cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Olana free legal awareness

channel was created to give free legal awareness for wide peoples🗽🛎

Show more
Ethiopia33 628The language is not specifiedLaw15 083
Advertising posts
226
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
+230 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Repost from Binimos lawyer
#Qajeelfamoota Abbaa Taayitaa Galiiwwani Oromiyaa Adda Addaa bakka tokkotti:- 1️⃣ Qajeelfama Mirkanoo Qulqullina Murtii Taaksii Lakk.22/2012; 2️⃣ Qajeelfama Qorannoo Odiitii Lakk.23/2012; 3️⃣ Qajeelfama Sirna Adabbiiwwan Bulchiinsaa Murteessuuf Bahe Lakk.24/212: 4️⃣ Qajeelfama hojiin daldalaa erga addaan cite booda galii argamu murteessuuf bahe Lakk.25/2012; 5️⃣ Qajeelfama jijjiiramoota beeksisuuf bahe Lakk.26/2012; 6️⃣ Qajeelfama shallaggii Taaksii ofii dhiyeeesse irra deebiin akka fooyyeeffatu eeyyamuuf bahe Lakk.27/2012; 7️⃣ Qajeelfama kaappitaala dabarsuun faayidaa argamu irratti Raawwii Gibira kaffaluuf qajeelfama bahe lakk.28.
Show all...
Qaj. lakk. 22 hanga 28-2012.pdf32.30 MB
Abbaan qabeenyaa waliigaltee kiraa mana jireenyaa kamiyyuu yeroo seenu kaffaltii dursaa kiraa ji’a 2 caalu hin dandeenye kireeffataa irraa gaafatee fudhachuu ni danda’a. KEEWWATA 13. Sirna kaffaltii kiraa manaa 1) Kaffaltiin kiraa mana jireenyaa kamiyyuu karaa baankii ykn mala elektirooniksii seera qabeessa biroo qofaan kan raawwatamu ta’a. ✍ Namni Mana jireenyaa kireessu tokko kaffaltii duraa kiraa manaa haala kamiinuu ji'a 2 oliif fedhii kireeffataa malee gaafachuu kan hin dandeenye ta'uu(Qaj. Lakk. 28/2016. Kewt. 49(4)) ✍ Qaamni mana jireenyaa kireessu manicha kireessuun dura eenyummaa kireeffataa adda baasuudhaan qaama dhimmi ilaaluuf beeksisuuf dirqama kan qabu ta'uu(Qaj. Lakk. 28/2016, Kewt. 49(3)) 👉 Qajeelfamni kun qajeelfama Misooma, bulchiinsaa fi dabarsa Manneen Mootummaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf kan bahedha. Credit:- BINIMOS_SHEMALIS
Show all...
👍 2
#WALIIGALTEE_KIRAA_MANA_JIREENYAA ✍️ Waliigaltee kiraa mana jireenyaa fi to'annoo ilaalchisee seeronni Seeronni akka naanoo keenyaatti bahan kanneen akka Dambii Misooma,Bulchiinsaa fi Dabarsa Manneenii Naannoo Oromiyaa Lakk. 246/2016. fi Qajeelfama Misooma, Bulchiinsaa fi Dabarasa Manneen Naannoo Oromiyaa Lakk. 28/2016.(Dambii Lakk. 246/2016 raawwachisuuf bahe) fi labsii federaalaa lakk.1320/2016 jalatti dhimmoota jiran ilaalla. ● Kireessaa fi kireeffataan yeroo hangamiif waliigaluu danda’u❓ ● Gatii kiraa mana jireenyaa haala akkamiin murteessuu danda’u❓ ● Gatii kiraa mana jireenyaa haala akkamiin dabaluu danda’u ❓ ● Waliigaltee Kiraa Mana Jireenyaa Haarayoomsuu Ilaalchisee seerri maal jedha❓ ● Kireeffataan mallaqa dursaa fudhachuu qabu hangami❓ ● Abboottiin qabeenyaa mana haaraya ijaaranii kiraaf dhiheessan mirgoota addaa kan akkami qabu❓ Gaafiiwwan jedhuu fi kanneen biraatiifiis deebii barreefama kana keessaa argattuu dubbisaa. Dubbisaa dubbisuun guutuu namaa nama taasisa. Labsii jechuun Labsiin Bulchiinsaa fi Too'annoo Kiraa Mana Jireenyaaf Bahe Labsii Lakkoofsa 1320/2016 jechuudha. Kireessaa fi kireeffataan yeroo hangamiif waliigaluu danda’u? Gaafii jedhuuf:- Kew. 6: Yeroo Waliigaltee Kiraa Mana jireenyaa 1) Yeroon waliigalteen kiraa mana jireenyaa waggaa lamaa gadi ta’uu hin danda’u. 2) Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti kan tumame jiraatus, yeroon waliigaltee kiraa mana jireenyaa labsiin kun osoo hin labsiin dura barreeffamaan raawwatame yeroo waliigaltee sana keessatti ibsameen ta’a. 3) Abbummaan mana tokkoo karaa dhaala, gurgurtaa, liqaa ykn sababa seera qabeessa biroo kamiinuu gara nama biraatti kan darbu yoo ta’e, waliigalteen kiraa mana jireenyaa yeroo manni dabarfamee kaasee kireeffataaf beeksisa ji’a 6 kennuudhaan addaan cituu ni danda’a. 4) Keewwata kana keewwata xiqqaa (3) jalatti kan tumame jiraatus, manni waliigaltee kennaa qaama biraatti yoo dabarfame, kireeffataan hanga yeroon waliigaltee sanaa xumuramutti mana kireeffame keessa turuuf mirga ni qabaata. Namni abbummaan manaa akka kennaatti itti dabarfamee kireeffataa duraanii bakka bu’ee akkaataa waliigaltee kiraatiin mirgaa fi dirqama kireeffataa kan qabu ta’a. 5) Keewwata kana keewwata xiqqaa (3) jalatti kan tumame jiraatus, abbaan qabeenyaa haaraan mana manni itti dabarfamee yoo waliigalee, kireeffataan mana kireeffachuu itti fufuu ni danda’a. 6) Bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa (3)tiin manni mana jireenyaa kireeffataa biraatiif kan kireeffame yoo ta’e, gatii kiraa dabaluu isaatiin bu’uura labsii kanaatiin, gatii kiraa manaa gatii kiraa waliigaltee addaan cite irratti kaa’ameen ta’a. 7) Yeroon waliigaltee kiraa osoo hin xumuramin dura kireeffataa mana keessaaa baasuun ykn akkaataa labsiin kun hayyamameen alatti gatii kiraa mana jireenyaa kamiyyuu dabaluun hin danda’amu. KEEWWATA 7. Waliigaltee Kiraa Mana Jireenyaa Duraan Jiru 1) Labsii kana osoo hin ba’iin dura waliigaltee kiraa mana jireenyaa barreeffamaan taasifame kamiyyuu, waliigaltee kireessaa fi kireeffataatiin yoo addaan citu baatee malee, akkaataa labsii kanaatiin guyyoota 30 keessatti akkaataa tumaalee labsii kanaatiin mirkanaa’ee galmaa’uu qaba. 2) Yeroon mirkaneessuu fi galmeessuu keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti ibsame qaama to’atuun barbaachisaa ta’ee itti mul’ate hanga ji’a sadiitti dheerachuu ni danda’a. Gatii Kiraa Mana Jireenyaa Akkaataa Kamiin Murteessuu Danda’u? KEEWWATA 8: Gatii kiraa mana jireenyaa 1) Gatiin kiraa waliigalteen galmaa’e gatii kiraa manaa ta’ee fudhatama. 2) Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti kan tumame yoo jiraatees, sirreeffama daballii kiraa manaa akkaataa labsii kanaatiin qaama too'atuun murtaa’e irratti hundaa’uun dabaliin kiraa manaa yoo taasifame, daballiin taasifame akka qaama gatii kiraa waliigaltee kiraa keessatti ibsametti fudhatama.
Show all...
Binimos lawyer

Lawyer

1
3) Waliigaltee kiraa mana jireenyaa haaromsuun ykn waliigaltee kiraa mana jireenyaa haaraa yeroo mallatteessan gatiin kiraa keewwata xiqqaa (1) fi (2) jalatti ibsame kireeffataa duraan jiruuf ykn kireeffataa haarayaaf akka gatii ka’umsaatti fudhatamuu qaba. 5) Daballiin gatii akkaataa labsii kana keewwata xiqqaa 4 tiin qaama to’atuun Waxabajjii 1 ummataaf kan beeksisu yoo ta’u, Waxabajjii 30 irraa eegalee waggaa tokkoof hojiirra oola. 6) Daballiin gatii kiraa manaa qaamni too'atu akkaataa keewwata xiqqaa 4 tiin taasisu bu'ura godhachuun, abbaan qabeenyaa manaa kiraa manaa hin dhumne irratti gatii yeroo dabalu ykn gatii kiraa duraan ture irratti fooyya’iinsa yoo taasisu, fooyya’iinsa taasisee barreeffamaan kireeffataa fi qaama too’atu beeksisuu qaba. 7) Akka labsii kanaatiin abbaan qabeenyaa tokko waliigaltee kiraa erga xumuramee booda sababa adda addaatiin mana jireenyaa yoo hin kireeffamin tursiisee,boodarra kan kireessu yoo ta’e gatii kiraa manaa kan ta’u gatii kiraa manaa osoo manichi jalqaba kiraan qabaamee ture ittiin kireeffamuun ta’ee itti fufa. 8) Waliigaltee kiraa mana jireenyaa guyyaa labsiin kun hojiirra ooluu irraa eegalee waggaa lama dura kan addaan cite yoo ta’e, gatiin kiraa manaa amma ittiin kireeffamu kan murtaa'u waliigaltee abbaa qabeenyaa fi kireeffataatiin kan murtaa’u ta’a. 9) Qabeenyi mana jireenyaa labsichi hojiirra erga oolee booda guyyaa labsiin kun hojiirra oole irraa eegalee hanga waggaa lamaatti kan addaan cite yoo ta’e, gatiin kiraa akkaataa labsii kanaatiin dabaluu danda’u akkuma eegametti ta’ee, gatiin manichi ittiin kireeffamu gatii manni duraan yeroo dhumaatiif ittiin kireeffamaa tureen ta'a. 10) Abbaan qabeenyaa mana jireenyaa kireeffamu danda'u yookiin mana haaraa ijaaramee guutummaatti tajaajila malee waggaa tokkoo ol osoo hin kireeffatin yoo teessise, qaamni to’atu gibira galii kiraa qabeenyaa irraa argamu irratti hanga dhibbeentaa 25tti abbaa qabeenyaa irratti dabaluun akka kaffalu murteessuu danda’a. KEEWWATA 9. Waliigaltee Kiraa Mana Jireenyaa Haaraya Kireeffachuuf Raawatamuu. 1) Mana jireenyaa haaraa ijaarame ykn mana yeroo jalqabaaf kiraadhaaf dhiyaate yeroo kireeffatan gatiin kiraa manaa waliigaltee abbaa qabeenyaa fi kireeffataa gidduutti godhamuun kan murtaa’u ta’a. 2) Tumaan keewwata kana keewwata xiqqaa (1) hanga sirni gatii qabeenya hin sochoone dambii Mana Maree Ministirootaatiin baheen murtaa’utti hojiirra oola. Abboottiin qabeenyaa mana haaraya ijaaranii kiraaf dhiheessan mirgoota addaa kan akkami qabu? KEEWWATA 10. Onnachiiftuu Abbootii Qabeenyaaf 1) Abbaan qabeenyaa mana jireenyaa haaraa ijaaree kiraadhaaf dhiyeesse, guyyaa waliigaltee kiraa mana isaa jalqabaa galmeessise irraa kaasee waggaa afuriif dirqama bu’uura labsii kanaatiin kireessaa irra kaa'ame irraa bilisa ta’a. 2) Abbaan qabeenyaa mana jireenyaa duraan jiruu fi gonkumaa hin kireeffamin yeroo jalqabaaf kiraadhaaf yoo dhiheesse, guyyaa waliigaltee kiraa manaa jalqabaa galmeessise irraa kaasee waggaa lamaaf dirqama bu’uura labsii kanaan ba’e irraa bilisa ta’a. 3) Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) fi (2) jalatti tumame akkuma jirutti tahee, galmee kiraa ilaalchisee tumaaleen tumamanii fi dirqamamoonni biroo labsii kanaan tumaman raawwatiinsa ni qabaatan. Waliigaltee Kiraa Mana Jireenyaa Haarayoomsuu Ilaalchisee seerri maal jedha ? KEEWWATA 11. Waliigaltee Kiraa Mana Jireenyaa Haarayoomsuu Ilaalchisee 1) Waliigalteen mana jireenyaa kamiyyuu yeroon waliigalteen kiraa xumuramee waliigaltee barreeffamaa abbaa qabeenyaa fi kireeffataatiin haaromfamuu ni danda’a. 2) Akka keewwata kanaatiin waliigaltee liizii yeroo haaromfamu daballiin kiraa abbaan qabeenyaa gochuu danda’u daangaa labsii kana keewwata 8 (4) jalatti ibsame caalu hin qabu. Kireeffataan mallaqa dursaa fudhachuu qabu hangami? KEEWWATA 12. Waa’ee kaffaltii dursaa
Show all...
Repost from N/a
#BALAA_TIRAAFIKAA_Vs_SEERAA_FI_MURTII_DHADDACHA_IJIBBAATAA 🚌 🚐 ✅1️⃣."Konkolaachisaa"jechuun nama hayyama mirkaneessa gahumsa konkolaachisummaa qabu jechuudha. ✅2️⃣."Konkolaataa" jechuun konkolaataa abbaa Motoraa fi Motora dhabeeyyii ta'ee Konkolaataa Raayyaa ittisa Biyyaa fi Maashinoota ariitii sa'aatiidhaan kiloomeetira 20 ol hin deemne hin dabalatu. ✅3️⃣."Konkolaataa yeroo balaa tajaajilu"jechuun Ambulaansii dhukkubsattoota fe'u,konkolaataa balaa ibiddaa dhaamsuuf hojjatu,konkolaataa dhimma nageenyaatiif bobba'ee fi konkolaataa balaa tiraafikaa dhaqqabe deeggaruuf bobba'e jechuudha. ✅4️⃣."Mallattoo Daandii"jechuun mallattoo daandii kallattii sochii konkolaataa murteessuuf,sochii tiraafikaa kamiyyuu akeekkachiisuuf,dirqisiisuuf,dursa kennisiisuuf,fi odeeffannoo kennuuf tajaajilu kamiyyuu jechuudha. ✅5️⃣."Too'ataa tiraafikaa"jechuun hojjataa Abbaa Taayitichaa ykn miseensa poolisii seera geejjibaa kabachiisuuf daandii irratti bobba'ee too'annoo tiraafikaa gaggeessu jechuudha. ✅6️⃣."Geejjiba birga'ii" jechuun gosa geejjibaa konkolaattota xixiqqaa kan abbaa motora ykn motora dhabeeyyii ta'een kennamuu fi bakka geejjibni idilee hin dhaqqabne irraa gara iddoo geejjibni idilee argamutti geejjibsiisuun tajaajila geejjibaa idileetiin kennamu tumsu jechuudha,Dambii Lakk.194/2009 keewwata 2(5). ✅7️⃣."Waraqaa ragaa gahumsaa"jechuun waraqaa ragaa mirkaneessa gahumsa ogummaa nama ykn qaama istaandardii bahe guuteef kennamu jechuudha,Dambii Lakkoofsa 193/2009 keewwata 2(7). ✅8️⃣."Taarifa geejjibaa"jechuun tajaajila geejjibaa kennamuuf kanfaltii madaalawaa yeroo yeroon qorannoon murtaa'ee hojii irra oolu jechuudha. ✅#Of_eeggannoo_nageenya_tiraafikaa:- ✅9️⃣.Abbaan qabeenya Konkolaataa konkolaataa isaa daandii kamiyyuu irratti konkolaachisuuf Abbaa Taayitaa biratti galmaa'ee waraqaa ragaa abbaa qabeenyummaa fudhachuu qaba,Dambii L.193/09 keewwata 5(1). ✅1️⃣0️⃣.Abbaan qabeenya Konkolaataa kamiyyuu Lakkoofsa Gabatee konkolaataa isaa bakka ifa ta'etti maxxansuu qaba. ✅1️⃣1️⃣.Konkolaachisaan kamiyyuu haala yeroo yookiin qilleensa,gosa daandii ykn haala itti fayyadamtoota daandichaa tilmaama keessa osoo hin galchin naannoo namootni baay'atanitti,manneen barumsaatti, dhaabbilee fayyaa fi kanneen kana fakkaatanitti ofeeggannoo barbaachisaa osoo hin taasisin ariitiidhaan konkolaachisuun dhorkaadha,Dambii Lakkoofsa 194/2009 keewwata 5. ✅1️⃣2️⃣.Konkolaachisaan konkolaataa yeroo balaa konkolaachisuun ala ta'e kamiyyuu Bilbila socho'aa ykn Mobaayila ykn Raadiyoo harkaan qabatee dubbisaa ykn ergaa gabaabaa dabarsaa ykn fudhachaa ykn dubbisaa konkolaachisuu hin qabu;Teleevizyinii ykn fakkiiwwan socho'aa konkolaataa keessatti ilaalaa deemuu hin qabu,Dambii Too'annoo Tiraafikaa L.194/2009 keewwata 6. ✅1️⃣3️⃣.Konkolaachisaan kamiyyuu qabattoo nageenyaa(safety belt) osoo hin hidhatin konkolaachusuun dhorkaadha;kun konkolaachiftoota Doqdoqqee fi geejjiba birga'ii hin ilaallatu. ✅1️⃣4️⃣.Konkolaachisaan daandii konkolaataatti fayyadamu kamiyyuu sarara mirgaa qabatee fi yeroo fi iddoo barbaachisaa ta'etti ibsaa sirrii ta'e fayyadamuun konkolaachisuu qaba. ✅1️⃣5️⃣.Konkolaachisaan kamiyyuu daandii fagootti arguu isa daangeessan irratti sarara qabate irraa sarara biraatti ce'uu hin danda'u,Dambii Lakk.194/2009 keewwata 8(9). ✅1️⃣6️⃣.Itti fayyadamtoonni daandii kamiyyuu ergaawwan mallattoolee daandiitiin,agarsiistuuwwan,fi too'ataa tiraafikaatiin darban kamiyyuu kabajuu qaba,keewwata 9(1). ✅1️⃣7️⃣.Namni kamiyyuu eeyyama gahumsaa konkolaachisummaa haaronfame osoo hin qabaatin konkolaataa konkolaachisuu hin danda'u. ✅1️⃣8️⃣.Abbaan qabeenya konkolaataa kamiyyuu nama hayyama konkolaachisummaa hin qabne konkolaataa isaa akka konkolaachisu hayyamuuf hin qabu,Dambii keewwata 10(2). ✅1️⃣9️⃣.Konkolaachisaan kamiyyuu baala ykn qoricha sammuu namaa adoochu fayyadamee ykn dhiiga isaa Liitira tokko keessatti hanga Alkoolii giraamii 0.8 ykn afuura isaa Liitira tokko keessa hanga Alkoolii giraamii 0.4 caalu qabaatee konkolaachisuu hin qabu,Dambii Lakk.194/2009 keewwata 10(3).
Show all...
Repost from N/a
✅3️⃣2️⃣.Konkolaachisaan konkolaataa yeroo balaa tajaajilu kamiyyuu hojii isaa yommuu hojjatu:- #A.Dirqama Dambii Lakkoofsa 194 yookiin seera birootiin tumame osoo hin eegin konkolaataa dhaabuu; #B.Haala balaa hin dhaqqabsiisneen ariitii konkolaataa xiqqeessuun mallattoo dhaabadhu jedhuun osoo hin agarsiisin dhaabuu; #C.Ariitii murtaa'e konkolaachisuu,fi #D.Hojii isaa raawwachuudhaaf barbaachisaa ta'ee yoo argame sochii tiraafikaatiin wal qabatee tumaalee bahan fi mallattoo daandii osoo hin eegin kallattii barbaadetti naanna'uuni danda'a,Dambii keewwata 31(1). ✅3️⃣3️⃣.Konkolaachisaan konkolaataa yeroo balaa tajaajilu konkolaachisu kamiyyuu dhimmoota hayyamameefin alatti konkolaatichatti fayyadamuu hin qabu,keewwata 31(2). ✅3️⃣4️⃣.Hojii konkolaataan yeroo balaa tajaajilu raawwatu irratti hirmaachuuf yoo ta'e malee konkolaataa kamiyyuu fageenya meetira 100 gadiitti konkolaataa yeroo balaa tajaajilutti dhihaatee konkolaachisuu hin qabu. ✅3️⃣5️⃣.Konkolaachisaan kamiyyuu konkolaataa isaa sochoosuun duratti meeshaaleen konkolaataa hundi hojjachuu isaa ilaaluudhaan mirkaneeffachuu qaba;yeroo fi iddoo barbaachisaa ta'eetti ibsaa sirrii ta'e ibsuu qaba,keewwata 36. ✅3️⃣6️⃣.Konkolaachisaan kamiyyuu:- #A.Dandeettii fe'umsaa konkolaatichaaf murtaa'eefiin olitti fe'uu hin danda'u. ✅#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 21ffaa Lakkoofsa Galmee 123046 ta'e irratti "konkolaachisaan dirqama lubbuu fi fayyaa namaa eeguu qabu,dirqama kana dagachuun(bahuu dhabuun) konkolaataa geejjiba ummataa daandii Asfaaltii keessaa meetira 11 fi 40cm baasuun garagalchuun nama ajjeessee fi miidhaa qaqqabsiiseef seera yakkaa keewwata 543(3) fi 559 jalatti himatamee balleessaa taasisuun hidhaa cimaa waggaa 6 fi ji'a 6 fi qarshii 5,000 tiin adabee ture. #B.Ijoollee umuriin isaanii waggaa 13 gadi ta'ee gabbiinaa teessisuun dhoorkaadha,Dambii keewwata 37(2). #C.Haalli konkolaatichi hojjatameef meeshaa ykn beeyilada fe'uuf mijataa yoo ta'uu baate ykn fe'umsichi qaama fe'umsaa konkolaatichaa ala kan darbu yoo ta'e meeshaa ykn beeyilada fe'uu hin qabu. #D.Tarreeffamni sirna fe'umsaa fi deddeebisaa namaa Qajeelfama bahuun murtaa'a. ✅#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_FederaalaaJildii 23ffaa Lakkoofsa Galmee 156420 ta'een konkolaachisaan dambii tiraafikaa darbuun konkolaataa gubbaa qaama alaa irratti nama fe'ee osoo deemu irraa kuffisee nama sana ajjeesse seera yakkaa keewwata 543(3) jalatti himatamee balleessaa taasisee hidhaa cimaa waggaa 3 fi ji'a 3 fi adabbii maallaqaa qarshii 2000 tiin adabee ture. ✅3️⃣7️⃣.Konkolaachisaan kamiyyuu Motora konkolaatichaa osoo hin dhaamsin ykn konkolaatichi kan deddeebisa ummataa yoo ta'e osoo namootni konkolaaticha keessa jiran boba'aa waraabuu ykn waraabsisuu hin qabu,Dambii Lakkoofsa 194/2009 keewwata 38(1). ✅3️⃣8️⃣↪#Abbaa_Taayitaa_Geejjibaa dhiheessii geejjibaa mirkaneessuuf taarifaan wal qabatee hojiilee armaan gadii raawwachuuf dirqama qaba:- #1ffaa,taarifa geejjibaa yeroo yeroon qoratee murteessuudhaan hojiirra oolchuu; #2ffaa,kaka'umsaa fi fiixee taarifaa murtaa'e irratti dirgommiin haqa qabeessa ta'e akka jiraatu taasisuu; #3ffaa,qaamolee tajaajila geejjibaa irratti bobba'an akkaataa taarifa murtaa'eetiin akka hojjatan gochuu,keewwata 30.Konkolaachisaan taarifa humnaa ol kanfalchiisuu hin qabu,ummannis taarifaa ol beekamtii seeraa malee kanfaluu hin qabu. #Too'ataa_Tiraafikaa: ✅3️⃣9️⃣.Too'ataan tiraafikaa kamiyyuu hojii too'annoo nageenya tiraafikaa yommuu raawwatu naamusa ogummaa fi seerota too'annoo nageenya tiraafikaa kabajuuf dirqama qaba,Dambii keewwata 41(9). ✅4️⃣0️⃣.Too'ataan tiraafikaa kamiyyuu hojii too'annoo yammuu gaggeessu matta'aa kan fudhate ykn kan gaafate seera dhimmi ilaaluunii fi naamusaan gaafatamuun akkuma eegametti ta'ee,hojii too'annoo tiraafikaa irraa hoogganaa dhiyootiin kan ka'u ta'a,Dambii Lakkoofsa 194/2009 keewwata 42(3).Yakkaanis ni gaafatama jechuudha.
Show all...
Repost from N/a
𝗠𝗜𝗥𝗚𝗔 𝗪𝗔𝗕𝗜𝗜𝗡 𝗛𝗜𝗜𝗞𝗔𝗠𝗨𝗨 (Hubannoo Hawaasaaf) ••• 𝗦𝗲𝗲𝗻𝘀𝗮 Mirgoota namoomaa uumama isaanitiin dhala namaa maraaf uumamaan kennaman keessaa tokko mirga walabummaati. Mirgi bal’aa yoo ta’u seeraan dabalatuu dha. Gama biraatiin mootummaan nageenya biyyaa fi uummataa eegaisuuf dirqama kan qabu ta’ee yakki akka hin raawwatamne ittisuu, nama kanarra darbee yakka raawwatu seeratti dhiyeessun adabamee akka irraa baratuu fi kanneen biroo gocha wal fakkaataa akka hin raawwanne akeekkachiisuuf ni hojjata. Kana keessattis namoota yakka raawwatan jedhanii shakkan to’achuun; kanneen yakka raawwachuun qorannoon irratti mirkanaa’e Mana Murtiitti himachuun ni jira. Mirgoota namoota to’atamanii fi himatamaniif eegaman keessaa tokko mirga wabiin to’annaa jalaa bahuuti. Barruu gabaabduu kana keessatti waa’ee mirga kanaa fi raawwatiinsa inni biyya keenyatti qabu gabaabsinee ilaaluuf yaalla. 𝗠𝗮𝗮𝗹𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗠𝗶𝗿𝗴𝗮 𝗪𝗮𝗯𝗶𝗶𝗻 𝗕𝗮𝗵𝘂𝘂 Wabuu bahuu jechuun namni yakka raawwachuun to’atame ykn hinatame yeroo fuulduratti barbaadamutti dhiyaachuuf wabummaa namaa waammatee ykn maallaqa/qabeenya qabsiisee to’annaa jala bahuun dhimma isaa mana isaatii deddeebi’uun hordofachuu jechuu dha. 𝗠𝗶𝗿𝗴𝗮 𝗪𝗮𝗯𝗶𝗶𝗻 𝗕𝗮𝗵𝘂𝘂 𝗜𝗹𝗮𝗮𝗹𝗰𝗵𝗶𝘀𝗲𝗲 𝗦𝗲𝗲𝗿𝗼𝗻𝗻𝗶 𝗕𝗶𝘆𝘆𝗮 𝗞𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮𝗮 𝗠𝗮𝗮𝗹 𝗝𝗲𝗱𝗵𝘂? Heerri Mootummaa FDRI bara 1987 bahee fi kan Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara 1995 fooyya’ee keewwata 19 (6) jalatti mirga kanaaf beekamtii kennaniiru, akkas jechuun: “namni qabame (to’annoo jala jiru) wabiidhaan bahuuf mirga ni qaba. Haala addaa seeraan tumameen Manni Murtii mirga wabiin bahuu nama to’atamee dhorkuu ykn wabummaa gahaa waamsisuun haala irratti hundaa’ee akka bahu taasisuu ni danda’a.” Tumaan heera mootummaa kun ifaa fi gabaabadha; haala addatti mirgi wabiin bahuu ifatti yoo dhorkameen alatti nama to’atame wabii waamsisuun gadi lakkisuun dirqama akka ta’eedha. Seerri deemsa falmii yakkaas keewwata 59 jalatti tumaa wal fakkaata hammateera. 𝗠𝗶𝗿𝗴𝗮 𝗪𝗮𝗯𝗶𝗶 𝗘𝗲𝗻𝘆𝘂𝘁𝘂 𝗛𝗮𝘆𝘆𝗮𝗺𝗮/𝗘𝗲𝗴𝗮? Tumaalee seera deemsa falmii yakkaa fi heera mootummaa yommuu sakattaanu, mirga wabii eeguun wal qabatee adda durummaan kan aangeffame Mana Murtii ta’uu hubanna. Ta’us qorataan poolisii nama yakka raawwachuun shakkamee to’annaa jala jiru waraqaa dirqamaa guuchisuun wabiin gadilakkisuu akka danda’u seera deemsa falmii yakkaa keewwata 28 jalatti tumameera. Kunis ta’uu kan danda’u yakki shakkamaan ittiin shakkame adabbii hidhaa cimaan kan hin adabsiisne yoo ta’e ykn yakka raawwachuun isaa shakkisiisaa yoo ta’ee dha. Akkaataa kanaan qorataan poolisii nama to’atame mallatteessisee gadi lakkisuu yoo dhiise/dide namichi bu’uura seericha keewwata 64 tiin Mana Murtiitti iyyachuu ni danda’a. Manni Murtiis iyyata akkaataa kanaan dhiyaatuf ilaalee murtii kennuuf aangoo bal’aa qaba. 𝗛𝗮𝗮𝗹𝗼𝘁𝗮 𝗔𝗱𝗱𝗮𝗮 𝗠𝗶𝗿𝗴𝗮 𝗪𝗮𝗯𝗶𝗶𝗻 𝗕𝗮𝗵𝘂𝘂 𝗗𝗵𝗼𝗿𝗸𝗶𝘀𝗶𝗶𝘀𝗮𝗻 Haalotni addaa mirga wabiin bahuu nama to’atamee ykn himatamee dhorkisiisan seerota adda addaa keessatti tumamanii jiru. 𝗦𝗲𝗲𝗿𝗮 𝗗𝗲𝗲𝗺𝘀𝗮 𝗙𝗮𝗹𝗺𝗶𝗶 𝗬𝗮𝗸𝗸𝗮𝗮 𝗞𝗲𝗲𝘀𝘀𝘁𝘁𝗶: Seericha keewwata 63 fi 67 jalatti akka tumametti haalotni armaan gadii gaafa mudatan Manni Murtii mirga wabiin bahuu ni dhorka. •Yakki raawwatame jedhame adabbii du’aan ykn hidhaa cimaa waggaa 15 fi isaa oliitiin kan adabsiisu yoo ta’e; fi namni yakki irratti raawwatame (victim) kan du’u yoo ta’e (possiblity); •Namni shakkame/himatame dirqama wabummaa seene hin bahatu (ni bada) jedhamee yoo amaname; •Yoo to’annaa jalaa bahe yakka biraa raawwachuu danda’a jedhamee yoo tilmaamame; •Ragaa balleessuu (ragaa namaa faayidaan ykn haala biraan ni gowwoomsuu dabalatee) danda’a jedhamee yoo amanamee dha.
Show all...
Repost from N/a
Seerri yakkaa bara 1996 bahe keewwatni 543(3) adabbii hidhaa cimaa waggaa shan hanga hidhaa cimaa 15 gahuun fi adabbii maallaqaa qarshii 10,000-15,000 gahuun adabsiisa. ✔Konkolaachisaa seera yakkaa keewwata 543(3) jalatti himatameef mirgi wabii hin eegamu. ✅#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii 9ffaa Lakkoofsa Galmee 35695 ta'een "nama seera yakkaa keewwata 543(3) jalatti himatameef mirgi wabii hin eegamu(hin eeyyamamu)"jechuun hiikoo kennee ture. ✔#Rakkoo/miidhaa lubbuu fi qaamaa namaa balaa konkolaataatiin qaqqabaa turee fi jiruuf sababni inni duraa naamusa dhabuu konkolaachisaati. Konkolaachisaan suuta konkolaachisi jedhanii yoo itti himan hin dhagahu,fi humnaa ol hin fe'in yoo jedhanis hin dhagahu,qarshii amma ummatarraa fudhatu qofa ilaala.Sababa ariitiin konkolaachisuutiin fi humnaa ol nama fe'uutiiin dubartoonni ulfaa fi dhukkubsattoonni miidhamuunis ni jira.Taarifas dachaa ol ummata kanfalchiisuun daangaa darbeera. Nagahee qarshiin kanfalamuufis iddoo baay'eetti hin kennan,yoo nagahee gaafatamanis hin qabnu jedhu.Qaamni aangoo qabu rakkoo kanniin furuuf ciminaan hojjachuu gaafata. Galatooma. Maddii:-Fuulaa fb hubannoo seeraa M/Teyib law office
Show all...
Repost from N/a
✅2️⃣0️⃣.Konkolaachisaan kamiyyuu konkolaataa:- #A.Haalli itti hojjatame ykn meeshaan irraa hojjatame konkolaattota Biyya keessa akka galan hayyamameefiin adda ta'ee argame: #B.Qorannoo gahumsa teeknikaa waggaatiin gahumsi isaa hin mirkanoofnee fi hanqina teeknikaa qabu kamiyyuu; #C.Mallattoo calaqqisaa duuba isaa irratti hin maxxanfanne; #D.Gabatee fuul-duraa fi duubaa hin qabne konkolaachisuu hin qabu,Dambii L.194/09 keewwata 11. ✅2️⃣1️⃣.Konkolaachisaan kamiyyuu daandii qaxxaamuraa,bakka qaxxaamura lafoo deemtotaa,riqicha irratti,tabba,irraan gadee irra,daddabaa irra ykn haalawwan dandeettiin arguu xiqqeessan jiranitti ariitii konkolaataa isaa xiqqeessuudhaan konkolaachisuu qaba,Dambii keewwata 12(2). ✅2️⃣2️⃣.Konkolaachisaan daandii irratti balaa qaqqabsiise kamiyyuu balaa sanaan yoo namni miidhame battalumatti ykn balaa qabeenyaa irratti yoo ta'e immoo sa'aatii 24 keessatti poolisii ykn Waajjira Bulchiinsa Naannoo sanaatti argamuuf odeeffannoo kennuuf dirqama qaba,konkolaachisaan balaa dhaqqabsiise dheessuun hin taatu jechuudha. ✅2️⃣3️⃣.Konkolaachisaan kamiyyuu daangaa ariitii seeraan murtaa'e kabajuun konkolaachisuu qaba,Dambicha keewwata 8(1). ✅2️⃣4️⃣.Konkolaachisaan kamiyyuu konkolaataa biraa hordofuun kan konkolaachisu yoo ta'e,yeroo kamiyyuu balaa tokko malee konkolaataa isaa dhaabuu akka danda'u ariitii isaa,konkolaataa isa fuuldura jiru,haala daandichaa,dandeettii arguu fi baay'ina tiraafikaa tilmaama keessa galchuun konkolaachisuu qaba,keewwata 20(1). ✅2️⃣5️⃣.Konkolaachisaan kamiyyuu konkolaataa fuuldura isaatti dhufu ykn konkolaataa darsuuf yaalaa jiru irratti akka balaan hin qaqqabne ykn gufuu osoo itti hin ta'in dursuu akka danda'u,fi konkolaataa fageenya irraa dhufu kan hin jirre ta'uu isaa osoo hin mirkaneessin darbuu hin qabu;fageenyaan arguu kan hin dandeenye ykn fiixee tabbaa,irraan gadee,riqicha,daandii hulluuqa bocamee hojjatame ykn daandii daddabaatti kan dhihaate yoo ta'e ykn daandii qaxxaamuraa ykn daandii qarqara Baaburaa meetira 50 keessatti konkolaataa bira dursuun hin hayyamamuuf,keewwata 21(4)(5). ✅2️⃣6️⃣.Konkolaachisaan kamiyyuu konkolaataan biroo isa duuba dhufaa jiru irratti of eeggannoo barbaachisaa ta'een alatti kallattii jijjiiruu(naanna'uu) hin danda'u,Danbii Lakk.194/2009 keewwata 23 ✅2️⃣7️⃣.Konkolaachisaan kamiyyuu naanna'uun,kallattii jijjiiruun ykn ariitii xiqqeessuun dura ykn dhaabbachuun dura daangaa Magaalaa keessatti meetira 50 fi daangaa magaalaatiin ala ammoo meetira 25 irratti haala ifatti mul'atutti mallattoo akeekkachiisaa kennuu qaba,keewwata 25(1). ✅2️⃣8️⃣.Konkolaachisaan ibsaa konkolaataa Makaanikaalaan ykn Elektirikaa hojjatu sirriitti hojjachuu isaa too'achuuf dirqama qaba. ✅2️⃣9️⃣.Konkolaachisaan kamiyyuu lafoo deemtotaaf dursa kennuu qaba;daandii qaxxaamuraatti yommuu dhaqqabu konkolaataa daandii qaxxaamuraa keessa seeneef dursa kennuu qaba;daandii qaxxaamuraa irratti marfatni tiraafikaa yoo jiraate konkolaachisaan marfatatti dhihaate konkolaattota dursanii marfaticha naanna'aa jiraniif dursa kennuu qaba,Dambii keewwata 27. ✅#Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaa_Federaalaa_Jildii_12ffaa Lakkoofsa Galmee 62332 ta'e irratti "konkolaachisaan lafoo deemaaf dursa kennuu dhabuun nama tokko karaa ce'aa jirutti konkolaataa ofiif oofaa jiru itti buusuun ajjeesse,seera yakkaa keewwata 543(3) jalatti himatamee, konkolaachisaan nama balaa konkolaataatiin miidhaa qaqqabsiiseef qofa yakkicha raawwate gaabbuu isaa agarsiisa jechuun adabbii ka'umsaa gadi bu'uun adabbii salphisuun adabuu hin dandeessisu jechuun,konkolaachisaa hidhaa cimaa waggaa 5 fi qarshii 10,000 tiin adabee "murteessee ture. ✅3️⃣0️⃣.Konkolaachisaan kamiyyuu daandii kamiyyuu irraa yommuu gara daandii guddaatti seenu lafoo deemtotaa fi konkolaattota daandii guddaa irra darbuuf dhihaatan hundaaf dursa kennuu qaba. ✅3️⃣1️⃣. Konkolaachisaan kamiyyuu iddoo lafoo deemtonni daandii itti qaxxaamuranitti mallattoon qaxxaamuraa lafoo deemtotaa bakka jirus ta'ee hin jiraannetti ariitii konkolaataa xiqqeessuun ykn dhaabuun lafoo deemtota dabarsuu qaba,Dambii keewwata 29.
Show all...
Repost from N/a
𝗟𝗮𝗯𝘀𝗶𝗶 𝗔𝗱𝗱𝗮𝗮 𝗗𝗲𝗲𝗺𝘀𝗮 𝗙𝗮𝗹𝗺𝗶𝗶 𝗬𝗮𝗸𝗸 𝗠𝗮𝗹𝗮𝗮𝗺𝗺𝗮𝗹𝘁𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗟𝗮𝗸𝗸.882/2007 Labsii kana jalatti namni yakka malaammaltummaa adabbii hidhaa cimaa waggaa 10 ol adabsiisu raawwachuun kan shakkame yoo ta’e mirgi wabiin bahuu isaa akka dhorkamu keewwata 3 jalatti tumameera. 𝗦𝗲𝗲𝗿𝗿𝗶 𝗔𝗸𝗸𝗮𝘀 𝗝𝗲𝗱𝗵𝗮, 𝗤𝗮𝗯𝗮𝘁𝗮𝗺𝗻𝗶 𝗝𝗶𝗿𝘂 𝗛𝗼𝗼 𝗠𝗮𝗮𝗹 𝗙𝗮𝗸𝗸𝗮𝗮𝘁𝗮? Qixa kanaan rakkoowwan heddutu jiru: •Mirgi wabiin bahuu akka qajeeltootti fudhatamee hojiirra ooluu osoo qabuu akka addaatti fudhatamuun dhorkamuu; •Haalotni seerri mirgi wabii akka dhorkamu kaa’e osoo hin jiraatin mirga wabiin bahuu dhorkuu; •Namni mirgichi Mana Murtiitiin eegameef poolisiin gadilakkifamuu dhabuu; •Namni mirgichi eegameef dirqama isaa bahachuu dhabuun miliquu fi kkf ni mul’atu. Credit:Abukaatoo Seeraa Gonfaa Atoomaatiif
Show all...
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.