cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

Advertising posts
2 756
Subscribers
+3624 hours
+2667 days
+62730 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Photo unavailableShow in Telegram
“Galmi Waloo", dhimmoota bu'uuraa Ida’amuu keessaa isa tokko dha! ****** Ida’amuun garaagarummaarra darbee kaayyoo fi fedhii waloo galmaan gahuu filata. Dhimmoota hunda keessatti galma waloo bu’ura taasifachuu, waliin hojjechuu fi qindoominaan socho’uun murteessaadha jedhee amana. Injifannoon Adwaa kan dhugoome garaagarummaa keessoo keenya ture irra kan darbinre galma waloo waan qabannee fi sanaafis hiriirrefii dha. Galmi waloo injifannoo waloo nama goonfachiisa.
Show all...
👍 11 2👏 1
Mana Barnoota Meeyraa Sad.1ffaatti Saqiinsi Barnootaa Sadarkaa Godinaatti Taasifameera! **** Godina Harargee Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Galamsoo MB Sad.1ffaa Meeyraatti Saqiinsi MB Sadarkaa Godinaatti bakka I/A Waajjira Barnoota Godinaa Obbo Abdii Siraajii fi I/A Kantiibaa BMG Obbo Jamaal Amaanoo argamanitti eegalsiifameera. Bifumaa walfakkatuun Aanaa Shanan Dhuuggoottis bakka Hoggansii Ol’aanoo Aanichaa argamanitti Saqiinsi Manneen Barnootaa taasifameera! Ganna kana qophiin balinaan kan taasifamaa ture Aanaalee fi Magaaloota Godinichaa hunda keessatti hojiin baruu barsiisuu ifaan guyyaa har'aa akka saaqame I/A Waajjira Barnootaa Godinaa Obbo Abdii Siraaj ibsaniiru. Milkaa'insa hojii firii barattootaan bara 2016 Magaalaa Galamsoo keessatti galmaaye caalatti itti fufsiisuuf hojii barnootaaf xiyyeeffannaa addaatiin kan hojjann taha jedhan I/A Kantiibaa Magaalaa Galamsoo Obbo jamaal ibsaniiru. Dhumarrattiis daawwannaan sochii hojii barnootaa gaggeessuun raawwatameera. #Waajjira_Barnoota_Godina_Harargee_Lixaa
Show all...
👍 11 4👏 3
Irreecha; Dirree Nagaa fi Araaraatti! ******* Irreechi Dirree Araaraa, Galataa, Nagaa fi Ulfinaa akkasumas faajjii tokkummaafi Obbolummaati. Irreechi tokkummaa Oromoo cimsuu cinaatti, hariiroo sabaafi sablammoota waliin qabnu cimsuu keessaatti shoora olaanaa qaba. Qabeenya guddaa mallattoo eenyummaa keenyaa ta’e kana hawwattummaa isaa daran dabaluun ga'ee keenya waan ta'eef Irreecha bara kanaa kan baroota darbanii caala miidhagsuun karaa aadaafi duudhaa isaa eeggateen akka kabajamu gochuuf gama hundaan qooda keenya ba'uu qabna! #Irreecha2017
Show all...
👍 11 1🥰 1👏 1
Photo unavailableShow in Telegram
𝗜𝗿𝗿𝗲𝗲𝗰𝗵𝗮; 𝗙𝗮𝗮𝗷𝗷𝗶𝗶 𝘁𝗼𝗸𝗸𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮𝗳𝗶 𝗼𝗯𝗯𝗼𝗹𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮! **** Sonawwan Aadaa fi duudhaa ganamaa hedduudhaan faayamee, hirmaattota miiliyoonaan lakkaahamaniin miidhagina addaa goonfatee kan kabajamu Irreechi sirna hawwataa lammiileen jaalala fi mararfannaa guddaadhaan qooda irratti fudhan, faajjii tokkummaa fi obbolummaati. #Irreecha2017
Show all...
👍 6🥰 2 1👏 1
Photo unavailableShow in Telegram
Irreechi Wiirtuu Obbolummaa Dhugaati! *** Ayyaanni Irreechaa tokkummaa Oromoo cimsuu, sabaa fi sab-lammoota waliitti fiduu, akkasumas biyyarra ce’ee hariiroo uummattoota biyyoota garaa garaa waliin qabnu jabeessuu fi tuuristoota baay’inaan harkisuudhaan walitti dhufeenya lammiileetiif gumaacha bakka buutee hin qabne kan taasisu, sirna guddaa fi hawwataadha. Faajjii tokkummaa fi obbolummaa kan ta’e irreechi dirree nagaa fi nageenya itti labsan, araara itti buusan fi walooma itti cimsatanu waan ta’eef sirna miidhagaa mallattoo nageenyaa ta’e kana milkiin kabajuuf hunduu gahee keenya haa bahannu. #Irreecha2017
Show all...
👏 5👍 2🥰 1
Nama gargaaruuf Nama ta'uu qofti gahaadha! ******* Godina Harargee Lixaatti hojii kenna tajaajilaa lammummaatiin Seektaroota Godinaa, BMB, Odaa Bultum, Gammachiis, Xuulloo, Magaalaa Ciroo fi Aanaa Ciroo irraa Dabtaraa Darzaana 290 fi Qalamaa Pakoo 34 Sassaabamaa turee Mana Amala Sirreessaa Ciroo kan kennamee fi Daroo Labuu BMMM, BMG fi Habroo irraa Dabtara Darzaana 70 Sassaabamee Mana Amala Sirreessaa Galamsootiif kan kennamee qindeessummaa Liigii Dargaggootaa Godina Harargee Lixaa fi Liigii Dubartootaa Godina Harargee Lixaattin kan kennamee jira. Bifumaa walfakkatuun Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalotatti Hojiin kenna Tajaajilli lammummaa ciminaan kan hojjetamaa jiruu hojii eebbifamaa furtuu rakkoo hawaasummaa yoo ta’u, hojii murteessaa kana sadarkaa hundatti babal’isuudhaan uummatni duudhaa isaa ganamaatti deebi’ee aadaa wal gargaaruu fi wal cinaa dhaabbachuu akka gabbifatuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jira. Tajaajila Lammummaa Furtuu Rakkoo Hawaasummaa! #westharargheprosperityparty
Show all...
👍 4 1👏 1
Harargee Lixaatti, Gurmaa’iinsa Gandaa Haaraa Cimsuuf, Deeggarsaa adda addaa kennuu fi qubsiisuu cimee itti fufeera. ***** Godina Harargee Lixaa Aanaa Ancaaritti Gurmaa'iinsa Haaraa Gandaatti gadii bu'aan Meeshaalee adda addaa deeggaruu fi qubsiisuu ciminaan hojjatamaa jira. Bifumaa walfakkatuun Aanaalee fi Bulchiinsa Magaaloota hundaa irratti Hoggansaa Gurmaa’iinsa Gandaa Haaraa Cimsuuf, Deeggarsaa adda addaa kennuu fi qubsiisuun cimee itti fufeera. Hoogganssa cimaa Sad.Gandaatti hundeessuun rakkoo hawaas-dinagdee bu'uurarraa akka furuuf, cimsuun murteessaadha! Gurmaa'iinsaa Gandaa cimaa fi fudhatamummaa qabu ijaaruun, Galma Badhaadhina haa dhugoomsinu! #Badhaadhina_hunda_galeessaaf #westharargheprosperityparty
Show all...
👍 10👏 5 4🥰 1
Dhukkubni Koleeraa dhukkuba yaaddessaa du’aatiifillee nama saaxilu waan ta'eef, hawaasni keenya of eeggannoo cimaa gochuun murteessaadha. Dhibeen koleera baakteeriyaadhaan, faalama bishaaniifi nyaataan kan dhufuu yoo ta'uu, mallattooleen dhibichaa garaa kasaa fi haqqee ariifachisaadha. Dhibeen koleera miidhaa fayyaa hawaasarra darbee rakkoo dinagdeefi hawaasummaa cimaa qaqqabsiisuu waan danda'uuf, hawaasni keenya yomiyyuu caalaa ofeeggannoo cimaa taasisuun dhibee kanarraa ofbaraaruun dirqama hundaa keenyatti. Hooggansi Sadarkaan jiruu Dhibeen kun akka hin babal'annee fi to'achuuf dursa keennuun hojjechuu fi Hawaasni Madda bishaanii adda baasuun daffisanii qorrisiisuun akka fayyadamuu fi boolla fincaanitti qofa fayyadamuun dhibeen akka hin babal'annee qulqullina naannoo isaa fi dhuunfaa eeggachuun ittisaa fi to’annoo dhibichaaf gahee isaa bahuu qaba. Dhukkuba kana irraa Ofii fi Maatii keenya irraa haa ittifnu! Fayyaan Faaya! #Waajjira_Eegumsa_Fayyaa_Godina_Harargee_Lixaa.
Show all...
👍 2👏 1🙏 1
Gurmaa'iinsaa Gandaa cimaa fi fudhatamummaa qabu ijaaruun, Galma Badhaadhina haa dhugoomsinu! ***** Godina Harargee Lixaa Aanaa Shanan Dhuuggootti Hoggansaa Gurmaa'iinsaa Haaraan Gandaatti gadii bu'aan Meeshaalee adda addaa deeggaruu fi qubsiisuun ciminaan hojjatamaa jira. Bifumaa walfakkatuun Aanaalee fi Bulchiinsa Magaaloota hundaa irratti Hoggansaa Gurmaa’iinsa Gandaa Haaraa Cimsuuf, Deeggarsaa adda addaa kennuu fi qubsiisuun cimee itti fufeera. Hoogganssa cimaa Sad.Gandaatti hundeessuun rakkoo hawaas-dinagdee bu'uurarraa akka furuuf, cimsuun murteessaadha! #Badhaadhina_hunda_galeessaaf #westharargheprosperityparty
Show all...
👍 7 2👏 2
Go to the archive of posts
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.