cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

SABRII CHANNEL

Sagantaawwan assirraa argattan kanneen Akka 1=da'awaa 2=seenaa 3=walaloo 4=jechama 5=gaafiif deebii 6=oduu haarawa 7=gaafii waldorgommii Fi k,k fakkaatan YAADA Fi Gaafii @Sabrii channel gaafii Sabrii

Show more
Finland1 304The language is not specifiedReligion & Spirituality16 998
Advertising posts
5 855
Subscribers
-524 hours
-417 days
-16330 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

➡️GAAFI FI DEEBI ISLAAMAA ✔️Jechi: Yaa ayyuhallaziin kafaruu(يا أيها الذين كفروا ) jedhu yeroo meeqa qura'aana keessatti dubbatae? ☑️Deebii:yeroo tokko qofa,Innis suuratul-Al-tahriimiin keessatti. ✔️Aayaan (اليوم أكملت لكم دينكم وأتممت عليكم نعمتي ورضيت لكم الإسلام دينا) jettu guyyaa kam buufamte? ☑️Deebii:guyyaa Hajjatal-Wadaaiin keessaguyyaaJimaataa sanuu guyyaa Arafaatiin Kan Wal galu. ✔️Qur'aanni yeroo meeqa walitti qabame? ☑️Deebii:yeroo Sadi walitti qabame: ▶️gadaa nabi Muhammad ▶️gadaa Abuu bakri al-siddiiq ▶️gadaa Usmaan binu Affaan ✔️Suuraan Sadi Kan maqaan isii dhuma aayata isiitti dubbatame tami? ☑️Deebii:suratu Al-maa'uun,Al-Masad,Al-nnaas ✔️Suuraan Aakirri isii maqaa Suuraa biraatiin goolabamtu Tami? ☑️Deebii:suuratu Al-Qadri (سلام هي حتى مطلع الفجر ) dhumni Suuratul-fajr ✔️Onnee banii Israa'il rabbiin qura'aana keessatti maalitti fakkeesse? ☑️Deebii: Dhagaatti fakkeesse ✔️Nabiyyoonni lamaan Erga manguddoomanii ilmaan argatan eennu? ☑️Deebii: Nabiyyallaahi Ibraahimii fii Zakariyyaa,nageenyi rabbii isaan irratti haa jiraatu. ✔️Tuuta(ummata) Aad Rabbiin maaliin halaake? ☑️Deebii:Bubbee jajjabaan halaake. ✔️Maqaan rabbii guddaa( Al-mu'umin) qura'aana keessatti yeroo meeqa dubbatame? ☑️Deebii: Suuraa Al-hashrii keessatti yeroo tokko qofa dubbatame. Akkasuma Muheyminii fii Jabbaariis yeroo tokko qofa dubbatame
Show all...
👍 2
Ergamaan rabbii akkana jedhan "isa lubbuun muhammad harka isaa jirtuun kakadhe osoo dilooytanii dilii samiifii dachii jidduu guuttu. ergasii rabbii guddaa oltahaa araarama kadhattanii isiniif araarama....." ‏قال رسول الله ‎#ﷺ: • «والذي نَفْسُ مُحمّدٍ بيدِهِ، لَوْ أَخْطَأتُمْ حتى تَمْلأ خَطَاياكُمْ ما بَيْن السَّماءِ والأرضِ، ثُمَّ اسْتَغْفَرْتُم اللهَ عزَّ وجلَّ لَـغَفَرَ لَكُمْ..». [السلسلة الصحيحة] 1.towbaa onneerraa dhufte tahuu qabdi siif qeebalamuuf 2.sharxii towbaa guutuu qabda. 3.dhugumaan keessa keetiin kadhadhu rabbin siif godhaadha.
Show all...
Guyyaa jimaataa “jum’aa “ fi bu’aa guyyaa guddaa kanaa beekuun barbaachisaadha hubadhu. ila Guyyaan jum’aa guyyaa aduun jalqabaaf itti baate,ifa argine,guyyaa Nabi Aadam itti dhalate,guyyaa Nabi Aadam itti boqate,guyyaa Nabi Aadam jannata itti seene,guyyaa Nabi Aadam jannata keessaa itti bahe, guyyaa itti Rabbitti deebi’ee araara itti argate,guyyaa sa’aan isii keessa jirtu fudhatama qabduu xiinxalli. Eee Nabiin Rabbii,nagahaafi rahmanni Rabbii bira haa jiraatuu,akkas jedhan! معاشر المسلمين: يوم الجمعة أفضل أيام الأسبوع عند الله، وهو خير يوم طلعت فيه الشمس، فيه خلق آدم، وفيه أدخل الجنة، وفيه أخرج منها، وفيه تيب عليه، وفيه ساعة الإجابة، وفيه تقوم الساعة، وقد قال رسول الله صلى الله عليه وسلم: (خيرُ يومٍ طلعت عليه الشمس يوم الجمعة، فيه خلق آدم، وفيه أُدخلَ الجنة، وفيه أُخرجَ منها). Jaaloo Rabbii guyyaa guddaa kanaan si gahe galatoonfadhu, ifa argite kana kunuunfadhu,obboleessa kee isa haqa hojjatu bira dhaabbadhu,jabeeffadhu,hamtuu itti deemtu irraa qoladhu,atis arraba kee irraa tikfadhu, أن الله حرم من المسلم دمه وعرضه وأن يظن به ظن السوء Yaada hamaa,yaada hamiifi komii irraa fagaadhu, nama bifa tokkoon laali, وظننتم ظن السوء وكنتم قوما بورا Jaaloo Yoo hooggansa hawaasaa taate,hawaasa keetiif gatii kaffaluu baradhu,dura taa’aa mitii dura deemaa tahuu dandahi,balaafi hamaa sitti roobsan dandahii baadhu, lubbuufi fedhii kee sakaalii galma hawaasni kee sirraa fedhu biraan gahi malee,atis fuula keessa as garagaltee hin morminii dhiisi,sababni isaa Nabiin Rabbii akkas jedhu, قال : ( إن الأمير إذا ابتغى الريبة في الناس أفسدهم Namana Amantii tana onnemarraa itti amani,lubbuu tee harka keetti falfadhu,nama hin arrabsin,nama hin hamatin, nama hin miidhin,cubbuu irraa fagaadhu,arrabaan amantee,qalbiin irraa hin fagaatinii dhaabbadhu. قال رسول الله - صلى الله عليه وسلم - : يا معشر من آمن بلسانه ولم يدخل الإيمان قلبه لا تغتابوا المسلمين ولا تتبعوا عوراتهم ، فإن من اتبع عوراتهم يتبع الله عورته ومن يتبع الله عورته يفضحه في بيته Hey ilaalcha hamaa uf keessaa haqi,waan dubbattuufi waan hojjattu wal-fakkeessi,foon namaa hin nyaatin, waan namni hin qabne dhiisii,waan namni qabuu irraa dubbachuu uf qusadhu. أتدرون ما الغيبة ؟ قالوا : الله ورسوله أعلم . قال : ذكرك أخاك بما يكره قيل : أفرأيت إن كان في أخي ما أقول ؟ قال : إن كان فيه ما تقول فقد اغتبته وإن لم يكن فيه فقد بهته . أيحب أحدكم أن يأكل لحم أخيه ميتا Yoooo Maqaa namaa kaasuun dhukkuba,maqaa Rabbii dhahuun dawaadhaa,zikrii heddummeessi. وقال عمر بن الخطاب - رضي الله عنه - : إياكم وذكر الناس فإنه داء ، وعليكم بذكر الله فإنه شفاء Jaaloo Yoo nama miitee jiraatte,dhaqii dhiifama gaafadhu, Rabbi biratti xinnaachuu mannaa,har’a qaanfachuu sii wayyaa beeki,maqaa balleessitu naqaa isaa deebisiif, qabeenya isaa saamtu qabeenya isaa galchiif,dhabdu dhugaa itti himi malee,gaafa soomaafi salaata kee kennituuf hin eeginii uf dhaqqabi. من كانت لأخيه عنده مظلمة في عرض أو مال فليتحلله منه من قبل أن يأتي يوم ليس هناك دينار ولا درهم يؤخذ من حسناته فإن لم يكن له حسنات أخذ من سيئات صاحبه فزيد على سيئاته Yoo didde immoo! من بهت مؤمنا بما ليس فيه حبسه الله في طينة الخبال. Jum’aa milkii qabu isiniif haa tahu!
Show all...
👍 3
Biiroon Barnoota Oromiyaa bu'aa qormaata naannoo kutaa 6ffaa fi 8ffaa bara 2016 beeksise. Naannichatti qabxiin darbiinsa kutaa 8ffaa 50 fi isaa ol ta’uu waajjirichi beeksiseera. Baadiyyaa naannichaa keessatti qabxiin darbiinsaa dhiirota 48 fi dubartoota 45 yommuu ta’u qabxiin darbiinsa barattoota qaama miidhamtootaa dhiiraaf 45, dubartootaaf 42 akka ta’e ibsameera. Bu’aa kutaa 6ffaa ilaaluuf 👇 https://oromia6.ministry.et/#result Bu’aa kutaa 8ffaa ilaaluuf 👇 https://oromia.ministry.et/#result Karaa Teelegiraamaa ilaaluuf 👇 @emacs_ministry_result_qmt_bot SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA! 📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
“Jireenya milkaa'aa jiraachuuf qajeeltoowwan jireenyaa sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaadha!”......jedhu hayyoonni. 1) Inni jalqabaa of simachuu /self acceptance / seenaafi muuxxannoo gaarii qofa osoo hin taane seenaafi mudannoo jireenyaa gaarii hin taanellee simachuun barbaachisaadha. 2)  kaayyoo jireenyaaf jiraachuu dha/ Living for life purpose/ jedhu hayyoonni. 3) Dorgommii hin taaneerraa fagaachuun /Avoiding competition/ barbaachisaa ta'uu hayyoonni ni gorsu. 4) Ilaalchaafi yaada qajeelaa/ positive thinking/ qabaachuudha. Yeroo hunda hamaa yookiin jallina yaadda yoo ta'e gammachuu argachuu hin dandeessu. 5) Yeroo hunda barachuuf eeyyamamoo / Being Willing to learn /  Yeroo hunda dubbisuu, gaafachuu, hubachuun sirraa eegama. 6) Qaroominaan fuula duratti imaluu / walking with Wisdom/ Qaroominni /wisdom/ beekumsarraa adda ta’uu hubadhu. Akkamitti akka jiraattu, akkamiin rakkoo akka furtu, hojii milkaa'aa akkamitti hojjechuu akka dandeessu si barsiisa. 7) Dandeettii yookiin beekumsa addaa / Being intelligent / qabaachuunis gaariidha. Dandeettii miira ofii to'achuu /emotional intelligent/ qabaachuun barbaachisaadha. 8) Beekmsa saayinsawaa, amantaafi aadaa qabaachuu dandeessa, miirakee hin to'attu taanaan beekumsa qabaachuunkee gatii hin qabu jedhu beektoonni. 9) Miira ofii to'achuun murteessaadha jedhu hayyoonni. 10) Haala salphaan namatti qabamuufi  aaruun /Taking no offence easily / barbaachisaa miti jedhu hayyoonni. 11) Jireenya galateeffannaa qabu / Leading life with gratitude / jiraachuunis murteessaadha. Fayyaafi nageenya qabaannaan isaatti gammaddi, waan of harkaa qabdutti, ooltee buluukeetti galateeffadhu.  12) Jireenyakee keessatti waan gaarii /Going for the best/ barbaadi jedhu hayyoonni. Waaqa yoo kadhatu waanuma xiqqaa hin kadhatiin. Isa guddaa eenyuuf dhiista? Addunyaan kun waa hedduu of keessaa qabdi, fageessii yaadi, mul'ata fagoo, karoora hiixataa qabaadhu. 13) Jireenyakee keessatti yeroo eeggadhu /Understand the timing / jedhu hayyoonni. Dursuunis, boodatti hafuunis gaarii miti. Yeroodhumsaatti waa raawwachuun gaariidha. 14) Waan jijjiiruu yookiin sirreessuu hin dandeenye tokko ittiin hin falmiin, amanii fudhu/ accept what you can't change/ jedhu hayyoonni. Namoonni tokko tokko waan jijjiiruufi sirreessuu hin dandeenyeen waggaa dheeraa of dhiphisaa, gaddaa jiraatu. 15) Iddoo itti loltu filadhu / Chose your wars/ jedhu hayyoonni. Jireenyakee keessatti, bakka hojiitti yookiin hawaasa waliin jiraattu keessatti yeroo hunda waldhabaa, walwaraanaa jiraachuu hin qabdu. 16) Dhiifama godhi, haaloo hin qabatiin/ Forgiving all and avoiding vengeance/jedhu hayyoonni. Haaloo qabdee jiraatta, dhiifama hin gootu taanaan carraa dhibeewwan garaa garaatiin qabamuu babal'ifataa akka jirtu hin dagatiin 17) Jireenyi qormaataan waan guutamteef qormaata addaa addaa dandamadhu/ perserve in suffering /jiraadhu, gammachuufi boqonnaa qulqulluu/pure joy and rest/ filadhu. 18) Miidhagina keessoof/ Value inner beauty / gatii olaanaa kenni, namoonni miidhagina keessoof osoo hin taane miidhagina alaa mul'atuuf maallaqa hedduu akka dhangalaasan hin dagatiin. Miidhaginni dhugaan keessoo namaa jira. Miidhaginni kunis naamusa gaarii qabaachuudha jedhu hayyoonni. 19) Nama hin tuffatiin, ofis hin tuuliin, amalaafi naamuusa gaarii qabaadhu, / being humble and not despising others/. 20) Jireenyakee hunda naamusaan hooggani. Kennuufi fudhachuu/ Giving and receiving / bari, wanti si biratti gatii hin qabne isa kaaniin akkanni gammachiisu hubadhu. 21) Keessookee dhaggeeffadhu, Follow your heart/ Nama kabajni maluuf kabaja kenni, /Give due honor /angafakee, maatiikee, dursaakeefi nama hunda kabaji, yeroo hunda waaqakee kadhu/ pray seriously / akka amantaakeetiitti yeroo hunda kadhadhu. 22) seenaa gaarii hojjedhu,/ Make history leave legacy / biyya keetiif, maatii keetiif, dhaloota itti aanuuf seenaa hojjechuu yoo dadhabdellee dhalakeetiif seenaa gaarii kaa'i jedhu hayyoonni.  Ergaa dabalataaf https://t.me/sabriichannel join share godhaa
Show all...

👍 4
صلو على رسول الله صلى الله عليه وسلم صلى الله عليه وسلم صلى الله عليه وسلم صلى الله عليه وسلم صلى الله عليه وسلم صلى الله عليه وسلم صلى الله عليه وسلم صلى الله عليه وسلم صلى الله عليه وسلم صلى الله عليه وسلم Guyyaan hardhaa guyyaa jimaataati salawaata rasuula rabbi irraatti busuu haa baay'isnuu isiniin jedha
Show all...
👍 2
▶️ Sunnaa guyyaa jumaa irraa ➊ ﺍﻟﻐﺴﻞ ➋ ﺍﻟﻄﻴﺐ ➌ ﺍﻟﺴﻮﺍﻙ ➍ ﻟﺒﺲ ﺍﻟﺠﻤﻴﻞ ➎ ﻗﺮﺍﺀﺓ ﺳﻮﺭﺓ ﺍﻟﻜﻬﻒ ➏ ﺍﻟﺘﺒﻜﻴﺮ ﻟﺼﻼﺓ ﺍﻟﺠﻤﻌﺔ ➐ ﺍﻹﻛﺜﺎﺭ ﻣﻦ ﺍﻟﺪﻋﺎﺀ ﻭﺍﻟﺼﻼﺓ ﻋﻠﻰ ﺍﻟﻨﺒﻲ 1 Qaama dhiqachuu 2 Shittoo(waan urgaa'u) fayyadamuu dhiiraaf 3 Siwaaka(rigaa) fayyadamuu 4 Uffata gaarii uffachuu 5 Suuraa kahfii qara'uu 6 Salaata jumaatiif bariisifachuu 7 Nabiyyii (S.A.W) irratti salawaata baay'isuu (( ﻗَﺎﻝَ ﺭَﺳُﻮﻝَ ﺍﻟﻠَّﻪِ ﷺ ﻣﻦ ﻗﺮﺃ ﺳﻮﺭﺓَ ﺍﻟﻜﻬﻒِ ﻓﻲ ﻳﻮﻡِ ﺍﻟﺠﻤﻌﺔِ ,ﺃﺿﺎﺀ ﻟﻪ ﻣﻦ ﺍﻟﻨﻮﺭِ ﻣﺎ ﺑﻴﻦ ﺍﻟﺠﻤُﻌﺘَﻴﻦ )) Ergamaan rabbii (S.A.W)  akkana jedhan namni guyyaa jum'aadhaa suuraa kahfii qara'e jumaa lamaan jidduutti rabbiin ifaa isaaf taasisa ♥️❣️ Join 😋♥️ ▶️ Sunnaa guyyaa jumaa irraa ➊ ﺍﻟﻐﺴﻞ ➋ ﺍﻟﻄﻴﺐ ➌ ﺍﻟﺴﻮﺍﻙ ➍ ﻟﺒﺲ ﺍﻟﺠﻤﻴﻞ ➎ ﻗﺮﺍﺀﺓ ﺳﻮﺭﺓ ﺍﻟﻜﻬﻒ ➏ ﺍﻟﺘﺒﻜﻴﺮ ﻟﺼﻼﺓ ﺍﻟﺠﻤﻌﺔ ➐ ﺍﻹﻛﺜﺎﺭ ﻣﻦ ﺍﻟﺪﻋﺎﺀ ﻭﺍﻟﺼﻼﺓ ﻋﻠﻰ ﺍﻟﻨﺒﻲ 1 Qaama dhiqachuu 2 Shittoo(waan urgaa'u) fayyadamuu dhiiraaf 3 Siwaaka(rigaa) fayyadamuu 4 Uffata gaarii uffachuu 5 Suuraa kahfii qara'uu 6 Salaata jumaatiif bariisifachuu 7 Nabiyyii (S.A.W) irratti salawaata baay'isuu (( ﻗَﺎﻝَ ﺭَﺳُﻮﻝَ ﺍﻟﻠَّﻪِ ﷺ ﻣﻦ ﻗﺮﺃ ﺳﻮﺭﺓَ ﺍﻟﻜﻬﻒِ ﻓﻲ ﻳﻮﻡِ ﺍﻟﺠﻤﻌﺔِ ,ﺃﺿﺎﺀ ﻟﻪ ﻣﻦ ﺍﻟﻨﻮﺭِ ﻣﺎ ﺑﻴﻦ ﺍﻟﺠﻤُﻌﺘَﻴﻦ )) Ergamaan rabbii (S.A.W)  akkana jedhan namni guyyaa jum'aadhaa suuraa kahfii qara'e jumaa lamaan jidduutti rabbiin ifaa isaaf taasisa ♥️❣️ Join ▶️ Sunnaa guyyaa jumaa irraa ➊ ﺍﻟﻐﺴﻞ ➋ ﺍﻟﻄﻴﺐ ➌ ﺍﻟﺴﻮﺍﻙ ➍ ﻟﺒﺲ ﺍﻟﺠﻤﻴﻞ ➎ ﻗﺮﺍﺀﺓ ﺳﻮﺭﺓ ﺍﻟﻜﻬﻒ ➏ ﺍﻟﺘﺒﻜﻴﺮ ﻟﺼﻼﺓ ﺍﻟﺠﻤﻌﺔ ➐ ﺍﻹﻛﺜﺎﺭ ﻣﻦ ﺍﻟﺪﻋﺎﺀ ﻭﺍﻟﺼﻼﺓ ﻋﻠﻰ ﺍﻟﻨﺒﻲ 1 Qaama dhiqachuu 2 Shittoo(waan urgaa'u) fayyadamuu dhiiraaf 3 Siwaaka(rigaa) fayyadamuu 4 Uffata gaarii uffachuu 5 Suuraa kahfii qara'uu 6 Salaata jumaatiif bariisifachuu 7 Nabiyyii (S.A.W) irratti salawaata baay'isuu (( ﻗَﺎﻝَ ﺭَﺳُﻮﻝَ ﺍﻟﻠَّﻪِ ﷺ ﻣﻦ ﻗﺮﺃ ﺳﻮﺭﺓَ ﺍﻟﻜﻬﻒِ ﻓﻲ ﻳﻮﻡِ ﺍﻟﺠﻤﻌﺔِ ,ﺃﺿﺎﺀ ﻟﻪ ﻣﻦ ﺍﻟﻨﻮﺭِ ﻣﺎ ﺑﻴﻦ ﺍﻟﺠﻤُﻌﺘَﻴﻦ )) Ergamaan rabbii (S.A.W)  akkana jedhan namni guyyaa jum'aadhaa suuraa kahfii qara'e jumaa lamaan jidduutti rabbiin ifaa isaaf taasisa ♥️❣️ Join https://t.me/sabriichannel
Show all...
As wr wb obboleessa koo atiis obboleettii too 🥰salaati salaata jabeessii. Salaani maali? (1) mallattoo muslimaati (2) ibsaa mumi'inati (3) haaroomsa qalbiti (4) qulqullina qaamati (5) balbala rahmatati (6) furtuu jannaatati. Namoota hiriyaa keetii kan jaalattuuf share ykn forward gochuun ergii rabiin yaada kee hunda siif haa guutuu . Join and share🥰👇 https://t.me/sabriichannel
Show all...
Bineensota Qur'aana Keessatti Dubbataman 1. Sa'a (Goromsa): Suuratul Baqaraa keessatti. 2. Leenca: Suuratul Muddassir keessatti. 3. Arba: Suuratul Fiil keessatti. 4. Kinniisa: Suuratul Nahli keessatti. 5. Sinbira: Suuratul Fiil keessatti. 6. Hudhud (gosa sinbiraa): Suuratul Namli keessatti. 7. Gaala: Suuratul Ghaashiyaa keessatti. 8. Re’ee: Suuratul An’aam keessatti. 9. Hoolaa: Suuratul Saad keessatti. 10. Bookee: Suuratul Baqaraa keessatti. 11. Farda: Suuratul Nahli keessatti. 12. Gaangee: Suuratul Nahli keessatti. 13. Harree: Suuratul Nahli keessatti. 14. Jaldeessa: Suuratul Baqaraa keessatti. 15. Karkarroo: Suuratul Maa’idaa keessatti. 16. Saree: Suuratul Kahfi keessatti. 17. Jawwee: Suuratul A’araaf keessatti. 18. Qurxummii: Suuratul Saaffaati keessatti. 19. Yeyyii: Suuratul Yuusuf keessatti. 20. Harraageessa: Suuratul Maa’idaa keessatti. 21. Harrediidoo: Suuratul Muddassir keessatti. 22. Mixii: Suuratul Namli keessatti. 23. Injiraan: Suuratul A’araaf keessatti. 24. Awwaanniisa: Suuratul A’araaf keessatti. 25. Raacha: Suuratul A’araaf keessatti. 26. Titiissa: Suuratul Hajji keessatti. 27. Sharaarattii: Suuratul Ankabuut keessatti. 28. Billaacha: Suuratul Qaari’aa keessatti. IBSAA DHUGAA https://t.me/sabriichannel
Show all...

🏆 3👍 2
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.