cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking ยซAccept allยป, you agree to the use of cookies.

avatar

Oromate Academy๐ŸŽ“

Oromate Academy๐ŸŽ“ kaayyoon keenya: Waan gaarii hojjanne maqaa gaarii argachuudha!!! Mul'anni keenya: Saba bal'aa bira ga'uun Ijaa gurra ummata keenya ta'uudha!!! Kanaaf ammoo deegarsa keessan barbanna #Join #Share ๐ŸŒฟ๐ŸŒฟhttps://t.me/oromate ๐ŸŒฟ๐ŸŒฟ Galatooma

Show more
Ethiopia23 049The language is not specifiedEducation185 808
Advertising posts
437
Subscribers
No data24 hours
-27 days
-530 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

โ€œQiixxaa eelee sibiilaa Yaa irraan bukatashee, Jalaan gubatasheeโ€ฆ Isa beekuuf gabbina, Isa hin beekneef salphinaโ€ Hiriyaa keessi summii Ya afaan tolashee, Ya keessaan lolasheeโ€ฆ Isa beekuuf tapha, Isa hin beekneef caba! Malaan-maltuun aantii Afaaniin caraanti, Garaan nama waraantiโ€ฆ Gaafa dhiphuusheetii Dutaa si waammatti Gaafa dhimphuukeetii Citaa si saammatti! @oromate
Show all...
Kan koo kee keetis koo Jettee galte waadaa Badu na iyyaafadhu Baddu sin barbaadaa Kophaa wanti jedhu Hin jiraatu nu gidduu Waan jette nan fudha Waanan jedhe hin diddu Heyyema koo malee Murtiin tokkon darbuu Daangaa ati naaf keette Anis bira hin darbuu Jettee na sossobdee Na galchite qaalii Dura haalun kunoo Sababni isaa maali Jettee jettee jettee Addaan kan nu kutte Ofuma kee uumtee Dubbii dabaa suttee Garraamummaan qabu Na keessatti argitee Hamaa na taasisuuf Hammeenya marqitee Maqaa koo xureessuuf Otuma dhamaatuu Ana hin balleessine Ofiis nama hin taatuu Adaraa siin jedhee Sin dhaabsisu hama Anatu akkasiโœŒ๏ธ Atimmoo akkana๐Ÿคทโ€โ™‚ @oromate โœmaher gena
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Qaxalee sinbirtuu Dhalattuu sabiyyii Caba kan kee kanaaf Maal siin jedha biyyi Ajandaa godhanii Waa'ee kee haasa'uu Moo barbaadutti jiruu Furmaata siif ta'u Qaxaleekoo......... Ija olqabatee kan Namni sin laallee Gocha sirra ga'ee Waanii isaa wallaalle Atoo...................... Jiruu otuun argin Fageeffattee qalbii Otuma burraaqxu Utaaltee akka jabbii Ijoollummaa keetuu Kan reefuu jalqabde Hamaa sitti dhufe Miliquu dadhabdee? Seequu jabaa wajjiin Ijoollummaas qabdaa Hamtuuf saaxilamte Nutti taatee Gadda Akkana jabaatee Garaan ilma namaa Ani jechan dhabe Maal jedheetan hima Namarraa dhalatee Namni harmee hodhu Namumma qabatee Nama akkana hin godhu Anoo.................... Humna isaas hin qabu Tumuuf seera haaraa Dhalattuu akka keef Garaatu na aara Hamaan kee haa cabu Lattuu akka margaa Mirga kee sarbamte Waaqniyyuu siif argaa @oromate   โœMaher Gena
Show all...
๐Ÿ‘ 2โค 1
Hin yaadamtan jedhe Yaaddoo taโ€™uunimmo maalif barbaachisee๐Ÿคทโ€โ™‚ Waa'een kee durirra Baay'ee na yaachisee๐Ÿ˜• Guyyaa taf taf jedhee Jireenya koof figus๐Ÿƒโ€โ™‚๏ธ Halkan suman yaada Tasa gadi hin ciisuu๐Ÿ›Œ Ijji koo hin juunfatu Siif hirriba dhabaa๐Ÿฅบ Juunfadhu sin argaa Yaadan si qaqqabaa๐Ÿง–โ€โ™‚๏ธ Of cinaa si kaayeen Yaadumaan bohaara๐Ÿ˜ Of biraa si dhabeen Deebiseemmoo aara๐Ÿ˜ž Eessa jirta maaloo Maalumaaf dhokattee๐Ÿคฆโ€โ™‚๏ธ Baduu kankee faana Onneen koo cinqamtee๐Ÿค” Asan jira hin jettuu Hafuura keen dhabee๐Ÿค• Koottuti wal'aani Cinaacha koo cabee๐Ÿ‘ฉโ€โš•๏ธ Yooki qaamanis yaadanis Natti dhufuu dhiisii๐Ÿ™…โ€โ™‚๏ธ Qalbii siif rarratus Abdii kutachiisii๐Ÿ˜ญ Elaamee.... Waadaa waliif galle Dagattee yoo ciistee๐Ÿ™‡โ€โ™€๏ธ Anilleen nan bara Akka ati na dhiifte๐Ÿ™‹โ€โ™‚๏ธ Kanaafuu giiftii koo Nan bittinsin qalbii๐Ÿ’ Kan si caalus qaba Naaf haa kennu rabbi๐Ÿ™ @oromate
Show all...
๐Ÿ‘ 1
Hamma ati miidhagdu Sitti himuu kan na rakke Deebitee of jaallatteetu Na jibbitaan shakke. Tarii yoon sitti hime... Seeqni kee akka biiftuu Dacheef dungoo ta'uu Simboo dubbii keetiin Dhiira hunda booji'uu... Urjiin halkan ba'an Akka sitti inaafan... Habaabon daraares Argaa keen qaama'an... Gita akkati hin qabne Dachee bal'oo kanarraa Tarii ani sitti himee Yoo dhageesse narraa Sumarraa jaalalli si qabee Of jaallachuu eegalta Miidhaga keen mo'amtee Anaan na dagatta. Jedheenuman shakka Ta'us gowwumma koo Kanumaa sodaan koo๐Ÿ˜ณ Fuad Gena https://t.me/Tirsinaan
Show all...
Oromate Academy๐ŸŽ“

Oromate Academy๐ŸŽ“ kaayyoon keenya: Waan gaarii hojjanne maqaa gaarii argachuudha!!! Mul'anni keenya: Saba bal'aa bira ga'uun Ijaa gurra ummata keenya ta'uudha!!! Kanaaf ammoo deegarsa keessan barbanna #Join #Share ๐ŸŒฟ๐ŸŒฟ

https://t.me/Tirsinaan

๐ŸŒฟ๐ŸŒฟ Galatooma

โค 3
Sadoo Jiruu Yaa uumaa maraa baataa Isa gaariifi hammenyaa Kan koo gatiin isaa maali Yoon si gaaffadhe beenyaa Hir'uu koo naaf guuti mee Guutuu guutuun deebisii Akkan sadoof qananiin Jiraadhu naaf laaffisi Dilbii keerra naaf qici Kuusaa keetis naaf bani Laati qooda naaf male Eeggataa keeti ani Dhibeera leeton kiyya Bitaa natti galeeraa Arjooma keen hifsiisi Garalaafummaa keerraa Ona laphee koo keessaa Abdii guutuu kuufadhee Maal qaba harka kiyyaan Utuun fiigee buufadhee Jedhe akkan gaddine Qolmanni koo na cabee Hirkoo dhugaa naaf ta'i Kalees situ ol naqabee Gaafa hiiki jireenyaa koo Barbaadamtee dhabamte Kaleessaf boru gidduutti Wala'ansoo taate hafte Sumaanan wal'aanamee Nama ta'ee dhaabbadhee Har'as nan diddu beeka Otuunan si gaafadhee Akkuma qalbiin kiyya Gara kankee rarra'u Kenni gammachiisi mee Wanta garaan dharra'u Haa roora'u garaan koo Gadda baraa dhiqatee Qarqaarii galmaan ga'i Tirsiin karaa dheerates Silas siin hin dhibamu Maaluu harka kee jiraa Kanaaf kara kee laala Siin ala hin qabu fira Aantiin onnee kootirraa Hamileessan sammuu Onnachiisan laphee koo Si maleen argamuu Rakkachuun gadda ta'ee Ganna ba'ees birraatti Hin hafu dimismisaan Bahuuf jira ifaatti Ifa bakkalcha bariif Urjiinis qooda baatii Carariin biiftuu guyyaa Halkan addeessaf taati Akkuma yaatuu lagaa Birmatanii walitti Dukkana daangaan qabne Nuuf jijjiiran ifatti Har'a rakkoon baay'atee Kuufamee ta'us garba Akkamittuu ce'amee Seenaa ta'e ni darba Dabaree isaa eeggatee Hanga labutti cuftuu Naaf immoo walguurattee Sadoon jiruu haa dhuftu โœ ยฃuad ฤŸena @Tirsinaan
Show all...
๐Ÿ‘ 2
Walaloo gaggabaaboo argachuudhaf karaa #tiktok koo @fuadganna1 follow godhaa na hordofaa galatooma @Tirsinaan
Show all...
โค 1๐Ÿฅฐ 1๐Ÿ‘Œ 1
YAADA KIYYAA OL NAAF TA'I Tola keen ba'ee galaa Galanni kee Hamman qabuu Humni kan koos nan utubne Jabinni koos gatiin qabuu laafina koo naaf jabeessi Naaf qajeelchi dabaa maraa Himaa malee beekta silaa Quba qabda kan koo garaa Sirraa kamuu dhosaan qabu Gaarii ooltaf uumaa kamuu Galmaan gayaa yaada garaa Si'iin hamtuun hin yaadamuu Anis kajeelan tola kee Arguuf kaadha hawwii danuu Karaa bulaa manaa bahe Nan taasisin Waa hundaanuu Miilan deeme biran ga'u Gaara duuba qubsumni koo Dhiyeessi daandii naaf hafe Fageessi naaf ilaalcha koo Nama ta'eef ijaajjadhaa Akka namaan kufee ka'aa Namummaa koon na utubi Anis bakka garaan ga'aa Hammam fiigus bar siin ala Naan marfata narkaa badaa Suphaa onnee waraanamtee Dawaa qalbiif qorsa madaa Daakee keessa bahuun dhibe Yaaduma yaadarraan dhalaa Keessa na baasi qabaa keen Dhidhiittadhee dhabee mala Bittinnaa'aa karoora koo Qindeessi naaf mee walitti Yoos hamileen kiyyas tolaa Galma ga'a namaa olitti Kufaan kan kee suma qaba Qabii ol kaasi dhaabsisi Harka namaan nan soorini Ifaajee koo na nyaachisi Fagaataa yaada yaadamee Ga'umsa koo wallaalamee Kaataa kaayyoo ta'een hafee Tirsuu sumaan qarqaaramee Deebiin kan kee lakkiin qabu Awwaataadha kan iyyatee Iyyi kan koo si naaf geenyan Naaf mul'isi waan dhokate Baraari laphee koo qabii Hamaaf hammeenyin arginii Ati daguuf dagan qabduu Suman qaba kunoo anis Kan siย  qabaate maal dhabe Itti hir'atee hir'uun qabuu Sitti hirkatee kan ifaaje Gatii guddaa sirraan dhabuu Jechoonni koo wal ta'anii Galataa kee lallabanii Qaamonni koos laaffatanii Qarqaarsa kee haajamanii Ati ta'iif hirkoof wabii Arjooma keen kunuunfadhu Yaada kiyyaa ol naaf ta'i Akkan abjuu dhugoomfadhu!!! ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย ย Written by fu'ad gena JOIN & SHARE us OROMATE ACADEMY๐ŸŽ“
Show all...
๐Ÿ‘ 2
Durba Gurraattii Jaalatanii dhabuun baay'ee rakkisaadha....... Sababani isaas ๐Ÿ˜ŒYeroo kasala Argitu Hundaa Ishee yaadatta ๐Ÿ˜œ๐Ÿ˜…๐Ÿ˜… Join Us https://t.me/Tirsinaan
Show all...
๐Ÿ‘ 5โค 4๐Ÿ˜ 4
Repost fromย Oromate Academy๐ŸŽ“
Amala Keessan baru nama Irri namaa bifa Itti dhiyaatanii Hunduu namaa ifa Halaaluma taa'uun Foo'un nama dhiba Bifa nama malee Haalli nama dhibba Garaa tokko ba'us Namumma qabatee Tutturee wal dheessa Jiraa wal baqatee Namni kokke wal qabus Hancuftuu laphee jiisaa Tulluunis godaantu Amala abbaaf dhiisa @Tirsinaan by maher_gena
Show all...
๐Ÿ‘ 4โค 1
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.