cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Dungoo Siyaasaa

Kaka’uumsa siyaasaa fi dammaqiinsa haala yeroo kennuu irratti xiyyaafata.

Show more
Finland3 749The language is not specifiedPolitics31 462
Advertising posts
274
Subscribers
No data24 hours
+87 days
+930 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Sagataan eegaleera hirmaadha.
Show all...
Photo unavailable
Guyyaa borii hirmaannaaf qophaahaa. OLF is inviting you to a scheduled Zoom meeting. Topic: Walgahii Galateffannaa Time: Sep 14, 2024 01:00 PM Eastern Time (US and Canada) Join Zoom Meeting https://us02web.zoom.us/j/81899881168?pwd=duG2o1cnGCG50it9YqYsabcvZlnDyh.1 Meeting ID: 818 9988 1168 Passcode: 196057
Show all...
Repost from The Oromia Time
Show all...
Ethiopian State Sponsored Assassinations: The Oromo Experience

A History of Violence. The Horn of Africa bears the scars of a tumultuous past, marked by conflict, power struggles, and systematic oppression. Among the region's many tragedies, the plight of the Oromo people stands as a stark reminder of the human cost of political violence. For over a century, the Oromo have endured persecution, marginalization, and targeted assassinations at the hands of successive Ethiopian regimes. This presentation delves into the dark history of state-sponsored violence against the Oromo, examining the motives behind these assassinations and their broader implications for human rights and regional stability. The systematic targeting of Oromo leaders is not a recent phenomenon. It started with the creation of Ethiopia as a dependent colonial empire at the end of the 19th century by European colonial powers. Since then, state sponsored political assassinations are deeply rooted in Ethiopia's history of imperial expansion and the subsequent struggle for control over land, resources, and political power. By silencing dissenting voices and eliminating potential threats to their authority, Ethiopian rulers have sought to maintain their grip on power and suppress any form of opposition, particularly from the Oromo people.

Namootni itoophiyaa jaalatanii nafxenyaa jibban warra garbumnaan dhanna taheefiidha. Fulbaana 10-9-2024. “Nafxenyaa” jechuun jecha murna qawween biyya bulchaa ture ibsuuf kan itti dhimma bahame tahullee yaadi nafxenyummaa fi ilaalchi xoophiyummaa kan wal tumsuu fi wal deeggaru tahuun isaa waan haalamu miti. Namootni sab-boonaa of fakkeessanii yaadaa fi ilaalcha kanneeniin summaa'an yemmuu tokko jaalatanii isa tokko balaaleffatan warra gabrummaa fudhatanii gadaantummaan dhanna taateefii dantaa bubuutuu fi jireenya of haaluutiin machaahaniidha. Oromoon akka sabaatti eenyummaa ofii dagaagfachuu fi bilisummaa lammummaa argatee walabummaa biyyoomaa akka qabaatuuf qabsaahu garee itoophiyaa leellisee nafxenyaa balaaleffatu akka diinoota duree Oromoo fi Oromiyaa tahanitti beekuun baay'ee fardiidha. Galatoomaa, ulfaadhaa, horaa bulaa deebanaa. Dungoo Siyaasaa https://t.me/+vUHKyQ7Nncw1Nzg8 https://www.facebook.com/share/p/33FqW8rccHYTvVxB/?mibextid=oFDknk
Show all...
Dungoo Siyaasaa

Kaka’uumsa siyaasaa fi dammaqiinsa haala yeroo kennuu irratti xiyyaafata.

Awwaannisa siyaasaa nyaattuu irbuu ganamaa fi hoongessituu milkaahinaa. Fulbaana 6-9-2024 Bobaa lammiilee koloneeffatamoo fi keessoo Ummata garboomee dahoo godhattee kan hortu awwaannisa siyaasaa nyaattuu irbuu ganamaa fi hoongessituun milkaahinaa hanga dirree waraanaa hundatti fakkaattee buluuf dhamaati. Burjaajii, afan-faajjii fi fakkaattummaan mallattoo ittiin beekamtuu fi amala dhaabbataa kan hin qabne taatee saamtuu siyaasaa hoongessituu injifannoo fi awwaannisa siyaasaa gama hundaa tahuudhaan adda hundatti of mul'isuu yaalti. Hojiin ishee fira fakkaattuu hirkattuu diinaa akka ishee of jala yaastee gola gantummaa kolgaltummaa fi hirakattuummaadhaan ijaarrachuuf gaaddisa firaa jalaa baqattee farreenitti michoomuu, halagaa wajjin hariiroo hiraarfamaa tolfattee danta bulummaatti abbaluudha. Galatoomaa, ulfaadhaa, horaa bulaa deebanaa. Dungoo Siyaasaa https://t.me/+vUHKyQ7Nncw1Nzg8 https://www.facebook.com/share/p/33FqW8rccHYTvVxB/?mibextid=oFDknk
Show all...
Dungoo Siyaasaa

Kaka’uumsa siyaasaa fi dammaqiinsa haala yeroo kennuu irratti xiyyaafata.

👍 1
Qaruuxummaan kaleessa barsiifamte har'a doofummaa ta'ee si nyaataa jiruuf gaabbi. Fulbaana 3-9-2024. Bara kaayyoo haqaatiif irbuu seente barnoota qaruuxummaa barsiifamte baroota as dhihoo keessa dagattee doofummaatti of deebistee qaruuxeen diinaa fira fakkaattee farrummaa qomoo keetii si barsiifteen ofumaa nyaatamaa jirta. Qaruuxummaan fi leenjiin waraanummaa qilee fi hurufatti darbatamaa bu'aa ba'ii qabsoo barattee/qaramtee baatee fi hubannaa gahaan bara kaadhimamaa turte sana argatte bara hamtuu kana keessa akka abdatamtuuf yaadameeti. Haa tahuu malee qaruuxummaan qaroomina hangafaa kan ati kaleessa barsiifamte lootee seentummaa qaruuxee diinaa ofirraa qolattee  ija qaroo gaara duubatti argu akka qabaattuuf malee maltuu garee faallaatiin hallayyaa siyaasaa fi qilee itti waraanamtu keessatti kuftee akka nyaatamtuuf hin turre. Galatoomaa, ulfaadhaa, horaa bulaa deebanaa. Dungoo Siyaasaa https://t.me/+vUHKyQ7Nncw1Nzg8 https://www.facebook.com/share/p/33FqW8rccHYTvVxB/?mibextid=oFDknk
Show all...
Dungoo Siyaasaa

Kaka’uumsa siyaasaa fi dammaqiinsa haala yeroo kennuu irratti xiyyaafata.

Show all...
TikTok · SP

101.2K likes, 4715 comments. “I think having to choose between two presidants is the best proof of the illusion of democracy”

Oromoon ilaalcha itoophiyummaa horate hortee itoophiyaa tahuu hin danda'u. Fulbaana 1-9-2024. Oromoon ilaalcha itoophiyummaa horatee itoophiyaa jiraachisuuf dhama'u dhama eenyummaa isaa dhandhamuuf carraa kan dhabee fi qaama garbummaa fudhatee dhanna taasifateedha. Qaamni garbummaa fudhatee ilaalcha garee garboomfataa dhaadhessuu fi itoophiyaa mararfatee of balfu hanga itoophiyaa jiraachisuuf lubbuu dhabeen horteen isaa bobaa itoophiyaa jalatti gubachaa ture. Oromootni dhaabbilee siyaasaa farra kolonii tahan keessaa gananii fi kanneen qaama koloneeffataatiin ijaaraman garee ilaalcha itoophiyaa qabuuf tumsa godhaa turan tumaan seera yakkaa itti baafamee itoophiyaan gubaa turtee fi gubuuf jirtu hedduudha. Galatoomaa, ulfaadhaa, horaa bulaa deebanaa. Dungoo Siyaasaa https://t.me/+vUHKyQ7Nncw1Nzg8 https://www.facebook.com/share/p/33FqW8rccHYTvVxB/?mibextid=oFDknk
Show all...
Dungoo Siyaasaa

Kaka’uumsa siyaasaa fi dammaqiinsa haala yeroo kennuu irratti xiyyaafata.

Oromiyaa keessa dhaabbattee itoophiyaa siyaasaan duute keessatti hin mul'atin. Hagayya 28-8-2024. Mooraa qabsoo Oromoo keessa jiraachuu fi qabshaa fakkaattee sochiin ati gootu kamuu itoophiyaa siyaasni ishee du'ee awwaalcha dhabde keessatti mul'achuuf ijibbaatchuun kee wajjin awwaalamuuf si saaxila. Ayyaan-laallattootni si dura turan Oromiyaa keessa dhaabbatanii itoophiyaaf hojjachuu yaalan yaalaa fi wal'aansa siyaasaa dhabanii wal'aansoo hin malletti seenuudhaan kufaatii dandammii hin qabneef of saaxilan irraa baradhuu of dandamachiisi. Seenaa koloneeffataa jala turuu keessatti qaama kolonii caalaa kan garbummaa keessaa bahuu dhorku murna bicuu gurmuu guddaa keessaa foxxoqee garee itoophiaa keessatti guddachuuf ijibbaataa ture gartuu jal'ataa akka keetii tahuu hubadhuu of wal'aani. Galatoomaa, ulfaadhaa, horaa bulaa deebanaa. Dungoo Siyaasaa https://t.me/+vUHKyQ7Nncw1Nzg8 https://www.facebook.com/share/p/33FqW8rccHYTvVxB/?mibextid=oFDknk
Show all...
Dungoo Siyaasaa

Kaka’uumsa siyaasaa fi dammaqiinsa haala yeroo kennuu irratti xiyyaafata.

Lugaama siyaasaatiin of lugaamee lagaan na qoodan jedhee boo'uuf boo'ichi isaaf amala. Hagayya 23-8-2024. Gartuun qaama summii gandummaatiin wal faaluun fala itti fakkaatee sammuu lugaama siyaasaatiin faalameen durfamu dirree jiraachuun qabsoo itti fakkaatee jiru warra kiyyoo halagaa fi gaadii farreen tarsiimootiin gaadi'ameedha. Lugaama siyaasaatiin lagaa fi gandatti wal harkisee kan of sakaalee “lagaan na nu qoodan” jedhee boo'u boo'ichi amala taheefii jiru gandaan qoodamuu isaa yoo beeke qaama gandaan isa qoode lagachuu dhabuun kiyyoo gaadii halagaatiin kiyyeeffamuu isaa ragaa ofitti bahee jira. Qabsaahaa fakkaachuu fi dirree jiraachuun waraana tahuu akka hin taane beekanii qabsaahaa fi waraana akkeessuudhaan osoo hin taanr kaayyoo qabatanii manaa bahaniin kan madaalamu tahuu hubachuun hubama lugaama siyaasaa jalaa of baasuun murtoo abbaati. Galatoomaa, ulfaadhaa, horaa bulaa deebanaa. Dungoo Siyaasaa https://t.me/+vUHKyQ7Nncw1Nzg8 https://www.facebook.com/share/p/33FqW8rccHYTvVxB/?mibextid=oFDknk
Show all...
Dungoo Siyaasaa

Kaka’uumsa siyaasaa fi dammaqiinsa haala yeroo kennuu irratti xiyyaafata.

Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.