mathematics: 100 Civics & Ethical Education: 91 Scholastic Aptitude Test: 98 Total score= 675 T.me/TajirumarAliyi
Show all...
👍 2
Oduu Gammachiisaa dabalataa !! ============================== Manneen bultii Addaa Barattoota isaanii 100% dabarsan :- -Mana Barumsaa Bultii Addaa Yunivarsitii Wallaggaa -Mana Barumsaa Bultii Addaa Yunivarsitii Arsii -Mana Barumsaa Bultii Addaa yunivarsitii Haromayaa -Mana Barumsaa Bultii Addaa Yunivarsitii Adaamaa -Mana Barumsaa Bultii Addaa Yunivarsitii Mattuu -Mana Barumsaa Bultii Addaa Yunivarsitii Odaa Bultum Baga gammaddan ‼️ Baga gammanne ‼️
Show all...
👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
Qabxii olaanaa mana Barumsaa Bultii addaa Oromiyaa(ODA Special Boarding School) irraa galmaa'e. 👉t.me/TajirumarAliyi
Show all...
Ministeerri Barnootaa Qormaata Biyyoolessa Kutaa 12ffaa ilaachisee Ibsa Miidiyaaleef Kenneera. ---------------- BBO- Qaamme 4/2016 Ministirri Ministeeraa Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan firii qormaataa biyyaalessaa kutaa 12ffaa 2016 ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin barattoonni kuma 684 fi 205 qormaaticha kan fudhatan ta'uu ibsuun, qormaaticha kan darban immoo, barattoota kuma 36 fi 409 (5.4%)ta'uu himaniiru. Bu’aan qabxii baranaa kan waggoota lamaan darbaniin yoo walbira qabamuu fooyya’aa ta’uu kaasaaniiru. Qabxii olaanaan galmaa’e Saayinsii Uumamaatiin 700 keessaa 675 yoo ta’u, Saayinsii Hawaasaa immoo, 600 keessaa 575, Walumaagalatti barattootni 1,221 qabxii olaanaa akka galmeessisan ibsaniiru. Pirofeesar Birhaanuun, Manneen Barnootaa barattoota dabarsuu hindandeenye ilaalchisee, akka waliigalaatti barattoonni manneen barnootaa kuma 1 fi 360 kan hindabarre ta’uun ibsameera. #Hubachiisa:- #Liinkii Qabxii ittiim ilaallattan Ministeerri Barnootaa akkuma nuuf ergeen kan isin beeksifnu ta'a. -#Qabxii_ilaallachuun_kan_jalqabamu, har'a halkan keessaa sa'aatii 6:00 irraa kaasee akka jalqabamu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.YAALII DADHABI MALEE YAALUU HIN DADHABIN! ✓GORSA BAREEDDUU JIREENYA KEESSAN JIJJIIRTU GUYYAA GUYYAAN ISINIIF LAATNA! NU HORDOFA Channel dabalataa:👉 https://www.facebook.com/TajirUmarAliyi https://youtube.com/@waliiftube466?si=JoBZZaVh7w4dKC1b Join Godha
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

Daballiin Mindaa Paarlaamaaf dhihaate yoo raggaasifame Fulbaana 01, 2017 ALI irraa eegalee hojiirra kan oolu tahuu ibsame ….. Haarun Miidiyaa:Qaammee 2/2016 …. Ministeerri Maallaqaa Itoophiyaa hojjettoota mootummaa miiliyoona 2.4 ta’aniif daballiin miindaa taasifamu akka raggaasifamuuf Mana Maree Ministirootaatti dhiyeesse. Daballiin kun yoo raggaasifame Fulbaana 01, 2017 ALI irraa eegalee hojiirra oola. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee xalayaa Hagayya 28, 2016 ALI Waajjira Ministira Muummeetti barreessaniin, hojjettoota mootummaa miiliyoona 2.4 ta'aniif daballii miindaa taasisuuf baajata dabalataa birrii biiliyoona 91.4 akka barbaachisu ibsan. Daballiin miindaa taasifamuun dura qorannoon bal'aa gaggeeffamuu kan eere ministeerri maallaqaa, qorannoon kun gara Mana Maree Ministirootaatti dhiyaachuu isaan dura koreen imaammata diingadee biyyaalessaa gamaaggamuu beeksise. Qorannoon kun akka agarsiisutti, daballii miindaa yaadame kanaan hojjettoonni mootummaa miiliyoona 2.4 fayyadamoo ta’u. Kunis hojjettoota federaalaa miiliyoona 2.3, akkasumas miseensota humnoota poolisii naannoo, Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Komishinii Poolisii Federaalaa kan dabalatu ta'uu ibsame. Hojjettoonni mootummaa gara walakkaatti dhiyaatan jireenya hiyyummaa gadi aanaa keessa akka jiaatanii fi qaala'insa jireenyaatiin daran kan miidhaman ta'uu qorannichi ibseera. Hojjettoota mootummaa kanneen deeggaruufis daballii miindaa hanga dhibbeentaa 332 gahuu taasisuun barbaachisaa ta'uu qorannichi ni muldhisa. Haaluma kanaan, miindaa hojjetaa mootummaa gadi aanaan birrii 1,100 ture amma gara birrii 3,600tti akka ol guddatu taasisa jedhamee eeggama. © Haarun Miidiyaa
Show all...
1
Ministeerri Maallaqaa Itoophiyaa hojjettoota mootummaa miiliyoona 2.4 ta’aniif daballiin miindaa taasifamu akka raggaasifamuuf Mana Maree Ministirootaatti dhiyeesse. Daballiin kun yoo raggaasifame Fulbaana 01, 2017 ALI irraa eegalee hojiirra oola. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee xalayaa Hagayya 28, 2016 ALI Waajjira Ministira Muummeetti barreessaniin, hojjettoota mootummaa miiliyoona 2.4 ta'aniif daballii miindaa taasisuuf baajata dabalataa birrii biiliyoona 91.4 akka barbaachisu ibsan. Daballiin miindaa taasifamuun dura qorannoon bal'aa gaggeeffamuu kan eere ministeerri maallaqaa, qorannoon kun gara Mana Maree Ministirootaatti dhiyaachuu isaan dura koreen imaammata diingadee biyyaalessaa gamaaggamuu beeksise. YAALII DADHABI MALEE YAALUU HIN DADHABIN! ✓GORSA BAREEDDUU JIREENYA KEESSAN JIJJIIRTU GUYYAA GUYYAAN ISINIIF LAATNA! NU HORDOFA Channel dabalataa:👉 https://www.facebook.com/TajirUmarAliyi https://youtube.com/@waliiftube466?si=JoBZZaVh7w4dKC1b Join Godha ©
Show all...
👍 1
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.