cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

YOUTH FOR CHRIST MINISTRY

Engaged for Christ

Show more
Advertising posts
2 357
Subscribers
-124 hours
+537 days
+12730 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Kutaa 3ffaa Ergama keenya – Obboroo Ifa biyya lafaa Dubbisa macaafa qulqulluu - Se. Lakk 8:1-4 ¹ Waaqayyoo ammas Museedhaan, ² "Aaroniin, 'Ibsaa torban baattuu ibsaa irra yommuu keessu akka isaan baattuu fuul-duratti ibsanitti kaa'i!' jedhii itti himi!" jedhe. Se. Lak. 8:1-2 Dunkaanichi inni lafa onaa ture keessa isaatii baattuu ibsaa isa mallattoo adda addaa qabu of keessaa qaba ture. Baattuun ibsaa inni duraa akkuma dubbisa armaan olii keessatti ibsametti ibsaan ykn ifni kan irra taa'u ture, kan hojjatames warqee tumamaa irraa ture,akka daraaraatti kan tolfame, ibsaa torba kan qabuufi kan ifu ture. Egaa maaliif macaafni seera lakkoobsaa waa'ee baattuu ibsaa dunkaanicha keessa turee kana guddisee nutti agarsiisa? Hammamiyyuu lafa onaa keessa yoo jiraatanillee har'as harkii fi eebbi waaqayyoo isaan irra akka jiru saba israa'eliin yaadachiisaa ture. Waaqayyo ifa isaa kennaafii ture. Sabni kun Lafa onaa dukkanaa fi du'aan guute sana keessatti nama kana isaan yaadachiisu ni barbaadu turan. Nutis akkasumadha. Deemsa lafa onaa fakkaatu keessatti gaafa ofii keenya arginu abdii kutachuudhaaf baay'ee dhihoo jirra, garuu waaqayyo ibsaan koo isin irra jira nuun jedha. Nuyi warra har'a jirruuf ibsaan keenya Yesuusidha. Innis ifa biyya lafaati (Yoh 8:12). Waaqayyo akka nu hin dhiifnee fi har'as akka nu jaalatu karaa kiristoos nu yaadachiisa. Nutis namoota  deemsa lafa onaa keessa jiraniif ifa kiristoos akka ibsinuuf waamamneerra. Kanas dhuunfaa keenyaanis ta'ee akka waldaa kiristiyaanaatti raawwachuun nu irraa eegama. Yesuus inni nuuf ife namoota kaaniifis abdii kenna waan ta'eef. Jireenya eenyuu keessatti Yesuusiin ibsuu barbaadda? Yesuus, ati Dhugumaan biyya lafaa hundumaaf ifa. Ifakees bakka hundumaatti akka ibsinuuf nu waamteetta. Namoota kaaniifis wangeela fayyinaafi dhiifamaa kana biraan ga'uu akka dandeenyuuf ayyaanni kee nu haa gargaaru. Ameen Kutaa 4ffaan itti fufa... Tom Greesmaaniin barreeffamee https:todaydevotional.com/ irraa fuudhamee kan hiikkame.
Show all...
Today Daily Devotional — Today Daily Devotional

Today is a daily devotional that helps God's people refresh, refocus and renew their faith through Bible reading, reflection, and prayer.

Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
🚨 🚨 "Wanti kun hin danda’amu baay’ee ulfaataadha” jettee beektaa? Tooftaalee 10 Yaada gara Gochaatti jijjiiruuf si gargaaran,... See More 👉 See More      See More
Show all...
Kutaa 2ffaa Ergama keenya - Ergaa Ganamaa Kennaa waaqayyoo isa gaarii Qooduu Dubbisa macaafa qulqulluu- Se.Lakk 10:32 “Ati nuu wajjin yoo dhaqxe, nus wanta gaarii Waaqayyo nuuf godhu siif in hirra" jedhe.” Sabni Israa'el Tulluu siinaa irra yeroo dheeraadhaaf erga turanii booda deemsa eegaluuf qophaa'aa turan, maatiin hundinuu duumessa waaqayyoon geggeeffamaa deemuudhaaf qophaa'anii xumuraniiru. Imala eegaluuf yeroo ka'anitti museen Ilma abbiyyuu isaa Hoobaabiin isaan waliin akka deemuuf isa gaafata, Hoobaab lafa onaa sana bareechee waan beekuuf Israaelota beekumsa isaa kanaan isaan fayyaduutii akka danda'u ni beeku. Museen Hoobaabiin gaaffii nu waliin imalii gaafa dhiyeessuuf Israa'elonni faayidaa Hoobaab irraa argatan qofaaf osoo hin taane isaan waliin ta'uu isaatiin eebbi inni argatus waan jiruufi. Museenis koottu nu waliin adeemi Waaqayyo saba israa'eliif kan kakate sagalee kakuu baay'ee qaba jedheen. Waaqayyo saba Israa'eliin akka eebisu Museen ni beeka, Hoobaabis eebba kana akka hirmaatu ni barbaada. Akkaataa kanaan Museen hoobaabiin affeeraa kan ture Eebba hafuuraa fi qooda saba Israael irraa akka hirmaatuuf ture. Yeroo tokko tokko amantii keenya namoota biroof qooduuf kan of qabnuuf namoota dirqisiisaa yookin immoo ba'aa akkasumaanii irratti dabalaa akka waan jirrutti waan yaadnuufi, garuu Sagalee misiraachoo Isa kan kiristoos gaafa namootaaf qoodnu gara Jaalalaa fi ayyaana waaqayyoo qooddachuu fi gara eebba sanaatti akka galan affeeraa jirra. Waaqayyo yeroo hundumaa sagalee misiraachoo fi jaalala isaa namootaaf akka qoodnu barbaada. Museen akkas jedhee hoobaabiif kakuu gale " wanta gaarii Waaqayyo nuuf godhu siif in hirra". Kennaa waaqayyoo gaarii ta'e hundumaa namootaaf qooduun waaqayyo wajjin jiraachuu keenyaaf ibsituu yeroo hundumaati. Gara ayyaana waaqayyoo beekuufi imala deemsa amantii akka eegaluuf namni isin affeeeruu dandeessan eenyudha? Hiriyaa moo maatii? Ayyaanni waaqayyoo ofii keenya qofaaf qabannee itti jiraachuu duwwaa osoo hin taane namoota kaaniifis akka qoodnuuf dirqamni nurra jira. Yaa waaqayyo gooftaa, Kennaawwan sirraa arganne jaalalakee, nagaakee, dhiifamakee, gammachuukee namoota kaaniifis hiruudhaan amanamoo akka taanu nu gargaari, namoonni kaanis jireenya isaanii siif kennanii hirmaattota mootummaa keetii akka ta'aniif affeeruu akka dandeenyu ija jabinaafi humna nuuf laadhu. Ameen! Tom Groslamiin barreeffamee https://todaydevotional.com/ irraa fuudhamee kan hiikame. Kutaa 3ffaan itti fufa... t.me/Youth4Christ1
Show all...
Today Daily Devotional — Today Daily Devotional

Today is a daily devotional that helps God's people refresh, refocus and renew their faith through Bible reading, reflection, and prayer.

Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
💌 Iccitiin jaalalatti qabamanii waggaa dheeraa turuu jaalalleewwanii lolli waan dhabameef miti...👉 See More 🔜 See More See More
Show all...
🥰 ➡️ Channel jaalatamoo ergaalee ajaaibsiisoo fi barsiisoo ta'an qabu kana irratti gadi tuquudhaan JOIN taasisaa! ➡️ JOIN 📌 1️⃣ 💡💡💡💡💡💡💡      🚘 JOIN     JOIN 2️⃣ 💡💡💡💡💡💡💡     🚩 MORE JOIN  🚩    🚩 MORE JOIN 🚩 3️⃣💡💡💡💡💡💡💡     🍰MORE JOIN  🕯    🍰 MORE JOIN 🕯 𝙰𝚍𝚍 𝚢𝚘𝚞𝚛 𝙲𝚑𝚊𝚗𝚗𝚎𝚕 ᥲძძ ᥡ᥆ᥙr ᥴһᥲᥒᥒᥱᥣ 📌 Channel keessan tolaan nu waliin beeksifadhaa
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Ergama keenya - Obboroo Namoota Ergaman Dubbisa macaafa qulqulluu - Yoh 6:18 “Akka ati biyya lafaatti na ergite, anis akkasuma biyya lafaatti isaan ergeera.” Macaafni qulqulluun duuka buutota Yesuus karaa adda addaan isaan ibsa, Warra cubbuun isaanii haqameef, qaama kiristoos warra ta'an, qaama kiristoos warra bu'uuraa, hunduma caalaa garuu ibsituun eenyummaa keenyaa inni ijoon namoota ergamne ta'uu keenya. Yesuus kiristoos Jaalala waaqayyo abbaa addunyaadhaaf ibsuuf akkuma ergame innis nuyiin akkasumatti jaalala isaa akka ibsinuuf nu ergeera. Butamuu Yesuusiin booda duuka buutonni isaa Ergaa kanaaaf akka hidhatanii fi qophaa'aniif Hafuura qulqulluu fudhatan. Har'as akkuma duuka bootota Yesuus, akkuma nutis amannetti namoonni amantii isaanii Yesuus irra akka kaawwatan, Missiraachoo isa gaarii sana itti himuudhaan, jireenyaanis mul'isaa akka qoodnuuf waamamneerra. Yeroo baay'ee waldoonni kiristiyaanaa hojii keessaatiin qabamu, kiristiyaanonnis Yeroo isaanii baay'ee sagantaalee adda addaa adeemsisuun, dhimmoota waldaa keessatiif furmaata barbaaduun waan fixaniif namoota waldaa kiristiyaanaan ala jiraniin wal qunnamuuf, walitti dhufeenya uumuuf, Missiraachoo gaarii sana qooduuf yeroo ga'aa hin qabaatan. Egaa har'a iddo baay'eetti safartuun guddina waldaa kiristiyaanaa lubbuu haaraa gara mootummaa waaqayyootti dabalaman ta'uun hafee namoota waldaa tokko irraa gara biraatti yaa'anii teessoo waldaa guutan ta'anii arguun waan baay'ee nama dinqisiisu miti. Garuu Kun maal fakkaachutii  akka qabu barumsi Yesuus ifa taasiise nutti hima, Innis waamamuun amantootaa Ergama waaqayyoo isa inni namoota cubbuudhaan badan deebisuuf eegale sana keessatti hirmaattota akka taanedha. Amantii keenya waa'ee namootaaf qooduu haasa'uun qofti ga'aa miti, rawwachuutii kan qabnu saba waaqayyoo kan ittiin taane Kutaa eenyummaa keenyaati. Yaa Abbaa, Akkas jedheen si kadhadha, Haasaan koof hojiin koo warreen kaan wangeela kee akka hubataniifi ati jireenya isaanii keessatti akka barbaachiftu akka hubataniif meeshaa godhii itti fayyadami! Amen. Paster E.J Gretziin barreefamee , https://todaydevotional.com/ Fuudhamee kan hiikame. t.me/Youth4Christ1
Show all...
👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.