cookie

We use cookies to improve your browsing experience. By clicking «Accept all», you agree to the use of cookies.

avatar

Dhimma seeraa(የህግ ጉዳይ)

Dhimma seeraa(የህግ ጉዳይ) is a leading e-legal service platform, which was created to provide diversified legal services To access our Bot👇 @https://t.me/Halfpage https://www.facebook.com/profile.php?id=100067001111956

Show more
Ethiopia32 135The language is not specifiedCareer31 207
Advertising posts
241
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days

Data loading in progress...

Subscriber growth rate

Data loading in progress...

Repost from Firew Law Office
Photo unavailableShow in Telegram
" Qabxii seensaa qormaata (GAT) ykn namoota digrii 2ffaa barataniif ifoomeera." Barnoota diigrii 2ffaa barachuuf qormaata seensaa baratoonni fudhatan qabxiin seensaa murtaa'eera Haaluma kanaan Gaafii dhiyaate keessaa 62 ykn (50%) namoonni argatan ykn parsantaayilii 80% ol namoonni fidan barumsa isaanii digrii 2ffaa galmaa'anii barachuu akka danada'an ministeerri barnootaa ifoomseera. Odeeffannoo fi hubannoo seeraa dabalataaf liinkii armaan gadii tuquun fayyadamaa. https://t.me/firewlawoffice
Show all...
👍 2
Repost from Elias K. Law Room
ሰ/መ/ቁጥር 237495 ሀምሌ 10 ቀን 2015 ዓ/ም አመልካች፡- አቶ ሀብታሙ እምዬ  ተጠሪ፡- ወ/ሮ ኤደን አዲሱ ከጋብቻ ውጪ እንደ ባልና ሚስት ያለው ግንኙነት ከ 3 ዓመት በላይ ከዘለቀ በንብረት ረገድ ያለው ውጤት ከጋብቻ የሚለይ ካለመሆኑም በሊይ ግንኙነቱ ሲቋረጥ እንደ ባልና ሚስት የኖሩ ሰዎች የጋራ ንብረትን ማጣራት የሚደረገው የጋብቻ ንብረትን ለማጣራት በተደነገጉት የቤተሰብ ህጉ ድንጋጌዎች መሰረት ነው፡፡ የጋራ ንብረት የተሸጠው (በተያዘው ጉዳይ ታክሲ) ከጋብቻ ውጪ እንደባል እና ሚስት አብሮ የመኖር ግንኙነቱ ጸንቶ ባለበት ጊዜ እስከሆነ ድረስ በተሻሻለው የፌዴራል መንግስት የቤተሰብ ሕግ አንቀጽ 72 እና 73 ድንጋጌዎች መሰረት የሽያጩ ገንዘብ ከጋብቻ ውጪ እንደባል እና ሚስት አብሮ ለመኖር ግንኙነት ጥቅም እንደዋለ የህግ ግምት የሚወሰድበት ይሆናል፡፡ አንደኛው ወገን የሽያጩ ገንዘብ አብሮ ለመኖር ጥቅም አልዋለም የሚለ ከሆነ ይህንኑ የማስረዳት ሸክም አለበት፡፡credit to Abrham Yohanes.
Show all...
Hiikoo Jildiidhaan hin maxxanfamne gara Afaan Oromootti hiikame.pdf
Show all...
Hiikoo_Jildiidhaan_hin_maxxanfamne_gara_Afaan_Oromootti_hiikame.pdf13.30 MB
👍 1
Repost from Elias K. Law Room
ሰ/መ/ቁጥር 231732 ሀምሌ 27 ቀን 2015 ዒ/ም አመልካች - በፍትሕ ሚኒስቴር -የፌዳራል ጠቅላይ ዓቃቤ ሕግ  ተጠሪ፡- ዘነበች ቸሩ በተከሳሽ ላይ የቀረበው የወንጀል ክስ የተጠቀሰው ድንጋጌ የሚያስቀጣዉ መነሻ ቅጣት ከአስራ ሁለት ዓመት ባነሰ ጽኑ እስራት ሆኖ የድንጋጌዉ ጣሪያ ደግሞ ከአስራ ሁለት ዓመት በላይ ከሆነና ተከሳሹ ጥፋተኛ ሆኖ ቢገኝ ከአስራ ሁለት ዓመት ጽኑ እስራት ያነሰ ሊቀጣ የሚችልበት አጋጣሚ ሰፊ ከሆነ ተከሳሹ በሌለበት ክርክሩ ሊሰማ አይገባም። በዚህ መዝገብ የወንጀል ሕግ አንቀጽ 27/1 እና 540 ስር የተደነገገዉን በመተላለ ተራ የሆነ የሰው ግድያ ወንጀል ሙከራ ፈጽማለች በሚል ሲሆን ይህ ድንጋጌ የሚያስቀጣዉ ከአምስት ዓመት እስከ ሃያ ዓመት በሚደርስ ጽኑ እስራት ነው።
Show all...
231732.pdf1.40 MB
Qorannoo_Adeemsa_Kenninsa_murtii_keessatti_eegumsaa_fi_Kunuunsa.pdf2.22 MB
baane,3.Waliigaltoota keessaa gareen tokko dirqama gale raawwachuu kan hin dandeenye ta'uu fi sababa kanaan bu'uurri waliigaltee yoo tuqame,fi 4.Waliigaltoota keessaa gareen tokko dirqama waliigaltee kan hin raawwanne ta'uu karaa ifa ta'een yoo ibseedha.Seerri ulaagaalee dursaa kanniin akka ulaagaatti kan kaa'eef,yoo danda'ame waliigalteen akkaataa seeraatiin taasifame akka raawwatamu eegumsa gochuufi;waliigaltee garee falmitootaa keessaa isa tokkoon haquun immoo haala addaatiin fala filannoo haalota murtaa'aniin qofa irratti raawwatiinsa akka qabaatu gochuufidha.Waliigaltee tokko garee tokkoon haqamuuf ulaagaawwan kaa'aman keessaa yoo xiqqaate ulaagaan tokko guutamuun dirqama" jechuun hiikoo kennee ture.(Murtii haaraa bara 2015 keessa kan murtaa'eedh 2️⃣1️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 230508 ta'e irratti dhaddacha Hagayya 30 bara 2014 ooleen "Abbaan Alangaa himannaa seera yakkaa keewwata 543(3) caqasuun dhiyeesse bakka karaa lafoo deemtotaatti lafoo deemaa daandii qaxxaamuuf dursa kennuu dhabuun miidhaa ajjeechaa lubbuu raawwate kan jedhu utuu hin taane duuchumatti daandii karaa deemaan qaxxaamuru dursa dhoorgate kan jedhu waan ta'eef,iddoon karaa deemtotaa hanga hin jirretti ulaagaa seera Yakkaa keewwata 543(3) kan guutu waan hin taaneef,keewwanni rogummaa qabu seera yakkaa keewwata 543(2) dha jechuun keewwata kana jalatti adabbii murteessee ture(hiikoo seeraa haarawa Jildiidhaan kan hin maxxanfamne). 2️⃣2️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 175578 ta'e irratti " hayyama konkolaachisummaa yookiin ogummaa konkolaachistummaa waan hin qabneef Seera yakkaa keewwata 543(3) jalatti itti gaafatamuu hin qabu Seera yakkaa keewwata 543(1) jalatti itti gaafatamuu qaba jedhamee falmiin ka'u fudhatama akka hin qabne" hiikoo kennee ture. 2️⃣3️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 233903 ta'e irratti "dhimma yakkaa irratti teessoon jireenya himatamtootaa iddoo biroo ta'uun isaa fi haala hojii isaatiin iddoo adda addaa socha'uun isaa qofti mirga wabii isaanii hin dhorkisiisu,Heera Mootummaa keewwata 32 jalatti namni kamuu mirga socho'uu qabu waliin ilaalamuu qaba,kanaaf,iyyattoonni(shakkamtoonni) jiraattota iddoo biraa ta'uun isaanii qofti mirga wabiitiin bahuu akkaataa Heera mootummaa keewwata 19(6) tiin mirkanaa'e akka mulqamu gochuun, fi akkaataa heera Mootummaa keewwata 25 tiin namni kamiyyuu seera fulduratti walqixa ta'uu fi eegumsa argachuu kan sarbu waan ta'eef,mirga wabii isaanii dhoorguun fudhatama kan qabu waan hin taaneef,shakkamtoonni dhimma biraatiin kan hin barbaadamne ta'uun mirkanaa'ee tokkoon tokkoon isaanii wabii qarshii 20,000 dhiyeeffatanii too'annaa jalaa Akka gadi lakkifaman jechuun mirga wabii eeguun" murtii kennee ture(Jildiidhaan hin maxxanfamne). 2️⃣4️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 230167 ta'e dhaddacha baatii Adoolessa 28 bara 2014 ooleen "iyyata qaama bilisa baasuuf dhiyaatu(Habeas Corpus)" ilaalchisee sadarkaa Federaalaatti dhimmicha ofitti fuudhee ilaaluuf aangoo kan qabu Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaati" jechuun hiikoo seeraa kennee. Dhimma kana Labsii Gurmaa'inaa fi Aangoo MM Oromiyaa Lakk.216/2011 keewwata 31(2) fi Labsii Manneen Murtii Federaalaa Lakk.1234/2013 fi sdfhh keewwata 177 waliin ilaaluu dandeessu. 2️⃣5️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 211518 ta'e irratti "ragaan abbaa alangaa dhagahamee Galmeen jala murtii kennuuf qorannoof bule irratti himatamaan beellama irraa yoo bade,Galmeen cufamuu akka hin qabnee fi dhimmichi itti fufamee murtiin kennamuu akka qabu" hiikoo dirqisiisaa kenneerra.Sababni isaas:-#1ffaa,himatamaan kun mirga ragaa abbaa alangaa gaaffii qaxxaamuraa gaafachuu heera Mootummaa keewwata 20(4) jalatti tumame fayyadamee waan badeef,#2ffaa,mirga haqa argachuu miidhamaa heera Mootummaa keewwata 37 fi dirqama Mana Murtii mirga namaa kabachiisuu heera Mootummaa keewwata 13 waliin bal'ifamee ilaalamuu waan qabuufidha.
Show all...
👍 2
gaafachuu akka danda'uu fi abbootiin seeraa gochoonni kunneen raawwatamuu erga mirkaneeffatanii booda jeequmsi akka dhaabbatuu fi barbaachisaa ta'ee yoo argame beenyaan akka kanfalamu murteessuu akka danda'an tumaa waliigalaa SHH kwt 1149 irraa hubachuun ni danda'ama" jechuun hiikoo kennee ture. 8️⃣.Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaaa_Federaalaa Lakkoofsa Galmee 201235 ta'e irratti "seerummaa jeequmsi qabiyyee kiyya irratti uumame narraa haa dhaabatu jedhamee gaafatame,waliigaltee gurgurtaa qabiyyeef ka'umsa ta'e ykn waliigaltee biraa akka diigamu jedhamee seerummaa gaafatame bakka hin jirretti,waliigalteen diigamee bitaa mirgi bakka duraan turanitti haa deebi'an jedhamee murtiin kennamuu hin qabu;akkaataa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1140 fi 1149 tiin jeequmsi qabiyyee nama tokko irratti uumame kan jedhamu qabiyyee tasgabbaa'aa hayyama(fedhii) abbaa qabiyyee malee gocha humnaan qabeenya abbaa qabiyyee irratti raawwatamu kan akka hin fayyadamne daangeessuu ykn gidduu lixuu fi buqqisuu ykn fudhachuu(dispossession) akka ta'e ni hubatama.Seerummaa jeequmsi uumame haa dhaabatu jedhamee gaafatame jeequmsi jiraachuu yoo mirkanaa'e,bu'uura shh keewwata 1149(3) tiin jeequmsi akka dhaabatu ajajama" jechuun sagalee caalmaan hiikoo kennee ture. 9️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 213835 ta'e dhaddacha guyyaa 27/07/2014 ooleen "kanfaltii Cheekii raawwachuu waliin wal qabatee,Baankiin mallattoo Cheekii irra jiru ijaan ilaalee mallattoo naamunaa siistema keessa jiru waliin gosa tokko ta'uu mirkaneessee kan kanfale ta'uu yoo mirkanaa'e;kanfaltiin kan raawwatame nama kanfalamuu hin qabneef yoo ta'es yookiin mallattoo fakkeeffamee dhiyaate bu'uura godhachuun ta'uu yoo mirkanaa'es itti gaafatamummaa hin qabu.Mallattoon Cheekii irratti mallattaa'e dhuguma mallattoo naamunaa waliin tokko ta'uu fi ta'uu dhabuu dhimmicha irratti Murtii kennuuf ijoo ragaan mirkanaa'uu qabuudha.Kana mirkaneessuuf dhiyaate Cheekii mataa isaa kaffaltiin ittiin raawwatame yoo ta'u,mallattoo Cheekii irra jiru mallattoo naamunaa waliin kan wal fakkaatu ta'uu fi ta'uu dhabuu qaama bilisa ta'een ilaalamee kan mirkanaa'u malee Manni Murtii ofii ilaalee tilmaama kan fudhatu miti" jechuun hiikoo kennee ture. 🔟.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 215444 ta'e dhaddacha Onkoloolessa 2,bara 2015 ooleen "waliigaltee bittaa fi gurgurtaan MANAA qaama aangoo qabu biratti osoo hin galmaa'in karaa bakka bu'aatiin raawwatame,namni bakka buufate sun(bakka buufataan) waliigalticha yoo waakkate,waliigaltee karaa bakka bu'aan raawwatame jedhame diigamaa waan ta'eef,bu'aa seeraa hin qabaatu.Kanaaf,bakka duraan turanitti deebi'uu qabu" jechuun hiikoo kennee ture.(Murtii haaraadha). 1️⃣1️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 225080 ta'e irratti dhaddacha muddee 25 bara 2015 ooleen "namni qabeenya hin sochoone kireesse,turtii yeroo waliigaltee kiraa dhumeera qabeenyicha naaf naa deebisu jechuun mirga isaa gaafachuu kan danda'u(himannaa dhiheessee qabeenyicha gadi lakkisiifatee harkaan gahachuu kan danda'u),yeroon turtii kiraa erga xumurame irraa kaasee kan lakkaa'amu yeroo waggaa 10 keessattiidha;Manni Murtii falmii akkanaa irratti murtii kennu himannaan darbiinsa yerootiin daanga'a moo? Miti? Ijoo jedhu qabatee murteessuuf bu'uura godhachuu kan qabu sababa himannaa falmiif ka'umsa ta'e irratti ta'uu qaba" jechuun hiikoo kennee ture.(Murtii haaraa). 1️⃣2️⃣.Dhaddachi_Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.219887 ta'e irratti dhaddacha guyyaa 25/04/215 ooleen "dhiirri tokko dubartii lama fuudhee qaba yoo ta'e,gaa'elli du'aan ykn karaa biraa seera qabeessa ta'een kan diigame yoo ta'e,dubartoota lachuu keessaa takka adeemsa qabeenya horachuu keessatti shoora addaa(guddaa) taphattee xaarte ta'uu yoo mirkaneessite,qabeenya horatame keessaa walakkaa isaa qooddachuu akka dandeessu,fi dubartiin ishiin lammaffaan abbaa Manaa waliin walakkaa hafe qooddatti" jechuun hiikoo kennee ture(Jildiidhaan hin maxxanfamne hiikoo haaraa).
Show all...
♥️Yooyyaa!! Akkam Jirtu? Hiikoo Seeraa Haaraa Jildiidhaan Hin Maxxanfamne Gara AFAAN OROMOOTTI Gabaabsee Hiike Kunoo Dubbisaa: ___//___ 1️⃣.Dhaddacha Ijibbaataa Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 208865 ta'e dhaddacha guyyaa 28/6/2014 ooleen "namni qabiyyee Lafaa iddoo Mana jireenya Waldaatiif kennamu argachuuf qophaa'ee osoo jiru hojiif iddoo biraa yoo jijjiirame,iddoo Lafa Mana jireenyaa hin argatu jechuun kan hin danda'amne ta'uu" hiikoo kennee ture. 2️⃣.DHaddachi Ijjibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 232474 ta'e DHaddacha Caamsaa 29,bara 2015 ooleen "mirga abbaa qabeenyummaa gar-malee fayyadamu ilaalchisee; abbaan qabeenyaa tokko mirga isaatti yommuu fayyadamu gochoota m𝗶𝗿𝗴𝗮 i𝘁𝘁𝗶 f𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝗮 q𝗮𝗯𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 n𝗮𝗺𝗮 𝗯𝗶𝗿𝗼𝗼(ollaa isaa) miidhuu malan(n𝘂𝗶𝘀𝗮𝗻𝗰𝗲) kamiyyuu irraa of qusachuu akka qabu;amni dhuunfaa yokiin dhaabbani tokko eeyyama daldalaa baafachuun hojii hojjataa hojjiiwwan isaanii kun ollaa yokiin jiraatoota naannoo irratti faalama keemikaalaa yookiin faalama sagalee yoo fidan himannaa dhiyeeffachuun beenyaa gaafachuun akka danda'amu" hiikoo kennee ture. 3️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 184647 ta'e irratti "qabiyyee Lafa baadiyaa irratti Mana ijaarame yoo ta'eyyuu qabiyyee Lafa baadiyyaa irratti qabeenya hin sochoone horate qabeenya dhuunfaa waan ta'eef manicha gurguruun kan hin dhorkamnee fi gurgurtaanis seeraan ala kan hin jechisiifne ta'uu" Murtii kennee ture. 4️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 24ffaa Lakk.Galmee 179827 ta'een "namni tokko qabiyyee Lafa baadiyaa karaa seera qabeessa ta'een qabachuu hanga hin mirkanoofnetti darbiinsa yeroo kaasuu hin danda'u" jechuun Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyaa Naannoo Amaaraa Lakk.252/2009 waliin wal qabsiisuun murteessee ture. 5️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 217195 ta'e irratti dhaddacha Caamsaa 30,bara 2014 ooleen qabiyyee Lafaa ilaalchisee qaamni Bulchiinsaa osoo Lafa bakka bu'iinsaa hin kennin beenyaa osoo hin kanfalin,Lafa baadiyaa abbaa qabiyyee irraa fuudhee nama biraatiif yoo kenne,Manni Murtii Aanaa himannaa abbaan qabiyyee Lafti bakka bu'iinsaa fi beenyaan akka kennamuuf dhiyeessu ofitti fuudhee ilaaluuf aangoo akka qabu" hiikoo kennuun murteesseera. 6️⃣.Dhaddachi Ijjibbaataa MMWF Lakk.Galmee 220782 dhaddacha gaafa 26/03/2015 ooleen murtii kenneen "himataan himannaa dhiheeffate jiru hordofuuf ykn addaan kutuuf mirga guutuu ni qaba, himannaa isaa akka addaan hin kutne(hin kaafanne) dirqisiisuun hin dandahamu.Bu'aan himannaa addaan kutuus:-qaamni himannaa isaa gartokko ykn guutumaan guutuutti addaan kute dhimma sana irratti himannaa haaraa hundeessuu hin danda'u(mirga himannaa haaraa hundeessuu isaa ni dhaba).Dhimma gartokkeen ykn guutumaan guutuutti adda cite sana irratti himannaa haaraa hundeessuuf,himatni sun hayyama Mana Murtiitiin kan addaan cite ta'uu qaba.Kanaaf,himannaa hayyama Mana Murtii malee kan adda citu yoo ta'ee mirga himannaa haaraa dhiyeeffachuu nama ni dhabsiisa" jechuun SDFHH Kwt. 278(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee jira. 7️⃣.Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaaa_Federaalaa Lakkoofsa Galmee 219736 ta'e irratti "maalummaa gocha jeequmsaa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1149(1) jalatti tumameen ijoowwan jeequmsa jechisiisuuf taa'an malee maalummaa jeequmsaa ifatti hiikoo hin kennine.Tumaa seeraa kanarraa kan hubatamuu danda'u,gocha jeequmsaa kanneen hundeessuu danda'an lama akka ta'aniidha.Inni 1ffaa abbaan qabiyyee mirga nagaan fayyadamuu isaa irratti jeequmsi giddu seentummaan (interference) yoo uumameedha.Inni 2ffaa ammoo qabeenya abbaa qabiyyee harka ture guutummaan yookiin gartokkeen qabachuun abbaa qabiyyee qabeenyaan ala (dispossession) gochuu kan ilaallatuudha.Bu'uuruma kanaan abbaan qabiyyee qabeenya isaarratti jeequmsi uumame qabeenyi isaaf akka deebi'uuf yookiin jeequmsi ka'e irraa dhoorkamee akka dhaabbatuu fi gocha jeequmsaan miidhaa gaheef beenyaan akka kafalamuuf darbiinsa yeroo seeraan kaa'ame keessatti
Show all...
Repost from Elias K. Law Room
Ajaja MMWODH Ijibbaataa galmee Lakk. 404962 ta’e irratti Dhaddacha gaafa 20/3/2015 ooleen dhimma falmii sivilii jiraattoota naannoo Oromiyaa fi jiraattoota magaala Finfinnee qabiyyee naannoo Ooromiyaa keessatti argamuun walqabate hiikaa heeraa waan barbaaduuf gara mana Maree Fedeereeshinii tiif erge jira. Ajajnii kenname kunoo: Waa’ee falmiilee kanneen biroo ilaalchise dhaddachi haala armaan gadiitiin ajaja kenne jira. Ajaja: Manneen Murtii Oromiyaa sadarkaan jiran hanga dhimmi kun furmaata argatuutti dhimmoota jiraattoota naannoo lama ykn jiraattoota magaala Finfinneefi naannoo Oromiyaa jidduutti falmiirra jiran falmiin dhimmoota sivilii kanneen aangoo mootummaa Federaalaa qofa ta’uun heera biyyattiin ifatti hin teeny akka yeroof dhaabbatan haa ta’u jedheera. 👉https://t.me/eluLaw
Show all...
G.22 Dha. Ijibbaataa.pdf3.59 MB
👍 1
Repost from Firew Law Office
Mana Murtii waliigala Oromiyaa irraan. Waamicha Qormaata Afaanii fi Yaada Uummataa ----------------- (Onkoloolessa 5,2016 MMWO)-Dorgomtoota gita hojii banaa Gargaaraa Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaaf dorgomaa jirtan keessaa kunneen maqaan keessan armaan gaditti maxxanfame qormaata afaanii (interview)f waan dabartaniif gaafa 9/2/2016 ganama keessaa sa'aatii 3:00 irratti qormaata afaanii (Interview)f magaalaa Adaamaatti akka argamatan beeksisaa, dorgomtoonni yeroo ammaa waajjiraalee mootummaa gara garaa keessa hojjataa jirtan yoo jiraattan xalayaa haala naamusa keessanii ibsu waajjira hojjataa jirtan irraa qabattanii akka dhiyaattan ni hubachiifna. Hub-Bakka qormaanni afaanii ('interview')n itti kennamu guyyaa muraasa keessatti isin beeksifna ------------------ Hawaasni bal'aanis naamusa dorgomtoota maqaan isaanii armaan gaditti maxxanfame kana irratti yaada qabdan karaa toora facebook keenyaa 'inbox' akka nuuf gootan ni gaafanna.
Show all...
👍 3
Choose a Different Plan

Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.