Mi'aa Jaalalaa
jaalala❤❤❤
Show moreThe country is not specifiedThe language is not specifiedThe category is not specified
213
Subscribers
No data24 hours
No data7 days
No data30 days
- Subscribers
- Post coverage
- ER - engagement ratio
Data loading in progress...
Subscriber growth rate
Data loading in progress...
Photo unavailableShow in Telegram
Erga sanaa Ani...
Nagaan dhaame waloomatti,
lagaafi gandi wal goomatti.
Wal qusadhee, banuu'n jiilu, qaawwa balaa,
badii booddee, boo'uun... iyyuun, naaf amala!
Erga sanaa...
Ofan dhiiba cinaachaani,
obbolummaan ilaalchaani.
kan mannaagu, xiqqoo ciisnaan, cinaachisaa,
daban raaga, bakka'n jirren, jiraachisa!
Doofaan gurrisaa arraba,
afaan fuggisoo lallaba.
Hayyuun kiyyas, hin soroorsu oduu doofaa,
jibbamuurra, birkii baasee, waliin oofa!
Erga sanaa...
Billaa qaraan wal eeggachaa,
jal'aaf karra banee galchaa,
Wal soqolee, majaa ripheef, yoon akeeku,
sitti duuluun, bu'aa dhufe, yaadee'n beeku!
Eeyyee...
Wal laalessuu, utuu'n dhiisin, waariif guyyaa,
waggaakeetti, dungoo ibseen, waliin iyya,
nan taajjabin, argii dhiisi, qaalii kiyya!
Aga Guda NL ✍️🙏
@Jaalaladhugaa
👏 1
Repost from Mammaksaa Bacoo fi Taphootaa oromoo❤️
Photo unavailableShow in Telegram
Sareerraa waan hedduu barachuu dandeenya.Kanneen akka Amanamummaa, Jaalala, Eegumsa isaan godhan....garuu nuti kan filannu "Dog style😁" dha.
#Robert_Mugabe
😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂😂
Qoosaalee hedduu argachuuf chaanaala keenna join nuuf godhaa
👇👇👇👇
@mammaksaaoromoo
Repost from Qaroo Waamaraa
Photo unavailableShow in Telegram
Jaalalli garraammii gaafa si godhu; jaalatamaan gowwaa si se'a. Akka jaalataman ta'uu dhabuun of arguu dhabuudha.
🪵
♻️Join & 🔗SHARE
👇👆👇👆👇👆👇👆👇👆
https://t.me/ForAllthingsEye
Repost from Qaroo Waamaraa
Akkaaf akkakee wallaaltee
Bara ati kaayyoo awwaalte
Huursee sirraa lafa dhaha
Yoo kuftee shakkii haalte
Barri gaariis, hamaas qabdi
Maal abbaasheef kutu abdii
Tokkoon bade - tokkoon tola
Kan bor fayyutu har'a hokkola
Kan Bulee Bulee babbadutu
Har'a utaalee sirbee fokkora
Rakkinni immoo tulluu miti
Asii ni godaanti ni darbiti
Kaayyoon takkaan galman ga'u
Oolanii bulanii nama ta'u!
╔════════════╗
➡️Qaroo_Waamaraa💌
╚════════════╝
♻️Join & 🔗SHARE
👇👇👇👇👇👇
https://t.me/ForAllthingsEye
Repost from Qaroo Waamaraa
Photo unavailableShow in Telegram
Deemteeree...? Na gattee...
Mana jala deebitee
Karaa galaana gubbaa
Dhuguma na jibbitee
Garaa maaltu si jibbaa
Si argachuuf jedhee
Utuun kufee cabuu
Sin argadhaaf ba'ee
Utuun qarreerra labuu
Utuun waa'ee kee
Tartiiban tarreessuu
Osoon seenaa kee
Dhiiga koon barreessuu
Utuun barbaacha keef
Gufadhee caccabuu
Utuun hafuura keef
Sardamee gaggabuu
Utuun marartee keef
Harganee holladhuu
Sin argaaf karoorsee
Utuun garaa bal'adhuu
Osoo gaarummaa kee
Namootaaf lallabuu
Utuu ani siif fiigee
Argaa keef dadhabuu
Ati deemuu keetiiree?
Garaan keen gaabbuu
Naan jijjiirtee meetii
Ani meetii hin qabuu?
╔════════════╗
➡️Qaroo_Waamaraa💌
╚════════════╝
♻️Join & 🔗SHARE
👇👇👇👇👇👇
https://t.me/ForAllthingsEye
"Namtichaatu jaalalleewwan sadii qaba ture. Ishee 3n waliinuu utaala ture....sababa dhiibbaa maatii fi gorsi hiriyoota isa itti baay'annaan innis 3n keecha takka filate takkatti cite fuudhuf murteeche.
Filannoo Gaa'ila isaaf akka gargaaruf jecha qormaata tokko qopheeche. DOLLAR KUMA 15 Account isa irra baase sadaniif Dollar kuma shan shan qoodaf...akka waan barbaadaan ittin godhataniis itti hima!.
Isheen jalqabaa qarshichaan uffata haaraa, Human-Hair, qeensa, harma fi #udduu artificial, Koosmotiksii....amma dandeeche waan ishee bareechuu bitatte qarshii fixnan.. bareeddee isa bira deemte " Jaalallee koo argite qarshii ati naaf kenniten ittin bareedee...sababni isaas waan si jaaladhuufi💋 " jetten.
Isheen lammataas gara Suuqii deemte uffata dhiiraaf ta'aan, Shiittoo, kophee, waantotaa ammayyawaa ta'aan bitte kan kennaan ittin maramuun marte fidde dhufte " Damma koo argite akkan itti si jaaladhuu?...qarshii ati naaf kenniteen hundan kennaa ittin siif bite" jetten.
Isheen 3ffaas akkuma qarshii argiten kan hawwaaf yaada turte hojii hin tuqamnee irratti qarshiicha 'invest' goote...ji'a isaatti qarshii san dachaa sadii goote guddiste...qarshii inni kenneef san qabde dhufte " Jaalallee koo argite jaalattuun kee hagam bilchaattu akkan ta'e?
Qarshii ati naaf kennitee gara Business jijjiireen dachaa sadiin bu'aa buuse, kan kee hoodhu! hojii mataa kooti eegaluu danda'een jira, Business keenya moo guddisaa bal'isaa hojjachu dandeenya..." jettin.
Achii namtichi kan niitii taatuf filachuuf yaadu calqabee...
Yaadee...yaade...yaade...yaadeeee...
Yaadee yaadee yaadeeeeee.
Dhiirti akkuma beekamu yoo yaadan yeroo fudhatu.
Dafanii miiran hin murteechan akka dubartiitti...xiyyeeffannoo itti kennanii yaadun murtii itti kennu
Ammas yaadu itti fufe...
Yaadee yaadee yaadeeeeeeee
Yaadeeeeeee
Dhuma irratti ishee Udduu guddaa qabdu filate !"
Repost from ᥫ᭡Jireenya Jaalalaa ❤𓆩♡𓆪
Photo unavailableShow in Telegram
"Account Facebook sobaa banadheen haadha warraakoo waliin haasa'uu yoon eegalu, abbaan mana ishee baatii kudhan dura du'uu natti himte." 🙄
Isaa moo ishee balleese..?
@jireenya_jaalalaa 💔
Repost from ᥫ᭡Jireenya Jaalalaa ❤𓆩♡𓆪
Photo unavailableShow in Telegram
Televisiyoonni #Albaaniyaa gaazexeesitoonni dubartootaa guntutasaanii bakkeetti mul'isaa oduu akka dubbisaniif gaafate. Kunis ammoo daawwattootni tv irra media hawaasaa wan filataniif gara tviiti harkisuudhaaf jedhameetuudha jedhame. Maddi media hawaasaati.
🫣
@jireenya_jaalalaa 💔
Choose a Different Plan
Your current plan allows analytics for only 5 channels. To get more, please choose a different plan.