cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking Β«Accept allΒ», you agree to the use of cookies.

avatar

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

Barnootaafi Leenjii Qulqullinaaf Gahumsa Qabu Kennuun Carraa Hojii Bal'inaan ni Uumna!

Show more
Finland466The language is not specifiedPolitics3 081
Advertising posts
17 193
Subscribers
+1224 hours
-87 days
+21830 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

πŸ‘ 2
Waltajjiin marii haala kabaja ayyaana Irreechaa Bara 2017 irratti xiyyeeffate hojjettoota biirichaa waliin gaggeeffame. Fulbaana 09, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa hojjettoota isaa sadarkaa naannoo waliin haala kabaja Ayyaana Irreechaa bara 2017 irratti marii gaggeessaa jira. Kaayyoo waltajjichaa kan ibsan Hogganaa ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Waasihuun Golgaa, ayyaanni Irreechaa Oromoon bacaqii ganna irraa gara booqaa birraatti ce'uu isaaf waaqa kan itti galateeffatu ta'uu himaniiru. Ayyaanichi karaa aadaafi duudhaa hawaasichaa eegeen akka kabajamu taasisuuf hojjettoonni biirichaa gahee isaanii bahachuu akka qaban obbo Waasihuun dhaamaniiru. Barreeffama ka'umsa marii kan dhiyeessan Hoggantuu ittaantuun BCHUOO aadde Magartuu Mahaammad, ayyaanni Irreechaa ayyaana Oromoon hundi garaagarummaa ilaalchaa, amantaafi siyaasaa tokko malee tokkummaan waliin ayyaaneffatu waan ta'eef, ayyaana Irreechaa bara 2017 haala tokkummaa sabdaneessummaafi obbolummaa itti cimsannuun kabajuu qabna jedhan. Hirmaattonni waltajjichaas ayyaanni Irreechaa bara 2017 karaa aadaafi duudhaa hawaasa Oromoo eegeen akka kabajamu taasisuuf tumsa isaanirraa eegamu taasisuuf kutannoo qabaachuu himaniiru. "BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!" Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: [email protected]
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

πŸ‘ 5
πŸ‘ 7❀ 1
Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa muuxannoo hojii isaa hoggansaafi ogeeyyii Biiroolee Naannoo Amaaraa adda addaarraa dhufaniif qoode. Fulbaana 08, 2017 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa Hoggansaafi ogeeyyii Biiroolee Mootummaa Naannoo Amaaraa adda addaatiif hojiilee carraa hojii uumuufi ogummaan walqabatee muuxannoo jiru qoodaa jira. Hojiilee carraa hojii uumuufi ogummaan walqabatee muuxannoo Naannoon Oromiyaa qabdu kan ibsan Hogganaa Ittaanaan BCHUOO obbo Waasihuun Golgaa, biirichi inisheetiivota garaagaraa bocee hojiitti hiikaa jiraachuu ibsuun, keessattuu bara 2016tti inisheetiivii Oromiyaa Ogummeessuu jedhu hojiirra oolchuun carraa hojii ogummaan durfamu uumuuf sochii bal'aan taasisaa turuu yaadachiisaniiru. Bara baajataa 2017ttis pooteenshaala carraa hojii naannichi qabu qixaan adda baasuu itti fayyadamuun akkasumas inisheetiiviiwwan ergama sekterichaa milkeessuu dandeessisan bocuun hojiitti hiikuun lammiilee miiliyoona 3.4 ta'aniif carraa hojii uumuuf sochii bal'aa taasisaa taasisaa jiraachuu himaniiru. Sagantaa muuxannoo qooddannaa kanarrattis hoggansiifi ogeeyyiin Biiroo Hojiifi Leenjii naannichaafi Waajjira Hoggansa sodaa balaafi kaafamtoota misoomaa naannichaa hirmaataniiru.  "BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!" Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: [email protected]
Show all...
Log in or sign up to view

See posts, photos and more on Facebook.

πŸ‘ 7❀ 1
πŸ‘ 7❀ 1
πŸ‘ 4
Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa garee Goobeefi Shinooyyee simate. Fulbaana 07, 2016 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa kabaja Ayyaana bara haaraa 2017 sababeeffachuun dargaggootaafi shamarran garee Goobeefi Shinooyyee guyyaa har'aa sirna ho'aan simatee jira. Hogganaa ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa obbo Waasihuun Golgaa garee kana simachuun ergaa dabarsaniin biirichi dargaggoota naannichaa diinagdeen humneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsuun barri haaraan kan nagaa, gammachuu, badhaadhinaafi milkaa'inaa akka ta'u hawwii qaban ibsaniiru. Aadaan keenya miidhagina keenya waanta'eef kunuunsuun dhaloota egeree dhaalchisuuf biirichi kutannoon kan hojjetu ta'uu obbo Waasihuun himaniiru. "BCHUOO- Carraa Hojii Ogummaan Durfamu Uumuuf Kan Onnate!" Feesbuukii keenyaa: https://www.facebook.com/BCHUOO Teeleegraamii: https://t.me/OJCVBureau Yuutuubii: https://www.youtube.com/@bchuoobeauro Weebsaayitii: https://www.ojocv.gov.et/ E-mail: [email protected]
Show all...

πŸ‘ 5
πŸ‘ 13
Go to the archive of posts
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.