cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking ยซAccept allยป, you agree to the use of cookies.

avatar

Oromia Education Bureau

Oromia Education Bureau is strongly working on improvement of quality education in Oromia Regional State and all over the Country. ๐Ÿ”Ž#YouTube ๐Ÿ‘‰(SUBSCRIBE) https://www.youtube.com/@Oromiaeducationbureau.

Show more
Finland26The language is not specifiedEducation760
Advertising posts
131 973
Subscribers
+29224 hours
+1 2027 days
+4 41230 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

โ€‹#Beeksisa_Hojii! BBOn Barsiisota Manneen Barnootaa Sad. 2ffaa Barsiisan #Tajaajila waggaa - 0 #Bara 2016 Yunivarsiitii irraa qormaata Yunivarsiitii irraa bahaniin (Exit Exam) darbaniifi eebbifaman dorgomsiisee qacaruu barbaada. #Koottaa_Galmaa'aa: Biiroo Barnootaa Oromiyaa - Finfinnee Saarbeet jirutti. แŠฆแˆฎแˆšแ‹ซ แ‰ต/แ‰ขแˆฎ แ‰ 2016 แŠจแ‹ฉแŠ’แ‰จแˆญแˆฒแ‰ฒ แ‹จแˆ˜แ‹‰แŒซ แˆแ‰ฐแŠ“ แŠ แˆแŽ แ‹จแ‰ฐแˆ˜แˆจแ‰ แˆ˜แˆแˆ…แˆซแŠ•แŠ• แŠ แ‹ˆแ‹ณแ‹ตแˆฎ แˆ˜แ‰…แŒ แˆญ แ‹ญแˆแˆแŒ‹แˆแข แŠแŠ•แŠแŠ” แˆณแˆญแ‰คแ‰ต แ‰ แˆšแŒˆแŠ˜แ‹‰ แ‰ขแˆฎ แ‰ แŠ แŠซแˆ แ‰€แˆญแ‰ แ‹‰ แˆ˜แˆ˜แ‹แŒˆแ‰ฅ แ‹ญแ‰ฝแˆ‹แˆ‰แข Kana caalaa beeksisa Maxxanfame dubbisaa! ๐Ÿค Dubbisuuf:- Read more
Show all...

๐Ÿ‘ 94โค 22๐Ÿ”ฅ 10๐ŸŽ‰ 8๐Ÿคฉ 8๐Ÿ‘Œ 5๐Ÿ‘€ 4๐Ÿ‘ 3
โค๏ธ
๐Ÿ‘
๐Ÿ‘Ž
๐Ÿ”Ž FACEBOOK ๐Ÿ”Ž
๐Ÿ”” YouTube ๐Ÿ””
๐Ÿ”„ Tolla Berisso
๐Ÿ’ฌ Support Us
Show all...
โค 17๐Ÿ‘ 16โœ 5๐Ÿ‘Œ 5๐Ÿคฉ 3๐Ÿ”ฅ 1๐Ÿ˜‡ 1
๐Ÿ‘ 23โค 14๐Ÿ”ฅ 6๐ŸŽ‰ 6๐Ÿ’ฏ 5๐Ÿ‘€ 5๐Ÿคฉ 4
#Beeksisa. Barattoota Qormaata Seensaa Manneen Barmootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa Dabartan Qabxii Keessan ilaalaa. #Ramaddii keessan immoo, guyyoota gababaa keessatti isin beeksifna. Linkiiwwan gadiitiin ilaaluu dandeessu ๐Ÿ‘‰ https://www.facebook.com/share/pFSLSnQzyexaoxvg/?mibextid=oFDknk
Show all...
๐Ÿ‘ 107โค 26๐Ÿ‘€ 19โœ 17๐Ÿ”ฅ 6๐Ÿค 6๐Ÿคฉ 1
โค๏ธ 6
๐Ÿ‘ 2
Open Comments
๐Ÿ’ก Qabxii ilaaluuf ๐Ÿ’ก
startapp
Photo unavailableShow in Telegram
#BEEKSISA Barattoota Qormaata Seensa MBBA Fudhatan Hundaaf! ----- BBO-:06/01/2017 Barattoota Qormaata Seensa Mannen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa Bara 2017 Darbaniifi Iddoo Ramaddii Isaanii Guyyaa Roobii 08/01/2017 fuula Facebook fi Telegraamii keenyaan irratti kan #Maxxansinu ta'uu gamanumaa isin beeksifna! Https://t.me/major/start?startapp=639994151 Oromia Education Bureau ๐Ÿ’ 
Show all...
๐Ÿ‘ 226โค 60๐Ÿ”ฅ 32๐Ÿซก 17๐Ÿ‘ 12๐Ÿ™ 12๐Ÿคฉ 9๐Ÿค 6๐Ÿ•Š 5๐Ÿ‘€ 5๐Ÿ‘Œ 4
โ€‹Bara Haaraa Yaadaafi Qalbii Haaraan Baradhaa! BBO- 05/01/2017 #Barnootni_Bara _Haaraa_Fulbaana_07/2017 irraa jalqabee Manneen Barnootaa Naannoo Oromiyaa keessatti argaman hunda (Bu'uura Boruu hanga kutaa 12ffaa) keessatti simannaa ho'aan ta'een eegalama. #Barri_Barnootaa_2017_kan_milkiifi_hawwiin_keessan_itti_dhugoomu_isiniif_haa_ta'u! #BARA_GAARII ! https://t.me/major/start?startapp=639994151
Show all...

๐Ÿ‘ 167โค 27๐Ÿ’ฏ 19๐Ÿ”ฅ 16๐Ÿค 13๐Ÿ•Š 8๐ŸŽ‰ 7๐Ÿ‘ 4๐Ÿคฉ 2
๐Ÿ‘ 12
๐Ÿ’ช 9
Open Comments
๐Ÿ”Ž Online Jobs
Lucky ๐Ÿ“ฆ
๐ŸŸข#Ads Don't miss this chance ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ Http://t.me/catsgang_bot/join?startapp=ejR8LGeJiiD52DY35QP4T ๐Ÿ’ 
Show all...
๐Ÿ‘ 60โค 20๐ŸŽ‰ 9๐Ÿคฉ 9๐Ÿค 5๐Ÿ”ฅ 3๐Ÿ‘ 1
Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa- MBIBA ( Ifa Boru Special Schools) fi Manneen Barnootaa Bultii Addaa(Boarding Schools) Qormaata Biyyoolessaa Bara 2016 Barattoota Isaanii 100% Dabarsan Maqaa Isaanii; 1- MBIBA Yunivarsiitii S.T. Adaamaa, 2- MBIBA Yunivarsiitii Amboo 3- MBIBA Yunivarsiitii Arsii 4- MBIBA Yunivarsiitii Dambi Doolloo. 5- MBIBA Yunivarsiitii Haramayaa, 6- MBIBA Yunivarsiitii Mattuu, 7- MBIBA Yunivarsiitii Odaa Bultum, 8- MBIBA Yunivarsiitii Wallaggaa, 9- MBIBA Danbal (Godina Sh/ Bahaa) 10- MBIBA Shaambuu (Godina H/G Wallaggaa) 11- MBBA W. M .O Adaamaa 12- MBBA W. M. O Bishooftuu Walumaa galatti, Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa 10 fi Manneen Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa 2 barattoota isaanii 100% gara Yunivarsiitii dabarsaniiru. Yunivarsiitiiwwan keenya qulqullina barnootaa mirkaneesduuf gaheen isin gumaachitaniifi gumaachaa jirtan seenan yoomiyyuu kan hin daganne waanta'eef galata guddatu isiniif mala. Galatoomaa! Waldaan misooma Oromiyaa barnootaan, dinagdeefi hawaasummaan gumaachi ummata keenyaaf taasisaa jiru hundaa ol gammachiisaa ta'uun ni beekama. Qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiin hojjataa jiru fakkeenya olaanaa ta'uunsaa fudhatamuun Mootummaan Naannoo Oromiyaa Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa 7 bara 2014 hundeesse bara 2017tti barattoota 1000tti dhihaatan qormaata biyyoolessaaf ni dhiheessa. Fakkeenyumaan WMO guutuu Oromiyaatti hayyoota gahumsa qaban horachuu keessatti kallattii kan agarsiise waan ta'eef qaamni MBBA hundeesse hundaa ol galata qaba. Haaluma walfakkaatuun, Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa Bulchiinsa Magaalotaafi Godinaaleetiin hogganaman qabxii gaarii galmeessisuun barattoota isaanii 80% ol dabarsaniiru. Keessattuu Manni Barnootaa Ifa Boruu Addaa Danbal (godina Sh/Bahaa)fi Shaambuu godina H/G Wallaggaa barattoota qormaata fudhatan 100% dabarsuun seenaa hojjataniiru. Walumaa galatti. Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa Bul/ Magaalotaafi Godinootaa hundi galata guddaa qabdu. Galatoomaa! Dhumarratti, Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuuf karaan dheeran kan nu hafu waan ta'eef, qaamni dhimmi barnootaa Oromiyaa nalaallata jedhu hundi Biiroo Barnootaa Oromiyaafi Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin ta'uun gahee keenya akka bahannu dhaamsa keenya ta'a. #Walta'insaafi #Walii_Galiinsaan_Rakkoon_Hin_Hiikamne_Hin_Jiru! Irra deebi'uun, #Baga_Geessan! isiniin jenna! Barri Haaraan kan; Nagaa, Fayyaa, Milkii, Quufaafi Gabbinaa Haata'u! #AYYAANA_GAARII ! Fulbaana 01/2017 Oromia Education Bureau ๐Ÿ’ 
Show all...
Major

Welcome to @Major bot. Boost your rating by stars and completing tasks. Convert rating to $MAJOR token soon.

๐Ÿ‘ 315โค 67๐Ÿ™ 29โœ 27๐Ÿ‘€ 21๐Ÿ’ฏ 9๐ŸŽ‰ 4๐Ÿ”ฅ 2
Photo unavailableShow in Telegram
"#Ayyaana_Waggaa, #Ayyaantutu_Argaa"!
Baga Bara Haaraatti Nagaan Ceetan! Barri #kan_nagaa_fayyaa_quufaafi_badhaadhinaa akka isiniif ta'u Biiroon Barnootaa Oromiyaa ni hawwa! #Ayyaana_Gaarii ! #Fulbaana_01/2017 Oromia Education Bureau ๐Ÿ’ 
Show all...
๐Ÿ‘ 111๐Ÿ”ฅ 19๐Ÿ•Š 16โค 15๐ŸŽ‰ 14๐Ÿ‘Œ 6๐Ÿ™ 4๐Ÿค 4๐Ÿ‘€ 3
Photo unavailableShow in Telegram
Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa(Special Schools) 10 barattota isaanii 100% yoo dabarsan Manneen Barnootaa 553 ta'an immoo barataa tokkollee akka hin dabarsine beekame ---------- BBO- 5/13/2016 Qabxii Qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 barattoota qormaata fudhatan 241809 keessaa qabxii Yunivarsiitii isaan galchu (50%fi ol) galmeessisan 8, 520 (3.5%) ta'uun beekameera. Qabxii bara dabreen wal cinaa qabamee yoo ilaalamu barataa 2,106 (1.7) caalmaan fooyya'ina agarsiiseera. Barattootni 305 qabxii olaanaa lan galmeessisan yoo ta'u bara darbee barattoota 51 qofa kan ture bara kana fooyya'insi guddaan mul'ateera. Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa 10 dabalatee MB 13 ta'an barattoota isaanii 100% yoo dabarsan MB 553 immoo barataa tokkollee hin dabarsine. Kunis, qulqullinni barnootaa bu'uura irraa maqe adeemsa keessa sirrataa kan dhufu malee waggoota gabaaboo keessatti mirkanaa'uu kan danda'u miti. Haa ta'u malee, rakkoo barnoota keenyaa bu'uura irraa jalqabee qorannoo gaggeeffameen BBOfi MNO furmaata kennuun jijjiiramni mul'ataa jiru abdii kan namatti horu ta'eera. Furmaata BBOfi MNO kennan keessaa bara 2016 qormaata biyyoolessaa barattoota isaa 100% kan dabarsan Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa(Special Schools) 13, bara 2013 Pirojektii Ifa Boruutiin MB Ifa Boruu Addaa 10 kanneen Yunivarsiitiiwwan Oromiyaa keessatti argamaniin hoggaman MB Ifa Boruu Addaa 22 ta'an immoo bulchiinsa godinaaleefi bulchiinsa magaalotaatiin hogganamu, walitti MBIBA 32 hundeessuun jalqabame har'a Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa 26 ta'an yeroo jalqabaatiif qormaata biyyoolessaa qorsiiseera. MBIBA Pirojektii bara 2013 jalqabame keessaa yeroo jalqabaatiif MB 26 barattoota 1409 qormaataaf dhiheessuun barattoota 82% dabarsaniiruu. MB 10 barataa 100% MB 7 barataa 93% - 97.9% MB 6 barataa 51.5% - 84.5% yoo dabarsan, MB - 3 immoo barattoota 19%, 30%fi 32.5 dabarsu danda'aniiru. Walumaa galatti yeroo jalqabaatiif qorsiisanii barataa 82.7% dabarsuun isaanii Pirojektii Manneen Barnootaa Ifa Boruu Addaa Sad. 2ffaa milkaa'afi egeree Oromiyaa kan agarsiisu ta'ee mul'ateera. Pirojektii Ifa Boruu biroo immoo, bara 2014 kan hundaa'e Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa 7 ta'an bara barnootaa 2017 tti barattoota qormaata biyyoolessaatiif waan dhiheessaniif milkaa'ina dabalataa akka argannu gamanumaa abdii horanneerra. Pirojektiin Bu'uura Boruutis Oromiyaa keessatti qulqullina barnootaa dhugoomsuuf hojii hawaasa keenya waliin taanee hojjachaa jiru ta'uun beekamu qaba. Gara biraatiin immoo Manneen Barnootaa 553 (40%) ta'an barataa tokkollee qormaata biyyoolessaa dabarsuu hin dandeenye. Rakkoon inni guddaan istaandardii manneen barnootaatiin kan walqabatu, yoo ta'u, akka biyya keenyaas ta'e akka naannoo keenyaatti manneen barnootaa 80% ol ta'u istaandardii barnootni keessatti kennamuu gadi ta'uun kan mirkanaa'ee ta'uun BBOfi Ministeerri Barnootaa bal'inaan irratti hojjachaa jiru. Walumaa galatti, rakkoon qulqullina barnootaatiin walqabatu dinagdee bal'aa gaafatu, hedduufi walxaxaa waan ta'eef karaa hundaan furuuf mootummaan naannoo Oromiyaafi Biiroon Barnootaa Oromiyaa kutannoon itti deemaa jira. Https://fintop.io/SWLcf9dk Oromia Education Bureau ๐Ÿ’ 
Show all...
๐Ÿ‘ 226โค 28๐Ÿคฉ 10๐Ÿ•Š 7๐Ÿ˜‡ 7๐Ÿ”ฅ 5๐Ÿ‘Œ 5๐Ÿ‘ 4๐Ÿ’ฏ 4โœ 3๐Ÿค 3
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.