cookie

نحن نستخدم ملفات تعريف الارتباط لتحسين تجربة التصفح الخاصة بك. بالنقر على "قبول الكل"، أنت توافق على استخدام ملفات تعريف الارتباط.

avatar

JECHOOTA KAKA'UUMSAA FI SAAYIKOLOJII

Hangaafa warra Gaanfa Afrikaa

إظهار المزيد
مشاركات الإعلانات
239
المشتركون
لا توجد بيانات24 ساعات
لا توجد بيانات7 أيام
+530 أيام

جاري تحميل البيانات...

معدل نمو المشترك

جاري تحميل البيانات...

HIREEN KEE HARKA KEE JIRA. Tarii jireenya kee keessatti bakki ati amma jirtu filannoo keetiin malee akka tasaa qaama birootiin waan murtaa'e akka hin taane beektaa?  Ilmi namaa guyyuma uumamu bilisa ta'ee uumame,gaafa du'us bilisa ta'ee du'a.Garuu, waan nama gaddisiisu bilisa ta'ee hin jiraatu. Dhiibbaa qaamota adda addaa jalatti kufee hiree ofii fedha isaatiin dabarsee kenna. Hireen kee filannoo fi murtee kee keessa jira.Filannoon ati beektees ta'ee osoo hin beekin guyyaa guyyaan filattuu fi murteessitu hiree keetiif ga'ee hangafummaa taphatu. Kanaafuu, qaamota adda addaatii hiree kee dabarsitee hin kennin.Waan ta'uu feetu seeraan filadhu...sana booda murtee jabaa kenni. Sana booda jireenya kee irratti bu'aa raajii argita. Waan har'a taatee jirtuuf eenyullee hin komatin. Kun sadarkaa dhuunfatti qofa osoo hin taane akka biyyaattis ni hojjata.Hireen biyya takkaa bu'aa  filannoo fi murtee lammiilee hundaati(tarii hammi isaa wal caaluu mala). Urjii taanee mul'achuuf uumamne.
إظهار الكل...
👍 1
Repost from Geggeessummaa
DUREESSICHA Duuressichi addunyaa Bilget "qabeenyaan kan na caalu gurraacha tokko qofaadha" jedhe. yeroo tokko Sooressi sirra caalu enyuu? jiraa? jedhamee gaafatame. innis "Eeyyee namni na caalu jira, kan na caalu nama tokko qofaadha. Waggaa hedduu dura gara nework deemuun qaba ture. Gara nework deemuuf buufata xiyyaaraa ituun jiruu harka mucaa gaazexaa naannessuu harkatti gaazexaa gara garaan arge. Gaazexaa tokko argee jaalladhee bitachuuf jennaan qarshii jijjiramaa of harkaa dhabeen dhiise. Akka tasaa mucaan gaazexaa gurguru tokko fidee naaf kenne , hin fudhadhu qarshii jijjiramaa hin qabun ittin jedhe. Innis rakkoo hin qabu toluma fudhadhu nan jedhee tola naaf kenne. Ji'a 3 booda buufata xiyyaaraa sanarra yeroon darbu ammas mucaa gurraachicha gaazexaa gurguruuf naannessuu sanan arge. Ammas gaazexaa tola naaf kenne. "Lakki an tola hin fudhadhun ittin jedhen " innis rakko hin qabu bu'aakoorraan hir'isa naan jedhee tola naaf kenne. Waggaa muraasa booda ergan abbaa qabeenyaa ta'een booda mucaa sana barbaadeen wal arguuf murtesse. Barbaacha ji'a tokkoof walakkaa boodan argadhe. Na barteattaa? jedheen gaafadheen. Eeyyeen si beeka ati sooressicha beekamaa bilget? Mitii naan jedhe. Waggaa 2 dura gaazexaa lama tola naaf laattee turte olmaa kee sana siif deebisuu barbaadeeti waan feete kamiyyu siin kennaati na gaafadhu ittin jedhe. Namni gurraachi sunis maaliinuu bakka naaf buusuu hin dandeessu nan jedhe. Anis maaliif ? jedheen gaafadhe. An kanan siif kenne iyyeessa yeroon turetti hiyyummaakoo irraati. Ati garuu kan naaf laachuuf dhufte yeroo abbaa qabeenyaa taatettidha, isaan kana lamaan akkamitti bakka buuftee naaf laachuu dandeessaree? Nan jedhe. Kanaafuu namichi gurraachi sun dhugaadhumatti sooressa anarra caaludha" jedhe #Bilget Kennuudhaaf dureessa ta'u yookiin hamma duuromtutti eeguun barbaachisaa miti. Kennuun dhimma onneeti malee dhimma humnaa miti ykn duuressummaa miti #Add👇👇👇👇👇👇 @Geggeessummaa1
إظهار الكل...
👍 1
Repost from Geggeessummaa
Photo unavailableShow in Telegram
Photo unavailableShow in Telegram
Safe your self and others
إظهار الكل...
Chaanelii oshoo official irratti kan gadhiifamu torbanitti yeroo meeqa yoo ta'e jaallattu?Anonymous voting
  • ❶.Torbanitti yeroo tokko
  • ❷.Torbanitti yeroo lama
  • ❸.Torbanitti yeroo sadii
  • ❹.Chaanelichumti iyyuu natti hin tolu
  • ❺.Chaanelichumti nurraa haa cufamu
  • ❻.Yaada biroo comment irratti👇
0 votes
#Xiyyeeffachuu/Focus ~ Yeroo hunda jireenya keessatti guyya guyyaan filannoo adda addaatu nuuf dhihaata. Dhiibbaa keessaafi alaa baay'eeniis nu mudachuu danda'a. #Carraaqqiin imala jireenya keenyaa kan galma ga'uunii danda'u ykn kan kufuunii danda'u, dhiibbaa keessa keenyaa uumamuun tahuun isaa beekkamaadha. ~ Gocha yaadame sana hunda tarkaanfachiisuuf ejjannoo fudhachuu keenya duraas, bu'aa isaa ilaaluu hin qabnu. Bu'aa argachuu qofaaf bololuun carraaqqii keenya bilaash taasisuudha. Imala jireenyaa keessatti kufaatii guddaan kan nu mudachaa ooluuf sababa bu'aa qofa irratti xiyyeeffannuufi. Maaliif seete, Jireenya keessatti jijjiirama irratti xiyyeeffachuu dhiifnee bu'aarratti yoo xiyyeeffanne, jijjiiramni nuti argachuu dandeenyu hin jiru. Garuu yoo bu'aa dhiifnee jijjiirama irratti xiyyeeffanne immoo yeroo gabaabaa keessatti bu'aa argachuu barbaanne san argachuu dandeenya waan taheef, jijjiirama irratti xiyyeeffachuun(focus) godhuun baay'ee gaariidha jedhu beektoonni!!
إظهار الكل...
👍 2
Repost from N/a
Photo unavailableShow in Telegram
Saree lakkoofsa meeqa irra jirtutu aannan dursee argata? 𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥 ⦿ Lakk - 1 ⦿ Lakk - 2 ⦿ Lakk - 3 ⦿ Lakk - 4
إظهار الكل...
⦿ Lakk 1
⦿ Lakk 2
⦿ Lakk 3
⦿ Lakk 4
Repost from MOO'AMEE HINGALU
Kitaaba "How Successful People Think" jedhu kan John C. Maxwell barreesse irraa barnoota 7 yaada fi akkaataa yaada milkaa'inaaf gumaachan qorata. 1. Yaada Suuraa Guddaa (Big Picture) horachuu: • Gorsa Qabatamaa: Yeroo hunda galma yeroo dheeraa fi mul’ata waliigalaa irratti xiinxaluuf yeroo ramadi. Gabatee mul’ataa ykn joornaalii fayyadamuun hawwii kee kaartaan kaa’uu fi adeemsa kee galmaan ga’uuf gootu hordofi. 2. Yaada Xiyyeeffannoo (Focused Thinking) Qabaadhu: • Gorsa Qabatamaa: Hojiiwwan kee baay’ee barbaachisoo ta’an irratti hojii gadi fagoo fi addaan hin cinne hojjechuuf guyyaa guyyaan yeroo murtaa’e ramadi. Xiyyeeffannoo fi oomishtummaa kee guddisuuf tooftaalee akka Tooftaa Pomodoro fayyadami. 3. Yaada Kalaqaa ( wa daduu) creative thinking Qabaadhu: • Gorsa Qabatamaa: Muuxannoo fi ilaalcha haaraadhaaf of saaxiluudhaan kalaqa jajjabeessi. Workshopii irratti hirmaachuu, gosoota adda addaa dubbisuu, ykn namoota biroo wajjin sammuu irratti wal-dhabdee yaada kalaqaa kakaasuu. 4. Yaada Dhugaa Shaakali: • Gorsa Qabatamaa: Abdii gaarii madaallii qabatamaa qormaataa wajjin madaal. Pirojektii haaraa jalqabuu dura, gufuulee fi carraa mudachuu danda’aniif qophaa’uuf xiinxala SWOT (Cimina, Dadhabbii, Carraa, Sodaa) gaggeessi. 5. Yaada Tarsiimoo Fayyadami: • Gorsa Qabatamaa: Kaayyoo yeroo dheeraa kee tarkaanfiiwwan gochaan hojjetamuu danda’anitti caccabsi, yeroo itti galma ga’u uumi. Kaayyoo kee wajjiin akka walsimuu fi jijjiirama wajjin walsimsiisuuf tooftaa kee yeroo hunda gamaaggamii fi sirreessi. 6. Itti Fufiinsaan ifi Fooyyessi: • Gorsa Qabatamaa: Dhuma torban tokkoon tokkoon milkaa’inaafi kufaatii kee irratti xiinxaluuf yeroo ramadi. Maaltu akka gaariitti hojjete, maaltu hin hojjenne, akkamitti gara fuulduraatti tarkaanfachuudhaan fooyyessuu akka dandeessu of gaafadhu. Hubannoo kee galmeessisuuf barruu calaqqisiisaa qabadhu. 7. Namoota Biroo Waliin Tumsa Uumadhu: • Gorsa Qabatamaa: Namoota dandeettii kee dabalataniifi ilaalcha adda addaa dhiyeessaniin of marsi. Garee mastermind kan yaada waliif qooddan, gorsa barbaaduu fi galma keessaniif itti gaafatamuu dandeessan itti makamaa ykn ijaaraa. Barumsi qabatamaa:  "Namoonni Milkaa'oon Akkamitti Yaadu" irraa argaman kunniin, akkaataa yaada adda addaa, suuraa guddaa irraa kaasee hanga yaada calaqqisiisutti fudhachuu fi jireenya guyyaa guyyaa fi galma kee irratti hojiirra oolchuun barbaachisaa ta'uu isaa cimsanii ibsu. Amalawwan kana horachuudhaan murtoo gochuu, kalaqa kee fi milkaaʼina waliigalaa kee guddisuu .Via. Dhugaa Media
إظهار الكل...
Repost from Mi'aa Jaalalaa
Photo unavailableShow in Telegram
Erga sanaa Ani... Nagaan dhaame waloomatti, lagaafi gandi wal goomatti. Wal qusadhee, banuu'n jiilu, qaawwa balaa, badii booddee, boo'uun... iyyuun, naaf amala! Erga sanaa... Ofan dhiiba cinaachaani, obbolummaan ilaalchaani. kan mannaagu, xiqqoo ciisnaan, cinaachisaa, daban raaga, bakka'n jirren, jiraachisa! Doofaan gurrisaa arraba, afaan fuggisoo lallaba. Hayyuun kiyyas, hin soroorsu oduu doofaa, jibbamuurra, birkii baasee, waliin oofa! Erga sanaa... Billaa qaraan wal eeggachaa, jal'aaf karra banee galchaa, Wal soqolee, majaa ripheef, yoon akeeku, sitti duuluun, bu'aa dhufe, yaadee'n beeku! Eeyyee... Wal laalessuu, utuu'n dhiisin, waariif guyyaa, waggaakeetti, dungoo ibseen, waliin iyya, nan taajjabin, argii dhiisi, qaalii kiyya! Aga Guda NL ✍️🙏 @Jaalaladhugaa
إظهار الكل...
#SAMMUUN HOO? Yeroo tokko leenci beela'ee jeedala yaamee, yaa jeedala; 'hardha nan beela'e waan nyaadhu naa fidi yoo dhabde immoo sin nyaadha' ittiin jedhe.Jeedallis waan inni nyaatu barbaaduufii eegalte, utuma barbaadduu Harree argite,"Harree; hardha leenci mootii si godhuu waan barbaaduuf obbo leencaatu si barbaada" jetteen. Harreenis tole jettee waliin deemte. Leencis harricha gurra irra kutee gadi dhiise, 'Harreenis maal gurra koo narraa kuchisiifteem' jetteen jeedalaan. 'Jeedallis bar wal siif qixxeesufiim' jetteen. Yeroo lammaffaas sossobdee geessite, leenciis eegee irraa muree gadi dhiise harricha. Harreen ammas jeedalaan; maaf na sobde, leenci eegee koo narraa kuteem jetteen. Jeedallis hihii; "amma mootii sirraa tolchuuf kanas si godheem" jetteen. Amma sadaffaa irratti leenci harricha ajjeesee jeedalaan gogaa irraa baasii Onnee, Sammuu fi Tiruu naa fidi jedheen. Jeedallis Onnee fi Tiruu baastee itti fidde. Sammuun hoo? jedheen leenci. Sammuu hin qabdu, osoo sammuu qabaattee hanga gurraafi eegeen irraa muramtu callistee sitti deddebitii jetteen jeedalli. Leencis, "eeyyee dhugaa jette" jedheen!
إظهار الكل...
اختر خطة مختلفة

تسمح خطتك الحالية بتحليلات لما لا يزيد عن 5 قنوات. للحصول على المزيد، يُرجى اختيار خطة مختلفة.