cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Desalegn B.

Just to share training materials prepared for lawyers!

Show more
Ethiopia4 375The language is not specifiedLaw1 531
Advertising posts
5 052
Subscribers
+2024 hours
+1117 days
+39830 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Murtiilee dirqisiisoo dhaddachi Ijibbaataa MMWF, bara 2015 fi 2016, abbootiin seeraa baay'inaan torba ta'an irratti moggaafamuun murteesseefi Ibsa gabaabaa murticha irratti kenname Fuula FB MMWF irraa kan fudhatame.       Desalegn B.
Show all...
የፌደራል ጠቅላይፍቤት.pdf7.35 KB
👍 9
☝️☝️☝️☝️ Cheekiin (Cheque) Wabummaadhaan Qabamuu (Wal Amantaadhaaf Kennamuu) Ni Danda'aa? Gosti Cheekii Wal Amantaadhaaf Kennamuu Danda'u Kamidhaa? Garaagarummaan Cheekiifi Waraqaa Hawaalaa (Bills of Exchange) Maalidhaa? £££££✓✓✓££££££✓✓✓✓✓££££ Barreeffamni pdf dhaan olitti dhoobame kun daran hawwataadha. (Murtii Dhaddachi Ijibbaataa MMWF kenne irrattis yaada qeeqa fakkaatu kan kennedha) (Dubbifamuu qaba!) Barreeffamicha keessatti: ✍️Cheekiin gosa sanadoota daldalaa daddarboo ta'ee maloota kaffaltiin ittiin raawwatamu keessaa tokko ta'uu, ✍️Cheekiin sanada liqii osoo hin taane, sanada battala baankiitti ykn dhaabbata wal fakkaataa birootti dhiyaatetti kaffaltiin itti raawwatamu ta'uu, ✍️Cheekiin sanada maallaqa bakka bu'uudhaan kaffaltii ariifachiisuuf gargaaru ta'uu, ✍️Wal fakkeenyummaan Cheekiifi Waraqaa Hawaalaa (Bills of Exchange) kan baay'atu ta'ullee, Waraqaan Hawaalaa yeroo hunda (kaffaltiidhaaf) baankiidhaaf qofa kan dhiyaachuu qabu ta'uu dhabuun, gama birootiin wabummaadhaan qabamuu kan danda'u ta'uun isaafi qaama kaffaluuf itti dhiyaateen fudhatama argachuu (tole jedhamuu) kan qabu ta'uun isaa amaloota waraqaa Hawaalaa kana adda taasisu ta'uu, ✍️Gosoonni cheekii bebbeekamoon baay'inaan torba ta'uufi isaan keessaa, seera daldalaa biyya keenyatiin beekamtii qabaachuu baatus, namni maallaqa liqeeffate hanga deebisutti wal amantaadhaaf kennuu danda'u cheekii 'Memorandum Cheque' jedhamee waamamu ta'uu, ✍️Cheekiin qabeenya socho'aa ta'uufi ittisoonni hariiroo dhuunfaa bu'uureffatani (personal defences) fi ittisoonni nama kamirrattiyyuu ka'uu danda'an (real defences) kan irratti ka'uu danda'an ta'uu, ✍️Seerri Daldalaa waraqaan hawaalaafi Sanadni waadaa (abdii) akka qabeenya socho'aatti idaadhaaf qabsiifamuu (pledge) kan danda'u ta'uu ibsuun ala cheekinis bifa kanaan kan qabsiifamu ta'uu kan hin ibsine ta'uu, ✍️Murtii dirqisiisaa Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Galmee lakk.24435 ta'e irratti cheekiin wabummaadhaan qabsiifamuu danda'a jechuun kenne sirrii akka hin taane kan ibsameefi raawwiin murtichaa yoo itti fufe cheekiin gahee daldala ariifachiisuu taphachuu qabu akka hin taphanne kan taasisu ta'uu, ✍️Dhuma irratti, seera baastuun 'Memorandum Cheque' kan jedhamuuf beekamtii kennuu qaba jechuun yaada dhiyeessee kan golobe ta'uutu hubatama. ❓❓Dhaddachi Ijibbaataa xiinxala murticha keessatti; seerri daldalaa cheekiin wabummaadhaan kan hin qabamne ta'uu hin tumne kan jedhe yemmuu ta'u, barreessaan maqaan isaa olitti eerame immoo seerri daldalaa hin hayyamne yaada jedhu calaqqisiiseera. Seerri Daldalaa Cheekiin wabummaadhaan qabamuu (Wal amantaadhaaf Kennamuu) ni danda'a jedhee hayyamuu ykn hin danda'u jedhee dhorkuu qaba turee? Gareewwan waliigaltee, Waliigaltee wabummaa ifa ta'e qopheessuudhaan qabiyyee waliigaltichaa keessatti cheekiin wabummaadhaaf qabsiifamuu isaa ifatti ibsuun yoo tajaajila cheekii gara wabumatti fidan dantaan uummataa ni tuqamamoo hin tuqamu?                  Desalegn B.
Show all...
👍 11 7
Cheque & Guarantee vi.pdf4.08 KB
👍 4 1
Manni Maree Federeeshinii FDRI, Murtii hiikkoo heeraa Yaa'ii gaafa 18/10/2007 ooleen murteesseefi Murtii galmee Lakk.08/08 ta'e irratti kenne keessatti; qonnaan bultoonni qabiyyee lafaa isaanii wabummaan qabsiisuun maallaqa liqeeffachuu akka hin dandeenye, gochi Lafa wabummaan qabsiisuu bu'aa gurgursiisuu waan qabuuf faallaa Heeraati jechuun kan murteessee ture ta'uun isaa ni yaadatama. Haa ta'u malee, yeroo ammaa kanatti, Labsiin Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa, Labsii Lakk.248/2015 kwt 17 jalatti qonnaan bulaan mirga itti fayyadamaa isaa qabsiisuun dhaabbilee faayinaansii irraa maallaqa liqeeffachuu akka danda'u tumeera. Tumaan kun hiikkoo heeraa Mana Maree Federeeshinii waan faallesseef faallaa Heeraati jechuun ni danda'amaa? Akka hubannoo kiyyatti hin danda'amu. Sababni isaas: ✍️Akka Labsii Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa kanatti kan qabsiifamu mirga itti fayyadamaa ati laficha irratti qabdudha malee laficha miti. (It is about mortgaging the right (land use right), not z immovable property itself (the object over which rights are exercised)👁️It is a new land (property) right created by law. ✍️Mirga itti fayyadama lafaa wabummaadhaan qabsiisuun bu'aa qabeenyicha gurgursiisuun liqeessitoota biroo dursuun kaffaltii argachuu (yeroo abbaan idaa kaffaluu dadhabutti) kan hin qabne yemmuu ta'u, qabeenya hin sochoone biroo wabummaadhaan qabsiisuun garuu mirga qabeenyicha hordofuun nama biroo harkatti kabachiisuufi mirga gatii gurgurtaa keessaa dursa akka kaaffalamuuf gaafachuu ni uuma. (SHH kwt 3059 ilaali)      Desalegn B.
Show all...
👍 31👌 2
Kana jechuun seerichi ulaagaa 'foormii barreeffamaa' kan kaa'e mirkaneessa isaatiif (for z purpose of proof) malee waliigaltichi ulaagaa kana yoo hin guutne fudhatama akka dhabu taasisuuf (for z purpose of validity) waan hin taaneefi dha. Waliigalteen liqii maloota tekinoolojii garaagaraatiin hundeeffame jechuunis waliigaltichi fedhii guutuudhaan yaada wal jijjiiruu, waa'ee dirqamichaa irratti haala iftoomina qabuun dubbachuufi yoo tokko cabse yaada seera fuuldura wal dhaabuu of keessaa hin qabu jechuu miti. (SHH kwt 1678, 1679-1695 ilaali) Waliigaltee mallattoo nama dirqama seenuu barbaadu yoo ta'es 'E-Signature' fi maloota tekinooloojichi mataan isaa uume kan biroodhaan kan danda'amu dha. Kanaan ala, sanada namumti liqeesse qofti 'liqiidha' jechuun irratti barreessee mallatteesse (kan gareen dirqama maallaqicha deebisuu qabu irratti hin mallatteessine) fudhachuun akka waan gareen dirqama deebisuu qabu mallatteessetti dirqisiisuun deeggarsa seera kan hin qabneefi haqni akka jal'atu taasisuu danda'a amantaa jedhun qaba. Dhaddachi Ijibbaataa MMWFs haaluma wal fakkaatuun (sababni kaasne adda adda ta'us) Galmee Lakk. 221476 ta'e irratti: "Sanadni maallaqni karaa baankii ittiin ergame (Akka Dhaddachi Ijibbaataa waamutti  'Waraqaan Hawaalaa Baankii') maallaqni ergamuu mirkaneessuun ala sababa itti maallaqichi ergame ykn maallaqichi liqiidhaaf kan ergame ta'uu mirkaneessuu hin danda'u" jechuudhaan yaaduma murtii Ga.Lakk.150260 ta'e irratti qabatee ture (Murtii ejjennoo duraan galmee lakk.31737 ta'e irratti qabatee ture jijjiirsise) cimsee xiinxaleera. Waraqaan Hawaalaa Baankii liqiin nama maallaqni ergameef sanarra jiraachuu mirkaneessuuf ragaa akka seeraatti gahaa ta'e (legally sufficient evidence) dha jettuu? Waraqaan (Sanadni) kun ragaa biroodhaan Deeggaramee (Corroborate) akka ragaa gahaatti (ija seeraatiin) akka fudhatamu taasisuun ni danda'amaa? (Hubachiisa: Seerri tooftaa mirkaneessa biroo dhorkeera) Isin akkamitti hubattu?        Desalegn B.
Show all...
14👍 5
Foormiin Barreeffamaa SHH kwt 2472 Jalatti Ibsame Kan Barbaachiseef Kaayyoo Mirkaneessa Waliigaltichaatiif (Proof) moo Kaayyoo Ragga'iinsa (fudhatamummaa) (Validity) Waliigaltee Liqiitiifidha? Ulaagaa Barreeffamaa Seerichi gaafatu Irratti Garee Kamtu Dirqama Qabaachuu Isaa Ibsuun Mallatteessuu Qaba? (Qabiyyee barreeffamichaa) ======✓✓✓✓======✓✓✓✓✓✓✓==== Seerri Hariiroo Hawaasaa kwt 2472, mata duree 'Proof of loan' jedhu jalatti: "(1) Where the sum lent exceeds five hundred Ethiopian dollars, the contract of loan may only be proved in writing or by a confession made or oath taken in court. (2) The contract of loan may not be proved by any other means." jechuun tumeera. Bu'uura tumaa kanaatiin, jiraachuun waliigaltee liqii qarshii 500 olii kan mirkanaa'u barreeffamaan ykn jecha amantaa kennameen ykn kakaa mana Murtii fuulduratti taasifameen qofadha; tooftaa mirkaneessaa biroodhaan hin danda'amu. Eenyutu jiraachuu waliigaltee liqii mirkaneessuuf dirqama qabaa? gaaffii jedhuuf deebii kan kennu SHH kwt 2001dha (Tumaa Waliigalaa). Bu'uura kanaan, namni dirqamni tokko naaf haa raawwatamu jedhu dirqamni sun jiraachuu mirkaneessuuf dirqama waan qabuuf, namni maallaqa liqeesseera jedhu ragaa akkaataa seera kanaatti irraa barbaadamu dhiyeessuu qaba jechuudha. Jiraachuu (existence) waliigaltee liqii mirkaneessuu jechuunhoo maal jechuudhaa? Seerichi kwt 2471 jalatti maalummaa waliigaltee liqii ibseera. Haala kanaan waliigaltee liqii keessatti; liqeessaan liqeeffataadhaaf maallaqa kennuufi mirga abbaa qabeenyummaa dabarsuuf, liqeeffataan immoo hanguma maallaqaa liqeeffate sana deebisuuf dirqama seena. Egaan, bu'uura tumaa kanaatiin namni liqeeffataa himatu sanada liqeeffataan dirqama seenuu isaa agarsiisu dhiyeeffachuu qaba jechuudha. (Waa'een jecha amantaafi kakuu akkuma jirutti ta'ee). Liqeeffataan maallaqicha deebisuuf dirqama seenuun isaa maaliin hubachiifama? Barreeffama dhiyaate irratti 'nan deebisa' ykn 'idaatu narra jira' jedhee mallatteessuu isaatinidha. Hubadhu!, waraqaa Hawaalaa Baankii irratti kan mallatteessu liqeessaadha malee liqeeffataa (nama dirqamni irra jira jedhame) miti. Ragaan barreeffamaas ragaa qabiyyeeti waan ta'eef, murteessummaan firiiwwan dubbii qabiyyee sanadichaa keessatti eeramanii ol'aanaa ta'uun isaa kan beekamudha. Namni dirqama qaba jedhame dirqama sana fudhachuu isaa firiin dubbii mirkaneessu (mallattoodhaan) jiraa? jennee of gaafachuu qabna jedheen amana. As irratti wanti hubatamu qabu, akka SHH biyya keenyatti waliigalteewwan kan eeraman kitaaba 5ffaa mata duree 'Obligations' jedhu jalatti ta'u isaati. Waliigalteen garee tokkoof mirga kan uumu ta'ullee, seerichi waliigalteen maddoota dirqamaa keessaa tokko ta'uu isaas xiyyeffannoodhan agarsiisuuf yaadee kan bocame fakkaata. Kana malees, waliigalteen Liqii qr.500 olii barreeffamaan mirkanaa'a jechuun waliigalteen liqii osuma hin hundeeffamin (osoo liqeessaafi liqeeffataan fedhii guutuudhaan, meeqa akka waliif liqeessan, yoom akka waliif deebisan hin dubbatin, ykn akka SHHtti 'offer & acceptance'n hin jiraatin) barreeffamuma gareen tokko dhiyeessu irraa ka'ee Manni murtii hiikkoodhaan gudunfaa jira jedhurra gaha jechuu miti. Adeemsi akkasii waliigaltee liqii gareewwan hin qabne (kan isaan irratti hin dubbanne) hiikkoodhaan akka uumamu taasisuun waan seerri hin feene raawwachuutti nama geessuu danda'a. Dhimmi biroon hubatamuu qabu, waliigalteen liqii qarshii 500 olii kan mirkanaa'u barreeffamaanidha jechuun waliigaltichi afaaniin yoo hundeeffame gatii dhaba jechuu miti. Fkn, namni tokko gaafa 20/01/2016 qarshii Miliyona tokko afaaniin dubbatee, guyyaa itti deebi'uu qabu Irratti yaada wal jijjiiree, erga liqeessee booda gaafa 10/10/2016 mallatteessifachuu ni danda'a. Namni liqeeffate erga mallatteessee booda deebi'ee ka'umsa irraayyuu waliigalteen liqii kun afaaniin raawwatame waan ta'eef fudhatama hin qabu jechuu hin danda'u. ....itti fufa....👇👇👇👇        Desalegn B.
Show all...
👍 13 1
Murtiilee Barsiisoo (Filatamoo) Manneen Murtii Aadaa Naannoo Oromiyaa, Jildii 1ffaa Telegiraam Chaanaalii MMWO irraa kan fudhatame     Desalegn B.
Show all...
Murtiilee barsiisoo MMAadaa Jildii 1ffaa.pdf3.68 MB
👏 3👍 1
☝️☝️☝️☝️☝️☝️ Barreeffama gabaabaa mata dureen isaa "BULCHIINSAA FI ITTIFAYYADAMA LAFA BAADIYYAA FEDERAALAA LABSII LAKK 1324: GAAÍLLI GAAÍLA IRRATTI (POLYGAMOUS MARRIAGE) YEROO HUNDEEFFAMU QOODDII QABIYYEE ABBAAWARRAA FI HAADHA WAARRAA (KWT 23)" jedhu kana kan barreessee addatti Chaanaalii kanaaf erge Miliyon T.Sarbeessaa (Abbaa Seeraa MMWO fi Leenjisaa Ilqso duraanii)ti. Obbo Miliyon barreeffamicha keessatti Labsii Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Federaalaafi Naannoo ilaaluudhaan gaaffilee garaagaraa kaasaniiru. Addatti immoo: "Seerri Bulchiinsaa fi itti fayyadama lafa baadiyyaa Federaalaa labsiin lakk 1324 kwt 23(2) jalatti seerichi guyyaa bahee kaasee abbaan warraa gaaíla tokkoo olii kan hundeessu yoo ta'e gaaílli haadhawarraa jalqabaa faana qabu akkuma eegametti taée lafa qabiiyyee haadhawarraa isaa duraa waliin qabu qooddiin isaa taasifamee qabiiyyee lafichaarratti odeeffannoo gahee gahee isaanii ibsu waaytaawaa taasifamuu akka qabu bifa dirqisiisaa taéen tumee jira. Akkasumas gaaíla haaraa hundeesse waliinis mirga dubartootaa haala kabachiisuun gahee isaatirratti galmeessi lafa qabiiyyee irra deebiin taasifamuu akka qabu haala dirqisiisaa taéen tumameera. Gaa‘illi gaa‘ilarratti yeroo raawwatamutti sirna ragaa abbaa qabiiyyummaa waayteessuu fi qooddii isaa maal fakkaachuu akka qabu tumaan olii kun kaaheera. Diiggaan gaaílaa inni jalqabaa osoo hin taasifamiin qooddii qabeenyaa uumuu hin taúu? gaaílli jalqabaa akka hin tasgabboofne hin taasisuu? gaaíla gaaílarrattoo jajjabeessuu hin taúu? Gahee koorrattan fuudha maal sidhibee hin fiduu? Akka labsii Ittifayyadama lafa baadiyyaa kan naannoo keenyaa lakk 248 sana waaée gaaíla gaaílaarratti tumaa akkasii keessaa dhiisuu hin wayyu turee? Manneen murtii qabatama lafarra jiru ilaalaa akkuma duraa sana murteessuun mana murtiif yoo dhiifame hin wayyu? Tumaan kun qooddii aangoo Heera Mootummaatiin Mootummaa naannoo fi Federaalaaf gidduutti qoodame kan eege dhaa (HM kwt 51 fi 52, 55)? Tumaalee dhimmoota maatii ilaalchisee naannooleedhaaf dhiisuu hin wayyu? Labsiin Federaalli baase dhimmoota maatii akkasii osoo qabatama naannooleetiif dhiise ykn dhimma naannoo akkasii keessatti osoo hammachiisuu baate gaarii ture. Dhimmoonni akkasii aangoo Naannooleetiif kenname keessatti kan ramadamuu dandaú dha.  Kanarra darbees dhimma seera maatii illee of keessatti qabatee kan jiru waan taéef aangoo heeraan Mootummaa Federaalaatiif kenname miti. Dhugaa hawaasa keessa jiru naannoodhaa naannoottis adda adda waan taúuf caalatti dhimma bulchiinsaa waan taéef labsichi akkuma tumaalee kaan keessatti naannoleetti qajeelchaa ture kanas osoo qajeelchee dhiise gaarii ture" jedhaniiru. Gumaacha keessaniif Galatoomaa🙏🙏        Desalegn B.
Show all...
👍 13 1
Barreeffama gabaabaa mata dureen isaa "BULCHIINSAA FI ITTIFAYYADAMA LAFA BAADIYYAA FEDERAALAA LABSII LAKK 1324: GAAÍLLI GAAÍLA IRRATTI (POLYGAMOUS MARRIAGE) YEROO HUNDEEFFAMU QOODDII QABIYYEE ABBAAWARRAA FI HAADHA WAARRAA (KWT 23)" jedhu kana kan barreessee addatti Chaanaalii kanaaf erge Miliyon T.Sarbeessaa (Abbaa Seeraa MMWO fi Leenjisaa Ilqso duraanii)ti.           Desalegn B.
Show all...
Wayita_Gaa'ila_Irratti_Gaa'illi_Raawwatame_Diigamu_Haala_Itti_Lafti.docx0.26 KB
👍 1
Photo unavailableShow in Telegram
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.