cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

Markaba jaalala

إظهار المزيد
لم يتم تحديد البلدلم يتم تحديد اللغةالدين والقيم الروحية268 492
مشاركات الإعلانات
205
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
لا توجد بيانات30 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

Maal nagoota? ~~~ Duuban nakutta malee Akka saree sodaattuu Onnee leencaa qabatteho Fuulan natti hin dhiyaattu Ejjenna faana kootii Taakkuu taakkuun lakkoofta Guyyaatyi maqaa kiyya Yeroo dhibbaa ol dhoofta Waanuma summii qofa Anaaf deessa miixattee Maqaa meeqa naaf caafta duuba kootin hiixatte Kana hunda beekeen Callisee bira taree Silaa waan gootu hin Qabdu of dadhabsisu malee . Tisiisafoo olmaadha Dirreen mana fincaanii Akkamitti kannisni ijaajjare iddoo qaanii? Mee ati argitee beektaa Leenca kosii haadhatuu? Galaako borii jedhe wanna du'a baadhatu Kan isaaf ta'u beeka Tokko tokkon xiinxxalee Waanuma arge hin nyaatu yoo harkaan qabe malee. Jabaadhu goomattuko Mariyadhu waa'ee gaddu Qilleensa aboota jirta Ana waan gootu hin qabdu!!😅
إظهار الكل...
#Namni_kamiyyuu_jireenyakeef akka siif murteessu hin eegiin.🙏 #Jireenya sirriin ati jiraachuu dandeessu isa ofiikeef murteessitedha. Sirrii fi badaan isaa immoo harka kee keessa jira. Namaan hirkoo hin godhatiin. Namni akka shambaqqooti. Guyyaa tokko laafee si jalatti cabee si kuffisa. Namni jabaadhu, ishoo siin jechuuf si jajjabeessuu danda'a malee bakka kee bu'ee siif jabaachuu hin danda'u. Bakka kee bu'ee miira keessakee siif ta'uu hin danda'u. Dhukkubbiin kanuma keedha. Namni siif boo'uu danda'a malee bakka kee bu'ee siif hin du'u. Jireenyikee akka konkolaataati. Konkolaataa namni lama hin oofu. Jireenyikees akkasi. #Namni lama siif hin jiraatu. Sumaaf suma qofa. Namni hanga bool'aatti si waliin deema malee si waliin bool'a hin lixu. Maarree nama isa kamiif furtuu jireenyaa laattee ofii balbala taatee jiraattaree? Abbalusheekoo waan jettu dhiisi. Nama hundaa gammachiisuu hin dandeessu. Namni gammachuu waan hin quufneef. Dursa ofiikeef of gammachiisi. Jireenya barbaadduuf dursa kenni.
إظهار الكل...
Dabaaliimee.            Dabaaliimee Abbaa ko abbaa kan koo Faacha gorroorra keessee Yaaddoo garaa na keessee Jaarsaa sarbaa  liillanaa Tookko hin oolu miilanaa Yookan   harrii     filachuu Yookaan aarii baafachuu Goota koo baddaa horroo Abbishee   ilma  garbaa Jabaa lagaa  mormorii Eenyut ittiin mormatee Abbishee ilma garbaa Yaa isa goraadee biiluu Situ hallayyaatti naqee Roorroo qe'eetti duuluu Gooticha baddaa horroo Yaa isa daalee soorrate Kokkeetti qabu roorro Si nyaate malee boolloon Si nyaate malee boolloon.
إظهار الكل...
#Kota_kolfa #Kutaa_2ffaa #Lafa_Ati_Lixxe_Lixee... Namoota lamatu ollaa jiraatu turan. Lachuun isaanii machaa'uudhaan beekamu. Baay'ee wal jaallatu. Inni tokko dureessa, inni kaan immoo hiyyeessadha. Guyyaa tokko inni hiyyeessi sun isa dureessaan akkana jedhe, "Maaliif mana araqeen itti qophaa'u hin banannu? Yoos ofii keenyas dhugaa achumaanis daldallee bu'aa irraa argannaa! Ati maallaqa natti kenni. Animmoo mana araqeen itti qophaa'u ijaareen, nama hojjetu itti qacaree hojicha eegallaa!" Namichi inni dureessis itti waliif galuudhaan horii guddaa itti kenne. Hiyyeessichi garuu hojii yaadame utuu hin hojjetiin maallaqichatti garmalee fayyadamee fixe. Isa booda dureessichi guyyaa guyyaatti horii sana gaafatee isa rakkise. Jireenya itti hadheesse. Homaa fala dhabnaan murtoo ulfaataa tokko murteesse. Of ajjeesuu! Isa booda mana borootti deemee of fannise. Dureessichi akkuma amala isaa maallaqa isaa gaafachuuf yoo dhufu hiriyyaan isaa sun of fannisee arge. Baay'ee gadde. Gaddi isaa garuu lubbuu hiriyyaa isaaf hin turre. Maallaqa isaaf malee. Achumaan, "Maallaqa hamma sana narraa fuutee utuu naaf hin deebisiin of ajjeestaa? Gowwaa kee barbaaddadhu! Lafa ati lixxe lixeen sirraa fudhadha!" jedhee erga dhaadatee booda uffata isaa baafatee hiriyyaa isaa sana biratti of fannise. Maaliif of fannise? Lafa hiriyyaan isaa lixe sana lixee maallaqa isaa irraa fudhachuuf! Ni milkaa'aa laata? * * * Ittin fufaa... yaadaa kessaan naaf qoda mee.... 💔💍 🌐 Galatoomaa 🙏🙏🙏 share godha   ♡    ㅤ   ⌲      ✉️    ˡᶦᵏᵉ  ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
إظهار الكل...
👍 1
#Kota_kolfa #Kutaa 1ffaa #Mootummaan_Ni_Rafa! Barattuu kutaa shanaffaati. Barumsa Lammummaa fi Amala Gaarii guyyaa dareetti barattetu isheef hin galle. Kanaaf abbaan ishee akka isheef ibsu barbaaddee isa gaafatte. "Abbaa! Har'a barnoota Lammuummaa fi Amala Gaarii keessatti wanti ani baradhe haalaan naaf hin galle! Utuu naaf ibsitee?" jette. "Waa'ee maaliiti?" jedhee gaafannaan, "Jechoota akka qaama ol aanaa, qaama gad aanaa, mootummaa, uummata, dhaloota haaraa fi kkf" jette. Abbaan ishee hamma isaaf danda'ame erga ibseefii booda fakkeenya kenneef. "Amma fakkeenyaaf, haala qabatamaa mana keenya keessa jiruun siif haa ibsu. Mana keenya keessatti ani abbaan kee qaama ol aanaadha, harmeen kee mootummaadha, obboleessi kee (mucaa waggaa tokkoo fi walakkaati) dhaloota haaraadha, hojjettuun keenya immoo qaama gad aanaadha. Amma siif galee?" jennaan, "Eyyee, sirriitti naaf galee jira" jette. Sa'atiin hirribaa geenyaan hundi isaanii rafan. Halkan walakkaa kaatee mana fincaanii deemuuf yoo kaatu, waan amanuu hin dandeenye tokko argite. Abbaan ishee hojjettuu mana isaanii gudeeduuf wallaansoo qaba ture. Ni rifatte. Harmee ishee yoo ilaaltu raftee jirti. Obboleessi ishee—daa'imni xiqqaan sun—boo'aa jira.Suuta jettee kutaa isheetti deebi'uun waan ta'aa jiru sana yaadannoo ishee irratti barreeffatte. Yaadannoon isheen barreeffattes akkana jedha: "Qaaamni ol aanaan qama gad aanaa yommuu cunqursu (rakkisu) mootummaan ni rafa; uummanni dhaabatee ilaala; dhaloonni haaraan immoo boo'aa jira!.. * * * 💔💍 🌐 Galatoomaa 🙏🙏🙏 share godha   ♡    ㅤ   ⌲      ✉️    ˡᶦᵏᵉ  ˢʰᵃʳᵉ   ᶜᵒᵐᵐᵉⁿᵗ
إظهار الكل...
aalala jalqabaa 🌹🌹🌹🌹 Jaalala jalqabaa Qulqulluu taliila Mi'ooftuu akka dammaa Tan hin qabne jiila Fakkiin isii adda Maalitti haa fakkeessu Ijoollummaa jedhuu Lafarra daaddisuu Eeyyeen ijoollummaa Amma naaf fakkaatte Cubbuu takkan qabdu Garaatti baadhattee Isii kennaa rabbii Tan badhaasa uumaa Maaf balleessitu nurraa Irraa fixxee dhama Goggogsitee garaa Addeessitee qaama Nuuf haa deebitu jennee Jaalalti jalqabaa Haa gaafannuu maaloo Numaaf bu'aa qabaa Silaa namni hundi Abdii gaarii qabaa Hamilee horatee Hojiidhaaf ta'aabaa Yaa ilma namaa kadhadhu Jaalala qulqulluu Tan idduma hundaa Mul'attu akka tulluu Gaafa isiin jirtu Namni wal iyyaafata Garaan soba barre Dhugaadha dubbata Kanaafuu yaa nama Al tokko dhaabbataa Ilaalladhu ofirraa San booda jaalattaa
إظهار الكل...
Anis nan boqodha! Akkam jirta jedhee Nagaa sigaafachuuf Anoo akkan qabuu Hojiin koo siyaaduu Si arguuf araaduu qofa akka ta'e hunduu quba qabu Ati garuu beektaa Rakkoo kee isa kalee Hubatteettaa laata Sijaallee maraachuuf Qarqara gahuukoo Mee maaloo maal jettaa Guyyuma jalqabaa Gaafan si arge san Keessi koo dhibamee Midhaan bishaan miti Haasaa namaattiyyuu Qaatan nagaa dhaame Yeroon karaa deemu Namnin ani argu Hunduu si fakkaata Yeroon gara manaa galus Girgiddaa mana koo Bifuma kee baata Yoon achi ilaalu Yoon asis ilaalu Suuruma keen arkaa Yoon hirriba rafus Na dursitee kortee Hirriba na dhorkaa Boqonnaa dhoowwitee Lapheekoo rarraastee Maal argattaa egaa Maali yoo garaa laaffatte Miidhamuun koo kunii Maal bu'aa sii qabaa Maalii yoo na dhiifte Sinjaaladhuu anii Sin barbaadu jettee Yoo garaa na kutte Maaf natti taphatta Maaf na maraachita Kun cubbuu guddaadhaa Dawaa dhukkuba koof Falasaa barbaadi Anis nan boqodhaa! ~~
إظهار الكل...
Photo unavailableShow in Telegram
#Yaada keet-na marmaarsa Hidda sammuu koo lixee Amman si jaal'u beekta Onnee keetu naan bitee Mana keessan duuba irraan Daraare baalli asheetaa Akka dubbachuuf yoon dhiisu Tarii sin yaadu seetaa? #Callisuu koo keessayyuu Yoon hidhamu dubbiidhaa Jaalala ta'uu beeki Maraan keessi jirbiidhaa #Bashananaaf na geessi Araddaa Tufaa Munaa Kan araada naaf ta’e Hin barre simoo bunaa? #Karaan siif gubbaa deemu Tabbas ta’u doloolloo Jaalala koo hin daangessu Qal'aa kiyya solooloo🥴 #Good_night❤️
إظهار الكل...
Ha'a ijaaru abbaan ijaaree ani hin digu #dagalee_koo*2 Ha'a inaafuu abbaan inaaffe ani hin #dhiisuu_jaalallee koo ❤️
إظهار الكل...
#Damma koo siin jedhuu? Damma koo isa daamuu Natti himi lubbuu koo Maal jedhee si waamu? Bareedduu koo jedhuuree? Hunda caaltuu namaa Mucaa safuun guddatte Giiftii morma lamaa Boontuu koo siin jedhuu? Intala warra mootii Moo giiftii koo siin jedhu? Haadha ijoollee kootii😁 Simboo koo siin jedhuu? Beektuu safuuf seeraa Intala abbaa Gadaa Haadha siinqee dheeraa🥰 Halkan guyyaa jooree Buusee baasee yaadee Jecha siin madaalu Nan dhabe barbaadee Guddoo bor guddattu Qaxalee koo kichuu koo Eenyu jedhee si waamu? Natti himikaa michuu koo🙏
إظهار الكل...
👍 1
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.