cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Oduuf Odeeffannoo Hundaa Hamtee....❤️❤️❤️

Show more
Finland2 795The language is not specifiedReligion & Spirituality57 984
Advertising posts
1 417
Subscribers
+124 hours
-27 days
-1330 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Mukaafi Oromoo #Ahmad_Hajjii: #Bulchaa_bulchiinsa godina Arsii Lixaa Oromoofi mukni hidhata guddaa qaban. Oromoon: muka akka ilmaatti ilaala. Kanaaf maqaa ilmaa birbirsa, odaa, leemmu, sokoree... Jedhaa moggaasa. Bokkuu Gadaa mukarraa qopheessa. Siinqeen kabajaafi faajjii dubartootaa taate tun mukarraa qophoofti. Heeraaf seera tumuufis biqiltuu filata. Biqilches irraa nyaata. Ilmaafis dabarsa. Mana ittiin ijaara, maagarris gaalee mukaati, bitimaa ittiin cufa. Meeshaaleen Oromoo hundi mukarraa tolfamu, kanaaf ulfoo jedhamu. Fakkeenyaaf kan qabatan, shimalli, soomayni, uleen, siinqeen, bokkuun, alangeen... Kan itti nyaatan: qoriin, killi, gabataan.. Kan ittiin dhugan: sabareen, orooboon, guchumni, xuunxoon, madaalli, kan biroos mukarraa tolfamu. Gama biraan, kan irra rafan sireen kan mukaati. Kana qofaa miti meeshaaleen ittiin faayamaniifi mallattoo eenyummaa ta'anis mukarraa qophaawu. Dubartiin deette takka dawuu isii kan ittiin beekan qanafaan mukarraa dalagama. Kun mukaaf oromoo hidhata guddaa akka qaban muldhisa. Faaqqee/filaa, rigaa, kallacha, handaara bonkoofi kan biraas asumarraa dhiyeessa. Qonnaafis isuma fayyadama: nooyeen muka, harqoota, kifee/funyoo, halasaa, irfii, digaree,fi muka qaccees maddi muka. Yoo galfatus gumbiin kan mukaati. Dallaanis kan horee itti galfatu muka. Gaafa ilma mana baasu/ittifuudhu waddeessaa baarreen muka. Ilmaan jiidhaa mukaatiin horee horsiisa. Yoo namni isaafi loon/beeylanni cabe mukaan waldhaanata. Muka bocee hidhee sa'aa nama fayyisa ogeessi. Dhukkubsannaan qorichi muka. Dawaa kamirraa akka dhibee kamiif dhiyeessu Oromootti hin himan. Namni wal ajjeesus utubaan muka. Jaarus luka sadaffaa muka godhata. Mukni qucaa/murtii isaaf darbe qaba, namni muka seera malee mure adabbii qaba. Kanaaf Mukaafi Oromoon hidhannaa guddaa qabani. Yoo dhaabus kabajaani yoo guddisus ija finnaatiini! Horaa Bulaa Ahmad Hajjii Bulchaa Bulchiinsa Godina Arsii lixaa
Show all...
👍 5
#Dargaaggeessa Trump irratti yaalii ajeechaa geggesse! # nama ganna 20 #Toomaas_Maatiyoo_Kiruuks jedhamu kan Bethel Park, Pennsylvaniatti yaalii ajjeechaa pirezidaantii Ameerikaa duraanii fi kaadhimamaa paartii Rippabilikaan Doonaald Tiraamp irratti haleellaa raawwate jedhamuun shakkame adda baasuun to'achuu beeksiseera jechuun Reuters gabaase!
Show all...
👍 1
DAMEE GODINAALEE 21 TIIF DAMEE MAGAALOTAA 23 TIIF Lakk. Herrega Baankii galiin Mootummaa ittiin sassaabamu gara Baankii SIINQEETTI akka jijjiiramu kallattiin taa'ee waan jiruuf, lakk. Herrega Baankii SIINQEE baname isin qaqqabu hanga SHORT CODE TELEBIRR irratti hidhamee jijjiiramee xumuramutti kan dura ture akka hin cufamne BIIROO MAALLAQAA waliin waan waliigalameef Damee isaanii isin bira jiran akka hubachiiftan cimsinee beeksifna.                                   NAGAA WAJJIIN - Kabajamoo Addee Maskaramiif - Obbo Lammeessaatiif    BGO
Show all...
5
Show all...
Hamster Kombat

Just for you, we have developed an unrealistically cool application in the clicker genre, and no hamster was harmed! Perform simple tasks that take very little time and get the opportunity to earn money!

Repost from FBC Afanoromo
Photo unavailableShow in Telegram
Garee Shaneen barattoonni ugguramanii turan gadi lakkisiifamaniiru-BKO Finfinnee, Adoolessa 3, 2016 (FBC)- Tibba darbe Garee Shororkeessaa Shaneen barattoonni ugguramanii turan oppireeshinii mootummaan taasiseen gadi lakkisiifamuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa beeksisie. Yuunivarsiitii Dabaarqirraa barnoota isaanii xumuruun gara maatiitti deebi’aa kan turan barattoota 167 keessaa 160 gadi lakkifamuu Hogganaan Biirichaa Obbo Haayiluu Addunyaa ibsaniiru. Barattoonni gadi lakkisiifaman tarkaanfii qaamoleen nageenyaa mootummaa fudhataniin ta’uu eeranii, barattoota… https://www.fanabc.com/afaanoromoo/garee-shaneen-barattoonni-ugguramanii-turan-gadi-lakkisiifamaniiru-bko/
Show all...
🔥 3
Qulqullina Barnootaa Mirkaneessuu Keessatti  #Tajaajilli_Lammummaa Qooda Olaanaa Qaba. -------------- Hojiin tajaajila lammummaa biyya ijaaruuf, rakkoo hawaasa furuuf, lammiin biyya keenyaafi lammiileen biyya alaa dhalootni biyya keenya ta'an hanga humni isaa heeyyameen beekumsaan, ogummaam, maallaqaafi meeshaaleen lammii isaatiif waa gumaachuu  gahee isaa bahuudha.. Haaluma kana bu'uura gochuun Mootummaan Naannoo Oromiyaa lammiin biyya keenyaa, lammiin biyya alaa dhalootni isaanii biyya keenya ta'aniifi lammii biyya alaa ta'anii deeggartootni biyya keenyaa hundi  hawaasa keenyaaf tajaajila lammummaa akka kennan sirna kenniinsa tajaajila lammummaa waggoota sadiin dura qajeelfama qopheessuun hojiitti galuun ni yaadatama. Kanuma bu'uureeffachuun Biiroon Barnootaa Oromiyaa qajeelfama mootummaan keenya dabarse irratti hundaa'uun qooda fudhattoota barnootaa hirmaachisuun dhimmoota qulqullina barnootaa mirkaneessuuf gargaaran irratti gahee isaanii akka bahan  himaachisuun bu'aan qabatamaa ta'an argamaniiru. Kenniinsa tajaajila lammummaatiin lammiileen keenya hawaasa keenyaaf Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu, Mana Jireenyaa Barsiisotaa, Istaandardii Manneen Barnootaa Fooyyessuu, Daree Dabalataa Ijaaruu, Suphaa Dareefi Dallaa Manneen Barnootaa, Kompitara , Kitaabaafi kkf waggoota afran darban keessatti hirmaannaa lammiileetiiin tajaajilli argame  maallaqaan yoo tilmaamamu   Qarshii Biiliyoona 40 ol  ta'u tajaajila lammummaatiif ooleera. Kanaafuu, Lammiileen Hojii Tajaajila Lammummaa waggoota darban keessa qulqullina barnootaa naannoo keenyaa mirkaneessuuf gahee keessan gumaachaa turtan  hundi  galatoomaa isiniin jechaa, tajaajila lammummaa #Ganna bara 2016 Waxabajjii 30/2016  sosochiin akka naannoo keenyaatti waan eegalamuuf akkuma duudhaa keenya ganamaa gahee keessan akka gumaachitan Biiroon Barnootaa Oromiyaa waamicha isiniif taasiseera. #Waxabajjii 30/2016 guyyaa #Sosochiin_Tajaajila_Lammummaa_Manneen_Barnootaa_guutuu_Oromiyaatti_eegalamu waan ta'eef Gumiin Tiraansiformeeshinii Barnootaa Oromiyaa (GTBO) sadarkaan jiran, caasaan barnootaa Waajjira Godinaa/Bul Magaalotaa hanga Mana Barnootaa jiran hundarraa gahee olaanaatu eegama. Tajaajila Lammummaa dhimma barnootaatiif kennuun dhaloota egeree fooyya'aafi gahumsa qabu arguuf, dhaloota saayinsiifi teeknooloojiin misoome, sadarkaa addunyaatti dorgomaafi biyya keenya fuulduratti tarkaanfachiisu danda'u horachuu irratti hojii hojjatamaa jiru deeggaruu waan ta'eef lammiin hunduu hanga humnasaatiin ashaaraa kaawwachuu qaba. Kanaafuu, lammiin biyya keenyaa, lammiileen biyya alaa dhalootni isaanii biyya keenya ta'aniifi lammiileen biyya alaa ta'anii deeggartootni biyya keenyaa ta'an hundi  qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojii Biiroon Barnootaa  Oromiyaa hojjataa jiruu kana galmaan gahuu akka dandeenyu gumaachi keessan hunda caalaa barbaachisaa waan ta'eef gahee keessan akka baatan dhaamsa keenya ta'a. Hojiiwwan tajaajila lammummaatiin hojjatamuuf karoorfamanis; #1_Ijaarsa MB Bu'uura Boruu - 5000 #2_Ijaarsa MB Sad. 1ffaa - 1000 #3_istaandardii MB - 2948 fooyyessuu, #4_Ijaarsa Mana Barsiisotaa 8943 #5_Barnoota Ga'eessotaa barattoota kuma 900 ol barsiisuu, #6_Tutoriyaalii barattoota gara kutaa 6, 8 fi 12 darbaniif kennuu, Tutoriyaaliin kan kennamu barsiisota fedhii qabaniifi barattoota Yunivarsiitota adda addaa irra ganna boqonnarra jiranii ta'a. #7_Paarkii_Dijitaalaa(Digital Park) aanolee hunda keessatti hundeessuu, yoo ta'an, galma gahiinsa karooraatiif immoo, hirmaannaan hawaasa keenya, maatii barattootaa,  barsiisotaa, barattootaa, abbootii Gadaa, Haawwan Siinqee, abbootii Amantii hundaa ol murteessaadha. #Barnootni_Qulqullina_Qabu_Ijoollee_Keenya_Hundaaf! Oromia Education Bureau ▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Show all...
👎 3
Wantoota Wudu’a Diigan 1. Xuraawa Qawwa Lamaan Irra Bahuu ; Namni Tokkoo Xuraawaan Kun Qaama  Isaa Keess Erga Bahee Booda Waana Rabbiin Wal – Qunnamuu Deemuuf Wudu’aa Isaa Haromsachuu Qaba. 2. Maziyyii Fi Wadiyyii ; Jarrii Kuni Lameens Dhangala’oo Kara Qaama Saalatiin Bahana Wayta ta’AN, Lamaanu wudu’aa Ni Diiiguu. 3. Dhuufuu ; Kunis Wantoota Wudu’aa Diigan Keessa Isa Tokkodha.  4. Hirriba Keessa Badan  ; Hirriba Keessa Badanii Fi Yeroo Dheera Rafuun Wudu’aa Ni Ballessaa. 5. Maratumaa ;  Wantoonnii Nama Jiiysani Fi Sammuu Nama Hadoochan Wudu’a Ni Diiguu
Show all...
👍 8👎 1🥰 1🤔 1
Akkam jirtu miseensonni garee kanaa?  Wantootni hubannoof garee kana irratti barreeffamanii fi deebiin qajellfama jiruun walqabatee kennamaa ture hedduu barsiisoo waan tahaniif akka kootti hedduu irraa fayyadamee waanan jiruuf galatoomaa jechuun jaalladha. Kanatti fufee gaaffiiwwan hubannoof gaafadhu lamman armaan gaditti dhiyeessuuf bu’uura Qajeelfama Bittaa mootummaa irratti hundaa’uun yaada akka itti laattan kabajaan isin gaafa dha. 1.  Pirojektiin ijaarsa mootummaa tokko akkaataa design fi spefication qophaa’een waliigalteen taasifamee erga hojii qaabatamaatti seenamee booda hojiin hojjetame safara qabatamaa hojii lafa irra jiruun yeroo kaffalamu gosti hojii (item) tokko tokko irratti garaagartummaa uumuu danda’a garaagartummaan kunis tokko tokko irratti kan waliigaltee irra jiru ol yeroo tahu tokko tokko irratti immoo waliiigaltee irra kan jiru gadi tahuu danda’a. Garaagartummaan kun waliigaltee waliigalaa irratti garaagartummaa kan hin uumne yoo tahe ogeessi hordofuu fi mirkaneessu justification itti qopheessuun kaffalaa turee jira. Haa tahu malee kaffaltiin kun yeroo odiitera muummuchaan odiitii taasifamu yaadota garaagaraa kaasaa jira. Innis tokko tokko bakka gosti hojii (item) irratti waliigaltee ol tahe irratti Koreen raggaasistuu Bittaa ijaarsaa fi tajaajila gorsaa sadarkaan jiru murteessuu qaba malee ibsi ogeessaa (justification) qofti gahaa miti kan jedhan jiru, kaan waliigalteen gosoota hojii waliigaltee ol tahan irratti qophaa’ee kaffalamuu qaba jedhu. Kana irratti yaada keessan nuuf qoodaa. Garaagartummaan koree raggaasistuu murteessu garaagartummaa akkamiiti? 2.  Pirojektii ijaarsa daandii keessatti hojii cirracha uwwisuu hojjechuuf bakki selected granular material itti argama jedhamee waliigalame 0
Show all...
👍 2
#Adaamaa ++++++++ Watajjiin marii ummataa qaamolee hawaasa gara garaa hirmaachise mata duree "Gargaaramuu irraa gara Oomishtummaatti, Birmadummaa fi Kabaja biyyaatif" jedhuun Magaalaa Adaamaatti taa'amaa jira.
Show all...
👍 2
Jilli Afyaa’otaa Aanaa Gobbaatti hojiilee misoomaa daawwate Waxabajjii 1, 2016 Jilli Afyaa'ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurrahmaanii fi Afyaa'ota Naannolee fi Magaalota Lamaanii Godina Baalee Aanaa Gobbaatti hojiilee misoomaa gaggeeffamaa jiran daawwateera. Jilichi qophii biqiltu Ganna kanaa, horsiisa kaannisaa, mana qorichaa moodela hirmaannaa hawaasaan ijaarame, misoomaa xaa’oo uumamaa daawwaachuu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul'isa. Jilli Afyaa’ota Naannolee fi Magaalota Lamaanii guyyaa kaleessaa Magaalaa Roobeetti hojii tajaajila lammummaa bara kanaa jalqabsiisuun ni yaadatama. #Oromia #Ethiopia
Show all...
👍 2
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.