cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking ยซAccept allยป, you agree to the use of cookies.

avatar

Booji'aa Caalii

Mootummaa jechuun qaama masaraa qabate osoo hin taane; qaama uummata qabatedha!

Show more
Finland1 609The language is not specifiedPolitics8 867
Advertising posts
4 303
Subscribers
+724 hours
+677 days
+9930 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Odeessa Kaabaa TPLF Getaacho Raddaa dabalatee miseensoota 16 of keessaa gaggeesse jira.
Show all...
๐Ÿ‘ 3
K/Abiy xoopiyaa keessatti wanta beekamaa fi qabatamaa ta'ee kan galmaa'e marsaa 144 ol Dirooniidhaan uummata nagaa rukutuu isaa BBC'n saaxile. Kun jabina inni gara jabummaa guddaadhaan hawaasa nagaa bulchaa jiru ajjeesuudhaan beekamtii itti argateedha.
Show all...
๐Ÿ‘ 2
Photo unavailableShow in Telegram
Jaal Kennaa Sabaa yeroo dhihootti wallee haaraa "Sin yaadata seenaan'' jedhu fidaa jira. Kara toora You tube Hawwisoo WBO eeggadhaa!
Show all...
๐Ÿ‘ 18โค 1
Of-Qopheessi ============ Akka Oromiyaatti ppn lola WBO waliin geggeessaa jirtu dadhabuun, olola bantee itti hin milkoofne. Gantoota mooraa qabsoo keessatti ijaartus itti salphatte. Hattoota WBO fakkaattus bosona seensistus dhukkee irraa kaafnee ariinee baafneerra. Yeroo ammaa kana maatii qabsaawotaa akka ajjeesaniif dirqama miliishaaf kennitee jirti. ~Kanaafuu ~Miliishaan ~Gaachana sirnaa ~Kaabineen ~Dabballeen ~Poolisii fi Caasaan tikaa pp kamillee Oromiyaa keessatti bakkaa bakkatti socho'uu akka hin dandeenyee fi kallattii kamiin iyyuu daandiin akka itti cufamuuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhaamsa waliif dabarsaa! WBOn waan godhu beeka. Qeerroon dirqama sirraa eegamu ba'i! ๐™Š๐™ง๐™ค๐™ข๐™ž๐™ฎ๐™–๐™– ๐˜ฝ๐™ž๐™ฎ๐™ฎ๐™–
Show all...
๐Ÿ‘ 9โค 1
Biyyi gaafa kufaatiitti ariifattu, sirnoonni biyyichaa wal duraa duubaan kufuuf wal sardu. Barataa kuffisuun sirna biroo guddisuuf itti yaadameeti. Rakkoo keessoo siyaasaa humnaan irra aanuuf jecha kichuuwwan egeree biyyaa akka doofummaatti haftuuf dheebuu beekumsaa ishee jalaa ugguruunii ulaa hammaataa duubaan bananiif. Ulaa hammaataan kun gadadoo sabaati malee qananii sabaa miti. Biraanuu Naggaa fi Biraanuu Juulaa kufaatii dhalootaatti wal duraa duubaan waan gammadan fakkaatu. Biyya kana keessatti baajenni waraa-naaf oolu gadi qabaatti baajeta sekteroota hundaan ol yoo ta'e malee sanaan gadi miti. Barataan baratee sektera biraatti yoo ramadame of jijjiiruun maatii akkasuma biyya ofii jijjiira jedhamee abdatamu akka cubbuutti ilaalamee duuba duuba baajeta sirna baruuf barsiisuuf bajjatamuuf oolu gara baajeta waraa-naatti deebisuun abjuu dhalootaa dukkaneessan. Biraanuu Naggaa yeroo kufaatii barattootaa qulqullina barnootaan kuulee dubbatu Biraanuu Juulaa immoo biiroo isaa keessa ta'ee barattoota kufan waraa-naaf galmessuuf beeksisa bakka bakkatti baasa. Abiy akkas jedhe ture "kan miidiyaan kara facebook lo-la lo-lu osoo hin taane, isa qaaman lo-latti hirmaatee nu waliin lo-lu barbaanna" jedheera! Barataan baratee beekumsa diish-qaa, diroonii, taankii fi,ffkn hojjechuu danda'u galagalcha akka diish-qaa baatu, akka qaww-ee baatu, nagaan hafee akka lubbuu isaa waree-gee xaa'oo qe'ee keessaa ta'uuf kaadhimuutti jiru. Baajenni baruu barsiisuuf hin jirre diroonii fi taanjii akkasumas xiyyaarota waraa-naa bituuf hin dhibu. Baajenni waraa-naaf oolu manneen barnootaa suphuu fi ijaaruuf hin jiru. Inni jireenyi dirqamsiifte amma gara Biraanuu Juulaa deemuu hin oolu, inni jireenyi ciriqii huute Jaal Marroo Dirribaa deemuu hin oolu, inni jireenyi bitaa itti gale gara gonfa gonfaatti galuun qalama dagatee diish-qaaf moortera baachuun isaa hin oolu. Qooda sammuun nagaan baratee biyya ofii bu'aa buusu hafee, sibiila fudhatee badee ballee-ssuutti gadi taa'a. Kufaatichi itti yaadamee raawwate. Barsiisaa fi barataan sababa hin ta'u. Sirni gaafa kufe barataan kufe. Gulantaa waraa-naa of kaasuuf sammuu dhalootaa gadi buustan. Utuu barataan akka sammuun isaa ijaaramuuf hin hojjetiin waraa-nni barataan akka ijaaramuuf irratti hojjettan! Oromiyaan Biyya!
Show all...
๐Ÿ‘ 4
Photo unavailableShow in Telegram
Qoosaan Baacaa Dabalee hin dhumu!
Show all...
๐Ÿ˜ 1
Odeessa Kaabaa Daangaa Impaayeera Ethiopia fi Eritrea Gidduutti ibiddi guddaan tokko boba'aa jira.
Show all...
โค 9
Salaalee goobaa jira. Nu Milkoomsi Waaqa
Show all...
๐Ÿ‘ 25
Photo unavailableShow in Telegram
Kadiroota nyaachu deemte nyaatamte ๐Ÿคช
Show all...
๐Ÿ‘ 16๐Ÿ‘Ž 7
WAA'EE IMPAAYERA XOOPHIYAA KANA BEEKTU LAATAA? Bara 1270tti mootiin warra Ha-b-ashaa, Yukuno Amlaak, Mootummaa Agawaa (Zagwe Dynasty) cabsuutiin kolo-neeffatee Impaayera Abyssinia jedhamu ijaare. Hanga bara 1635tti teessoo mootummaa hin qabdu. Bakkuma lo-lanii qabatanitti Dunkaana buufatanii bulchaa turan. Bara 1635, mootiin Faasiliidas Gondor Teessoo Mootummaa godhate, ergasiis magaalonni teessoo ishee DebreBirhan fi DebreTabor fa'a turan. Bara 1855tti, Tewodros II wee-rara taasisuutiin mootummoota Oromoo Yajjuu ca-bsee daangaa ishee ballise. Caasaa ishee haga tokko ammayyeessuun teessoo mootummaa Gordoritti jabeesse. Bara 1871tti Yohaannis IV, alaabaa [bifa sabbata waaqaa qaba jedhamu kana] tolcheef; teessoo mootummaa ishees Maqalee taasise. Bara 1880moota keessa, Mi-n-ilik , deggersa mee-shaa waraa-naa warra Awurooppaarraa argateen, caalchisee gara kibbaatti lo-luutiin, Mootummaa Oromoo (Gadaa) guutummaatti ca-bsee, Oromiyaa kolo-neeffate. Teessoo Mootummaa ishees gara hurufa Finfinneetti jijjiire. Maqaa ishees Impaayera Abyssinia (Ha-b-ashaa) irraa gara Impaayera Xoophiyaatti fooyyesse. Uumamoota kibbaa hunda kolo-neeffatte. Bara mooticha Hailesillaasee, otuma Impaayerummaa isheetiin jirtuu miseensa UN fi AU taate. Dhageettii addunyaa argatte. Bara 1974, dargiin maqaa Impaayera jedhu hambisee "Biyya Xoophiyaa" ittiin jedhe. Kunis sodaa dii-gamuu impaayerootaa irraa madde. Ergasumaa illee saboonni kolo-neeffaman qabsoo waan itti cimsaniif, bara 1987 dargiin "PDRE" jedhee, bara 1991 ammoo Wayyaaneen "FDRE" jettee maqaa Impaayerittii itti babbareechan. Bara 1991 Ertiraan irraa foxxoqxee Biyya taate. Guutummaatti Oromiyaa kolo-neeffachuuf, Waggoota 40 oliif Oromoo lo-lan. Walabummaan Oromiyaa wayita mirkanaa'u, Kolo-niin waggoota 150 oliif Oromiyaan jala jirtu kun kolo-nii umuriidhaan dheeraa ta'e jedhamee seenaarratti galmaa'uuf jira. End Colonialism! Oromiyaan Biyya!
Show all...
๐Ÿ‘ 17โค 2๐Ÿ˜ 2
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.