cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Nasiro Poem🥇

Channel kana jalatti Wolaloo qofa kan isiniif barreessu waan ta'eef isin Join Jochuun na jajjabeessaa.

Show more
The country is not specifiedThe language is not specifiedBooks25 994
Advertising posts
204
Subscribers
-124 hours
-17 days
-530 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Kun ammoo biyyonni humna guddaa qaban kun nageenya doonilee fi dhiibbaa humna isaanii agarsiisuuf jecha naannoo kanatti xiyyeeffannoo guddaan akka jiraatanii fi hojjatan godhee jira. Tartibni humnaa fi fedhiin garagaraa naannoo kana jiru wolworaansa biyyoota qarqara Galaana Diimaa irra jiran kan hammeessu yoo ta’u, wolworaansi ka’us akka laayyoon hin dhaabbanne godha. —- —- Wolumaagalatti ji’oopolotikaan naannoo kana jiru wolxaxaa yoo ta’u, biyyoota akka Itoophiya Galaana Diimaaf dhihoo jiran caalaa dirree humnoonni gurguddoon adunyaa itti wol dorgomaniidha. Kanaaf dhimmi Galaana Diimaa dhimma biyyoota qarqara galaanichaa irra jiraniif qofa dhiisameeru otoo hin ta’in, dhimma humnoonni ijoon adunyaa fedhii qaban irraa ka’uun haalan hordofanii fi irratti hojjataniidha. —- —- Bo’oo bishaanii murteessaa Suez Canal kanaan ala bo’oo Galaana Diimaa fi Medeteraaniyaani biyya Israa’eel keessa wolqunnamsiisu Amerikaanii fi Israa’eel woliin qotuu jalqabuuf saganta akka qaban yeroo garagara Israa’el ni dubbatti. Projektiin maqaa Mummicha Ministeraa jalqabaa fi hundeessaa biyya Israa’eel ta’e David Ben Guerin moggaafame kun iddoo galaanni diimaan Israa’eel bira gahu (Eliat) irraa kaasee qotamuun Gaazaa keessa ykn cinama Gaazaatiin darbuun Medetiraniyanitti kan galu ta’uu himama. Kana irraa ka’uun xinxaltoonni tokko tokko sababni ijoon Israa’eel Gaazaa rukutaa baatee fi Amerikaan deeggaraa turte pirojektii bo’oo bishaanii kanaaf ta’u akka hin oolle tilmaamama. —- —- Itiyoophiyaan biyyoota adunyaa balbala galaanaa hin qabne 44 keessaa tokko yoo taatu; laakkofsa ummata miiliyoona 120 ol qabaattee biyyi balbala galaanaa hin qabne Itiyoophiya qofa dha. Itophiyaatti aanee Uganda fi Nepal yoo ta’an isaan ummata miliyoona 45 fi 30 qofa qabu. Daldalli Itophiyaa %90 balbala galaanaatiin kan godhamu yoo ta’u; irra jireessaan balbala galaanaa Djibouti fayyadamati. Balbala galaanaa kanas fayyadamuuf Djiboutiif guyya guyyaan Dolara Ameerikaa miiliyoona sadihii hanga saddeetii gahu kaffalti. Kaffaltiin kun guddaa yoo ta’u, Indastirilee heddu Itoophiyaaf ijaruu fi guddinna diinagdee daran fooyya’aa ta’e kan fiduu danda’u ture. Kutaa itti aanuun baldhinnaan ilaalla kana. Dubbistanii yoo xumurtan, dubbisuu keessan comment keessatti naaf hima. @Nasiro_tube @Nasiro_poem #Nasiro_tube
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
NUUF HAA TA'U Gaaris ta'u hamaa baatee Yoom as bule Hobbaafate Kan kaleessaa Gaaris ta'u Inni hamaan kan kaleessaa Kutee jira Hojii isaa hunda baatee Barri haaraan inni hardhaa Kan itti ceenu daandii baldhaa Nuuf haa fidu waan gaggaarii Irraa qabna Abdii baldhaa Akka nuuf ta'u bara gaarii. Isa Hojjannee itti milkoofnu Kan jiraatuu keenyaa itti gammannu Isa milkii hunda hammatu Kan waa dhan kan argatu Kan Jaalalaan hunda moo'u Kan Gammachuudhaan ifsu jiruu Rabbi nuuf haa godhu Rabbiin guddaan Hunda keenyaaf Nuuf haa tolchu jiruu. Bara 2017 By Nasiro Beriso #Join @nasiro_tube1 @Nasiro_tube @nasiro_tube @Nasiro_poem
Show all...
Bosona mancaasee Kan jiruusaa ijaaru Rakkoo inni fidi Faayidaan hin caalu. Bosona ciree Ballisuuf magaalaa Oksejiinii dhabee Fuunfata halaalaa. M.M hojii jalqabsiise Ishaaraa magarisan Dirre keenya jiise Akkanan hojjatee Onnen nu gamchiise. Fiyidaasaa yoo laale Duranuu ni beekana Kana yoom wollaale Osoo beeknuu Faayida bosonaa Pirootiinii hedduu Isarraa argannaa. Kana qofaas miti faayidaan bosonaa Qorichoota fayyas Isarraa argannaa. By Nasiro Beriso #Join_me @Nasiro_poem @Nasiro_tube
Show all...
1
Bosona mancaasee Kan jiruusaa ijaaru Rakkoo inni fidi Faayidaan hin caalu. Bosona ciree Ballisuuf magaalaa Oksejiinii dhabee Fuunfata halaalaa. M.M hojii jalqabsiise Ishaaraa magarisan Dirre keenya jiise Akkanan hojjatee Onnen nu gamchiise. Fiyidaasaa yoo laale Duranuu ni beekana Kana yoom wollaale Osoo beeknuu Faayida bosonaa Pirootiinii hedduu Isarraa argannaa. Kana qofaas miti faayidaan bosonaa Qorichoota fayyas Isarraa argannaa. By Nasiro Beriso #Join_me @Nasiro_poem @Nasiro_tube
Show all...
🅱️OSONA """""”""”"""”""”"""""" 🌳🌳🌳🌳🌳🌳🌲🌳🌲🍀🍀🌵🌵🍀🍀🌱🌿🍃☘️🍃🌿🌱☘️🍃☘️☘️🍃 Bosona mancaasee Kan jiruusaa ijaaru Rakkoo inni fidi Faayidaan hin caalu. Bosona ciree Ballisuuf magaalaa Oksejiinii dhabee Fuunfata halaalaa. M.M hojii jalqabsiise Ishaaraa magarisan Dirre keenya jiise Akkanan hojjatee Onnen nu gamchiise. Fiyidaasaa yoo laale Duranuu ni beekana Kana yoom wollaale Osoo beeknuu Faayida bosonaa Pirootiinii hedduu Isarraa argannaa. Kana qofaas miti faayidaan bosonaa Qorichoota fayyas Isarraa argannaa. By Nasiro Beriso #Join_me @Nasiro_poem @Nasiro_tube
Show all...
Yeroo jechi namaa Natti dhangaggooftu Yookaan dubbiin namaa Anatti hadhooftu Yookaan yaadakoorraa Faallaa yoo dubbatu Yookaan qalbiin kiyya Ittiin yoo gufatu Amalii kiyya.. Akka waan gammadee Callisee seequudha Egaa yeroo kana Atis of beekuudha! #join_me @Nasiro_poem @Nasiro_tube
Show all...
Kutaa Lammaffaa 👇 Tiitoriidhaafi Meekaappii Koottaa jedhee waamu Agabuu garaa qullaa Osoo qorraaf beelli dhaanu Kaffaltiillee hin gaafanne Kaffaleera aarsaa guddaa Doktaraafi pirofeesarafiis Situ ta'ee abbaa hundaa....2 Baallaadha gaaddisni kee Dhihaafi barii qaqqaba Kufaatii wallaalaa jalaa Biyya ijaaree ol qaba Horatteerta seenaa Eegsisteerta biyyaa Hageree dhalootaaf Dhabbattee waardiyyaa....2 Sabbonaa isa dhugaa Akka kee hin agarree Riqicha nuuf taateerta Kan lagaan dabarree Ibsaas nuuf taateerta Kan ittiin of barree Cimsaas nuuf taateerta Kan abdii nutti hore....2 Faana kee soqneerra Biyya biyyaa yaanee Gaaddisa kee jalattii Nutuu tokko taane Oobolaafi obboleettii Akka haadhaafi abbaa Seenaadhaaf dhiisne Bounce siiddaa hambaa.....2 Nutuu bartaadhaa Ilmaltuu karraa irraa Imaanaa kee fuunee Bakka gahuuf jirra Teessoo tokkorra teenne Hiree waliin qooddannee Maaddii tokko irraa Kan waliin soorannee....2 Rakkoo jiruufi jireenyaa Kan waliin dubbanne Miiraa keessoo waliis Kan waliif hubannee Nutuu barataadhaa Ilmaan abbaa tokkoo Laga waliin ceeneerra Waliin obsaa rakkoo...2 Balaafi furguggeen baraa Addaan nu hin baasne Shiraafi dharri diinaas Bar Nu hin faffacaasne Dabarsineerra barootaa Waliif taanee obbolaa Waliif obsineerra rakkoo Waliin ta'uun ni tolaa....2 Kan qoqaa waliin oolle Fiignee waliin taphanne Kan teessoo tokkorra Teenne waliin baranne Kan garaa wal nyaannu Akka ilmaan haadhaa Jireenyi Jaalalaa sun Bar akkaan mi'aadha ......2 Wal dorgommii sadrkaafi Qormaata hojjachiisuu Axeeraraa baasuufii Gamtaan dubbisiisuun Hafuuf deemaara silaa Adda bahuun hin oolle Garaan koos obsa dhabe Maal jetturee yaa ijoolle....2 Kutaa keessa jeequuf Waraqaan wal darbachu Boqonnaa bahuufii Fiiganii taphachuu Barreessuu jabbanii Suuraa kaafachuun Na dhukkuba jedhanii Hayyama gaafachuun Siichi seenaa qofaa Deebi'ee hin dhufu Boqonnaa haaraadha Jireenyi kan fufuu....2 Nutoo abdii biyyaa Kan biyyaafi biyyoo Tarkaanfii fulduraaf Ol fuunneerra kiyyoo Abbaatuu nu baasee Harmeetu nu eegaa Hanga yoom biyya koo Beekumsa deegaa...2 Ifaadha fuuldurri koo Anatuu barataa Har'a as dhaabatee Kan boruu abjotaa Milkeessuuf kaayyoo koo Wareegeera har'a koo Ibsuudhaaf boruu kiyya Yaabeera farda koo....... @Nasiro_poem @Nasiro_poem @Nasiro_tube @Nasiro_tube
Show all...
👍 1
Waaqni guddaan uumee Samiidhaafi dachee Inni hundaa bareeche Bakka isaatti galchee Inni hundaa danda'u Bakka hundaa qaqqabu Inni jabaa kuffisu Inni laafaa ol qabu...2 Isaatuu nu uumee Hiree keenna qoode Dhiigaan nu firoomse Haadhoofi koodee Hiree keenna godhee Kan wal nu agarsiise Wal hin beeknu kalee Wal nu barsiisee Isatuu nu taasisee Firaafi obbolee Galatni isaa guddaa Yoo maal jedhe tola...2 Dambalii jiruutu Walitti nu fidee Sakaallaa hireetu Walitti nu hidhee Markaba kaayyodhaa Kan waliin yaabbanne Gaaddisa barnootaa Kan waliin dhaabbane ...2 Barsiisaafi barattootaa Obbolaafi abbaadhaa Isinii dhaabaa onneti Ani siidaa hambaadha Inni hundaa hammatu Kan hundaafuu gahu Inni garaa bal'atu Kan hundaafu na'u Abbummaa dhugaa baata Inni nu saaqe xurree Ilmaan isaaf yaada Inni rafeen bulle ....2 Abbaadha barsiisaan Inni barsiisuuf jarjaru Hubachiisuuf rakkata Yadaan of dararuu Halkan noottii baasa Guyya daree dhaabata Hanga humna lallabee Maaltu si dhibee gaafata....2 Kankee oolmaan adda Abbaa koo yaa barsiisaa Kan himameen dhumne qabda Ibsaa koo daandii agarsiisaa 2 @Nasiro_poem @Nasiro_poem @Nasiro_tube @Nasiro_tube
Show all...
Waaqni guddaan uumee Samiidhaafi dachee Inni hundaa bareeche Bakka isaatti galchee Inni hundaa danda'u Bakka hundaa qaqqabu Inni jabaa kuffisu Inni laafaa ol qabu...2 Isaatuu nu uumee Hiree keenna qoode Dhiigaan nu firoomse Haadhoofi koodee Hiree keenna godhee Kan wal nu agarsiise Wal hin beeknu kalee Wal nu barsiisee Isatuu nu taasisee Firaafi obbolee Galatni isaa guddaa Yoo maal jedhe tola...2 Dambalii jiruutu Walitti nu fidee Sakaallaa hireetu Walitti nu hidhee Markaba kaayyodhaa Kan waliin yaabbanne Gaaddisa barnootaa Kan waliin dhaabbane ...2 Barsiisaafi barattootaa Obbolaafi abbaadhaa Isinii dhaabaa onneti Ani siidaa hambaadha Inni hundaa hammatu Kan hundaafuu gahu Inni garaa bal'atu Kan hundaafu na'u Abbummaa dhugaa baata Inni nu saaqe xurree Ilmaan isaaf yaada Inni rafeen bulle ....2 Abbaadha barsiisaan Inni barsiisuuf jarjaru Hubachiisuuf rakkata Yadaan of dararuu Halkan noottii baasa Guyya daree dhaabata Hanga humna lallabee Maaltu si dhibee gaafata....2 Kankee oolmaan adda Abbaa koo yaa barsiisaa Kan himameen dhumne qabda Ibsaa koo daandii agarsiisaa Tiitoriidhaafi Meekaappii Koottaa jedhee waamu Agabuu garaa qullaa Osoo qorraaf beelli dhaanu Kaffaltiillee hin gaafanne Kaffaleera aarsaa guddaa Doktaraafi pirofeesarafiis Situ ta'ee abbaa hundaa....2 Baallaadha gaaddisni kee Dhihaafi barii qaqqaba Kufaatii wallaalaa jalaa Biyya ijaaree ol qaba Horatteerta seenaa Eegsisteerta biyyaa Hageree dhalootaaf Dhabbattee waardiyyaa....2 Sabbonaa isa dhugaa Akka kee hin agarree Riqicha nuuf taateerta Kan lagaan dabarree Ibsaas nuuf taateerta Kan ittiin of barree Cimsaas nuuf taateerta Kan abdii nutti hore....2 Faana kee soqneerra Biyya biyyaa yaanee Gaaddisa kee jalattii Nutuu tokko taane Oobolaafi obboleettii Akka haadhaafi abbaa Seenaadhaaf dhiisne Bounce siiddaa hambaa.....2 Nutuu bartaadhaa Ilmaltuu karraa irraa Imaanaa kee fuunee Bakka gahuuf jirra Teessoo tokkorra teenne Hiree waliin qooddannee Maaddii tokko irraa Kan waliin soorannee....2 Rakkoo jiruufi jireenyaa Kan waliin dubbanne Miiraa keessoo waliis Kan waliif hubannee Nutuu barataadhaa Ilmaan abbaa tokkoo Laga waliin ceeneerra Waliin obsaa rakkoo...2 Balaafi furguggeen baraa Addaan nu hin baasne Shiraafi dharri diinaas Bar Nu hin faffacaasne Dabarsineerra barootaa Waliif taanee obbolaa Waliif obsineerra rakkoo Waliin ta'uun ni tolaa....2 Kan qoqaa waliin oolle Fiignee waliin taphanne Kan teessoo tokkorra Teenne waliin baranne Kan garaa wal nyaannu Akka ilmaan haadhaa Jireenyi Jaalalaa sun Bar akkaan mi'aadha ......2 Wal dorgommii sadrkaafi Qormaata hojjachiisuu Axeeraraa baasuufii Gamtaan dubbisiisuun Hafuuf deemaara silaa Adda bahuun hin oolle Garaan koos obsa dhabe Maal jetturee yaa ijoolle....2 Kutaa keessa jeequuf Waraqaan wal darbachu Boqonnaa bahuufii Fiiganii taphachuu Barreessuu jabbanii Suuraa kaafachuun Na dhukkuba jedhanii Hayyama gaafachuun Siichi seenaa qofaa Deebi'ee hin dhufu Boqonnaa haaraadha Jireenyi kan fufuu....2 Nutoo abdii biyyaa Kan biyyaafi biyyoo Tarkaanfii fulduraaf Ol fuunneerra kiyyoo Abbaatuu nu baasee Harmeetu nu eegaa Hanga yoom biyya koo Beekumsa deegaa...2 Ifaadha fuuldurri koo Anatuu barataa Har'a as dhaabatee Kan boruu abjotaa Milkeessuuf kaayyoo koo Wareegeera har'a koo Ibsuudhaaf boruu kiyya Yaabeera farda koo.......2 @Nasiro_poem @Nasiro_poem @Nasiro_tube @Nasiro_tube
Show all...
Dhangaa Wolaloo

Miira keessoo keetii, Kan fageessee hubatu; Wolaloon hiriyaadha, Kan afaan kee dubbatu.

Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.