cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Sirbaa Afaan oromoo Ãnaaf wajjin

Chaayinaalii kana irratti:- -Oddeeffannoowwan waayitaawoo guyyaa guyyaa -Sarbama mirgoota namoomaa -Sochiilee siyaasaa biyya keessaafi biyyoota alaa. -Waantota aadaa, duudhaa, seenaafi safuu ummata keenyaa barsiisaniifi calaqqisiisan.

Show more
Ethiopia3 263The language is not specifiedNews & Media18 504
Advertising posts
7 418
Subscribers
+2024 hours
+2027 days
+1 00630 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Photo unavailableShow in Telegram
Hadhaa Sinqee the symbol of peace and Dignity /justice and freedom Visit Oromia ♥️♥️ #Torbee Irreechaa #Irreechi Milkiidha #Irreechi jaalalaa #Irreechi nagaadha #IrreechiTokkummaadha
Show all...
2
#Sanyii Tufaa Gurmuu #Matii Koo ♥️♥️ #Torbee Irreechaa #Irreechi Milkiidha #Irreechi jaalalaa #Irreechi nagaadha #IrreechiTokkummaadha
Show all...
👍 3
Photo unavailableShow in Telegram
'Imala Irreechaa' Namoonni fedhii qabdan hundinuu uffata aadaa keessaniin faayamtanii akka nutti makamtaniif kabajaan isin affeerra. Jimaata waaree booda Boolee, Biiroo Koomishinii Tuuriziimii Oromiyaatti wal haa agarru. #ethiopiasabudance #visitOromia #LandOfOrigins #Ethiopia #Irreecha #Oromia #exploreoromia #irrechawalk
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Intalaa Oromo ,Jabduu , qabsooftuu Bayye bareedaa Naarobika Baayisaa Maqaasa #TorbeeIrreechaa #IrreechaMilkii #Irreechijaalalaa #Irreechinagaadha #IrreechiTokkummaadh
Show all...
👍 3
#Sharaatanittis milkoofne. Galmi guutee dhaabbannee Dokumantariin Ateetee ilaalaa jirra. Caalbaasiin Ateetee Mil.4 dirqamaan walharkaa fudhatan. Dhaabbileen hedduu osoo hirmaachuuf eegaa jirtan jarjaraan carraan darbeef nu ofkolchaa. #amazingmoments
Show all...
Sinqee is a traditional symbol of women's authority in Oromo culture. Given to women at marriage, it represents their dignity and rights. Women use it to advocate for justice, resolve conflicts, and promote peace, playing a key role in the community, especially within the Gadaa system.
Show all...
#Suuraadhaan: Fiilmiin Dokmantarii ‘Ateetee Ayyaana Hawwootaa’ eebbifame Fiilmiin Dokimantarii aadaa Ateetee Ayyaana Hawwootaa kaleessa Fulbaana 18, 2024 Finfinnee, Hoteela Sharaatan Addisitti sirna ho'aadhaan eebbifame. Dokmantariin dargaggoo Roobsan Waabeetiin barreeffame kun dhaabbata Pirodaakshinii Fiilmii Nuubiyaatiin qophaa’e. Sirnicharratti abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, Komishanarri Komishinii Turizimii Oromiyaa Lalisee Dhugaa dabalatee keessummoonni waamichi taasifameef baay'een argamaniiru. 📸 Arja
Show all...
Photo unavailableShow in Telegram
Birri 4,000,000 Sikkoo Mandoo Shaashamannee Suuraa Harkaan Kaafame Kan Sagantaa Eebba Dokumantarii Ateetee Irratti Dhihaate Bitatee Jira.
Show all...
👍 2
Photo unavailableShow in Telegram
Gameessi siyaasaa Pirofeesar Mararaa Guddinaa waa'ee siyaasa Itoophiyaa fi biyya Ameerikaatti marii gaggeessaa jiran irratti waan dubbatan. https://bbc.in/4d5KmM8
Show all...
Kallacha Kallachi meeshaa aadaa Oromoo kan addarratti godhatamu yoo ta'u kallacha kan godhatu warra dhiiraati. Kallachi meeshaa nageenya fi araaraati, kanaafis meeshaalee aadaa kamiyyuu caalaa kabaja guddaa qaba. Yeroo baayyee, namni kallacha godhatu, bokkuu kan mallattoo abbaa aangumma agarsiisus qabatee deema. Kallachi kan godhatamu addarratti yoo ta'u kan godhatus namoota umuriidhan bilchaatee fi angafa gosaa ta'edha. Kallachi kan godhatamu faayummaaf odoo hin taane sirna aadaa Oromoo keessatti hiikaa mataasaa waan qabuufi. Kunis nageenyaa fi araara buusuuf tajaajila. #Dhufaatiisaa Oromoon kallacha Waaqatu kenne jedhee amana. Waaqayyo kanas kan godhu bakakkaatti fayyadamuudhaan kallacha Oromoof buusa. Waaqni kallacha kan Oromoof kenneef meeshaalee kanatti fayyadamuun Oromoon nagaa fi seera eegee akka jiraatu gochuufi. Akka manguddoonni jedhanitti, kallachi sibiilarraa hojjatama, sibiilli kunis biyyoo bakka bakakkaan itti bu'erraa fudhame irraa argama. Sababa kanaaf, Oromoon kallachaaf kabaja guddaa kennaafi. Namni kallacha keewwatee deemu 'Abbaa Kallachaa' jedhama, namni bokkuu qabatu ammoo 'Abbaa Bokkuu' jedhama. Bara durii, kallacha akaakuu lamatu jira ture: kallacha kormaa fi kallacha laafaa. Kallachi kormaan meeshaa ittiin nama abaaran yoo ta'u sababa kanaaf baayyee sodaatama. Kallachi kormaan kan tajaajilu nagaa buusuu fi ayyaaneffata amantii fi hawaasummaa raawwachuufi. Karaa biraa, kallachi laafaan akka mallattoo kabajaa fi qajeelummaatti kan tajaajilu yoo ta'u abbaan Gadaatu godhata. #Nagaa Buusuu Kallachii fi caaccun araara buusuu keessatti ga'ee guddaa qabu. Jaarsolii fi beerren kallachaa fi caaccuu qabatanii araara dubbatu. Meeshaalen kun namni firri jalaa du'e gadda isaanii dagatanii gara araaraatti akka dhufan godha jedhame amanama. Yeroo mariin araaraa godhamu, namoonni kallachaa fi caaccuu yoo argan nagaa akka bu'u sirritti itti amanu. Kunis, abaarsi warra araara diderraa ga'uu fi eebbi warra araara jaarsolii fudhataniif kennamu namooni akka sodaatan gochuun araara akka fudhatan godha. Araarri kallachaa fi caaccun dhufe cimaa ta'a. Ummata Oromoo keessatti, Abbaan Kallachaa fi Haati Caaccuu hawaasa keessa filatamanii meeshaalee kana qabaatu, meeshaalee kanaanis hojii hawaasumma fi siyaasaa akkasumas amantii raawwachiisu. Mitiku Tesfaye
Show all...
👍 2
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.