cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Kominikeeshinii Aanaa Jimmaa Arjoo

Mootummaafi uummata gidduutti yaa'insi odeeffannoo qulquluufi wayitawaa akka jiraatuuf kan hojjetudha.

Show more
Finland2 337The language is not specifiedPolitics13 524
Advertising posts
2 209
Subscribers
No data24 hours
-127 days
-6330 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

“Baga Waggaa Haaraa Bara 2017 Nagaan Gessaan "Aaddee Baaccuu Tasfaayee itti gaafatamtuu Paartii Badhaadhinaa Aanaa Jimmaa Arjoo 🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻 Jijjiirraa baraa oromoon kennaa Uumaan kenneen lakkobsa ofii isaan kan lakkaawuufi waktiin qoodee yeroo oomishaa,yeroo sabsii,yeroo qonnaa ,yeroo dukkana keessaa bahee Uumaa itti galateefatu kan dhufuuf immoo kadhatuufillee qoodatee beeka Yeroon kennaa uumaa taateewwan uumamaa fi namtolcheen dabaalamee qormaataafi carraan guutamee ilma namaaf kenname kennaa gati guddaafii gati jabeessadha Barootni dhufanii darban yeroo uumaan kennaa godhee nuuf kenne taateewwan jajjaboo jireenya dhala namaatiif hiikoo garagaraa qaban wal duraa duubaan keessummeessuun qormaatilee keessatti wal'ansoo jireenyaan wal qabun injifannoo fi muuxxannoo jireenyaa gonfachiisa kan dhufedha. Kanaafis Oromoon falaasama guddicha ilaalama Addunyaalessaa qabuun injifannoo fi milkii bulfatee qormaata namtolcheef uumamaa qolachuun malaaf furmata keewwachaa humna waloomeenn akka sabaatti of ijaaraa as ga’e. Paartii akka biyyaatti Yaadamaaf duudhaa oromoon maskamee fi Sirna cimaa ofii isaatti ijaarrateen uummatni oromoo Adduunyaatti boquu isa akka ol qabatuuf hojiin jijjiiramaa as hojjetamaa jiruus akka salphaatti hin ilaalamu Jaalatamtootaaf kabajamtoota Uummattoota Oromoofi lammileen Itoophiyaa hundi baga bacaqii fi dukkana Gannaa hulluuqxanii jalabultii Booqaa Birraa bara 2017 nagaan geessan; baga waliin nu gahe jechuun barbaada. Barri 2016 bara qormaatilee keessatti injifannoo hedduu itti galmeessineefi Qabeenyaa qabnu sirriitti yoo fayyadamne diinqii hojjechuu danda’uu keenya kan itti adda baafannedha. Fayyadamummaa uummata Keenyaa gama hundaan mirkaneessuuf karoora xiiqii karoorsinee hojii hojjenneen bu'aa argameen gaafa madaalluufi gaafa qixaan hooggannu milkaa’uu akka dandeenyu fi qabatamaan badhaadhina waloo milkeessuun akka danda'amuu kan nutti mul'atedha. Bara 2017tti Karoora miisomaa,nageenyaa qabanne Qulqullina,Aariitii fi baay'ina ittin hojjeechuu qabnuun hojjennee ,innishetivoota kalaqaman irratti haaraa kalaquun Cabinsa damee hundaan nu mudatee keessaa tokkummaa keenyaan akka baanu abdin guddaa qaba ! Uumaan keenya ija Gaarummaa isaan biyya keenya Ithiyoophiyaa haa ilaalu! Ayyana Gaarii!! Adde Baaccuu Tasfayee I/G Paartii Badhaadhinaa Aanaa Jimmaa Arjoo Qaammee 05/2016 Arjoo 👇filmaatawwan toora miidiyaalee hawaasaa keenya garagaraan nu hordofuu ni dandeessu. Facebook account https://www.facebook.com/arjoo.kominikeeshiin Page https://www.facebook.com/profile.php?id=100068098909832 Telegram https://t.me/JimaArjoCommunicationaffairs YouTube https://m.youtube.com/channel/UCzCH2NCidgEvYMhuBFb8HmQ TIKTOK https://vm.tiktok.com/ZMF7BcvRV/ Twitter : https://twitter.com/Jimaarjo
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

👍 3
<> Mul. 21:5 Ergaa Baga Geessani Bulchaa Bulchinsa Aanaa Jimmaa Arjoo Obbo Takilee Fiixaa. Baroota dhufanii darbanitti jireenya moofaafi ilaalcha moofaan, yaada moofaafi adeemsa moofaan itti ce’uun barbaachisaa miti. Barri haaraan jireenya haaraa, ilaalcha haaraa, adeemsa haaraa, guddina haaraafi kkf kan barbaadu yoo ta’ellee kanneen tattaaffatanii isaan kana gonfatan baay’ee miti. Barri moofaan bara haaraan wayita bakka bu’u, boqonnaan moofaan cufamee boqonnaa haaraan ifa ba’uuf, yeroo bara dhufu simannu qalbiin keenya waan darbe yaadachaa fi egeree abdii haaraa keessummeessun hin oolu. Baricha yeroo gaggeessinu yaadannoowwan hedduun gaarii ta’anii fi taatewwanniin guutamee dha. Bara haaraas wayita simannu abdiin keenya akka ilillii birraa daraaree, firii gaarii buusuu akka agarru, kanneen nageenya keenya booreessanirraa akka qulqulloofnu, barri dukkanaa darbee ifti akka ba’uu ni amanna. Amantaan kun akka milkaa’u nutis bara haaraa waliin jijjiiramuutu nurraa eegama.Yoo hin jijjiiramne, yaada moofaa yoo hin gatne, barri tokko darbee barri biraa yoo dhufe jijjiiramni yeroo lakkoofsa qofa ta’uu danda’a. Yeroo ammaa hojii bal’aan kan ittiin hojjetamu danda’uu qabeenyi hedduun fuullee keenyatti kuufameera. Barichi baraa carraa jijjiiramuu qabatee waanta’eef barichaatti fayyadamnes itti fayyadamuu baannes darbuun isaa hin hafu. Akka lolaa waan argatee hundaa haree kan darbu dhalootaa hanga dullumaa, dullumaa hanga du’aatti kan geessuudha. Dhihuu fi bari’uu, torbanii fi baatileen, waggoonii fi baroonni to’annoo keenyaan ala, waqtii fi yeroo lakkaa’uu qofti, jiraachuu hin mul’isu.Yeroodhaan imaluun garaa yeroon geessutti imaluu utuu hin taane yeroo keessatti galmaa milkeessuu barbaannu qofaaf imaluu dha. Yeroo keessa namoonni darban ashaaraa waan kaleessa hin raawwatamnee, seenaa, ilaalcha, akkataa jireenyaa fi ilaalchaa, addunyaa, boqonnaa, daandii, qabeenyaa, teeknooloojii, hojmaataa, kan uumaniidha. Sababa kanaan kaleessa dhaangaddarraa, har’aa ammo kaleessarraa addaa baasu ibsaniiru kan jedhan Abiy Ahimad lammiilee bara haaraatti waan haaraa hojjetan akka barbaaddu himaniiru. Dhimoota furmaata haaraan kan bakka buusan, qormaata turan dawaa haaraan kan fayyisan, gufuuwwan turan buqqisuun daandii haaraa kan ijaaran, seenaa turan boqonnaa seenaa haaraan kan bakka buusan, seenaa beelaa badhaadhummaan, seenaa waraanaa nageenya waaraan, seenaa qoqqoodaa tokkummaa sabdaneessummaan, seenaa walitti bu’iinsaa obbolummaan, seenaa boodatti hafummaa ammayyummaatti kan jijjiiran gootota jiraatoo barbaaddi jedhaniiru. Barri haaraan dhugumaatti haaraa akka ta’uuf seenaa haaraa kan barreessan barbaaddi jedhan. Barri jijjiiramuun waan hinhafnee ta’us, bara jijjiiruun hojii goototaati. Ashaaraa magariisaa, qamadii bonee, jalqabbiin qabeenyaa tuuriizimiitti fayyadamuu, karoorri rakkoolee biyya keenyaa mariin furuu, sochiin of danda’uun dhiibbaa alaa jalaa ba’uu, qaama bu’aa fedhii bara jijjiiruuti himan. Isaan kunneen argisiistuu haa ta’an malee, kenniinsa tajaajilaa hattootarraa qulqulleessuu, sirna haqaa bu’aa qabeessa taasisuu, dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu, gahee damee oomishaa guddisuu, tokkummaa biyyaalessummaa cimsuu, walitti bu’iinsa dhabamsiisuu, qonna caalmaan ammayyeessuu, hariiroo alaa cimsuu, bulchiinsa gaarii mirkaneessuu, diimookiraasii bu’uuressuu, qabeenya umamaa qabnu sirnaan fayyadamuu fi kanneen biroorratti hojiilee nu hafan jiru jedhanii, kanneen hundinuu gootota bara jijjiiran barbaaduus ibsaniiru. Bara ofii isaan darbee, ofii isaan dhufu moofaa fi haaraa jechuun hiikaa waan hinqabneef bara haaraa, haaraa haa taasifnu jedhaniiru. Barri moofaan biqiltuuwwaniif, beeyladootaa fi kanneen biroof moofaa waan ta’ee darbeef, bara haaraa fi moofaa ofii keenyaa haa uumnu jedhanii, kana gochuun kan danda’u ammo hojii haaraa hojjechuudhaan ta’uu dubbatan.
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

Jijjiirama bara darbe hinturre, hojii fi waan dinqisiisa yoo uumne barichi haara ta’a kan jedhan Muummeen Ministiraa, Ityoophiyaaf hojmaata ammayyaa’aa, furmaataa, daandii, ilaalcha, ashaaraa, oomisha, aartii, teeknooloojii, argannoo saayinsii, falaasama, kenniinsa tajaajilaa, pirojektoota, bu’uuraalee misoomaa, qaanqeewwan beekumsaa, aadaa qonnaa haaraa fiduun, baricha haaraa akka taasifnu jechuun wamichaa dhiyeessaniiru. Hojii haaraadhaan barichi haaraa akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru. AYYAANA GAARII Obbo Takilee Fiixaa Bulchaa Bulchinsa A/J/Arjoo Qaammee 05,2016 Arjoo 👇filmaatawwan toora miidiyaalee hawaasaa keenya garagaraan nu hordofuu ni dandeessu. Facebook account https://www.facebook.com/arjoo.kominikeeshiin Page https://www.facebook.com/profile.php?id=100068098909832 Telegram https://t.me/JimaArjoCommunicationaffairs YouTube https://m.youtube.com/channel/UCzCH2NCidgEvYMhuBFb8HmQ TIKTOK https://vm.tiktok.com/ZMF7BcvRV/ Twitter : https://twitter.com/Jimaarjo

Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.