cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking ยซAccept allยป, you agree to the use of cookies.

avatar

Kello Media

Alagarraa bilisummaa kajeeluu osoo hin taane, qawwee qofaan hadheeffatanii loluutu bilisa nu baasa!

Show more
Finland2 351The language is not specifiedPolitics13 634
Advertising posts
2 181
Subscribers
+324 hours
+297 days
+13930 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Of-Qopheessi ============ Akka Oromiyaatti ppn lola WBO waliin geggeessaa jirtu dadhabuun, olola bantee itti hin milkoofne. Gantoota mooraa qabsoo keessatti ijaartus itti salphatte. Hattoota WBO fakkaattus bosona seensistus dhukkee irraa kaafnee ariinee baafneerra. Yeroo ammaa kana maatii qabsaawotaa akka ajjeesaniif dirqama miliishaaf kennitee jirti. ~Kanaafuu ~Miliishaan ~Gaachana sirnaa ~Kaabineen ~Dabballeen ~Poolisii fi Caasaan tikaa pp kamillee Oromiyaa keessatti bakkaa bakkatti socho'uu akka hin dandeenyee fi kallattii kamiin iyyuu daandiin akka itti cufamuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhaamsa waliif dabarsaa! WBOn waan godhu beeka. Qeerroon dirqama sirraa eegamu ba'i! ๐™Š๐™ง๐™ค๐™ข๐™ž๐™ฎ๐™–๐™– ๐˜ฝ๐™ž๐™ฎ๐™ฎ๐™–
Show all...
๐Ÿ‘ 6โค 4๐Ÿ‘Ž 1
Biyyi gaafa kufaatiitti ariifattu, sirnoonni biyyichaa wal duraa duubaan kufuuf wal sardu. Barataa kuffisuun sirna biroo guddisuuf itti yaadameeti. Rakkoo keessoo siyaasaa humnaan irra aanuuf jecha kichuuwwan egeree biyyaa akka doofummaatti haftuuf dheebuu beekumsaa ishee jalaa ugguruunii ulaa hammaataa duubaan bananiif. Ulaa hammaataan kun gadadoo sabaati malee qananii sabaa miti. Biraanuu Naggaa fi Biraanuu Juulaa kufaatii dhalootaatti wal duraa duubaan waan gammadan fakkaatu. Biyya kana keessatti baajenni waraa-naaf oolu gadi qabaatti baajeta sekteroota hundaan ol yoo ta'e malee sanaan gadi miti. Barataan baratee sektera biraatti yoo ramadame of jijjiiruun maatii akkasuma biyya ofii jijjiira jedhamee abdatamu akka cubbuutti ilaalamee duuba duuba baajeta sirna baruuf barsiisuuf bajjatamuuf oolu gara baajeta waraa-naatti deebisuun abjuu dhalootaa dukkaneessan. Biraanuu Naggaa yeroo kufaatii barattootaa qulqullina barnootaan kuulee dubbatu Biraanuu Juulaa immoo biiroo isaa keessa ta'ee barattoota kufan waraa-naaf galmessuuf beeksisa bakka bakkatti baasa. Abiy akkas jedhe ture "kan miidiyaan kara facebook lo-la lo-lu osoo hin taane, isa qaaman lo-latti hirmaatee nu waliin lo-lu barbaanna" jedheera! Barataan baratee beekumsa diish-qaa, diroonii, taankii fi,ffkn hojjechuu danda'u galagalcha akka diish-qaa baatu, akka qaww-ee baatu, nagaan hafee akka lubbuu isaa waree-gee xaa'oo qe'ee keessaa ta'uuf kaadhimuutti jiru. Baajenni baruu barsiisuuf hin jirre diroonii fi taanjii akkasumas xiyyaarota waraa-naa bituuf hin dhibu. Baajenni waraa-naaf oolu manneen barnootaa suphuu fi ijaaruuf hin jiru. Inni jireenyi dirqamsiifte amma gara Biraanuu Juulaa deemuu hin oolu, inni jireenyi ciriqii huute Jaal Marroo Dirribaa deemuu hin oolu, inni jireenyi bitaa itti gale gara gonfa gonfaatti galuun qalama dagatee diish-qaaf moortera baachuun isaa hin oolu. Qooda sammuun nagaan baratee biyya ofii bu'aa buusu hafee, sibiila fudhatee badee ballee-ssuutti gadi taa'a. Kufaatichi itti yaadamee raawwate. Barsiisaa fi barataan sababa hin ta'u. Sirni gaafa kufe barataan kufe. Gulantaa waraa-naa of kaasuuf sammuu dhalootaa gadi buustan. Utuu barataan akka sammuun isaa ijaaramuuf hin hojjetiin waraa-nni barataan akka ijaaramuuf irratti hojjettan! Oromiyaan Biyya!
Show all...
โค 3
Biyya Walabaa ijaarrachuuf kan Oromoo gargaaru humna Waraa-na Bilisummaa Oromoo fi dippilomaasii gita qabudha. Humna kanatti sammuun Walabummaatti amanu fi barnoota ammayyaawaa hordofu itti makamuuti qaba. Qabsoo kana keessatti waan maallaqaan bittu humna baratetti fayyadamtee harkaan hojjetachuuti qabda. Humna qaww-ee itti kenname baatuuf dhukaa-su qofa ajajuu osoo hin taane humna qaww-icha hojjechuu danda'u qabaachuun faardiidha!
Show all...
๐Ÿ‘ 12
Filisxeemonni abbaa biyyummaa falmatu, Israa'eel immoo humnaanin cafaqee isin bulcha jetti. Namoonni amantaa leellisan tokko tokko immoo dhibdee jara lameen akka dhibdee amantaatti hiikuuf yaalu. Kun sirrii miti. Waan Filixeemonni dogoggoran mariif taa'uu diduudha. Kun tarii isaan miidhuuti mala. Israa'eel garuu jara tasuma balleessuu hin dandeessu. Walabummaan furmaata bara baraati. Waanan ittiin jara lamaan dinqisiifadhu tokko jira akka muuxannoo qabsootti. Sana suuta irraan dubbadha. Qaamni walaboomuuf falmatu yoomuu natti tola. Walabummaan mirga lubbuun jiraachuuti!
Show all...
๐Ÿ‘ 5
Addisuu Araggaa torban darbe keessa faa-nn-oo, shaabiyaa fi Tplf waliin ta'uun lo-la nutti banuuf jedhee hojjettoota mootummaa sektera hunda irraa filee walitti qabee itti himaa ture! Kanaafuu yoo lo-lli nutti baname nu waliin hiriiruuti qabdu jedhe!
Show all...
๐Ÿ‘ 9
Photo unavailableShow in Telegram
โค 3
Itti ansuun dabareen kan Mallas Zenawwi ture. Waraqaa Abboman dhiyessee kana hunduumtu ajaaibsifata ture mallas Zenawwi dabalate jechuu dha Mallas akkaa Abbomaa hin callee waan bareef dabareen isaa gaafa gahu gara waltajjitti ol bahe akkana jedhe "Kabajaan Abbooma Mitikkuuf qabu irraan kan kahe dorgommii kana addaan kuteera jedhe". ********* Bara 1966 Abbomaan Pireezdanti Baratoota Yuuniversiiti H/Sillasee yoo tahu itti anaan isaa ammoo Getachoo Bagashaaw (Amma Profeseera kan tahan biyyaa Ameerika kan jiratan. Getachoon bara sana Miseensa Dargii kan turanii fi dhoksaan ammoo miseensa "Ihappaa" kan turan Ajajjaa dhibbaa Alamayyoo Hayilee faana miseensa Ihappa ture.) ****"**** Yeroo kana Abboma Mitikkun mana isaanitti Baaroo Tumsaafa faana waayee Qabsoo Ummataa Oromoo mari'achuu egalanii turan. Yeroon sun yeroo ittii Dargiin Mooti H/Sillasee buuse ofii isaaf of ijaara
Show all...
๐Ÿ‘ 4
Seenaa Ajaa'iba Goota Oromoo Abbomaa Mitikkuu Waaqoo. Mallas Zenawwin yoo waraqaa kana dhiyessees Abbomaa Mitikkuu caalu akka hin dandeenye waan bareef mo'amuu korraa jechuun Abshalummaa fayyadamun gara wal tajjitti ol bahe ..." kabajaan Abbomaa Mitikkuf qabu irraan kan kahe dorgommii kana addaan kuteera" jechuun waltajjii irraa deebi'ee buhee..... kun yoomif essatti akka tahe barruu kana gadii kessatti argattuu. ****************** Duraan koollejjii Qonnaa Haromaayaa ammaa immoo Yuunivarsiitii Haromaayaa irraa eebbifamtoota jalqabaa kessaa tokkoo dha Abbaan Abboomaa Obboo Mitikkuu Waaqoo. *********"***"**** Kan dhalatee Biyyaa Gootootaa biqilchuuf hin sassannee Oromiyaa, Godinaa Wallaggaa Lixaa Magaala Gimbittii Abba isaa Obboo Mitikkuu Waaqoo fi Haadha isaa addee Margee Miijana irraa dhalatee Maqaa isaas Abboomaa jedhan. ****"************ *Abbomaa Mitikkuu Waaqoo * Abbomaan barnoota isaa sadarkaa duraa bakka dhaloota isaa Magaala Gimbitti yoo baratuu barnoota olaana immoo magaala finfinnee kessaatti bara sana bakkaa ijolleen lammilee biyyaa alaa fi ijolleen Abboti Qabeenya itti barataan Mana Barumsaa "American Community School" jedhamutti baratee. Kayyoo fi Quuqamni Abbomaan ummataaf qabu bara kana irraa eegale mul'achu jalqabe jedhu warrii dhiyeenyaan isaa beekan. ******** Yeroo barachaa ture sanatti barattoota seeran alaa barumsaa irraa ari'aman akkaa isaan barumsatti deebi'aniif dhoksaadhan barattoota qindessee kan kakaasaa ture Mucaa xiqqoo kan ture Abbommaa akka tahe biraa gahame hanga barumsarraa ari'amutti gahe ture. ********* Achiin boodas gara M/Barumsaa bara sana qulqullina barnootaatin beekama tahe 'Akaki Adventist School" tti kutaa 9 fi 10 baratee. Achumatti ansuun kutaa 11 fi 12 bakka barattotni akka biyyattii qabxii olaana galmessaan itti barataan M/B "Tafarii Mokonnin" yeroo amma kana "Entoto Academic, Technical and Vocational School" jedhamutti baratee. Bara kana jalqabuun Abbomaan ifaaf ifattii gaffii sabaa fi sablammotaa gafachuu jalqabee. ********* Kanatti ansuun Abbomaan kan deeme ammaa har'attille qabxii olaana inni achittii galmessee namoota hedduuf gaffii tahe kan itti hafe ga "Haile sillasie University" kan ammaa "6-Kiiloo" jedhamuiu seene. ******""***** Abbomaan bara Mana Barnoota Tafari Mekonenittil barachaa turetti mucaan Adaada isaa kan Farmaasisti barachaa ture Girmaa Dafoo Jaamoo kan jedhamuu immo yuuniversiti kessattii qabsoo bilisummaa cimaa geggessaa ture Abbomaanis daandii qabsoo kana isarraa fudhatee jedhamee yaadama. ********* Bara 1953 tti "Motichii hin gaafatamuu" kan jedhuu falmuun obbolootni lamaan Jeneeral Mangiistu Newaawe fi Girmaaye Newaawe motichii akkaa kufuu danda'aan Qabatamattii yaali Fonqolchaa Motummarratti godhaniin agarsiisani darban.kanaanis barattoota bara sanaaf karaa qabsoo agarsiisani darban. **"***** Abbomaa Mitikkuu barataa waggaa 3ffaa tahe osoo jiru dorgommiin secretary General geggeffamee irratti innis namoota kana laman faana dorgoome.Mallas Zeenawwii Galaasa Dilboo fi Abbomaa Mitikkuu turan. ******** Mallas Taklee (Mummicha Ministeera duurani obbo Laggasd Zeenawwi, Mallas maqaa jedhu kan fudhataan nama dhalataa Tigiraay qabsoo barattoota kessatti hedduu beekama kan ture fi bodarrattis jeneraal Taddase Birruu faa faana kan rashanaame du'e irrati.) ********* Dhumaa irrattis dorgommii kanarratti kan hafan Mallas Zenawwi fi Abbomaa Mitikkuu turan. Jalqabaa waraqaa qorannoo isaa kan dhiyeessee Abbooma Mitikkuu yoo tahuu gaafa innii dubbaatu Galmaa sana kessaa kan turan amma inni dubbate fixuttii Afaan bananii dhaggeeffachaa turan jechii isaa kan bayyee nama hawwatuu ture. ********
Show all...
๐Ÿ‘ 4
Hojii Diplomas Hojjeechun Cime Itti Fufa. __Mootummaan Somaaliyaa, WBO akka deeggartu guutummaatti ifoomsitee jirti! __Mootummaan Gibxis cimsee deeggarsa akka godhu ifoomsee jira. __Mootummaan Aljeeriyaa fi Naajeeriyaas deeggarsa guddaa Warraaqsa Adda bilisummaa Uummata oromoof akka taasisu ifoomsan. Galatoomaa hayyootaa fi Uummata Oromoo fi Kuush naannoo sana jiraattan! ๐™Š๐™ง๐™ค๐™ข๐™ž๐™ฎ๐™–๐™–๐™ฃ ๐˜ฝ๐™ž๐™ฎ๐™ฎ๐™–ย  โœŠโœŠโœŠ
Show all...
๐Ÿ‘ 19โค 5
Injifannoo Diina Akkaย  Malee Rifaasise Kaaba Shaggar kan ona Kuyyuutti lola ijibbaata diinni taasisten leencichi abbaan haqaa injifannoo boonsaa galmeessun *Morgaa- 116 *Madoo- 143 hojiin ala gochuun olaantumman golabe jira! Injifannoon abbaa haqaaf IUOf ๐™’๐˜ฝ๐™Šn ๐™ƒ๐™–๐™– ๐™’๐™–๐™–๐™ง๐™ช
Show all...
๐Ÿ‘ 7โค 5
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.